Barruulee Turanitti Sirriitti Fayyadamaa
Barruuleen turan yoo kaaʼaman ykn yoo gataman nama fayyaduu waan hin dandeenyeef, raabsuuf yaalii gochuu qabna. Barruun tokko, namni tokko dhugaadhaaf fedhii akka qabaatuufi maqaa Yihowaa waamuu akka jalqabu gochuu dandaʼa. (Rom. 10:13, 14) Yaadawwan armaan gadii, barruulee turanitti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe kan ibsanidha.
Naannoo tajaajilaa yeroo baayʼee itti hin tajaajilamne keessatti ennaa lallabdan, nama manatti hin arganneef barruu tokko iddoo namni kan biraan hin argine keessaniifii deemuu dandeessu.
Bakka namoonni dhaabatanii waa itti eeganitti, jechuunis bakka atoobisiin dhaabatu ykn buufata baaburaatti yeroo lallabdan, namoonni barreeffama dubbisuu kan barbaadan taʼuufi dhiisuusaanii gaafadhaa. Achiis barruulee turaniifi mata duree garaagaraa qaban itti argisiisuudhaan akka filatan godhaa.
Barruulee turan mana rifeensaa, kiliinika, baankii ykn iddoowwan naannoo tajaajilaa gumii keessan keessatti argaman akkasii keessanii deemuu dandeessu. Yeroo baayʼee garuu dura nama dhimmisaa ilaallaturraa heyyama argachuun gaariidha. Iddoowwan sana barruuleen keenya baayʼinaan yoo jiraatan itti hin dabalinaa.
Deddeebii gaaffii gochuuf ennaa qophooftan, namni deebitanii gaafachuuf yaaddan sun fedhii akkamii akka qabu dursaa yaadaa. Maatii qabaa? Nama bakka addaddaa deemuu jaallatudha? Biqiltuu kunuunsuu ni jaallataa? Barruulee turan keessaa mataduree xiyyeeffannaa nama sanaa hawwachuu dandaʼan filachuudhaan yeroo deebitanii deemtan isaaf kennuu dandeessu.
Nama fedhii qabu tokko deebitanii dhaquudhaan manasaatti yommuu isa argattan, yeroo muraasaaf deddeebitanii erga isa haasofsiistanii booda, barruulee turaniifi inni kanaan dura hin arganne itti argisiisaa.