LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 4/1 ful. 20
  • ‘Mootummaankee Jabaatee In Jiraata’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Mootummaankee Jabaatee In Jiraata’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Fedha Kee Gochuu Na Barsiisi!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Israa’eloonni Mootii Moosifachuu Barbaadan
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Yihowaan Bara Duriitti Sabasaa ‘Fureera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Walii Wajjin Maqaa Yihwoaa Ol Haa Kaafnu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 4/1 ful. 20

Waaqayyotti Dhihaadhu

‘Mootummaankee Jabaatee In Jiraata’

2 SAAMU’EL 7:1-16

SEENAA keessatti bulchitoonni ilmaan namootaa hedduun aangoo qabanirraa bu’aa turaniiru. Isaan keessaa tokko tokko filannoodhaan, kaanimmoo humnaan aangoorraa bu’aniiru. Haalli Yesus Kiristos Mootii Mootummaa Waaqayyoo kanaa wajjin wal fakkaataa? Mootii Waaqayyoon muudame ta’ee akka hin bulchine isa gochuu kan danda’u jiraa? Deebii gaaffiiwwan kanaa, wanta Yihowaan Daawit Mootii Israa’el duriitti dubbateefi 2 Saamu’el boqonnaa 7⁠rratti ibsamerraa argachuu dandeenya.

Jalqaba boqonnaa kanaarratti, Daawiti masaraa mootii keessa jiraachaa, saanduqni Waaqayyoo garuu dunkaana keessa taa’uusaatti akka gadde ilaalla.a Daawit, Yihowaadhaaf mana guddaa ykn mana qulqullummaa ijaaruuf fedhii akka qabu ibsee ture. (Lakkoofsa 2) Haata’u malee mana kana kan ijaaru Daawit hin turre. Yihowaan karaa Naataan raajichaa, ilmi Daawit tokko mana kana akka ijaaru itti himeera.—Lakkoofsa 4, 5, 12, 13.

Yihowaan fedhii Daawiti argisiisetti gammadeera. Daawit nama Waaqayyoo ta’uusaa waan argisiiseefi dhimma kana ilaalchisee raajii dubbatamee wajjin haala walsimuun, Waaqayyo hidda dhaloota Daawit keessaa mootii barabaraaf bulchu akka kaasu kakuu galeefii ture. Naataan, “Manni kee fi mootummaan kee fuula koo dura bara baraan jabaatee in jiraata, teessoon kees bara baraan jabaatee in dhaabata” jechuudhaan Waaqayyo Daawitiif kakuu galuusaa dubbateera. (Lakkoofsa 16) Dhaaltuu kakuun galameefi barabaraan bulchu kun eenyudha?—Faarfannaa 89:20, 29, 34-36.

Yesus namni Naazireet hidda dhaloota Daawit keessaa kan dhufedha. Dhaloota Yesus ilaalchisee ergamaan tokko, “Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedheera. (Luqaas 1:32, 33) Kanaaf, kakuun Waaqayyo Daawwitii wajjin gale Yesus Kiristosirratti raawwatameera. Yesus kan bulchu, ilmaan namootaatiin waan filatameef utuu hin ta’in, barabaraaf akka bulchu Waaqayyo kakuu waan isaaf galeefidha. Yeroo hunda, Waaqayyo abdii kenne kan raawwatu ta’uusaa haa yaadannu.—Isaayaas 55:10, 11.

Saamu’el Isa Lammaffaa boqonnaa 7⁠rraa barumsa gaarii lama arganna. Tokkoffaa, Yesus Kiristos mootii ta’ee akka hin bulchine isa dhowwuu kan danda’u akka hin jirre mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Kanaaf, bulchiinsi Yesus jaalalli Yihowaa waaqarratti akkuma ta’u, lafarrattis akka raawwatamu kan godhu ta’uusaa ni amanna.—Maatewos 6:9, 10.

Lammaffaa, seenaan kun waa’ee Yihowaa nu barsiisa. Yihowaan fedhii Daawit argisiise akka ilaaleefi bakka guddaas akka kenneef yaadadhaa. Yihowaan waaqeffannaa isaaf dhiheessinu kan ilaaluufi bakka guddaa kan kennu ta’uusaa beekuun nama gammachiisa. Haalawwan humna keenyaa ol ta’an tokko tokko, jechuunis fayyaa dhabuufi dullumni hamma barbaannu akka hin tajaajille nu daangessuu danda’u. Haala akkasii keessa kan jirru yoo ta’e, Yihowaan fedhii nuyi nama Waaqayyoo ta’uuf qabnu kan ilaalu ta’uusaa hubachuudhaan jajjabina haa argannu.

[Miiljaleewwan]

a Saanduqni kakuu qulqulluu ta’e kun qajeelfama Yihowaan kenneen kan hojjetamedha. Saanduqni kun bara duriitti Yihowaan saba Israa’el gidduu akka jiru kan argisiisu ture.—Ba’uu 25:22.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi