LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/04 ful. 4
  • Nyaata Hafuuraa Yeroosaatti Dhihaate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nyaata Hafuuraa Yeroosaatti Dhihaate
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Sabasaa Gammadoo Taʼan Walitti Sassaaba
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Dhaggeeffadhaa, Akkasumas Baradhaa
    Tajaajila Mootummaa—2013
Tajaajila Mootummaa—2004
km 8/04 ful. 4

Nyaata Hafuuraa Yeroosaatti Dhihaate

1 Gooftaan hundaa ol ta’e Yihowaan, “Ani . . . midhaan nan waama, akka inni baay’atus nan godha. Beelas isinitti hin fidu” jedheera. (His. 36:29) Jechoonni raajiidhaan dubbataman kun yeroo har’aa saba Waaqayyootiif ni hojjetu. Yihowaan sabasaatiif nyaata hafuuraa lubbuu oolchu baay’inaan akka biqilchu dubbateera. Nyaanni hafuuraa walga’ii koonyaa keenyaan yeroosaatti kennamu, kun dhugaa ta’uusaa kan argisiisudha.

2 Walga’ii guddaa Kolomboos Ohaayootti bara 1931 godhame tokkorratti, Yihowaan waaqeffattoonnisaa maqaa haaraa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamuun akka waamaman godhe. (Isa. 43:10-​12) Bara 1935⁠tti tuutni sonaan baay’ee Mul’ata 7:9-17⁠rratti caqasaman, sirriitti addaan baafamanii beekaman. Bara 1942⁠tti, Obboleessi keenya Noor haasawaa sabaa, “Nagaan, Kan Itti Fufuu Danda’udhaa?” jedhu dhiheessee ture. Haasawaan sun, hojii lallabaa addunyaa maratti hojjetamuuf humna kenneera; akkasumas Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Masaraa Eegumsaa Giliyaad akka dhaabatu godheera. Walga’iiwwan gurguddaa tokko tokko keessumaa kan hin irraanfatamne ta’aniyyuu, hundisaanii maaddii hafuuraa yeroosaatiif barbaachisaa ta’e turan.​—Far. 23:5; Mat. 24:45.

3 Nyaata Dhihaatu Akka Gaariitti Ni Fudhattaa? Nyaataan marfamnuyyuu, nyaachuuf carraaquu baannaan beelaan hubamuu dandeenya. (Fak. 26:15) Haalli nyaata hafuuraas akkasuma. Walga’iiwwan koonyaa muraasarratti, yeroo sagantaan geggeeffamu namoonni tokko tokko, asiifi achi ennaa deeman ykn warra kaanii wajjin yeroo odeessan hubatameera. Haasawaa nama jajjabeessu gochuun kutaa barbaachisaa walga’ii kanaa ta’uyyuu, yeroon kanaaf heyyamame sa’aatii walga’ii duraafi boodadha. (Lal. 3:​1, 7) Hundi keessan faarfannaafi kadhannaa jalqabaarratti garaa guutuudhaan hirmaachuu akka dandeessan, walga’ichi jalqabamuusaa dura teessuma keessan akka qabattan isin jajjabeessina. Waggaa kanatti, sagantichi ganama sa’aatii 3:30⁠tti jalqabamee 11:05⁠tti kan xumuramu ennaa ta’u, gaafa Dilbataa 3:30⁠tti jalqabamee 10:05⁠tti xumurama. Ennaa sagantichi geggeeffamu teessoo keenya qabannee xiyyeeffannaadhaan yoo dhaggeeffachuu baanne, barumsi barbaachisaa ta’e nu darbuu danda’a. Kutaan ilaaltota olaanaa walga’ii koonyaafi obboloonni hojiidhaaf ramadaman, utuu walga’ichi geggeeffamuu dhimmawwan walga’ichaarratti mari’achuu danda’u. Kanaanachi, walga’icha xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan fakkeenya gaarii ta’uu qabu. Hundi keenyayyuu taanaan, nyaanni hafuuraa dhihaate kun nu jala ba’uu hin qabu.​—1 Qor. 10:12; Filp. 2:​12.

4 Barumsa sobaa Sabni Kiristiyaanaa barsiistuu wajjin walbira qabnee ennaa ilaallu, Yihowaan barumsa hafuuraa dhugaa ta’e nuu dhiheessuusaatti hammam gammadnaa! (Isa. 65:13, 14) ‘Warra galata qabnu’ ta’uu keenya karaan itti argisiisuu dandeenyu inni tokko, walga’ii koonyaa kana carraa Yihowaarraa itti barannu goonee ilaaludhaani. (Qol. 3:​15) Obboleessa haasawaa kennurratti utuu hin ta’in ergaasaarratti xiyyeeffadhaa; ergichis “Barsiisaa” Isa Guddicharraa akka dhufetti ilaalaa. (Isa. 30:20, 21; 54:13) Xiyyeeffannaadhaan hordofaa. Yaadannoo gabaabaa qabadhaa. Galgala galgala waan barattanirratti mari’adhaa. Waan barattan hojiirra oolchaa.

5 Walga’iin koonyaa Armaagedoon dura godhamu hundi, safara baqattootaattis ta’e, naannoowwan waraanaatti ykn bakka mijaa’aatti godhamu injifannoo Seexanarratti argamedha! Obboloota tokkummaa qabnu waan taaneef, walga’ii koonyaa walii wajjin gochuuf carraa arganne kana akka mirga guddaatti ilaalla. (His. 36:38) Yihowaan gara fuula duraattis jaalalaan kaka’ee, ‘yeroodhaan nyaata nu ga’u akka nuu kennu’ amantii guutuu qabna.​—Luq. 12:42.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

1. Yeroo har’aatti Hisqi’el 36:29 kan raawwatamee jiru akkamitti?

2. Yihowaan nyaata hafuuraa yeroosaatti dhiheessuuf walga’iiwwan koonyaatti kan gargaarame akkamitti?

3. Nyaata hafuuraa walga’ii koonyaarratti baay’inaan dhihaaturraa faayidaa argachuuf maal gochuu qabna?

4. Nyaata hafuuraa Yihowaan bal’inaan nuu dhiheessuuf galata akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Walga’iin koonyaa gammachuu kan nuuf argamsiisu akkamitti?

[Ibsa fakkii fuula 4rra jiru]

Maaddii Yihowaatiif Dinqisiifannaa Argisiisaa

◼ Xiyyeeffannaadhaan hordofaa

◼ Yaadannoo gabaabaa qabadhaa

◼ Galgala galgala yaadawwan ijoo irra deebi’aa

◼ Waan barattan hojiirra oolchaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi