Qarshiin Gammachuu Dhugaa Argamsiisaa?
SOONIYAAN kan dhalatte biyya Ispeenitti ture. Xinnummaasheetti harmeeshee wajjin walga’ii Dhugaa Baatota Yihowaarratti argamti turte. Haata’u malee, yommuu guddattu biyya Ingiliiz magaalaa Landan jiraachuu kan jalqabde si’a ta’u, achittis dhaabbilee invastimantii keessatti hojjechuu jalqabde.
Sooniyaan hojiishee baay’ee jaallatti turte. Qarshii baay’ee kan argattu si’a ta’u, dhaabbilee ishee hojjechiisaniifis galii guddaa argamsiisti turte. Hojii gaarii kanaan milkaa’ina argatteetti. Sooniyaan yeroo hundumaa sa’aatii 18 kan hojjettu si’a ta’u, al tokko tokko sa’aatii lama ykn sadii qofa rafti turte. Jireenyishee kan xiyyeeffate hojiirratti qofa ture. Haata’u malee utuma hin turin jireenyishee baay’ee jijjiirame. Sooniyaan dhukkuba dhiiga kantarsuun kan qabamte yommuu ta’u, kunis jireenya dhiphinaan guutame jiraachuusheetiin kan itti dhufe ta’uu danda’a. Yeroo kanatti umriinshee waggaa 30 ture.
Gartokkoon qaamashee socho’uu kan dide yommuu ta’u, doktooronnis, gara fuulduraatti dubbachuu danda’uushee shakkanii turan. Kanaan kan ka’es, harmeenshee yerumasana ishee kunuunsuuf biyya Ingilaandi dhaqxe. Sooniyaan yommuu adeemuu jalqabdu haatishee, “Ani gumii dhaquufan jedha, si dhiise deemu waanan hin dandeenyeef na faana dhaquu qabda” jetteen. Isheenis tole jettee haadhashee wajjin dhaqxe. Maarree, gumii dhaquusheetiin faayidaa maalii argatte?
Sooniyaan akkas jetteetti. “Wantan achitti dhaga’e hundi dhugaa waan ta’eef, baay’ee na dinqisiisee ture. Namoota yeroon Galma Mootummaa dhaqe nagaa na gaafatan baay’ee keessaa, afeerrii obboleettiin tokko Macaafa Qulqulluu akkan qayyabadhu naa dhiheessite, gammachuudhaanan fudhadhe. Hiriyoonnikoo durii na gaafachuu kan dhisaan ta’us, hiriyoonnikoo warri haaraan garuu, kan na jaallataniifi kan naa yaadan turan.”
Sooniyaan suutuma suuta dubbachuu kan jalqabde si’a ta’u, yeroo gabaabaa gidduuttis karaa hafuuraa guddina argisiiste. Waggaa tokko utuu hin guutinis ni cuuphamte. Hiriyoonnishee warri haaraan hedduunsaanii tajaajila yeroo guutuu keessa waan jiraniif gammachuu isaan qaban hubachuu dandeesseetti. Sooniyaan, “Anis akkumasaanii, hamman danda’e Yihowaa tajaajiluun barbaada!” jetteetti. Yeroo ammaatti tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaa jirti.
Sooniyaan jireenya dabarsiterraa maal baratte? “Qarshii hedduu argachaa kanan ture ta’us, dhiphinaafi tasgabbii dhabuu hojiin narraan geessise, akkan yaadda’uufi gammachuu akkan dhabu na godheera. Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuun, wanta kamiyyuu caalaa barbaachisaa akka ta’e hubadheera. Amma gammachuu dhugaa argadheera.”
Phaawulos Ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru.” (1 Ximotewos 6:10) Sooniyaan jechoonni kun dhugaa ta’uusaanii jireenyasheerraa argiteetti.