LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 9/15 ful. 23-27
  • “Guyyicha, Yerichas Hin Beektan”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Guyyicha, Yerichas Hin Beektan”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • FAAYIDAA DAMMAQINAAN EEGUUDHAAN ARGAMU
  • DIBAMTOOTA OF QOPHEESSAN
  • OF QOPHEESSUU
  • DAMMAQINAAN EEGAA
  • Akeekkachiisa Kennameef Xiyyeeffannaa Kennaa Jirtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • ‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Nuti Isinii Wajjin Deemna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 9/15 ful. 23-27

“Guyyicha, Yerichas Hin Beektan”

“Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!”—MAT. 25:13.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Karaan guyyaa ykn yeroo dhumni itti dhufu beekuu dhiisuu keenyaan faayidaa argannu tokko tokko maalfaʼi?

  • Dibamtoonni dammaqoo taʼanii kan jiraatan akkamitti?

  • Dhufa Kiristosiif qophaaʼoo taʼuu keenya karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?

1-3. (a) Fakkeenyonni wanta Yesus dubbate akka gaariitti ibsan lamaan kamfaʼi? (b) Gaaffiiwwan kamiif deebii argachuu nu barbaachisa?

ABBAAN taayitaa walgaʼii cimaa tokkorratti argamuu barbaadu bakka sana konkolaataadhaan akka isa geessituuf akka si gaafate godhii yaadi. Bakka sana isa geessuuf daqiiqaan muraasni yommuu hafu garuu konkolaataankee bobaʼaa achiin si gaʼu akka hin qabne hubatte. Kanaaf, hatattamaan deemtee itti guutuu si barbaachisa. Erga ati bituu deemtee booda abbaan taayitaa sun ni dhufe. Innis si barbaadee si argachuu hin dandeenye. Hamma ati dhuftutti si eeguu waan hin dandeenyeef namni gara biraan akka isa geessu gaafate. Yeruma sana siʼa deebitu akka inni si dhiisee deeme hubatte. Yeroo kanatti maaltu sitti dhagaʼama?

2 Ammammoo ati abbaa taayitaa sana akka taateefi hojii barbaachisaa taʼe tokko akka hojjetaniif namoota hojichaaf gaʼumsa qaban sadii akka filatte godhii yaadi. Hojichi maal akka taʼe kan isaaniif ibsite siʼa taʼu, sadanuu gammachuudhaan fudhatan. Yeroo muraasa booda yommuu deebitu garuu, hojiisaanii hojjechaa kan jiran lama qofa akka taʼan hubatte. Kana malees, inni hojjechaa hin jirre sun sababii quubsaa hin taane dhiheessuu jalqabe. Namni kun hojicha hojjechuufillee yaalii hin goone. Yeroo kanattoo maaltu sitti dhagaʼama?

3 Yesus fakkeenya waaʼee durbootaafi meetii dubbaterratti, Kiristiyaanonni dibamoon bara isa dhumaa keessa jiraatan tokko tokko amanamoofi ogeessa yommuu taʼan, kaanimmoo maaliif akka hin taane ibsuuf fakkeenya armaan olii wajjin wal fakkaatu caqaseera.a (Mat. 25:1-30) Yesus, “Egaa, guyyicha, yericha” jechuunis yeroo Yesus biyya lafaa Seexanni bulchurratti tarkaanfii fudhatu “hin beektaniitii dammaqaa!” jechuudhaan wanta dubbachuu barbaade cimsee ibseera. (Mat. 25:13) Yeroo harʼaa gorsa kana hojiirra oolchuu ni dandeenya. Gorsa Yesus dammaqnee akka eegnu nuu kenne hordofuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni ooluuf of qopheessaa jiran eenyufaʼi? Dammaqoo taanee jiraachuuf yeroo ammaa maal gochuu qabna?

FAAYIDAA DAMMAQINAAN EEGUUDHAAN ARGAMU

4. ‘Dammaqinaan eeguu’ jechuun saʼaatii murtaaʼe tokko eeguu jechuu kan hin taane maaliifi?

4 Hojiiwwan tokko tokko kanneen akka warshaa keessaa hojjechuu, doktoora bira dhaqanii yaalamuu ykn geejjiba uummataatti fayyadamuu saʼaatii eeguu gaafatu. Haataʼu malee, hojiiwwan akka ittisa balaa ibiddaa ykn balaan erga gaʼee booda hojii lubbuu baraarsuurratti saʼaatii eeguun yaada namaa hihhiruu ykn balaa sanarra caalu geessisuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti saʼaatii eeguu mannaa hojicharratti xiyyeeffachuun caalaatti barbaachisaadha. Yeroo dhumni sirna kanaa caalaatti dhihaachaa jiru kanatti, namoonni qophii Yihowaan fayyinaaf godherratti akka xiyyeeffatan gargaaruun yoomiyyuu caalaa barbaachisaadha. Akka Kiristiyaana tokkootti dammaqinaan jiraachuu jechuun saʼaatii murtaaʼe tokko eeguu jechuu miti. Guyyaan ykn yeroon dhumni itti dhufu yoom akka taʼe sirriitti beekuu dhiisuu keenyaan yoo xinnaate karaa shaniin faayidaa arganna.

5. Guyyicha ykn yericha beekuu dhiisuun keenya wanta garaa keenya keessa jiru mulʼisuuf kan nu gargaaru akkamitti?

5 Tokkoffaa, dhumni yoom akka dhufu beekuu dhiisuun keenya dhugumaan wanti garaa keenya keessa jiru maal akka taʼe mulʼisuuf nu gargaara. Yihowaan guyyicha nutti himuu dhiisuufi filannaa dhuunfaa keenyatti fayyadamnee isaaf amannamoo taʼuu keenya akka argisiisnu nuu heyyamuudhaan akka nu kabaju argisiiseera. Badiisa sirna kanarra gaʼu jalaa ooluuf kan hawwinu taʼus, Yihowaa kan tajaajillu jireenya argachuuf qofa utuu hin taʼin waan isa jaallannuufidha. (Faarfannaa 37:4 dubbisi.) Waaqayyo kan nu barsiisu faayidaa keenyaaf akka taʼe ni hubanna; fedhasaa raawwachuuttis ni gammanna. (Isa. 48:17) Abboommiinsaa baʼaa akka taʼe nutti hin dhagaʼamu.—1 Yoh. 5:3.

6. Jaalalaan kakaanee yommuu Waaqayyoon tajaajillu maaltu isatti dhagaʼama? Maaliif?

6 Faayidaa lammaffaan guyyicha ykn yericha beekuu dhiisuun keenya nuu argamsiisu, garaa Yihowaa ciibsuuf carraa kan nuu banu taʼuusaati. Guyyaa murtaaʼe tokko yaadatti qabannee ykn buʼaa argachuuf jennee utuu hin taʼin, jaalalaan kakaanee yommuu isa tajaajillu, deebii Yihowaan himata sobaa Seexanni dhiheesseef kennuuf gumaacha goona. (Iyo. 2:4, 5; Fakkeenya 27:11 dubbisi.) Dhiphinaafi gadda Seexanni geessise hunda waan beeknuuf, olaantummaa Yihowaa gammachuudhaan ni deggerra; bulchiinsa Seexanaa isa hamaas ni balaaleffanna.

7. Jireenya fedhii ofii aarsaa gochuu jiraachuun gammachiisaadha kan jennu maaliifi?

7 Sadaffaa, guyyaa murtaaʼe tokko utuu yaadatti hin qabatin Yihowaa tajaajiluun, fedhii keenya aarsaa gochuudhaan jiraachuuf nu gargaara. Yeroo harʼaa namoonni Waaqayyoon hin beekne tokko tokkollee, biyyi lafaa akkuma amma jirutti itti fufuu akka hin dandeenye ni amanu. Badiisni taʼe tokko in dhufa jedhanii waan sodaataniif, “Bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas!” jedhu. (1 Qor. 15:32) Nuti garuu hin sodaannu. Fedhii ofittummaarratti xiyyeeffachuuf jennee namarraa adda of hin baasnu. (Fak. 18:1, hiika bara 1899) Kanaa mannaa, fedhii keenya aarsaa gochuudhaan yeroo, humnaafi qabeenya keenya misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namoota kaanitti himuuf itti fayyadamna. (Maatewos 16:24 dubbisi.) Waaqayyoon tajaajiluun, keessumaammoo namoonni kaan akka isa beekan gargaaruun nu gammachiisa.

8. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu, Yihowaafi Dubbiisaarratti guutummaatti amanamuu akka qabnu argisiisu kamidha?

8 Faayidaa arfaffaan guyyicha ykn yericha beekuu dhiisuun keenya nuu argamsiisu, guutummaatti Yihowaatti akka amanamnuufi Dubbiisaa jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuuf dhimminee akka hojjennu kan nu taasisu taʼuusaati. Amala gadhee namoonni cubbuu dhaalan qaban keessaa tokko garmalee ofitti amanamuudha. Phaawulos, “Namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!” jechuudhaan Kiristiyaanota hunda gorseera. Iyaasuun Israaʼeloota Biyyattii Abdachiifamtetti galchuusaa yeroo muraasa dura, Israaʼeloonni kuma digdamii sadii taʼan Yihowaa duratti fudhatama dhabanii turan. Phaawulos, ‘Wanti kun hundinuu nuyi warra dhumni barichaa irra gaʼeef barumsa akka nuuf taʼuuf caafame’ jedheera.—1 Qor. 10:8, 11, 12.

9. Rakkinni kan nu cimsuufi gara Waaqayyootti caalaatti kan nu dhiheessu akkamitti?

9 Faayidaa shanaffaan dhumni yoom akka dhufu beekuu dhiisuun keenya nuu argamsiisu, rakkinni yeroo ammaa nurra gaʼu akka nu jabeessu kan godhu taʼuusaati. (Faarfannaa 119:71 dubbisi.) Dhugumayyuu guyyoonni gara dhumaa sirna hamaa kanaa ‘sodaachisaadha.’ (2 Xim. 3:1-5) Namoonni biyya lafaa hedduun waan nu jibbaniif, amantii keenyaaf jennee ariʼatamuu dandeenya taʼa. (Yoh. 15:19; 16:2) Yeroo qorumsi akkasii nurra gaʼu gad of deebisuudhaan qajeelfama Waaqayyoo kan barbaannu yoo taʼe, amantiin keenya ni jabaata ykn akka waan ibidda keessa darbeetti cima. Kanaaf, abdii kutannee dubbatti hin jennu. Kanaa mannaa, hanga yaaduu dandeenyu caalaa Yihowaatti dhihaanna.—Yaq. 1:2-4; 4:8.

10. Yeroon dafee waan darbu kan fakkeessu maalidha?

10 Yeroon, sochii godhamurratti hundaaʼuudhaan dheeraa ykn gabaabaa fakkaachuu dandaʼa. Saʼaatii ilaaluu mannaa yommuu hojiidhaan qabamnu yeroon fiigee waan darbu nutti fakkaata. Haaluma wal fakkaatuun, hojii gammachiisaa Yihowaan akka raawwannu nuu kenneen yommuu qabamnu, guyyichiifi yerichi utuu nuyi hin beekin gaʼuu dandaʼa. Gama kanaan dibamtoonni hedduun fakkeenya gaarii taʼaniiru. Mee erga Yesus bara 1914⁠tti Mootii taʼee booda wanta raawwatameefi dibamtoonni tokko tokko yommuu qophaaʼoo taʼan, kaanimmoo akkamitti utuu hin qophaaʼin akka hafan haa qorru.

DIBAMTOOTA OF QOPHEESSAN

11. Dibamtoonni bara 1914 booda Gooftaan akka barfate kan isaanitti dhagaʼame maaliifi?

11 Fakkeenya Yesus durbootaafi meetii ilaalchisee dubbate yaadadhaa. Durboonni ykn hojjettoonni fakkeenya Yesus keessatti caqasaman, misirrichi ykn gooftaansaanii yoom akka dhufu beeku utuu taʼee dammaqinaan eeguun isaan hin barbaachisu ture. Haataʼu malee, waan hin beekneef qophaaʼanii eeguun isaan barbaachiseera. Dibamtoonni waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura barri 1914 waggaa addaa akka taʼu eegaa kan turan taʼus, yeroo kanatti wanta raawwatamu sirriitti hin hubanne turan. Kanaaf wanti isaan eegan utuu hin raawwatamin yommuu hafetti, dhirsi misirroo ykn Yesus akka barfate isaanitti dhagaʼamee ture. Obboleessi tokko, “Muraasni keenya torban jalqaba Onkoloolessa 1914⁠tti, gara samii akka dhaqnu cimsinee amanna turre” jechuudhaan yeroo booda wanta yaadatu dubbateera.

12. Dibamtoonni amanamoofi ogeessa taʼuusaanii kan argisiisan akkamitti?

12 Obboloonni kun dhumni akka dhufu eegaa turan, utuu hin raawwatamin hafuunsaa hangam abdii akka isaan kutachiise yaada. Kana malees, Waraana Addunyaa Tokkoffaa wajjin haala wal qabateen mormiin isaan mudateera. Yeroo kanatti akka waan rafaniitti sochii gochuu dhiisaniiru. Bara 1919⁠tti garuu akka dammaqaniif waamichi isaanii dhihaate. Yesus gara mana qulqullummaa hafuuraatti kan dhufe siʼa taʼu, yeroon itti qoramanis ni gaʼe. Tokko tokko garuu qorumsa kana utuu hin darbin waan hafaniif, mirga hojii Mootichi akka raawwatan isaanitti kenne dhabaniiru. (Mat. 25:16) Akkuma durboonni gowwaa sun cuunfaa ejersaa ibsaasaaniitti utuu hin guuttatin hafan, isaanis karaa hafuuraa wanta isaan barbaachisu utuu hin guuttatin hafaniiru. Kana malees, akkuma hojjetaa dhibaaʼaa sanaa Mootummichaaf jecha fedhii dhuunfaasaanii aarsaa gochuuf hawwii hin qaban turan. Dibamtoonni hedduun garuu, waggoota waraanni itti geggeeffamaa tureefi rakkisaa taʼan sanattillee amanamummaadhaan Gooftaasaanii tajaajiluuf fedhii guddaa akka qaban argisiisaniiru.

13. Kutaan hojjetaa, bara 1914 booda ilaalcha akkamii qaba ture? Yeroo harʼaahoo ilaalcha akkamii qaba?

13 Bara 1914 booda Masaraan Eegumsaa akkas jedhee ture: “Obbolootaa, nuti warri Waaqayyoof ilaalcha sirrii qabnu, qophiisaa kamittiyyuu abdii hin kutanne. Fedhiin keenya akka raawwatamu kan hin barbaanne waan turreef, wanti Onkoloolessa 1914⁠tti eegne dogoggora taʼuusaa yommuu hubannu, Gooftaan nu wajjin walsimuuf jedhee kaayyoosaa jijjiiruu dhiisuusaatti gammannee turre. Nuyis akka inni kana godhu hin barbaannu turre. Wanti barbaannu kaayyoosaa hubachuu qofa ture.” Dibamtoonni yeroo ammaa jiranis, amala gad of deebisuufi Waaqayyoof kan bulan taʼuu akkasiitiin beekamu. Dinqii raawwanna kan hin jenne taʼanis, hojii Gooftaa lafarratti raawwachuuf murtoo cimaa godhaniiru. Yeroo ammaa, Kiristiyaanonni “hoolota kan biraa,” “tuuta sonaan baayʼee” taʼaniifi abdii lafarra jiraachuu qabanis, dammaqinaan jiraachuufi hinaaffaa qabaachuurratti fakkeenyasaanii hordofu.—Mul. 7:9; Yoh. 10:16.

OF QOPHEESSUU

14. Jaarmiyaa Yihowaan nyaata hafuuraa raabsuuf itti fayyadamutti maxxannee jiraachuun kan nu eegu akkamitti?

14 Akkuma dibamtoonni dammaqoo taʼan miseensonni tuuta sonaan baayʼee dammaqoo taʼanis, jaarmiyaa Waaqayyo nyaata hafuuraa raabsuuf itti fayyadamutti maxxananii jiraachaa jiru. Kanaaf, akkuma cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqamuu, isaanis Dubbii Waaqayyoofi hafuurasaarraa wanta isaan barbaachisu guuttachaa jiru jechuun ni dandaʼama. (Faarfannaa 119:130; Yohannis 16:13 dubbisi.) Kanaan kan kaʼe isaanis, qorumsa cimaa keessattillee dammaqoo taʼuudhaan, yeroo Kiristos deebiʼee dhufuuf of qopheessaa jiru. Fakkeenyaaf, mana hidhaa Naazii tokko keessatti jalqabarratti obboloonni Macaafa Qulqulluu tokko qofa qabu turan. Kanaaf nyaata hafuraa dabalataa argachuuf kadhannaa dhiheessan. Sana booda utuma baayʼee hin turin, obboleessi reefuu hidhame, miillasaa tokko dhabeefi miilla mukarraa hojjetametti fayyadamu tokko, Masaraa Eegumsaa haaraa muraasa miillasaa kana keessa kaaʼuudhaan mana hidhichaatti akka galche hubatan. Obboleessi dibaman Arnesti Vaawur jedhamuufi warra hiikaman keessaa tokko ture waan yaadatu akkas jechuudhaan dubbateera: “Yihowaan yaada barreeffama sanarra jiru yaadatti akka qabannu karaa dinqii taʼeen nu gargaareera. Yeroo ammaa nyaata hafuuraa argachuun baayʼee salphaadha, haataʼu malee yeroo hunda ni dinqisiifannaa? Yihowaan namoota isatti amanaman, ejjennoosaanii eeganiifi maaddiisaarraa nyaachuusaanii itti fufaniif eebba guddaa akka qopheesse nan amana.”

15, 16. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko hinaaffaadhaan tajaajiluudhaan eebba kan argatan akkamitti? Muuxannoo akkasiirraa barumsa maalii argachuu dandeessu?

15 Hoolonni kan biraan obboloota Kiristos garaadhaa deggeruudhaanis hojii Gooftaa hedduu raawwatu. (Mat. 25:40) Hojjetaa hamaafi dhibaaʼaa fakkeenya Yesus keessatti caqasamerraa haala faallaa taʼeen, fedhii Mootummichaa dursuuf jecha aarsaafi carraaqqii cimaa gochuuf hawwii qabu. Fakkeenyaaf Jooniifi Masaakoon Keeniyaa keessatti namoota afaan Chaayinaa dubbatan akka gargaaraniif siʼa afeeraman jalqabarratti hamma tokko mamanii turan. Haataʼu malee, haalasaanii kadhannaadhaan erga qoranii booda, bakka sana deemuuf murteessan.

16 Carraaqqii gochuusaanitti eebba guddaa argataniiru. “Tajaajilli asitti raawwanu nama ajaaʼibsiisa” jedhaniiru. Namoota torba Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqaban. Sana booda eebba nama gammachiisu hedduu argataniiru. “Yihowaan iddoo kana akka dhufnu waan nuu heyyameef guyyaa guyyaadhaan isa galateeffanna” jedhaniiru. Obboloonni dhumni yoomiyyuu haa dhufu garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf murteessan gara biraanis akka jiran beekamaadha. Mee obboloota kumaan lakkaaʼamaniifi Mana Barumsaa Giilʼaadii eebbifamanii baʼuudhaan misiyoonii taʼan yaadaa. Waaʼee namoota tajaajila addaa akkasiirratti hirmaatanii hamma tokko beekuuf mataduree “Hamma Humni Keenya Dandaʼe Hojjechaa Jirra!” jedhuufi Masaraa Eegumsaa (Amaariffa) Onkoloolessa 15, 2001⁠rratti baʼe dubbisuun keessan gaariidha. Seenaa gammachiisaa wanta misiyooniin tokko guyyaa keessatti hojjetu ibsu kana dubbisuudhaan tajaajila keessanirratti galata Waaqayyoof galchita guddifadhaa; yoo akkas gootan gammachuu argattu.

DAMMAQINAAN EEGAA

17. Guyyichaa ykn yericha beekuu dhiisuun keenya eebba kan nuu argamsiisu akkamitti?

17 Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, guyyaafi yeroo sirni kun itti badu beekuu dhiisuun keenya eebba kan nuu argamsiisudha. Fedhasaa raawwachuudhaan yommuu hojiisaatti qabamnu, abdii kutachuu mannaa caalaatti Yihowaa Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼetti dhihaanna. Yaanni keenya utuu hin hihhiramin, akka fakkeenyaatti hordaa qabannee itti fufuun keenya tajaajila Gooftaarratti gammachuu guddaa nuu argamsiisa.—Luq. 9:62.

18. Amantii keenyatti abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

18 Guyyaa firdii Waaqayyootti saffisaan dhihaachaa jirra. Tokkoon keenyayyuu Yihowaa ykn Yesusiin gaddisiisuu hin barbaannu. Guyyoota gara dhumaa kana keessatti mirga tajaajilaa guddaa adaraadhaan nutti kennaniiru. Hojii isaan adaraadhaan nutti kennan kana baayʼee dinqisiifanna.—1 Ximotewos 1:12 dubbisi.

19. Of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Abdiin keenya samiirras taʼe lafa Jannata taaturra jiraachuu, hojii lallabaafi bartoota gochuu nutti kenname amanamummaadhaan raawwachuuf haa murteessinu. Ammayyuu taanan, guyyaan Yihowaa yeroo kamitti akka dhufu sirriitti hin beeknu; taʼus beekuu nu barbaachisaa? Of qopheessuu keenya itti fufuu qabna; ni dandeenyas. (Mat. 24:36, 44) Yihowaatti guutummaatti amanamuufi Mootummaasaa dursuu keenya hamma itti fufnetti abdii hin kutannu.—Rom. 10:11.

a Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 2004, fuula 14-18 ilaali. (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi