LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 1/1 ful. 14
  • Barumsa Dogoggoraa 5: Maariyaam Haadha Waaqayyooti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Dogoggoraa 5: Maariyaam Haadha Waaqayyooti
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maariyaam Haadha Waaqayyoo Tii?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • “Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Fakkeenya Maariyaamirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Durbee Maariyaam Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 1/1 ful. 14

Barumsa Dogoggoraa 5: Maariyaam Haadha Waaqayyooti

Barumsi dogoggoraa kun eessaa madde? “Haadha Waaqayyootiif ulfina addaa kennuun caalaatti fudhatama kan argate . . . namoonni saba Waaqayyoo hin taane dacha’anii gara waldaatti dhufuu yommuu jalqabanitti ture. . . . [Namoonni saba Waaqayyoo hin taaneefi Kiristiyaanummaatti jijjiiraman] waaqeffannaadhaaf hinaafuusaanii kan itti cimsan waggoota kumaan lakkaa’amaniif ‘haadha guddoo,’ jechuunis ‘waaqayyittii durba’ waaqeffachaa yeroo turanittidha.”—Za Niwuu Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaa (1988), Jildii 16, fuula 326fi 327.

Macaafni Qulqulluun maal jedha? “In ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi! Inni guddaa in ta’a ilma abbaas jedhamee in waamama. . . . Kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama.”—Luqaas 1:31-35.

Caqasni kun Maariyaam haadha “ilma Waaqayyoo” malee haadha Waaqayyoo akka hin taane sirriitti kan ibsudha. Waaqayyo isa ‘bantiiwwan waaqaayyuu isa fudhachuu hin dandeenye’ akkamitti garaasheetti baachuu dandeessi? (1 Mootota 8:27) Isheenis matumaa haadha Waaqaa akka taate dubbattee hin beektu. Eenyummaa Maariyaam ilaalchisee yaanni nama burjaajessu akka uumamu kan godhe barumsa Sillaaseeti. Gumiin Efesoon Dh.K.B. bara 431⁠tti godhame, Maariyaam Ti’ootookos (afaan Giriikiitiin ‘Kan Waaqayyoon deesse’), ykn “Haadha Waaqayyoo” akka taate ibsuudhaan waaqeffannaasheetiif karaa baneera. Magaalaan Efesoon isheen walga’iin waldaa itti godhame, jaarraawwan hedduudhaaf bakka waaqayyittii hormaataa Arxemiis jedhamtu itti waaqeffatamtuufi handhuura waaqeffannaa waaqolii tolfamoo turte.

Kanaaf, waaqeffannaa bifa fakkeenyaa Arxemiis isa “waaqa irraa gad bu’e” baatanii naanna’uun, Maariyaamiin waaqeffachuu wajjin akka walitti makamu godhameera. (Hojii Ergamootaa 19:35) Barsiifatawwan suuta suuta gara barumsawwan Kiristiyaanaatti dabalaman keessaa kan biraammoo, bifa fakkeenyaa Maariyaamiifi kan warra kaanii waaqeffannaadhaaf fayyadamuudha.

Caqasoota Macaafa Qulqulluu kana waliin ilaali: Maatewos 13:53-56; Maarqos 3:31-35; Luqaas 11:27, 28

DHUGAANSAA:

Maariyaam haadha Ilma Waaqayyoo malee, haadha Waaqayyoo miti. Barumsi dogoggoraa waa’ee Sillaasee ibsu, Maariyaam akka Haadha Waaqayyootti akka waaqeffatamtuuf karaa baneera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi