LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 6/15 ful. 7-11
  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • SANYII BOFICHAAFI BINEESICHA
  • GIBXIIFI ASOOR —MATAAWWAN JALQABAA LAMAAN
  • BAABILOON—MATAA SADAFFAA
  • MEDOO FAARES —MATAA ARFAFFAA
  • GIRIIK —MATAA SHANAFFAA
  • ROOMAA—MATAA JAʼAFFAA, “SODAACHISAA, NAASISAA”
  • Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Mootota Saddeettan Mulʼatan
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 6/15 ful. 7-11

Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’

“Waaqayyo keessan dhuguma waaqayyolii irratti Waaqayyoo dha, mootota irrattis gooftaa dha, wanta dhokataa hundumaas isa mulʼisuu dha.”—DAN. 2:47.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

Yihowaan waaʼee gara fuulduraa balʼinaan maal nu mulʼiseera?

Mataawwan bineensichaa jaʼan warri jalqabaa eenyufaa argisiisu?

Bineensichiifi bifni sibiilaa Nebukadnezaar arge akkamitti wal fakkaatu?

1, 2. Yihowaan maal akka hubannu godheera? Kana kan godhehoo maaliifi?

YEROO Mootummaan Waaqayyoo mootummaa ilmaan namootaa balleessutti, mootummaan addunyaarratti humna guddaa qabaatu kamidha? Yihowaan inni ‘wanta dhokataa mulʼisu’ ifa waan nuu godhuuf deebiisaa beekna. Karaa barreeffamoota Daaniʼel raajichiifi Yohannis ergamaan barreessaniin eenyummaa mootummoota kanaa akka hubannu nu godheera.

2 Yihowaan namoonni kun bineensota walitti aansuudhaan kaʼan mulʼataan akka argan godhee ture. Yihowaan hiika fakkeenya bifa namaa sibiilarraa hojjetame tokkoos Daaniʼelitti himeera. Faayidaa keenyaaf jecha seenaawwan kun Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamanii akka turan godheera. (Rom. 15:4) Kana kan godhe, Mootummaansaa mootummoota ilmaan namootaa hunda dhihootti akka balleessu abdii qabnu nuu cimsuufidha.—Dan. 2:44.

3. Raajii sirriitti hubachuudhaaf, jalqaba maal beekuutu nu barbaachisa? Maaliif?

3 Seenaawwan Daaniʼeliifi Yohannis barreessan, dimshaashumatti eenyummaa mootummoota saddeetii ykn bulchiinsa namootaa qofa utuu hin taʼin, duraa duuba mootummoonni kun itti bulchuu jalqabanis ni ibsu. Seenaa kana sirriitti hubachuu kan dandeenyu garuu, hiika raajiin jalqaba Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame qabu yoo beekne qofadha. Maaliif? Ergaan Macaafa Qulqulluu raawwii raajii dubbatame kanaa wajjin kan wal qabate waan taʼeefidha. Raajiiwwan hundi raawwii raajii kanaati jechuun ni dandaʼama.

SANYII BOFICHAAFI BINEESICHA

4. Kutaa sanyii dubartittii kan taʼan eenyufaʼi? Sanyiin kunoo maal godha?

4 Yihowaan, Eeden keessatti mormiin isarratti kaʼee utuu hin turin, ‘dubartiin’ tokko “sanyii” akka godhattu abdii kenne.a (Uumama 3:15 dubbisi.) Sanyiin sun yeroo booda mataa Seexana isa boficha jedhame sanaa kan buruqsudha. Yihowaan booda, sanyichi karaa Abrahaam akka dhufu, miseensa saba Israaʼel akka taʼu, karaa qomoo Yihudaafi hidda dhalootaa Daawit Mootichaatiin kan dhufu taʼuusaa ifa godhe. (Uma. 22:15-18; 49:10; Far. 89:3, 4; Luq. 1:30-33) Kutaan sanyii sanaa inni guddaan Yesus Kiristos akka taʼe mirkanaaʼeera. (Gal. 3:16) Kutaan sanyii kanaa inni lammaffaanimmoo miseensota gumii Kiristiyaanota dibamoo kan qabatedha. (Gal. 3:26-29) Yesusiifi Kiristiyaanonni dibamoon kun tokko taʼuudhaan, Mootummaa Waaqayyoo isa Yihowaan Seexana balleessuuf itti fayyadamu hundeessu.​—Luq. 12:32; Rom. 16:20.

5, 6. (a) Daaniʼeliifi Yohannis mootummoota gurguddoo meeqa ibsan? (b) Mataawwan bineensichaa Macaafa Mulʼataarratti ibsaman maal argisiisu?

5 Raajiin Eeden keessatti dubbatame kun Seexannis “sanyii” akka godhatu ibsa. Sanyiinsaa sanyii dubartittiitiif diinummaa ykn jibba argisiisa. Sanyii bofichaa kan taʼan eenyufaʼi? Warra akkuma Seexanaa Waaqayyoon jibbaniifi saba Waaqayyoo morman hundadha. Seenaa keessatti, Seexanni sanyiisaa dhaabbata siyaasaa ykn mootummoota garagaraatti gurmeesseera. (Luq. 4:5, 6) Haataʼu malee, saba Israaʼelis taʼe gumii Kiristiyaanota dibamoo taʼanirratti dhiibbaa guddaa kan geessisan mootummoota muraasa qofadha jechuun ni dandaʼama. Dhugaa kana beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mulʼanni Daaniʼeliifi Yohannis, mootummoota aangoo guddaa qaban saddeet qofa kan argisiisu maaliif akka taʼe hubachuuf waan nu gargaaruufidha.

6 Yesus inni duʼaa kaafame, Dh.K.B. dhuma jaarraa tokkoffaatti mulʼata ajaaʼibsiisaa taʼe, walitti aansuudhaan Yohannis ergamaatti argisiisee ture. (Mul. 1:1) Yohannis mulʼata kana keessaa isa tokkorratti, Seexanni jawweetti fakkeeffamee qarqara galaana guddaa tokkoo utuu dhaabatuu argeera. (Mulʼata 13:1, 2 dubbisi.) Yohannis bineensi adda taʼe tokko galaana keessaa baʼee Seexanarraa aboo guddaa utuu fudhatuus argeera. Booda ergamaan tokko, mataawwan torban bineensa diimaa sanarra jiraniifi bineensa mulʼata 13:1⁠rratti caqasameef fakkeenya taʼan, “mootota torba” ykn mootummoota akka bakka buʼan ibseera. (Mul. 13:14, 15; 17:3, 9, 10) Yeroo Yohannis mulʼata kana barreessetti, mootummoonni shan kufaniiru, inni tokko bulchaa jira, inni kaanimmoo “hin kaane” ture. Mallattoon mootummoota ykn humnoota addunyaa sanaa maalidha? Mee mataawwan bineensa Macaafa Mulʼataarratti ibsame kanaa tokko tokkoon haa qorru. Akkasumas raajiin Daaniʼel mootummoonni kun kaʼuusaanii jaarraa hedduu dura, baayʼeesaanii ilaalchisee ibsa balʼaa akkamii akka kennu ilaalla.

GIBXIIFI ASOOR —MATAAWWAN JALQABAA LAMAAN

7. Mataan inni jalqabaa eenyuun argisiisa? Maaliif?

7 Mataan bineensichaa inni jalqabaa Gibxiin argisiisa. Maaliif? Gibxi saba Waaqayyoo jibbuudhaan mootummaa addunyaa isa jalqabaa waan taateefidha. Sanyiin Abrahaam warri sanyii dubartittii isa abdachiifame argamsiisan, Gibxi keessatti garmalee baayʼatan. Boodas, Gibxi saba Israaʼel cunqursuu jalqabde. Seexanni utuu sanyichi hin dhufin saba Waaqayyoo haxaaʼee balleessuuf yaalii godhee ture. Akkamitti? Faraʼoon ijoollee dhiiraa Israaʼelootaa hunda akka ajjeesu kakaasuudhaanidha. Yihowaan yaalii kana fashaleessuudhaan sabasaa garbummaa Gibxii jalaa bilisa baase. (Bau. 1:15-20; 14:13) Boodas Israaʼeloota Biyyattii Abdachiifamtetti galche.

8. Mataan inni lammaffaan eenyuun argisiisa? Maal gochuuf yaalee ture?

8 Mataan bineensichaa inni lammaffaan Asoriin argisiisa. Mootummaan humna guddaa qabu kunis saba Waaqayyoo balleessuuf yaalii godheera. Yihowaan waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuufi jalʼina raawwachuusaaniitiin kan kaʼe, Israaʼeloota gosa kurnan adabuuf Asoritti akka fayyadame beekamaadha. Haataʼu malee Asor, ittaansuudhaan Yerusaalemiin weerarte. Seexanni hidda dhalootaa yeroo booda Yesusiin argamsiisu balleessuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus, lolli kun kaayyoo Yihowaa keessaa tokko waan hin turreef, weerartoonni kun sabasaa amanamoo taʼan akka hin balleessineef dinqiidhaan isaan oolcheera.​—2 Mot. 19:32-35; Isa. 10:5, 6, 12-15.

BAABILOON—MATAA SADAFFAA

9, 10. (a) Yihowaan warri Baabilon maal akka godhan heyyame? (b) Raajiin kun akka raawwatamuuf maaltu taʼuu qaba?

9 Mataan bineensichaa sadaffaan inni Yohannis arge mootummaa magaalaa guddittii Baabilon taaʼee bulchudha. Yihowaan warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanii sabasaa akka boojiʼan heyyamee ture. Haalli yeellaasisaan kun akka gaʼu heyyamuusaa dura garuu, haalli gaddisiisaan akka isaanirra gaʼu Israaʼeloota hamoo taʼan akeekkachiisee ture. (2 Mot. 20:16-18) Hiddi dhaloota mootota Yerusaalemitti “teessoo Waaqayyo” irra akka taaʼan dubbatamee akka balleeffamu raajii dubbatee ture. (1 Sen. 29:23) Haataʼu malee, sanyiin Daawit Mootichaa inni ‘abbaa firdii’ taʼe tokko akka dhufuufi aangoo akka fudhatus abdachiiseera.​—His. 21:25-27.

10 Raajii gara biraanimmoo Masiihiin Abdachiifame ykn Inni Dibame sun yommuu dhufu Yihudoonni mana qulqullummaa Yerusaalemitti akka waaqeffachaa jiran ibseera. (Dan. 9:24-27) Raajiin Israaʼeloonni boojiʼamuudhaan Baabilonitti geeffamuusaanii dura dubbatame tokko, namni kun Betlihemitti akka dhalatu ibseera. (Mik. 5:2) Raajiiwwan kun akka raawwatamaniif, Yihudoonni boojuudhaa bilisa baʼanii gara biyyasaaniitti deebiʼuudhaan mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu qabu turan. Haataʼu malee, Baabilon boojiʼamtoota biyyasaaniitti deebisuuf karoora hin qabdu. Rakkina kana moʼuun kan dandaʼamu akkamittiree? Yihowaan deebii gaaffii kanaa raajotasaatti mulʼiseera.​—Amo. 3:7.

11. Mootummaan Baabilon karaa garaagaraa kamiin ibsame? (Miiljalee ilaali.)

11 Daaniʼel raajichi namoota boojuudhaan Baabilonitti geeffaman keessaa tokko ture. (Dan. 1:1-6) Yihowaan mootummaa addunyaa humna guddaa qabu sanatti aansuudhaan, mootummoota duraa duubaan kaʼan mulʼisuuf Daaniʼelitti fayyadameera. Yihowaan iccitii kana mallattoo garagaraatti fayyadamee ibseera. Fakkeenyaaf, Nebukadnezaar Mootiin Baabilon, fakkeenya bifa namaa guddaa sibiila addaddaarraa hojjetame tokkoo abjuudhaan akka argu godhee ture. (Daaniʼel 2:1, 19, 31-38 dubbisi.) Yihowaan karaa Daaniʼel, mataan fakkeenya bifa namaa sibiila warqeerraa hojjetame sanaa Mootummaa Baabilon akka argisiisu mulʼiseera.b Mootummaan addunyaa Baabilonitti aansee kaʼu, qomaafi harka fakkichaa meetiirraa hojjetametti fakkeeffameera. Mootummaan addunyaa kun eenyudha? Saba Waaqayyoo kan qabuhoo akkamitti?

MEDOO FAARES —MATAA ARFAFFAA

12, 13. (a) Yihowaan moʼamuu Baabilon ilaalchisee maal mulʼisee ture? (b) Medoo Faares mataa bineensichaa isa arfaffaatti fakkeeffamuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

12 Yihowaan Daaniʼel dhalachuusaa jaarraa tokko dura karaa Isaayaas, mootummaan addunyaa Baabiloniin moʼu eenyu akka taʼe ibsa balʼaa kenneera. Yihowaan magaalaan Baabilon akkamitti akka moʼamtu qofa utuu hin taʼin, eenyu akka ishee moʼus ibsee ture. Humna waraanaa kana kan geggeessu, Qiiros Faaresichadha. (Isa. 44:28–45:2) Daaniʼel Mootummaa Addunyaa Medoo Faaresiin ilaalchisee mulʼata garabiraa lama argeera. Isa tokkorratti mootummaan kun amaaketa cinaacha tokkoon ol kaaʼetti fakkeeffameera. Bineensa kanaan “foon baayʼee nyaadhu!” jedhameera. (Dan. 7:5) Mulʼata gara biraarrattimmoo Daaniʼel, mootummoota lamaan qindoominaan addunyaarratti humna guddaa qaban kana, korbeessa hoolaa gaanfa lama qabutti fakkeeffamanii argeera.​—Dan. 8:3, 20.

13 Yihowaan Baabiloniin garagalchee Israaʼeloonni gara biyyasaaniitti akka deebiʼan gochuufi raajii dubbate raawwachuuf Medoo Faaresitti fayyadameera. (2 Sen. 36:22, 23) Haataʼu malee mootummaan addunyaa kun yeroo booda saba Waaqayyoo balleessuu jala gaʼee ture. Karoorri muummeen ministeeraa Faares inni Hamaa jedhamu baase Macaafa Asteer keessatti galmeeffameera. Namni kun Yihudoonni mootummaa Faares keessa jiran hundi akka balleeffaman qophii kan godhe siʼa taʼu, guyyaa itti isaan balleeffamanis murteessee ture. Sabni Waaqayyoo badiisa sanyiin Seexanaa isaanitti aggaame kanarraa kan oolan, Yihowaan sabasaatiif jedhee waan gidduu galeef qofa ture. (As. 1:1-3; 3:8, 9; 8:3, 9-14) Kanaaf, Medoo Faares mataa bineensa Macaafa Mulʼataa keessatti ibsame isa arfaffaatti fakkeeffamuunsaa sirriidha.

GIRIIK —MATAA SHANAFFAA

14, 15. Mootummaa Giriik durii ilaalchisee Yihowaan ibsa balʼaa akkamii kennee ture?

14 Mataan bineensichaa shanaffaan Macaafa Mulʼataa keessatti ibsame Giriikiin argisiisa. Akkuma Daaniʼel yommuu abjuu Nebukadnezaar hiike mulʼisetti, mootummaan addunyaa kun garaafi mudhii fakkichaa isa sibiila diimaarraa hojjetametti fakkeeffameera. Daaniʼel eenyummaa mootummaa kanaafi mootiisaa isa beekamaa taʼe ilaalchisees mulʼata waan hedduu ibsu argeera.

15 Daaniʼel mulʼata isa tokkorratti, Giriik qeerransa qoochoo afur qabutti fakkeeffamee kan arge siʼa taʼu, kunis mootummaan kun yeroo gabaabaa keessatti injifannoo kan argatu taʼuusaa argisiisa. (Dan. 7:6) Mulʼata kaanirrattimmoo, Daaniʼel korbeessi reʼee gaanfa guddaa tokko qabu, korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu, jechuunis Medoo Faaresiin saffisaan akka ajjeese ibseera. Yihowaan reʼichi Giriikiin, gaanfi guddaan sunimmoo mootiisaa keessaa isa tokko akka argisiisu Daaniʼelitti himeera. Daaniʼel itti dabaluudhaan gaanfi guddaan sun akka cabuufi iddoosaatti gaanfonni xixinnoon afur akka biqilan galmeesseera. Raajiin kun Giriik mootummaa addunyaa taʼuushee jaarraa hedduu dura kan barreeffame taʼus, wanti dubbatame hundi tokko tokkoon raawwatameera. Lola Medoo Faaresiin weeraruuf godhame kan geggeesse mootii Giriik beekamaa kan taʼe Aleeksaandar Guddicha ture. Mootii guddaan kun utuu aangoo guddaa qabatee jiruu umrii waggaa 32⁠tti waan duʼeef, gaanfi guddaan sun utuma baayʼee hin turin cabeera. Erga inni duʼee booda bulchiinsisaa janaraalotasaa afur gidduutti hihhirame.​—Daaniʼel 8:20-22 dubbisi.

16. Antaayikas 4⁠ffaan maal godhe?

16 Giriik Faaresiin erga injifattee booda, saba Waaqayyoorratti moʼuu jalqabde. Yeroo kanatti Yihudoonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuudhaan Yerusaalemitti mana qulqullummaa deebisanii ijaaranii turan. Yihudoonni ammayyuu saba Waaqayyoo warra filatamoo yommuu taʼan, manni qulqullummaa deebiʼee ijaarames bakka waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamu ture. Haataʼu malee, Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti, Giriik isheen mataa bineensichaa isa shanaffaa taate saba Waaqayyoo weerarte. Namoota mootummaa Aleeksaandar isa hihhirame dhaalan keessaa tokko kan taʼe Antaayikas 4⁠ffaan, oobdii mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti iddoo aarsaa waaqayyolii tolfamoo dhaabuudhaan, namni sirna amantii Yihudootaa raawwatu duuti akka itti faradamu abboome. Gochi kun jibbaa guddaa sanyiin Seexanaa qabu kan argisiisu ture. Haataʼu malee utuma hin turin, Giriik mootummaa addunyaa taʼuunshee ni hafa. Ittaansuudhaan mataa bineensichaa isa jaʼaffaa kan taʼu eenyudha?

ROOMAA—MATAA JAʼAFFAA, “SODAACHISAA, NAASISAA”

17. Raajii Uumama 3:15⁠rra jiru raawwachuurratti mataa jaʼaffaan gaʼee guddaa akkamii qaba ture?

17 Yohannis mulʼata waaʼee bineensichaa ibsu yommuu argetti Roomaan mootummaa addunyaa turte. (Mul. 17:10) Mataa jaʼaffaan kun raajii Uumama 3:15⁠rra jiru raawwachuu wajjin haala wal qabateen gaʼee guddaa qaba ture. Seexanni “koomee” sanyichaa idduuf, jechuunis miidhaa yeroo gabaabaaf turu isarra geessisuuf abbootii taayitaa warra Roomaatti fayyadameera. Akkamitti? Namoonni kun Yesus mootummaarratti fincila akka kaase himata sobaa isarratti dhiheessuudhaan akka ajjeeffamu godhaniiru. (Mat. 27:26) Haataʼu malee, Yihowaan Yesusiin waan duʼaa kaaseef madaan sun yeruma sana fayyeera.

18. (a) Yihowaan saba haaraa akkamii filate? Maaliif? (b) Sanyiin bofichaa sanyii dubartittii jibbuusaa kan itti fufe akkamitti?

18 Geggeessitoonni amantii Israaʼelootaa, warra Roomaa wajjin Yesusirratti kan koratan yommuu taʼu, miseensonni sabichaa kaanis isa tuffataniiru. Kanaaf Yihowaan Israaʼeloonni sabasaa akka hin taaneef isaan dhiise. (Mat. 23:38; HoE. 2:22, 23) Sana booda saba haaraa, “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamu filate. (Gal. 3:26-29; 6:16) Sabni kun Kiristiyaanota dibamoo namoota Yihudoota taʼaniifi hin taane keessaa dhufan kan qabatedha. (Efe. 2:11-18) Yesus erga duʼeefi duʼaa kaʼee boodas, sanyiin bofichaa sanyii dubartittii jibbuusaa itti fufeera. Roomaan gumii Kiristiyaanaa, warra kutaa sanyichaa lammaffaa taʼan balleessuuf al tokkoo ol yaaltee turte.c

19. (a) Daaniʼel mootummaa addunyaa jaʼaffaa kan ibse akkamitti? (b) Mataduree gara biraarratti waaʼee maaliitu ibsama?

19 Abjuu Daaniʼel Nebukadnezaariif hiikerratti, Roomaan miillan bifa fakkichaa sibiilarraa hojjetamanitti fakkeeffamtee turte. (Dan. 2:33) Daaniʼel mulʼata waaʼee Mootummaa Roomaa ibsu malees, ittaansee mootummaa addunyaa kan taʼu, mootummaa Roomaa keessaa akka baʼu argee ture. (Daaniʼel 7:7, 8 dubbisi.) Roomaan diinotashee biratti jaarraa hedduudhaaf, “sodaachisaa, naasisaa, garmalees jabaa” akka taatetti ilaalamaa turte. Haataʼu malee, ‘gaanfonni kudhan’ mootummaa kana keessaa akka baʼaniifi gaanfi gara biraan inni xinnoon warra kaan caalaa guddaa akka taʼu raajiin dubbatamee ture. Gaanfonni kurnan kun eenyufaʼi? Wanti gaafficha isa xinnaa addaa baasee beeksisu maalidha? Gaanfi xinnaan sun fakkeenya bifa namaa guddaa Nebukadnezaar argee wajjin kan walsimu akkamitti? Matadureen fuula 14⁠rra jiru deebii gaaffii kanaa ibsa.

[Miiljaleewwan]

a Dubartiin kun jaarmiyaa Yihowaa haadha manaatti fakkeeffamteefi uumamawwan hafuuraa samiirra jiran qabate kan argisiistudha.​—Isa. 54:1; Gal. 4:26; Mul. 12:1, 2.

b Baabilon Macaafa Daaniʼel keessatti mataa fakkichaatti, Macaafa Mulʼata keessattimmoo mataa bineensichaa isa sadaffaatti fakkeeffameera. Chaartii fuula 12-13⁠rra jiru ilaali.

c Roomaan Dh.K.B. bara 70⁠tti Yerusaalemiin kan balleessite taʼus, gochi kun raawwii raajii Uumama 3:15⁠rra jiruu hin turre. Yeroo sanatti Israaʼeloonni saba Waaqayyoo warra filatamoo taʼuunsaanii hafeera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi