LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 136
  • Maariyaam Haadha Waaqayyoo Tii?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maariyaam Haadha Waaqayyoo Tii?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Fakkeenya Maariyaamirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Ani Garbittiin Gooftaa Kunoo Asan Jira”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Barumsa Dogoggoraa 5: Maariyaam Haadha Waaqayyooti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • “Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 136
Maariyaam Yesuus isa daaʼima taʼee wajjin

Maariyaam Haadha Waaqayyoo Tii?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Lakki, Kitaabni Qulqulluun Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taates taʼe Kiristiyaanonni ishii waaqeffachuu ykn qulqulluu akka taatetti ishii ilaaluu akka qaban hin barsiisu.a Mee ragaawwan armaan gadii ilaali:

  • Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taate matumaa dubbattee hin beektu. Kitaabni Qulqulluunis Waaqayyoon utuu hin taʼin “Ilma Waaqayyoo” akka deesse dubbata.—Maarqos 1:1; Luqaas 1:32.

  • Yesuus Kiristoos Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taate ykn ulfinni addaa akka ishiidhaaf malu matumaa hin barsiisne. Yeroo tokko dubartiin takka Maariyaam haadha isaa taʼuudhaan mirga guddaa waan argatteef xiyyeeffannaa addaa ishiidhaaf kennuuf yeroo yaaltetti, Yesuus “Lakki, gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedhee ishii sirreesseera.—Luqaas 11:27, 28.

  • Jechoonni “Haadha Waaqayyoo” fi “Tiiʼootookoos” (Waaqayyoon kan deesse) jedhan Kitaaba Qulqulluu keessatti hin argaman.

  • Kitaaba Qulqulluu keessatti “Mootittii Waaqaa” kan jedhamte Maariyaam utuu hin taʼin, waaqayyittii sobaa Israaʼeloonni gantoota taʼan waaqeffatani dha. (Ermiyaas 44:15-19) “Mootittii Waaqaa” kan jedhamte waaqayyittii Baabilonotaa Ishtaar (Astaartee) taʼuu hin ooltu.

  • Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan Maariyaamiin hin waaqeffanne ykn ulfina adda taʼe ishiidhaaf hin kennine. Hayyuun seenaa tokko akka dubbatanitti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa “waaqolii tolfamoo waaqeffachuu kan morman yommuu taʼu, Maariyaamiif xiyyeeffannaa addaa kennuun waaqolii tolfamoo akka dubartiitti ibsaman waaqeffatu shakkii jedhu uumuu dandaʼa jedhanii yaaddaʼanii taʼuu hin oolu.”—In Quest of the Jewish Mary.

  • Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo bara baraaf jiraachaa akka ture ibsa. (Faarfannaa 90:1, 2; Isaayaas 40:28) Waaqayyo jalqaba waan hin qabneef haadha qabaachuu hin dandaʼu. Kana malees, Maariyaam gadameessa ishii keessatti Waaqayyoon baachuu hin dandeessu; Kitaabni Qulqulluun samiiwwan illee isa baachuu akka hin dandeenye ibsa.—1 Mootota 8:27.

Maariyaam—Haadha Yesuusi Malee “Haadha Waaqayyoo” Miti

Maariyaam nama Yihudii kan turte siʼa taʼu, sanyiin ishii hidda dhalootaa Daawit Mootichaa irraa kan dhufe dha. (Luqaas 3:23-31) Maariyaam amantii kan qabduu fi Waaqayyoof kan bulte waan taateef Waaqayyo biratti baayʼee jaallatamtuu taateetti. (Luqaas 1:28) Waaqayyo haadha Yesuus akka taatuuf ishii filateera. (Luqaas 1:31, 35) Maariyaamii fi abbaan manaa ishii Yoseef ijoollee kan biroos qabu turan.—Maarqos 6:3.

Kitaabni Qulqulluun Maariyaam barattuu Yesuus taatee akka turte kan ibsu taʼus, waaʼee ishii kana caalaa odeeffannoo dabalataa hin kennu.—Hojii Ergamootaa 1:14.

Namoonni Tokko Tokko Maariyaam Haadha Waaqayyoo Akka Taate kan Amanan Maaliifi?

Maariyaamiif ulfina kennuun kan jalqabame dhuma jaarraa arfaffaatii kaasee akka taʼe ragaawwan ni argisiisu. Yeroo sanatti, Waldaan Kaatolikii Bulchiinsa Roomaa keessatti amantii mootummaa taʼee ture. Kunis namoonni Waaqayyotti hin amanne hedduun gara saba Kiristiyaanaatti akka jijjiiraman godheera. Kana malees waldaan kun barumsa Sillaasee isa deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne fudhatte.

Barumsi Sillaasee immoo namoonni waldaa kana keessa jiran hedduun Yesuus Waaqa erga taʼee, Maariyaam immoo haadha Waaqayyoo taʼuu qabdi jedhanii akka yaadan isaan taasise. Waldaan kun gumii Efesoon Dh.K.B. bara 431⁠tti godhame irratti Maariyaam “Haadha Waaqayyoo ti” jettee ifatti labsite. Maariyaamiif ulfina addaa waaqeffannaa wajjin wal gitu kennuun kan jalqabame Gumii Efesoon kana booda dha. Namoonni Waaqayyotti hin amanne gara waldichaa yeroo dhufanitti, waaqayyoolii wal hormaataa kan akka Arxeemis (Diyaanaa warra Roomaa) fi Aayisiis suutuma suuta bifa fakkii fi fakkii Maariyaamiin bakka buusan.

Poop Siikistas Sadaffaan Dh.K.B. bara 432⁠tti “Haadha Waaqayyootiif” waldaan yaadannoo akka ijaaramu ajaja dabarsan. Waldaan sun kan ijaarames mana qulqullummaa ulfina Luusiinaa ishii waaqayyittii warra Roomaa taatee fi ijoollee akka godhatan gargaarti jedhanii waaqeffatanitti dhihoo jirutti dha. Barreessituun takka waldaa kana ilaalchisee yeroo dubbattu “Waaqeffannaan warri Waaqayyoon hin waaqeffanne Haadhattii Guddittiidhaaf dhiheessan, Roomaan Kiristiyaanummaa yeroo fudhattu waaqeffannaa Maariyaamiin akka bakka buufame fakkeenya guddaa taʼa” jetteetti.—Mary—The Complete Resource.

a Dhaabbileen amantii hedduun Maariyaam haadha Waaqayyoo akka taate barsiisu. Maariyaamiin “Mootuu Samii” ykn Tiiʼootookoos Afaan Giriikiitiin “Waaqayyoon kan deesse” jedhanii ishii waamu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi