LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Amajjii ful. 7
  • ‘Phaawulos Waaqayyoon Galateeffate; Akkasumas Jajjabina Argate’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Phaawulos Waaqayyoon Galateeffate; Akkasumas Jajjabina Argate’
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jajjabina Walirraa Argachuu
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Nu Tajaajiluuf Jecha Jabaatanii Hojjetu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Daawwattoonni Olaanaa Aanaa Kan Nu Gargaaran Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Amajjii ful. 7
Phaawulos obboloonni isa simachuu waan dhufaniif yommuu Waaqayyoon galateeffatu

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

‘Phaawulos Waaqayyoon Galateeffate; Akkasumas Jajjabina Argate’

Obboloonni gumii Roomaa keessa jiran Phaawulos dhufaa akka jiru yommuu dhagaʼan, gareedhaan isa simachuuf gara kiiloo meetira 64 deemaniiru. Jaalalli fedhii ofii aarsaa gochuudhaan argisiisan kun Phaawulos irratti dhibbaa akkamii geessise? Phaawulos “yommuu isaan argu Waaqayyoon galateeffate; akkasumas jajjabina argate.” (HoE 28:15) Phaawulos gumiiwwan daawwachaa ture jajjabeessuudhaan kan beekamu taʼus, yeroo kanatti garuu hidhamee waan jiruuf jajjabinni isa barbaachisa ture.—2Qo 13:10.

Yeroo harʼaatti ilaaltoonni ol aanaa aanaa obbolootaa fi obboleettota jajjabeessuuf gumiidhaa gara gumii deemu. Haa taʼu malee yeroo tokko tokko akkuma tajaajiltoota Waaqayyoo kaanii dadhabuu, dhiphachuu fi abdii kutachuu dandaʼu. Yeroo itti aanu ilaaltuun ol aanaa aanaa haadha manaa isaa wajjin gumii keessan yommuu daawwatan, isaan ‘jajjabeessuuf’ maal gochuu dandeessa?—Rom 1:11, 12.

  • Ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko walgaʼii tajaajila dirree yommuu geggeessu

    Walgaʼii tajaajila dirree irratti argamuu. Babalʼistoonni torban sochiin addaa kun itti godhamu irraa guutummaatti faayidaa argachuuf yommuu carraaqqii godhanitti ilaaltuun ol aanaa aanaa jajjabina argata. (1Ta 1:2, 3; 2:20) Jiʼa inni daawwatutti qajeelchaa gargaaraa taʼuuf karoora baafachuu dandeessu. Innii fi haati manaa isaa sii wajjin tajaajila dirree irratti ykn tokkoon isaanii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ati geggeessitu irratti akka hirmaatan afeeruu dandeessaa? Babalʼistoota haaraa ykn hojii lallabaa irratti muuxannoo akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dabalatee, babalʼistoota gara garaa wajjin tajaajiluun isaan gammachiisa.

  • Maatiin tokko ilaaltuu ol aanaa aanaa fi haadha manaa isaa yommuu simatu

    Keessummummaa isaan simachuu. Mana keessan akka buufatan ykn nyaata isaan afeeruu dandeessuu? Kunis ilaaltuu ol aanaa aanaa fi haadha manaa isaa akka jaallattan argisiisa. Taʼus isaan wanti baayʼeen akka isaaniif qopheeffamu hin barbaadan.—Luq 10:38-42.

  • Ilaaltuu ol aanaa aanaa tokko walgaʼii jaarsolii yommuu geggeesu

    Qajeelfamaa fi gorsa inni siif kennu fudhachuu, akkasumas hojii irra oolchuu. Ilaaltuun ol aanaa aanaan tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu ilaalchisee jaalalaan kakaʼee karaa itti fooyyessuu dandeenyu nutti argisiisa. Yeroo tokko tokko immoo, gorsa cimaa kennuun isa barbaachisa taʼa. (1Qo 5:1-5) Isaaf ajajamuunii fi isaaf bitamuun keenya gammachuu isaaf argamsiisa.—Ibr 13:17.

  • Miseensonni gumii ilaaltuu ol aanaa aanaa fi haadha manaa isaa akka dinqisiifatan yommuu isaaniif ibsan

    Dinqisiifannaa isaaniif qabdu ibsiif. Carraaqqiin ilaaltuun ol aanaa aanaa fi haati manaa isaa godhan akkamitti akka si fayyade isaanitti himi. Kanas isaanumatti dubbachuudhaan ykn kaardii irratti barreessuudhaan isaaniif ibsuu dandeessa.—Qol 3:15.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi