LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 1/1 ful. 24
  • ‘Yeroon Murame’ Dhihaateera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Yeroon Murame’ Dhihaateera
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kan Jiraannu “Guyyoota Gara Dhumaa” Keessadhaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mallattoon “Guyyoota” ykn “Bara Dhumaa” Maalidha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Dhumni Addunyaa Dhihaateeraa?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 1/1 ful. 24

‘Yeroon Murame’ Dhihaateera

AKKUMA Anbaaqom raajichaa, bartoonni Yesusis yeroo itti rakkinni badu beekuuf hawwanii turan. Mootummaan Waaqayyoo rakkina lafarra jiru balleessuuf maal akka godhu erga baratanii booda, “Kun yoom ta’a? Milikkinni dhufa keetii, [yeroon aboo Mootummaa keetii] kan dhuma barichaas maali?” jedhanii Yesusiin gaafatan. (Maatewos 24:3) Yesusis yeroo Mootummaan sun lafa kana guutummaatti bulchu yoom akka ta’e sirriitti kan beeku Yihowaa qofa akka ta’e isaanitti himeera. (Maatewos 24:36; Maarqos 13:32) Haata’u malee, Yesusis ta’e bartoonnisaa, wantoota yeroon jedhame sun dhihaachuusaa argisiisan tokko tokko ilaalchisee raajii dubbataniiru.—Saanduqa gara mirgaatti argamu ilaali.

Rakkoowwan kun yeroo ammaatti akka babal’atan hin amantuu? Kana malees, Yesus hojiin barsiisuu addunyaa maratti akka hojjetamu raajii dubbateera. “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedheera.—Maatewos 24:14.

Yeroo ammaattis wanti kun raawwatamaa jira. Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii kana hojjechaa jiru. Dhugaa Baatonni miliyoona torbaa ol ta’an, biyyoota 236 ta’anitti, Mootummaan kun maal akka raawwatu namootatti himaa jiru. Akkasumas, ulaagaa qajeelinaa Waaqayyo inni rakkinaafi waraansa balleessuu barbaadu baasee wajjin walsimanii akka jiraatan namoota gargaaraa jiru. Atis waa’ee Mootummaa Waaqayyoo barachuukee yoo itti fufte, addunyaa rakkinarraa walaba ta’e keessa barabaraan jiraachuuf abdii argatta.

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Caqasoota Waa’ee Guyyoota Gara Dhumaa Ibsan

[Fakkii fuula 24rra jiru]

MAATEWOS 24:6, 7; MUL’ATA 6:4

• Waraana kanaan dura ta’ee hin beekne

MAATEWOS 24:7; MAARQOS 13:8

• Socho’a lafaa gurguddaa

• Hanqina nyaataa

LUQAAS 21:11; MUL’ATA 6:8

• Dha’icha

MAATEWOS 24:12

• Seera malee jiraachuun dabalaa adeemuu

• Jaalalli qabbanaa’aa adeemuu

MUL’ATA 11:18

• Lafa balleessuu

2 XIMOTEWOS 3:2

• Garmalee horii jaallachuu

• Warraaf abboomamuu diduu

• Garmalee of jaallachuu

2 XIMOTEWOS 3:3

• Jaalala dhabuu

• Araara kan hin jaallanne ta’uu

• Namoonni kan of hin qabne ta’uusaanii

• Waan gaarii jibbuu

2 XIMOTEWOS 3:4

• Waaqayyoon caalaa gammachuu jaallachuu

2 XIMOTEWOS 3:5

• Namoonni hedduun sobaan Kiristiyaanota ofiin jechuusaanii

MAATEWOS 24:5, 11; MAARQOS 13:6

• Raajonni sobduun ka’uusaanii

MAATEWOS 24:9; LUQAAS 21:12

• Kiristiyaanonni dhugaan ari’atamuusaanii

MAATEWOS 24:39

• Namoonni akeekkachiisa Macaafa Qulqulluu qalbeeffachuu diduusaanii

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Dhugaa Baatonni Yihowaa, addunyaa maratti waa’ee Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiisu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi