Faarfannaa
KITAABA LAMMAFFAA
(Faarfannaa 42-72)
Geggeessaa muuziqaatiif. Maaskiilii* ilmaan Qoraa.+
42 Akkuma gadamsi bishaan yaaʼu hawwitu,
Yaa Waaqayyo, ani sin* hawwa.
2 Ani Waaqa, Waaqa isa jiraataa nan dheebodhe.+
Dhaqee Waaqa duratti kanan mulʼadhu yoomi?+
3 Imimmaan koo halkanii fi guyyaa nyaata koo taʼeera;
Namoonni guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?”+ jedhanii natti qoosu.
4 Wantoota kana nan yaadadha, lubbuu* koos nan dhangalaasa,
Sababiin isaas, yeroo tokko namoota hedduu wajjin nan deeman ture;
Sagalee gammachuu fi sagalee galataatiin,
Sagalee namoota hedduu ayyaana kabajaniinis,+
Isaan dura buʼee ulfinaan* gara mana Waaqayyoo nan deeman ture.
5 Abdii kanan kutadhu maaliifi?+
Keessi koo kan jeeqamu maaliifi?
6 Yaa Waaqa koo, ani abdii kutadheera.+
7 Huursaa fincaaʼaa bishaaniitiin
Bishaanonni gad fagoon bishaanota gad fagoo ni waamu.
Dhaʼaan dambaliiwwan keetii hundi na liqimseera.+
8 Guyyaa guyyaa Yihowaan jaalala isaa isa amanamaa natti argisiisa,
Halkan halkanis faarfannaan isaa, jechuunis kadhannaan ani Waaqa lubbuu kootiitiif dhiheessu naa wajjin taʼa.+
9 Ani Waaqa qarsaa koo taʼeen,
“Maaliif na irraanfatte?+
Cunqursaa diina kootiin kan kaʼe gaddaan asii fi achi kanan jooru maaliifi?”+ nan jedha.
10 Diinonni koo jibba hamaa na jibbanii* natti qoosu;
Guyyaa guutuus, “Waaqni kee eessa jira?”+ jedhanii natti qoosu.
11 Abdii kanan kutadhu maaliifi?
Keessi koo kan jeeqamu maaliifi?