“Barruu Yookiin Birooshura Tureefi Xiyyeeffannaa Namaa Harkisu Kamiiyyuu Raabsaa”
Jiʼoota kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu itti raabsinuufi guyyuma jalqabaatti qayyabannaa jalqabsiisnutti namni dubbistan sun kitaaba kana kan qabuu garuu, qayyabachuu kan hin barbaanne yoo taʼe, ‘barruu yookiin birooshura tureefi xiyyeeffannaa namaa harkisu kamiiyyuu akka raabsinu’ jajjabeeffamneerra. Maaliif?
Birooshuroonniifi barruuleen turan yaadawwan barbaachisaa taʼan addaddaarratti xiyyeeffatu. Tarii yaada barreeffamoota sanarra jiru keessaa tokko garaa nama sanaa tuquu dandaʼa. Kanaafuu yommuu korojoo lallabaa keessan qopheeffattan birooshurootaafi barruulee addaddaa turanis dabalataan qabadhaa. Barruulee turan hin qabdan taanaan, tarii tajaajilaan barreeffamaa akka isinii kennu gaaffachuu dandeessu. Namichi kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kan qabu garuu Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii kan hin qabne yoo taʼe, barruulee ykn birooshuroota qabattan keessaa xiyyeeffannaasaa kan harkise akka fudhatu afeeraa. Sana boodas, deddeebii gaaffii gochuudhaan fedhiisaa guddisuuf qophii godhaa. Tarii yeroo booda Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabuu dandaʼa.