LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 1/1 ful. 9
  • 5 Bakkiifi Yeroonsaa Jijjiirama Fidaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 5 Bakkiifi Yeroonsaa Jijjiirama Fidaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Yesus Kadhannaa Akka Dhiheessinu Nu Barsiiseera
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 1/1 ful. 9

Kadhannaa

5 Bakkiifi Yeroonsaa Jijjiirama Fidaa?

AMANTIIWWAN hedduun, manni guddaaniifi guyyaa keessatti yeroo murtaaʼaan kadhannaan itti dhihaachuu qabu akka barbaachisu akka isaanitti dhagaʼamu hubachuu hin ooltu. Macaafni Qulqulluun bakkaafi saʼaatii murtaaʼaa taʼe qofatti kadhannaa dhiheessuu akka qabnu barsiisaa?

Macaafni Qulqulluun yeroon itti kadhannaa dhiheessuu qabnu akka jiru ni dubbata. Fakkeenyaaf, Yesus duuka buutotasaa wajjin nyaata nyaachuusaa dura Waaqayyoon galateeffatee ture. (Luqaas 22:17) Bartoonnisaas yeroo waaqeffannaadhaaf wal walgaʼan ni kadhatu turan. Kana gochuudhaan, barsiifata mana sagadaa Yihudootaafi mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti itti hojjetamaa turetti fayyadamuusaanii itti fufaniiru. Kaayyoon Waaqayyoo, manni qulqullummaa “saba hundumaatiif mana kadhataa” akka taʼu ture.—Maarqos 11:17.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo yommuu walgaʼiirratti tokkummaadhaan kadhatan, himanni isaan dhiheessan buʼaa argamsiisuu dandaʼa. Kiristiyaanonni kun yaadaan tokko yoo taʼaniifi kadhannaansaanii seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin kan walsimu yoo taʼe, Waaqayyo ni gammada. Kadhannaan kun, Yihowaan wanta utuu isaan kadhachuu baatanii hin raawwanne akka raawwatu isa kakaasuu dandaʼa. (Ibroota 13:18, 19) Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiisaaniirratti yeroo hunda kadhannaa ni dhiheessu. Atis, Galma Mootummaa naannookee jirutti argamtee kadhannaa isaan dhiheessan akka dhageessu kabajaan si afeerra.

Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun kadhannaa dhiheessuu kan qabnu saʼaatii ykn iddoo murtaaʼe tokkotti qofa akka taʼe hin dubbatu. Seenaan tajaajiltoonni Waaqayyoo saʼaatiifi bakka kamittiyyuu kadhannaa dhiheessaa akka turan ibsu Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. Yesus, “Yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna” jechuudhaan dubbateera.—Maatewos 6:6.

Kun afeerrii baayʼee nama gammachiisu mitii? Waaqayyo isa uumama cufarratti olaantummaa qabu saʼaatii barbaaddetti kophaa keetti isa kadhachuufi akka si dhagaʼu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yesusis kadhannaa dhiheessuuf yeroo baayʼee kophaasaa taʼuu barbaaduunsaa kan nama dinqisiisu miti! Yeroo tokko murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuuf qajeelfama waan barbaadeef, gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessaa buleera.—Luqaas 6:12, 13.

Dhiironniifi dubartoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaanis, murtoo guddaa gochuun yeroo isaan barbaachisetti ykn rakkinni cimaan yeroo isaanirra gaʼetti kadhannaa dhiheessaniiru. Yeroo tokko tokko sagalee guddisanii, yeroo kaanittimmoo utuu sagalee hin dhageessisin, akkasumas tuutaanis taʼe kophaatti kadhannaa dhiheessaniiru. Wanti barbaachisaa taʼe kadhannaa dhiheessuusaanii ture. Waaqayyo, “Kadhata keessan itti fufaa” jechuudhaanillee tajaajiltootasaa afeereera. (1 Tasaloniiqee 5:17) Waaqayyo yeroo hundumaa namoota fedhasaa raawwachuu jaallatan dhagaʼuuf hawwii qaba. Afeerriin kun jaalala Yihowaan nuuf qabu kan argisiisu mitii?

Addunyaa shakkiidhaan guutame kana keessatti, namoonni baayʼeen kadhannaan faayidaa qabaachuunsaa gaaffii isaanitti uuma. Atis, ‘Kadhannaan dhuguma faayidaa naaf argamsiisaa?’ jettee gaafatta taʼa.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 9rra jiru]

Yeroofi bakka barbaannetti kadhannaa dhiheessuu dandeenya

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi