LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 9/15 ful. 28-32
  • Yihowaan Sabasaa Gammadoo Taʼan Walitti Sassaaba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Sabasaa Gammadoo Taʼan Walitti Sassaaba
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WALGAʼII GURGUDDAA BARA DURIIFI YEROO AMMAA
  • WALGAʼIIWWAN MADDA GAMMACHUU TAʼAN
  • WALGAʼII GURGUDDAA YEROO HARʼAA DINQISIIFACHUU
  • Walgaʼiiwwan Guguddaa Waggaa Waggaadhaan Godhannu Carraa Jaalala Itti Argisiisnu Nuuf Banu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Nyaata Hafuuraa Yeroosaatti Dhihaate
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Walgaʼiin Koonyaa Keenya—Dhugaadhaaf Ragaa Cimaa Dhiheessa
    Tajaajila Mootummaa—2012
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 9/15 ful. 28-32

Yihowaan Sabasaa Gammadoo Taʼan Walitti Sassaaba

“Saba sana, dhiirotaa fi dubartoota, ijoollotas, galaa kellaa keessan keessa jirus . . . walitti sassaabaa!”—KES. 31:12.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

Seenaa saba Waaqayyoo keessatti walgaʼii gurguddaan iddoo guddaa qabu turan jedhamuu kan dandaʼu maaliifi?

Israaʼeloonni durii hedduun ayyaanota Yerusaalemitti kabajamanirratti argamuuf carraaqqii akkamii godhu turan?

Walgaʼii gurguddaarraa hafuu kan hin qabne maaliifi?

1, 2. Mataduree kana keessatti walgaʼii gurguddaa ilaalchisee maal qorra?

WALGAʼIIN biyyoolessaafi walgaʼiin koonyaa seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa isa ammayyaa keessatti iddoo guddaa akka qaban baayʼeen keenya ni yaadanna. Baayʼeen keenya waggoota hedduudhaaf walgaʼiiwwan gammachiisaa taʼan hedduurratti hirmaanneerra taʼa.

2 Waggoota kumaan lakkaaʼaman duras sabni Waaqayyoo walgaʼii gurguddaa ni godhu turan. Kanatti aansee walgaʼii gurguddaa sabni Waaqayyoo bara duriitti godhaniifi Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman isa yeroo harʼaa wajjin walbira qabuudhaan qorra. Akkasumas faayidaa walgaʼiiwwan kanarratti hirmaachuudhaan argannurratti xiyyeeffanna.—Far. 44:1; Rom. 15:4.

WALGAʼII GURGUDDAA BARA DURIIFI YEROO AMMAA

3. (a) Walgaʼii sabni Waaqayyoo yeroo jalqabaatiif godhan wanti adda taasisu maal ture? (b) Israaʼeloonni walgaʼiidhaaf akkamitti waamamu turan?

3 Walgaʼiin sabni Waaqayyoo Tulluu Siinaa jalatti godhan, walgaʼii guddaa hamma yeroo sanaatti qajeelfama hafuuraa argachuuf godhan keessaa isa jalqabaa ture. Walgaʼiin kun seenaa waaqeffannaa dhugaa keessatti iddoo guddaa kan qabu ture. Yihowaan walgaʼii dinqisiisaa namoonni achitti argaman matumaa hin irraanfanne kanarratti, Israaʼelootatti humnasaa mulʼiseera; Seerasaas isaanii kenneera. (Bau. 19:2-9, 16-19; Baʼuu 20:18; Keessa Deebii 4:9, 10 dubbisi.) Walgaʼiin sun walitti dhufeenya Waaqayyo sana booda Israaʼelootaa wajjin godheef buʼuura ture. Sana booda utuma baayʼee hin turin Yihowaan karaa itti sabasaa sassaabu qopheesse. “Guutummaan waldaa” “balbala dunkaana itti wal gaʼan sanatti” akka walitti qabaman waamuuf fiingee meetii lama akka hojjetu Museetti hime. (Lak. 10:1-4) Yeroo akkasiitti gammachuun hangamii akka mulʼatu mee yaadaa!

4, 5. Walgaʼii gurguddaan Museefi Iyaasuun geggeessan iddoo guddaa kan qaban maaliif ture?

4 Museen, Israaʼeloonni adeemsa waggaa 40f lafa onaa keessatti godhan xumuruu jala yommuu gaʼaniifi yeroo murteessaa seenaa saba hamma tokko haaraa taʼe kanaa keessatti Israaʼeloota walitti sassaabe. Yeroo kanatti Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qophaaʼaa turan. Wanta Yihowaan isaanii godheefi gara fuulduraatti isaanii godhu hunda obbolootasaa yaadachiisuuf Museedhaaf kun yeroo sirrii ture.—Kes. 29:1-15; 30:15-20; 31:30.

5 Museen walgaʼii kanarratti qophii saba Waaqayyoo yeroo hunda walitti sassaabuufi barsiisuuf godhame caqasee taʼuu hin oolu. Waggaa Sanbataa yeroo ayyaanni gordommaa ayyaaneffatamutti, dhiironni, dubartoonni, ijoollonni, galaanis ‘Waaqayyo gooftaasaanii dhagaʼuufi sodaachuu akka baraniifi dubbii abboommii isaa hundumaa gaarii godhanii akka eeganiif’ bakka Yihowaan filatetti walitti qabamuu qabu turan. (Keessa Deebii 31:1, 10-12 dubbisi.) Kanaaf seenaa saba Waaqayyoo jalqabaa kana keessatti dubbiifi kaayyoo Yihowaarratti mariʼachuuf, yeroo baayʼee sassaabamaa akka turan hin shakkisiisu. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte qabatanii kan xumuran taʼus, namoota saba Waaqayyoo hin taaneen marfamanii waan jiraniif, murtoo Yihowaadhaaf amanamoo taʼuuf godhan akka cimsataniif Iyaasuun sabicha hunda walitti qabe. Isaanis Waaqayyoon tajaajiluuf waadaa galan.—Iya. 23:1, 2; 24:1, 15, 21-24.

6, 7. Walgaʼii gurguddaan sabni Yihowaa bara keenyatti godhan iddoo guddaa qabu turan jedhamuu kan dandaʼu maaliifi?

6 Seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa ammayyaa keessattis, walgaʼii gurguddaan kan godhaman siʼa taʼu, achirrattis jijjiiramni godhaman ykn hubannaan Caaffata Qulqullaaʼoorratti argaman ifa godhamaniiru. (Fak. 4:18) Barattoonni Macaafa Qulqulluu Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda yeroo jalqabaatiif walgaʼii guddaa kan godhan bara 1919 Yunaayitid Isteetis, Seedaar Pooyinti Ohaayootti ture. Walgaʼii namoonni gara 7,000 taʼan irratti argaman kanarratti wanti iddoo guddaan kennameef, addunyaa maratti misiraachicha lallabuu ture. Walgaʼii guddaa bara 1922⁠tti guyyaa sagaliif iddoodhuma kanatti godhamerratti, Joseef Eef. Raazarfordi hojii kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee ture. Akkas jechuudhaan dhaggeeffattoota jajjabeesseera: “Dhugaa Baatota Gooftaa warra amanamoofi dhugaa taʼaa. Baabilon guutummaatti ona hamma taatutti lola keessan itti fufaa. Ergaa Mootummichaa bakka fagoo taʼetti balʼinaan labsaa. Guutummaan addunyaa Yihowaan Waaqa akka taʼeefi Yesus Kiristos Gooftaa gooftotaafi Mootii moototaa akka taʼe beekuu qaba. Guyyaan harʼaa guyyaa adda taʼedha. Kunoo Mootichi moʼeera! Isin immoo warra kana beeksisanidha. Kanaaf, Mootichaafi mootummaasaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa.” Namoonni walgaʼicharratti argamaniifi sabni Waaqayyoo addunyaa maraa gorsa kana gammachuudhaan fudhataniiru.

7 Barattoonni Macaafa Qulqulluu bara 1931 Kolombos Ohaayootti maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun yommuu moggaafaman gammachuu guddaan isaanitti dhagaʼameera. Achiis Obboleessi keenya Raazarfordi bara 1935⁠tti Waashingitan Dii.Siitti, “tuuta sonaan baayʼee” ‘teessicha dura hoolicha duras akka dhaabatan’ Macaafa Mulʼataa keessatti caqasaman adda baasee ibse. (Mul. 7:9-17) Obboleessi keenya Naataan Echi. Noor bara 1942 yeroo Waraanni Addunyaa Lammaffaan geggeeffamaa jirutti haasaa “Nagaan Itti Fufuu Dandaʼaa?” jedhuufi baayʼee nama gammachiisu dhiheesse. Haasaa kanarratti ‘bineensi bildiimaan’ Mulʼata boqonnaa 17⁠rratti caqasame eenyu akka taʼeefi waraanicha booda hojiin lallabaa balʼinaan akka hojjetamu ibseera.

8, 9. Keessumaa walgaʼii gurguddaan tokko tokko gammachiisaa kan turan maaliifi?

8 Keessumaa haasaan Obboleessi Keenya Noor mataduree “Rakkina Deebisanii Ijaaruufi Babalʼisuun Qabu” jedhuun walgaʼii guddaa “Saba Gammadoo” jedhuufi bara 1946 Ohaayoo, Kileevlaanditti godhamerratti dhiheesse kan irraanfatamu miti. Namni walgaʼicharratti hirmaate tokko gammachuu haasaan sun uume ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “Galgala gaafa sanaa waltajjiirratti isa duuba taaʼuuf mirga argadheen ture; yommuu inni hojii mana jireenyaa Biruukiliin Betʼeliifi warshaa babalʼisuuf karoorfame ibsu namoonni achitti walgaʼan daqiiqaa dheeraadhaaf harkasaanii walitti rurrukutan. Waltajjiirra dhaabatanii fuula tokkoo tokkoo namaa ilaaluun kan hin dandaʼamne taʼus, gammachuusaanii salphaatti hubachuun ni dandaʼama ture.” Walgaʼii guddaa bara 1950 Niwuu Yoork Siitiitti godhamerratti, namoonni achitti argaman Macaafa Qulqulluu Afaan Giriikii Hiika Addunyaa Haaraa isa maqaa Waaqayyoo iddoo duraan Dubbiisaa keessa turetti deebisuudhaan isa jalqabaa taʼe argachuusaaniitti gammadanii turan.—Er. 16:21.

9 Walgaʼii gurguddaan Yihowaan ariʼatamni ykn dhorkaan isaanirra gaʼaa ture erga dhaabatee booda sabasaa amanamoo taʼaniif qopheesses baayʼee kan nama gammachiisan turan. Adoolf Hiitlar, Dhugaa Baatota Yihowaa Jarman keessa turan balleessuuf dhaadatee kan ture taʼus, walgaʼii guddaa bara 1955 Nuurambarg bakka inni itti dhaadatee turetti godhamerratti namoonni 107,000 argamanii turan. Namoonni walgaʼicharratti argaman baayʼeen gammachuudhaan kan kaʼe imimmaansaanii toʼachuu hin dandeenye. Namoota 166,518 bakka buʼoota taʼuudhaan, walgaʼii guddaa “Waaqayyoof Buluu” jedhamuufi bara 1989 Poolaanditti godhamerratti argaman keessaa baayʼeensaanii, Tokkummaa Sooviyeet durii, Chekoslovaakiyaafi biyyoota Baha Awurooppaa garaagaraa keessaa kan dhufan turan. Isaan keessaa tokko tokko kanaan dura namoota 15 ykn 20 ol taʼanii wajjin walgaʼii godhanii waan hin beekneef kun isaaniif isa jalqabaati. Walgaʼii biyyoolessaa bara 1993 mataduree “Waaqayyorraa Barachuu” jedhuun Yuukreen, Kiiyevitti godhameefi seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti yeroo jalqabaatiif namoonni 7,402 cuuphamanirrattis gammachuun hangamii akka ture yaadaa!—Isa. 60:22; Hag. 2:7.

10. Keessumaa walgaʼii guddaa irratti argamtan kam yaadattu? Maaliif?

10 Tarii walgaʼii koonyaa ykn biyyoolessaa sammuu keessan keessaa hin baanne beektu taʼa. Walgaʼii guddaa yeroo jalqabaatiif irratti argamtan ykn cuuphamtan ni yaadattuu? Walgaʼiiwwan kun isiniif karaa hafuuraa iddoo guddaa kan qabanidha. Yaadannoo kanaaf iddoo guddaa kennaa.—Far. 42:4.

WALGAʼIIWWAN MADDA GAMMACHUU TAʼAN

11. Waaqayyo, Israaʼeloonni durii yeroo hundaa ayyaanota kamirratti akka argaman qophii godhee ture?

11 Yihowaan Israaʼeloonni ayyaanota waggaatti siʼa sadii godhaman jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Makarii (booda ayyaana Phenxeqostee jedhameera), akkasumas ayyaana Gordommaa kabajuuf waggaa waggaadhaan akka walitti sassaabaman ajajeera. Ayyaanota kana ilaalchisee, Waaqayyo abboommii, “Dhiironni kee hundinuu waggaatti siʼa sadii ana Waaqayyo gooftaa duratti haa dhiʼaatan!” jedhu kennee ture. (Bau. 23:14-17) Mataawwan maatii hedduun faayidaa guddaa ayyaanonni kun karaa hafuuraa argamsiisan hubachuudhaan guutummaa maatiisaanii wajjin argamu turan.—1 Sam. 1:1-7; Luq. 2:41, 42.

12, 13. Israaʼeloota hedduudhaaf ayyaanota waggaarratti argamuu jechuun maal jechuu ture?

12 Maatii Israaʼel tokkoof ayyaana kanarratti argamuuf karaa sana deemuu jechuun maal jechuu akka taʼe yaadaa. Fakkeenyaaf, Yoseefiifi Maariyaam Naazireetii kaʼanii Yerusaalem gaʼuuf gara kiilomeetira 100 miillaan deemu turan. Ijoollee xixinnoo wajjin karaa akkasii deemuun guyyaa meeqa kan fudhatu sitti fakkaata? Seenaan waaʼee Yesus ijoollummaasaatti Yerusaalem dhaquusaa ibsu, firoonniifi namoonni wal beekan gareedhaan akka waliin deeman argisiisa. Waliin deemuu, nyaata qopheessuufi bakka isaaniif haaraa taʼetti iddoo ciisichaa mijataa qopheessuun muuxannoo hin irraanfatamne kan isaanii argamsiisu taʼuu qaba. Haallisaa mijataa waan tureef ijoolleen umrii waggaa 12 kan akka Yesus kophaasaanii deemuu dandaʼu turan. Keessumaa ijoolleen yeroo kana yaadachuun hangam akka isaan gammachiisu tilmaamaa!—Luq. 2:44-46.

13 Israaʼeloonni erga biyyasaaniitii baafamanii faffacaʼanii booda namoonni ayyaanota kanarratti argaman biyyoota garaagaraatii dhufu turan. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee Yihudoonni dinqisiifannaa qabaniifi namoonni gara Yihudiitti jijjiiraman biyyoota akka Xaaliyaanii, Liibiyaa, Qareenee, Asiyaa xinnoofi Mesophotaamiyaatii gara Yerusaalem dhufanii turan.—HoE. 2:5-11; 20:16.

14. Israaʼeloonni ayyaanota waggaarratti argamuudhaan faayidaa kan argatan akkamitti ture?

14 Israaʼeloonni hedduun adeemsa kana baayʼee kan jaallatan, namoota kumaan lakkaaʼamaniifi Yihowaa jaallatanii wajjin akka isa waaqeffatan waan isaan gargaaruuf ture. Kun namoonni ayyaana kanarratti argaman maaltu akka isaanitti dhagaʼamu godha? Deebiin gaaffii kanaa, qajeelfama Yihowaan Ayyaana Gordommaa ilaalchisee akkas jechuudhaan kenne keessatti argama: “Ayyaaneffachuu kee kanattis, ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, sanyiin Lewwii, galaan, ijoolleen abbaan irra hin jirree fi dubartiin abbaan manaa irraa duʼe warri kellaa mandaroota kee keessa jiraatanis, walii wajjin itti gammadaa! Ati dhugumaan akka gammaddutti, Waaqayyo gooftaan kee waan ati galfattuun, hojii harka kee hundumaanis waan si eebbisuuf, iddoo inni foʼatu sanatti ayyaanicha Waaqayyo gooftaa keef guyyaa torba ayyaaneffadhu!”—Kes. 16:14, 15; Maatewos 5:3 dubbisi.

WALGAʼII GURGUDDAA YEROO HARʼAA DINQISIIFACHUU

15, 16. Walgaʼii gurguddaarratti argamuuf aarsaa akkamii gootaniittu? Aarsaa akkasii gochuun keessan kan isin kiisu maaliifi?

15 Ayyaanonni bara durii kun saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼu. Jaarraa hedduudhaaf wantoonni baayʼeen kan jijjiiraman taʼus, wanti barbaachisaan walgaʼii gurguddaarratti dhihaatu garuu hin jijjiiramne. Bara duriitti namoonni ayyaanota sanarratti argamuuf aarsaa kaffaluun isaan barbaachisa ture. Yeroo harʼaas namoonni hedduun akkas godhu. Taʼus, faayidaan aarsaa gochuudhaan argatan kan isaan kiisudha. Walgaʼiiwwan kun karaa hafuuraa faayidaa guddaa kan qaban turan; harʼas akkasumadha. Hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu ilaalchisee barumsaafi hubannaa barbaachisaa taʼe nuu kennu. Walgaʼii gurguddaan wanta baranne hojiirra oolchuuf nu kakaasu, rakkinarraa fagaachuuf nu gargaaru, akkasumas hojiiwwan baʼaa nutti taʼanirratti utuu hin taʼin, hojiiwwan boqonnaa nuu argamsiisanirratti xiyyeeffachuu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessu.—Far. 122:1-4.

16 Namoota walgaʼii gurguddaarratti argaman gidduutti yeroo baayʼee gammachuun ni mulʼata. Walgaʼii guddaa bara 1946⁠tti godhame tokko ilaalchisee gabaasni tokko akkas jedheera: “Dhugaa Baatonni kumaan lakkaaʼaman tasgabbiidhaan yommuu taaʼan arguun baayʼee nama gammachiisa. Namoonni meeshaa muuziqaa taphatan warra faarfannaa Mootummichaa Yihowaadhaaf ulfina fidan faarfatanii wajjin walitti dabalamee yommuu dhagaʼamummoo caalaatti nama gammachiisa. Kutaan Tajaajila Fedhaa, namoota obbolootasaanii gammachuudhaan tajaajiluu barbaadaniifi walgaʼicharratti argaman keessaa hojjettoota kutaa hundaaf barbaachisan galmeessee ture.” Isinoo walgaʼii koonyaa ykn walgaʼii biyyoolessaa ilaalchisee akkas isinitti dhagaʼamaa?—Far. 110:3; Isa. 42:10-12.

17. Yeroo dhihoodhaa asitti walgaʼii gurguddaarratti jijjiirama akkamiitu godhame?

17 Akkaataa walgaʼii gurguddaan itti qindeeffamanirratti jijjiiramni tokko tokko godhameera. Fakkeenyaaf sabni Waaqayyoo tokko tokko yeroo walgaʼii gurguddaan guyyaa saddeetiif itti godhaman ni yaadatu. Walgaʼiiwwan kun sagantaa ganama, waaree boodaafi galgala godhamu qabu turan. Tajaajila baʼuun sagantaa walgaʼichaa isa dhaabbataa keessaa tokko ture. Kutaawwan muraasni ganama keessaa saʼaatii saditti kan jalqaban siʼa taʼu, hanga galgala keessaa saʼaatii sadiitti itti fufu turan. Obboloonni fedhaan of dhiheessan warra walgaʼicharratti argamaniif ciree, laaqanaafi irbaata qopheessuuf jabaatanii hojjetu turan. Yeroo harʼaa walgaʼii gurguddaan guyyaa muraasaaf kan turu siʼa taʼu, maatiiwwaniifi namoonni dhuunfaa nyaatasaanii qopheeffachuudhaan fudhatanii dhaquunsaanii nyaata hafuuraa sagantichaarratti caalaatti xiyyeeffachuuf isaan gargaara.

18, 19. Sagantaa walgaʼii gurguddaarratti dhihaatu keessaa isa kam hawwiidhaan eegda? Maaliif?

18 Wantoonni yeroo dheeraadhaaf kutaa walgaʼii gurguddaa turan tokko tokko dhihaachuunsaanii akka hin hafne beekamaadha. Nyaanni hafuuraa raajiifi barumsa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti hubachuuf nu gargaaru, karaa haasaa waltajjiirraa kennamuun qofa utuu hin taʼin, karaa barreeffamoota haaraa walgaʼii koonyaarratti baʼaniis “yeroodhaan” nuu dhihaata. (Mat. 24:45) Barreeffamoonni akkasii yeroo baayʼee namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa Caaffata Qulqullaaʼoo akka hubatan gargaaru. Diraamaan Macaafa Qulqulluu miira namaa kakaasu, dargaggoonnis taʼan gaʼeessonni kakaʼumsasaanii akka qoraniifi dhiibbaa ilaalchi biyya lafaa Waaqayyo malee jiraatu isaanirraan geessisu akka moʼan isaan gargaara. Haasaan cuuphaa, hundi keenya wantoota dursa kenninuuf akka qorruufi namoonni kaan yommuu Yihowaadhaaf of murteessan arguudhaan akka gammannu carraa nuu argamsiisa.

19 Eeyyee, walgaʼii gurguddaan yeroo dheeraadhaaf kutaa waaqeffannaa dhugaa taʼuudhaan, sabni Waaqayyoo gammadoo taʼan, yeroowwan rakkisaa taʼanitti sirriitti akka isa tajaajilaan isaan qopheessaniiru. Walgaʼiiwwan akkasii karaa hafuuraa nama kakaasu; michoota haaraa argachuuf carraa banu; obbolummaa addunyaa maraa akka dinqisiifannu nu gargaaru; akkasumas karaa Yihowaan sabasaa eebbisuufi kunuunsuuf itti fayyadamu isa guddaa taʼanii tajaajilu. Tokkoon tokkoon keenya kutaa walgaʼii gurguddaarratti dhihaatan hundarratti argamnee fayyadamuuf, haala keenya mijeeffachuu akka barbaannu beekamaadha.—Fak. 10:22.

[Fakkii fuula 30⁠rra jiru]

Walgaʼii biyyoolessaa bara 1950 Niwuu Yoorki Siitiitti godhame

[Fakkii fuula 32⁠rra jiru]

Moozaambiik

[Fakkii fuula 32⁠rra jiru]

Kooriyaa Kibbaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi