Seenaa Jireenyaa
“Iccitii” Tajaajila Keenyarraa Baranne
Oliivar Raandiriyaamuraan Akka Dubbatetti
“Ani jireenya gad deebiʼaa jiraachuu beeka, wanta barbaachisu gararraatti qabaachuus, beeka; ani [“iccitii” NW] waan hundumaatti, akka kamittis, quufatti, beelattis . . . nan beeka. Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan dandaʼa.”—Filp. 4:12, 13.
YAANNI Phaawulos ergamaan dubbate kun anaafi haadha manaakoo Uuliif jajjabina guddaa nuu taʼeera. Maadaagaaskaaritti yeroo tajaajilaa turre, guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan akkuma Phaawulos “iccitii” kana baruu dandeenyeerra.
Bara 1982tti yeroo haati Uul Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde, aniifi Uul gaaʼela godhachuuf wal naqannee turre. Anis Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kanan jalqabe siʼa taʼu, boodas Uul qayyabachuu jalqabde. Bara 1983tti gaaʼela kan dhaabbanne siʼa taʼu, bara 1985tti cuuphamnee utuu hin turin qajeelchaa gargaaraa taanee tajaajiluu jalqabne. Achiis, Adoolessa bara 1986tti qajeelchaa taane.
Fulbaana bara 1987tti qajeelchaa addaa taanee tajaajiluu jalqabne. Bakki jalqaba itti ramadamne magaalaa xinnoo kaaba baha Maadaagaaskaar jirtuufi gumiin hin jirretti ture. Maadaagaaskaar keessa gosoonni gurguddaan gara 18fi qomoon addaddaa hedduun kan jiran yommuu taʼu, duudhaafi aadaan isaan qaban baayʼee garaagaradha. Afaan waaltaʼaa biyyattiin itti fayyadamtu Maalaagaasii yommuu taʼu afaan garabiraan hedduunis ni dubbatamu. Kanaaf afaan naannoo nuti itti ramadamnetti dubbatamu barachuu kan jalqabne siʼa taʼu, akkas gochuun keenya hawaasicha biratti fudhatama akka argannu godheera.
Jalqabarratti, Dilbata yeroo hundumaa haasaa sabaa kanan dhiheessu yommuu taʼu, siʼan xumuru Uul harka walitti naa rukutti. Walgaʼicharratti kan argamu lamaan keenya qofa ture. Sagantaa Mana Barumsaa Tiʼookraasiis guutummaatti kan fudhannu yeroo taʼu, Uul nama yaadaan uumame haasofsiisuudhaan kutaashee dhiheessiti. Ilaaltuun olaanaa aanaa walgaʼii keenyarratti jijjiirama akka goonuuf gaarummaadhaan yommuu yaada nuu kenne gammachuu guddaatu nutti dhagaʼame.
Manni poostaa amansiisaa waan hin taaneef, yeroo hunda durgoo keenya yeroodhaan hin argannu. Kanaaf jireenya gadaanaa jiraachuu baranneerra. Yeroo tokko walgaʼii aanaa bakka gara kiilomeetira 130 fagaatee jirutti godhamurratti argamuuf qarshii atoobisii ittiin yaabbannu dhabnee turre. Yeroo kanatti yaada obboleessi tokko, “Rakkina keessan Yihowaatti himaa. Hojiisaa hojjechaa akka jirtan hin irraanfatinaa” nuun jedhe yaadanne. Kanaaf kadhannaa erga dhiheessinee booda miillaan deemuuf murteessine. Haataʼu malee, manaa baʼuu keenya dura obboleessi tokko akkuma tasaa nu gaafachuu kan dhufe yommuu taʼu, qarshii atoobisii ittiin yaabbachuuf nu gaʼu nuu kenne.
HOJII DAAWWANNAA
Guraandhala bara 1991tti daawwataa olaanaa aanaa taʼeen muudame. Yeroo kanatti tuutni keenya gara babalʼistoota 9tti kan guddate yommuu taʼu isaan keessaa 3 cuuphamaniiru; walgaʼiirrattis giddu galeessaan namoota 50tu argama ture. Leenjii ergan argadhee booda magaalaa guddittii Maadaagaaskaar, Antananaariivootti hojii daawwannaa itti fufne. Bara 1993tti baha biyyattiitti hojii daawwannaadhaaf ramadamne. Jireenyi bakka kanaa isa kan magaalaarraa baayʼee addadha.
Bakka gumiiwwaniifi tuutawwanii dhaquuf, yeroo tokko tokko gaarreen bosona gobbuu qaban keessa karaa kiilomeetira 145 dheeratu miillaan deemna. Miʼa muraasa qofa baanna turre. Haataʼu malee haasaan daawwataan olaanaa aanaa dhiheessu wanta fiilmiidhaan agarsiifamu kan dabalatu yommuu taʼutti akkuma yeroo sana darbee darbee godhamu wanti baannu hedduu taʼa ture. Uul projeektarii jechuunis meeshaa fiilmii ittiin agarsiisan kan baattu siʼa taʼu, animmoo baatirii konkolaataa humna ibsaa vooltii 12 maddisiisun baadha.
Yeroo baayʼee gumii ittaanu daawwachuuf guyyaatti karaa gara kiilomeetira 40 fagaatu deemna. Yeroo kanatti gaarreen yaabuufi buʼuu, lageen ceʼuufi dhoqqee keessa deemuu qabna turre. Yeroo baayʼee mandara keessa bullu argachuuf kan yaallu taʼus, siʼa tokko tokko qarqara karaa bulla. Al tokko tokko yoo nu beekuu baatanillee akka nu bulchaniif namoota gaafanna turre. Bakka bultii erga argannee booda wanta nyaatamu qopheeffanna. Uul distii ittiin nyaata bilcheessan ergifatti; achiis laga ykn haroo naannichatti dhihoo jiru dhaqxee bishaan waraabdi. Yeroo kanatti animmoo qottoo ergifadheen qoraan ittiin bilcheessan falaxa. Wanti hojjennu hundi yeroo kan fudhatudha. Yeroo tokko tokko lukkuu binnee qallee miiccina turre.
Nyaata erga nyaannee booda dhagna dhiqachuuf laga buunee bishaan waraabna. Yeroo tokko tokko kutaa nyaata itti qopheessan keessa rafna. Yeroo bokkaan roobu dhimmuun akka nu hin tortorsinetti keenyan manaatti maxxannee rafna.
Yeroo hunda namoota nu keessumsiisaniif ni lallabna. Bakka yaanne yommuu geenyutti gaarummaafi simannaa obboloonni keenya nuu godhan baayʼee kan nama gammachiisudha. Dinqisiifannaan garaadhaa maddeefi isaan daawwannaa keenyaaf argisiisan, rakkina karaarratti nu mudate hunda akka dagannu godha.
Mana obboloota keenyaa yommuu turrutti, hojii mana keessaa isaan gargaaruun baayʼee nu gammachiisa. Kunimmoo hojiisaanii dafanii fixuudhaan tajaajilarratti akka nuu wajjin hirmaatan isaan godha ture. Obboloonni nu keessumsiisan akka nu qanansiisan ykn nyaata addaa akka nuu qopheessan gochuudhaan, wanta humnasaaniitiin ol taʼe isaanirraa hin eegnu.
TUUTA FAGOO JIRAN DAAWWACHUU
Tuutawwan fagoo jiraniifi obboloota achi jiraatan hojiin itti baayʼatu daawwachuun baayʼee nu gammachiisa. Yeroo itti ‘takka boqonnullee’ hin qabnu. (Mar. 6:31) Bakka tokkotti hiriyoonni gaaʼelaa tokko qayyabannaasaaniirratti akka hirmaannuuf namoota 40 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisan hunda yeruma tokkotti manasaaniitti waaman. Uul obboleettii wajjin namoota 20, animmoo obboleessaa wajjin namoota 20 hihhirannee qayyabsiisuu jalqabne. Akkuma barataan tokko xumureen inni ittaanummoo itti fufa. Takka turree walgaʼii gumii gochuudhaaf boqonnaa kan fudhannu yommuu taʼu, achiis Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu keenya itti fufna. Guyyaa guutuu hojiidhaan qabamnee erga oollee booda galgala saʼaatii lamatti dhaabna.
Tuuta garabiraa yommuu daawwannutti hundi keenya ganama saʼaatii lamatti kaanee gara mandara naannichatti dhihoo jiru dhaqna. Hundi keenya uffata moofaa uffanna. Bosona keessa karaa dheeraa erga deemnee booda, guyyaa walakkaa naannoo sana geenya. Achiis uffata qulqulluu uffannee yeruma sana manaa gara manaatti tajaajiluu jalqabna. Babalʼistoonni hedduu yommuu taʼan manneen jiran garuu muraasadha. Kanaaf, guutummaa mandarichaa daqiiqaa 30 keessatti erga waliin geenyee booda mandara ittaanutti darbina. Achitti erga lallabnee booda gara manaatti deebiʼuuf karaa dheeraa deemuu jalqabna. Jalqabarratti akkas gochuun hamma tokko abdii nu kutachiisee ture. Saʼaatii dheeraa kan deemneefi carraaqqii cimaa kan goone taʼus, manaa gara manaatti saʼaatii tokko qofa hojjenna. Haataʼu malee obboloonni naannoo sana jiran haala kanarratti mormii hin kaasne. Kanaa mannaa, miira hoʼaadhaan lallabuusaanii itti fufaniiru.
Tuutni magaalaa Taaviranaamboorraa baayʼee fagaatee jiru tokko fiixee gaaraarratti argama. Bakka kanatti maatii Dhugaa Baatota taʼaniifi mana kutaa tokko qofa qabu keessa jiraatan arganne. Daasii manasaanii bira jiru tokkommoo walgaʼiidhaaf itti fayyadamu. Akkuma tasaa obboleessi nu keessumsiise sagalee ol kaasee “Obbolootaa!” jedhee yommuu waamu dhageenye. Fiixee gaaraa ittaanurraa namni tokko, “Yoo!” jedhee sagalee guddaadhaan deebiseef. Obboleessi nu keessumsiisu deebisee, “Daawwataan olaanaa aanaa dhufeera!” jedhe. Achiis deebii “Tole!” jedhu dhageenye. Ergaan kun warra isaanirraa fagoo jiranittis akkasumaan waan dabarfamu taʼuu hin oolu. Yeruma sana namoonni dhufuu kan eegalan siʼa taʼu, walgaʼiin ennaa jalqabamutti namoonni 100 ol taʼan ni argaman.
RAKKOO GEEJJIBAA
Bara 1996tti aanaa Antananaariivootti dhihoo jiruufi qilleensa baddaa qabutti ramadamne. Aanaan kunis rakkina addaa kan qabu ture. Naannoo fagoo taʼan dhaquuf tajaajilli geejjibaa hin jiru. Tuuta magaalaa Beʼaankaanaa Baasaakaa jiruufi Antananariivoorraa gara kiilomeetira 240 fagaattutti argamu tokko dhaqnee daawwachuuf karoorfanne. Konkolaachisaa tokkoo wajjin erga walii gallee booda konkolaataa feʼumsaa xinnoo sana yaabbannee gara magaalichaatti deemuu jalqabne. Konkolaataa kanarra garri namoota 30 kan jiran yommuu taʼu, kaan mataasaarra ciisanii kaanimmoo duubaan itti rarraʼanii deemu turan.
Akkuma yeroo baayʼee taʼu, konkolaataan kun utuu karaa dheeraa hin deemin waan cabeef miillaan deemuutti kaane. Saʼaatii muraasa akkuma deemneen konkolaataan feʼumsaa guddaan tokko duuba keenyaan dhufe. Konkolaatichi namootaafi miʼaan kan guutame taʼus, konkolaachisichi nuu dhaabe. Bakki taaʼumsaa waan hin jirreef dhaabannee deemuuf konkolaaticha yaabbanne. Utuma deemnuu laga riqichisaa suphamaa jirutti baane. Ammas miillaan deemuu kan jalqabne yommuu taʼu, dhumarratti mandara xinnoo qajeelchitoonni addaa keessa jiraatan geenye. Isaan daawwachuuf sagantaa qabaachuu baannus, hanga riqichi sun suphamee konkolaataan ittiin deemuu dandeenyu dhufutti isaan bira teenyee isaanii wajjin lallabuu keenya itti fufne.
Torban tokko booda konkolaataan kan dhufe siʼa taʼu achiis deemsa keenya itti fufne. Daandichi boolla babalʼaa hedduu kan qabudha. Siʼa baayʼee corroqa jilba nama gaʼu keessa lixnee konkolaaticha kan dhiibnu ennaa taʼu, yeroo kanatti gufannee kufna turre. Bariʼee utuu iji namaa wal hin argin mandara xinnoo tokko kan geenye yommuu taʼu achiis deemuu keenya itti fufne. Karaa guddaarraa jalʼannee hanga bakka yaanne geenyutti maasii qamadii dhoqqeensaa mudhii nama gaʼu keessa miillaan deemne.
Naannoo kana yeroo jalqabaatiif daawwachuu keenya waan taʼeef, namoota maasii qamadii keessaa hojjechaa jiran tokko tokkoof lallabuudhaan mana Dhugaa Baatota naannicha jiranii akka nutti himan gaafachuuf murteessine. Taʼus, namoonni sun obboloota keenya taʼuusaanii yommuu barru gammachuu guddaatu nutti dhagaʼame.
OBBOLOONNI TAJAAJILA YEROO GUUTUURRATTI AKKA HIRMAATAN JAJJABEESSUU
Waggoota darbanitti, obboloonni hedduun jajjabina isaanii kennineen tajaajila yeroo guutuurratti yommuu hirmaatan arguun gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Gumii qajeelchitoota sagal qabu tokko yommuu daawwannetti, hundisaanii babalʼisaa tokko tokko jajjabeessuudhaan qajeelchaa akka taʼu gargaaruuf galma akka baafatan gorsine. Jiʼa jaʼa booda deebinee yommuu dhaqnu baayʼinni qajeelchitootaa 22 gaʼee nu eege. Obboleettonni qajeelchitoota taʼan lama abbootiinsaanii jaarsolii gumii taʼan qajeelchitoota akka taʼan jajjabeessan. Obboloonni kun lamaanimmoo jaarsi gumii tokko qajeelchaa akka taʼu jajjabeessan. Yeroo muraasa booda jaarsi inni sadaffaan qajeelchaa addaa taʼee muudame. Boodas inniifi haati manaansaa hojii daawwannaa aanaarratti hirmaachuu jalqaban. Jaarsoliin lamaan hafanoo? Inni tokko daawwataa olaanaa aanaa taʼee, inni kaanimmoo garee Ijaarsa Galma Mootummaa keessatti tajaajiluu jalqaban.
Humna keenyaan waan tokkollee raawwachuu akka hin dandeenye yommuu hubannu, gargaarsa inni nuu godheef yeroo hunda Yihowaa galateeffanna. Yeroo tokko tokko dadhabbiin kan nutti dhagaʼamuufi kan dhukkubsannu taʼus, buʼaa tajaajila keenyarraa argannerratti yommuu yaannu gammachuutu nutti dhagaʼama. Yihowaan hojiinsaa akka guddatu godheera. Yeroo ammaa hojii kanarratti qajeelchaa addaa taanee hojjechuudhaan gumaacha xinnoo gochuu keenyatti baayʼee gammanna. Eeyyee, “iccitii” Yihowaa isa ‘jabina kennutti’ amanamuu baranneerra.
[Yaada gabaabaattu fudhatameefi fuula 6rra jiru]
“Iccitii” Yihowaatti amanamuu baranneerra
[Maappii/Fakkii fuula 4rra jiru]
Maadaagaaskaar Odoola Diimaa Guddaa kan jedhamtu siʼa taatu, odoola addunyaarra jiran keessaa guddinaan sadarkaa arfaffaadha. Biyyoonshee diimaa yommuu taʼu, biqiltoota akaakuu garaagaraa iddoo biraatti hin argamne hedduu qabdi
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuun nu gammachiisa
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Hunda caalaa wanti baayʼee nutti ulfaate karaa deemuudha