LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 9/15 ful. 18-22
  • Obsa Yihowaafi Yesus Argisiisanirraa Baradhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Obsa Yihowaafi Yesus Argisiisanirraa Baradhaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YIHOWAAN OBSA KAN ARGISIISU MAALIIFI?
  • YESUS OBSA QABAACHUUDHAAN FAKKEENYA GAARII KAN TAʼU AKKAMITTI?
  • OBSA AKKA WAAQAYYOO QABAACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • OBSA QABAACHUUN EEBBA AKKAMII ARGAMSIISA?
  • Obsuu Kee Itti Fufi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Obsa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Tajaajilarratti Obsa Qabaachuu Nu Barbaachisa
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Obsa—Kaayyoo Qabaachuudhaan Waa Dandaʼuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 9/15 ful. 18-22

Obsa Yihowaafi Yesus Argisiisanirraa Baradhaa

“Gooftaan obsaan isiniif dandaʼuu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaaʼadhaa!”—2 PHE. 3:15.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yihowaan obsa akka qabu kan argisiise akkamitti?

  • Yesus yeroo dheeraadhaaf obsuun kan isa barbaachise maaliifi?

  • Obsa akka Waaqayyoo qabaachuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu nu barbaachisa?

1. Namoonni amanamoo taʼan tokko tokko gaaffii akkamii kaasu?

OBBOLEETTIIN waggoota baayʼeedhaaf rakkina hedduu dabarsite tokko gad of deebisuudhaan, “Utuun hin duʼin yommuu dhumni dhufu nan argaa laata?” jettee gaafatteetti. Namoonni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan tokko tokkos gaaffii akkasii kaasu. Guyyaa Waaqayyo rakkinoota yeroo ammaa nu mudachaa jiran balleessee waan hundumaa haaraa itti godhu hawwiidhaan eegganna. (Mul. 21:5) Dhumni sirna Seexanaa baayʼee dhihoo akka taʼe amanuuf sababii hedduu kan qabnu taʼus, guyyaa sana obsaan eeguun ulfaataa taʼuu dandaʼa.

2. Obsa Waaqayyoo ilaalchisee gaaffiiwwan kamfaa qorra?

2 Haataʼu malee Macaafni Qulqulluun obsa qabaachuu akka qabnu ibsa. Wanta Waaqayyo nu abdachiise argachuu kan dandeenyu, akkuma tajaajiltoota Waaqayyoo kanaan dura turanii, amantii cimaa qabaachuudhaan yeroo inni abdii kana itti raawwatu obsaan yoo eegnedha. (Ibroota 6:11, 12 dubbisi.) Yihowaaniyyuu obsa argisiisaa tureera. Hammeenya yeroo kamittiyyuu balleessuu kan dandaʼu taʼus, yeroo itti balleessuuf murteesse eegaa jira. (Rom. 9:20-24) Yihowaan obsa guddaa kan argisiise maaliifi? Yesus akka Waaqayyoo obsa argisiisuurratti fakkeenya kan taʼe akkamitti? Obsa akka Waaqayyoo qabaachuun keenya faayidaa maalii nuuf argamsiisa? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya, Yihowaan dafee tarkaanfii kan hin fudhanne yoo nutti fakkaatellee, obsaafi amantii cimaa qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa.

YIHOWAAN OBSA KAN ARGISIISU MAALIIFI?

3, 4. (a) Yihowaan kaayyoo lafaaf qabu raawwachuuf obsa kan argisiise maaliifi? (b) Yihowaan hammeenya Eeden keessatti kaʼee tureef deebii kan kenne akkamitti?

3 Yihowaan obsa argisiisuuf sababii gaʼaa qaba. Yoomiyyuu uumama cufarratti olaantummaa kan qabu taʼus, hammeenyi Eeden keessatti kaʼe uumama cufarratti gaaffii gurguddaa kaaseera. Yihowaan gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa kennuun yeroo akka fudhatu waan beekuuf ni obsa. Gochaafi amala uumamawwansaa samiifi lafarra jiranii guutummaatti waan beekuuf, karaa faayidaa guddaa nuu argamsiisuun tarkaanfii akka fudhatu hin shakkisiisu.—Ibr. 4:13.

4 Kaayyoon Yihowaa sanyiin Addaamiifi Hewwaan lafa akka guutan ture. Addaamiifi Hewwaan abboommiisaa akka cabsan yommuu Seexanni isaan kakaase, Waaqayyo kaayyoosaa kana hin jijjiirre, hin naane, murtoo hatattamaa hin goone, garmalee hin aarre ykn maatii ilmaan namootaatti abdii hin kutanne. Kanaa mannaa karaa kaayyoo ilmaan namootaafi Lafa ilaalchisee qabu itti raawwatu karoorfate. (Isa. 55:11) Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuufi olaantummaasaa mirkaneessuuf of qabeera; obsa guddaa argisiiseera; wantoota kaayyoosaa wajjin wal qabatan tokko tokko karaa sirrii taʼeen raawwachuuf waggoota kumaan lakkaaʼamaniifillee obsuun isa barbaachiseera.

5. Obsi Yihowaa eebba maalii argamsiisa?

5 Sababiin Yihowaan obsaan itti eegu gara biraanimmoo namoonni baayʼeen jireenya barabaraa akka argataniifidha. Yeroo ammaa, ‘tuutni sonaan baayʼeen’ akka oolaniif qophii gochaa jira. (Mul. 7:9, 14; 14:6) Yihowaan hojii lallabaatti fayyadamuudhaan, namoonni waaʼee Mootummaasaafi seera buʼuuraa inni qajeelummaadhaaf baase akka baratan afeeraa jira. Dhugumayyuu, ergaan Mootummichaa ilmaan namootaatiif ‘misiraachoo’ hunda caaludha. (Mat. 24:14) Namni Yihowaan ofitti harkisu hundi, miseensa gumii namoota addunyaa maratti waliisaaniifi wanta sirrii taʼeef jaalala dhugaa qabanii taʼa. (Yoh. 6:44-47) Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe, namoonni akkasii isa duratti fudhatama akka argatan isaan gargaara. Namoota gara fuulduraatti miseensa mootummaasaa isa samii taʼanis ilmaan namootaa keessaa filachaa jira. Namoonni Waaqayyoof bulan kun samiirratti aboo yommuu qabatan, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan sadarkaa cubbuurraa walaba itti taʼanirra akka gaʼaniifi jireenya barabaraa akka argatan gargaaru. Yihowaan obsaan eegaa kan jiru yoo taʼeyyuu, kaayyoosaa isa faayidaa nuuf argamsiisu galmaan gaʼuuf hojjechaa akka jiru beekamaadha.

6. (a) Yihowaan bara Nohitti obsa kan argisiise akkamitti? (b) Yeroo harʼaa Yihowaan obsa argisiisaa kan jiru akkamitti?

6 Yihowaan wanti garmalee isa aarsu yoo jiraateyyuu obsa akka argisiisu, akkaataa inni jalʼina Bishaan Badiisaa dura ture itti qaberraa hubachuun ni dandaʼama. Guutummaan lafaa ejjaafi hammeenyaan guutamee kan ture siʼa taʼu, Yihowaanis haalli namaa gad badaa deemuusaatti ‘garaa isaatii gaddeera.’ (Uma. 6:2-8) Haala sana barabaraaf obsee itti fufuu waan hin dandeenyeef ilmaan namootaa hin abboomamnerratti Bishaan Badiisaa fiduuf murteesse. Yihowaan ‘bara Nohitti obsaan isaan eegaa’ yommuu ture, Nohiifi maatiisaa oolchuuf qophii godheera. (1 Phe. 3:20) Yeroo sirrii taʼetti, murtoo godhe Nohitti himuudhaan markaba akka ijaaru isa ajajeera. (Uma. 6:14-22) Kana malees, Nohi waaʼee badiisa dhufaa jiruu namootatti himuudhaan ‘qajeelina lallabaa’ tureera. (2 Phe. 2:5) Yesus yeroon keenya bara Nohii wajjin akka wal fakkaatu dubbatee ture. Yihowaan yeroo itti sirna hamaa kana balleessu murteesseera. Taʼus, “guyyicha sanaa fi yericha sana” namni beeku tokkollee hin jiru. (Mat. 24:36) Yeroo ammaa, namoonni akkamitti ooluu akka dandaʼan isaanitti himuufi isaan akeekkachiisuudhaan hojii Waaqayyo nuu kenne hojjechaa jirra.

7. Yihowaan abdii kenne raawwachuutti suuta jedhaa? Ibsi.

7 Yihowaan ni obsa yommuu jennu yeroonsaa hamma gaʼutti callisee eega jechuu akka hin taane ifaadha. Obsa Yihowaan argisiisu dantaa dhabuu wajjin tokko goonee matumaa yaaduu hin qabnu. Haataʼu malee, umriin keenya dabalaa yommuu adeemu ykn sirna hamaa kana keessatti rakkinni yommuu nu mudatu, kana yaadachuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Abdii kutachuu ykn Waaqayyo abdii kenne dafee akka hin raawwanne goonee yaaduu dandeenya. (Ibr. 10:36) Yihowaan yeroo itti obsa argisiisaa jiru kanatti, tajaajiltootasaa amanamoo taʼan fayyaduuf hojjechaa akka jiru matumaa dagachuu hin qabnu. (2 Phe. 2:3; 3:9) Yesusis obsa Waaqayyo qabu kan argisiise akkamitti akka taʼe ilaalaa.

YESUS OBSA QABAACHUUDHAAN FAKKEENYA GAARII KAN TAʼU AKKAMITTI?

8. Yesus obsa kan argisiise haala akkamii keessatti?

8 Yesus waggoota kumaan lakkaaʼamaniif hawwii guddaadhaan fedha Waaqayyoo raawwachaa tureera; ammas akkasuma gochaa jira. Yihowaan, yommuu Seexanni fincila kaase Ilmisaa inni tokkichi Masiihii taʼee gara lafaa akka dhufu murteesseera. Kana jechuun Yesus hamma yeroonsaa gaʼutti waggoota kuma hedduutti lakkaaʼamaniif eeguu qaba jechuu akka taʼe yaadaa. (Galaatiyaa 4:4 dubbisi.) Taʼus hamma yeroon kun gaʼutti callisee taaʼaa hin turre; kanaa mannaa hojii Abbaansaa isaa kenne raawwachaa tureera. Dhumarratti yommuu gara lafaa dhufu, akkuma raajiidhaan dubbatame harka Seexanaatti duʼuu akka qabu beeka ture. (Uma. 3:15; Mat. 16:21) Haalli kun dhiphina guddaa kan isarraan geessisu yoo taʼeyyuu, obsaan fedha Waaqayyoo raawwateera. Amanamummaan Yesus argisiise hunda kan caalu ture. Yesus ofiisaafi aboo qaburratti hin xiyyeeffanne; nutis kanarraa barumsa guddaa argachuu dandeenya.—Ibr. 5:8, 9.

9, 10. (a) Yesus yommuu tarkaanfii Yihowaan fudhatu obsaan eegu kanatti maal gochaa jira? (b) Yeroo Yihowaan waan tokko raawwachuuf murteesseef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

9 Yesus erga duʼaa kaafamee booda samiifi lafarratti aboon kennameeraaf. (Mat. 28:18) Aboosaa kanas yeroo Waaqayyo murteessetti kaayyoo Yihowaa raawwachuuf itti fayyadama. Yesus hamma diinonnisaa bara 1914⁠tti ejjeta miillasaa godhamanitti mirga Waaqayyoo taaʼee obsaan eegeera. (Far. 110:1, 2; Ibr. 10:12, 13) Dhiheenyattimmoo Sirna Seexanaa balleessuuf tarkaanfii fudhata. Hammasitti garuu Yesus namoota gara ‘bishaan jireenya kennutti’ geessuuf obsaan hojjeta.—Mul. 7:17.

10 Yeroo Yihowaan waan tokko raawwachuuf murteesse ilaalchisee ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabdan fakkeenya Yesusirraa hubattaniittuu? Yesus wanta Abbaansaa akka inni raawwatu barbaadu raawwachuuf hawwii guddaa qabaatus, hamma yeroon Waaqayyo murteesse gaʼutti eeguuf fedhii qaba. Badiisa sirna Seexanaa yommuu eeggannu kanatti, hundi keenya obsa qabaachuun kan nu barbaachisu taʼus, matumaa Waaqayyoon dursuus taʼe, abdii kutannee gara boodaatti jechuu hin qabnu. Obsa akkasii horachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

OBSA AKKA WAAQAYYOO QABAACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

11. (a) Amantiifi obsi walitti dhufeenya kan qaban karaa kamiinidha? (b) Amantii cimaa qabaachuuf sababii guddaa kan qabnu maaliifi?

11 Yesus gara lafaa dhufuusaa dura, raajonniifi tajaajiltoonni amanamoo taʼan, namoonni cubbamoo taʼanillee akkamitti obsa guddaa qabaachuu akka dandaʼan fakkeenya taʼaniiru. Amantiisaaniifi obsasaanii gidduu walitti dhufeenya guddaatu ture. (Yaaqoob 5:10, 11 dubbisi.) Waan Yihowaan isaanitti dubbate dhugumaan hin amanan utuu taʼee ykn amantii guutuu hin qaban utuu taʼee, abdiin inni kenne hamma raawwatamutti obsaan eeguu dandaʼu turanii? Waaqayyo wanta abdachiise dhumarratti akka raawwatu amanamuudhaan, yeroo baayʼee doorsisa ykn qorumsawwan amantii cimaa taʼan dandaʼaniiru. (Ibr. 11:13, 35-40) Yeroo ammaa Yesus ‘amantii keenya fiixaan baasuuf’ hojjechaa waan jiruuf, amantii cimaa qabachuuf sababii guddaa qabna. (Ibr. 12:2) Karaa amantii cima qabaachuuf nu gargaaruun raajii dubbatame raawwateera; kaayyoo Waaqayyoos mulʼiseera.

12. Amantii keenya cimsachuuf maal gochuu dandeenya?

12 Amantii keenya cimsachuudhaan obsa qabnu guddifachuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeenya? Gorsa Waaqayyoo hojiirra oolchuun keenya murteessaadha. Fakkeenyaaf, jireenya keessan keessatti Mootummicha kan dursitan maaliif akka taʼe irratti xiinxalaa. Gorsa Maatewos 6:33⁠rra jiru hojiirra oolchuuf carraaqqii dabalataa gochuu ni dandeessuu? Kana jechuun tajaajilarratti saʼaatii dabalataa dabarsuu ykn akkaataa jireenyaa keessanirratti sirreeffama tokko tokko gochuu jechuudha. Yihowaan carraaqqii hamma yoonaatti gootan akkamitti akka isinii eebbisaa jiru hin dagatinaa. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka geggeessitan ykn ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaarra caalu’ akka argattan isin gargaareera taʼa. (Filiphisiiyus 4:7 dubbisi.) Faayidaa qajeelfama Yihowaa hordofuudhaan dhuunfaatti argattanirratti yommuu xiyyeeffattan, obsa qabaachuuf caalaatti fedhii qabaattu.—Far. 34:8.

13. Amantiifi obsa guddifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

13 Haalli kun marsaa hojii qonnaa jechuunis facaasuu, meesuufi haamuu wajjin wal fakkaata. Qonnaan bulaan tokko yeroo tokko oomisha hedduu yommuu galfatu, yeroo ittaanu facaasuuf amanannaa guddaa qabaata. Erga facaasee booda hamma galfatutti obsaan eeguunsaa barbaachisaa taʼus, haalli kun isa duraa caalaa balʼinaan akka hin facaasne isa hin godhu. Oomisha akka galfatu amanannaa qaba. Haaluma wal fakkaatuun, irra deddeebinee gorsa Yihowaa barachuufi hordofuudhaan yommuu faayidaa irraa argannu, amanannaan Yihowaarratti qabnu ni guddata. Amantiin keenyas waan guddatuuf, eebbawwan akka dhufan beeknu obsaan eeguun salphaa nuu taʼa.—Yaaqoob 5:7, 8 dubbisi.

14, 15. Dhiphina namootarra gaʼuuf ilaalcha akkamii qabaachuu nu barbaachisa?

14 Karaan obsa qabaachuuf nu gargaaru gara biraanimmoo biyya lafaafi haala dhuunfaa keenyaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu qoruudha. Ilaalcha Yihowaan waan tokkoof qabu qabaachuuf yaalaa. Fakkeenyaaf, dhiphina namootarra gaʼuuf ilaalcha akkamii akka qabu yaadaa. Rakkina namootarra gaʼaa tureen dhiphachaa kan ture taʼus, gaddaan moʼamee waan gaarii hojjechuu hin dadhabne. ‘Hojii Seexanaa akka diiguufi’ miidhaa inni ilmaan namootaarratti fide hunda akka balleessuuf Ilmasaa isa tokkicha ergeera. (1 Yoh. 3:8) Taʼus, dhiphinni nurra gaʼu yeroo gabaabaadhaaf kan turu siʼa taʼu, furmaanni Waaqayyo kennu garuu barabaraaf kan itti fufudha. Haaluma wal fakkaatuun, jalʼinni bulchiinsa Seexanaa keessa jiru akka nu moʼu heyyamuu ykn hamma inni badutti obsa dhabuu mannaa, wantoota hin mulʼanneefi barabaraaf itti fufanirratti amantii haa qabaannu. Yihowaan yeroo itti jalʼina balleessu kan murteesse yommuu taʼu, yeroosaattis tarkaanfii ni fudhata.—Isa. 46:13; Nah. 1:9.

15 Guyyoota gara dhumaa yeroo rakkisaa taʼan kanatti, rakkoowwan gurguddaan amantii keenyarra gaʼuu dandaʼu. Yommuu hamminni nurratti ykn nama jaallannurratti raawwatamu aariidhaan tarkaanfii fudhachuu mannaa, guutummaatti Yihowaatti amanamuuf haa murteessinu. Cubbamoota waan taaneef kana gochuun salphaa miti. Haataʼu malee wanta Yesus godheefi Maatewos 26:39 irratti galmeeffame yaadadhaa. (Dubbisi.)

16. Yeroo nu hafe keessatti maal gochuurraa fagaachuu nu barbaachisa?

16 Wanti obsa akka Waaqayyoo akka hin qabaanne nu godhu tokko, ilaalcha ‘Waaʼee borii hin yaaddaʼin’ jedhudha. Kana jechuun maal jechuudha? Namni dhumni barichaa dhihoo taʼuusaa amantii hin qabne, ‘Wanti tokko akka Yihowaan dubbatetti utuu hin raawwatamin yoo hafe maaltu beeka?’ jedhee dhimma gara biraarratti xiyyeeffachuu jalqabuu dandaʼa. Karaa gara biraa, ‘Yihowaan waan dubbate dhugumaan akka raawwatu yommuu yeroonsaa gaʼun ilaala’ jedhee yaada taʼa. Kanaaf biyya lafaa kana keessatti beekamtii argachuu, Mootummaa Waaqayyoo dursuu mannaa qarshii hedduu argachuu ykn yeroo ammaatti barumsi sadarkaa olaanaa jireenya qananii jiraachuuf kan isa dandeessisu godhee yaaduu dandaʼa. Gochi akkasii amantii dhabuu kan argisiisu mitii? Phaawulos fakkeenya namoota amanamoo ‘amantiifi obsaan’ waan Yihowaan isaan abdachiise eeggatanii akka hordofnu nu gorsuusaa yaadadhaa. (Ibr. 6:12) Yihowaan sirni hamaan kun hamma inni kaayyoosaa galmaan gaʼuuf yaade caalaa akka turu hin heyyamu. (An. 2:3) Hammasitti garuu maqumaaf Yihowaa tajaajiluurraa fagaachuu qabna. Kanaa mannaa, misiraachoo Mootummichaa isa yeroo ammaallee gammachuu guddaa nuu argamsiisuufi dammaqoo taanee jiraachuuf nu gargaaru lallabuurratti dhimminee hirmaachuu nu barbaachisa.—Luq. 21:36.

OBSA QABAACHUUN EEBBA AKKAMII ARGAMSIISA?

17, 18. (a) Obsa ilaalchisee yeroo ammaa carraa akkamii qabna? (b) Yeroo ammaa obsa qabaachuun keenya eebbaa akkamii nuu argamsiisa?

17 Waaqayyoon kan tajaajille jiʼoota muraasaafis haataʼu waggoota hedduudhaaf, barabaraaf isa tajaajiluuf fedhii qabaachuu nu barbaachisa. Sirni kun baduuf yeroon hafe hammamiyyuu yoo taʼe, obsa qabaachuun hamma fayyina argannutti jabaannee itti fufuuf nu gargaara. Yihowaan yeroo ammaa murtoo inni godhetti guutummaatti akka amanamnu, barbaachisaa taanaanis maqaasaaf jecha dhiphina dandaʼuuf fedhii qabaachuu keenya akka argisiisnuuf carraa nuu kenneera. (1 Phe. 4:13, 14) Kana malees Waaqayyo obsa fayyina argachuuf nu barbaachisu akka qabaannu nu leenjisaa jira.—1 Phe. 5:10.

18 Yesus samiirrattis taʼe lafarratti aboo guutuu waan qabuuf, ofii keenyaa yoo baane malee eenyuyyuu eegumsasaa keessaa nu baasuu hin dandaʼu. (Yoh. 10:28, 29) Duʼallee taanaan waaʼee gara fuulduraa sodaachuu hin qabnu. Namoonni hamma dhumaatti obsaan itti fufan ni oolu. Kanaaf biyyi lafaa Yihowaatti amanamuu keenya akka dhaabnu gochaa jiraachuufi dhiisuusaa haa mirkaneessinu. Amantii keenya cimsachuufi yeroo Waaqayyo obsa argisiisaa jiru kanatti ogummaadhaan itti fayyadamuuf haa murteessinu.—Mat. 24:13; 2 Phexros 3:17, 18 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi