Ermiyaas
16 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Ati iddoo kanatti haadha manaa hin fuudhin, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas hin dhalchin. 3 Sababiin isaas, Yihowaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa bakka kanatti dhalatan, haadhotii isaanii warra biyya kanatti isaan daʼanii fi abbootii isaanii warra isaan dhalchan ilaalchisee akkana jedha: 4 ‘Isaan dhukkuba cimaadhaan ni duʼu;+ garuu namni isaaniif gaddu yookiin namni isaan awwaalu hin jiraatu; lafa irratti akkuma dikee ni taʼu.+ Goraadee fi beelaan ni dhumu;+ reeffi isaaniis allaattiiwwan samii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.’
5 Yihowaan akkana jedha:
‘Gara mana warra gaddaatiif nyaanni itti dhihaatutti hin seenin,
Booʼuuf yookiin isaan jajjabeessuufis hin deemin.’+
Yihowaan akkana jedha: ‘Sababiin isaas, ani nagaa koo,
Jaalala koo isa amanamaa fi gara laafina koo namoota kana irraa kaaseera.+
6 Inni guddaanis taʼe inni xinnaan biyya kana keessatti ni duʼa.
Isaan hin awwaalaman,
Namni isaaniif gaddus hin jiraatu,
Namni isaaniif jedhee of mummurus taʼe mataa isaa haaddatu hin jiraatu.*
7 Warra namni jalaa duʼe jajjabeessuuf,
Namoota gadda irra jiraniif nyaata kan qopheessu hin jiraatu;
Warri abbaan yookiin haati jalaa duʼan akka dhuganiif
Namni xoofoo jajjabinaa isaaniif kennu tokko illee hin jiraatu.
8 Isaanii wajjin teessee nyaachuu fi dhuguuf,
Gara mana affeerraatti hin seenin.’
9 “Sababiin isaas, Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, iddoo kanatti, bara keessanitti ijuma keessan duratti ani sagalee gammachuu fi sagalee ililchuu, sagalee misirrichaa fi sagalee misirrittii nan callisiisa.’+
10 “Yommuu ati dubbii kana hundumaa saba kanatti himtu isaan immoo, ‘Yihowaan rakkinni guddaan kun hundi akka nu irra gaʼu kan dubbate maaliifi? Waaqa keenya Yihowaa irratti balleessaa fi cubbuu akkamii raawwanne?’ jedhanii si gaafatu.+ 11 Akkana jedhii isaaniif deebisi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kun kan taʼe, abbootiin keessan waan na dhiisaniif,+ waaqolii kan biroo duukaa waan buʼaniif, waan isaan tajaajilanii fi waan isaaniif sagadaniifi.+ Isaan na dhiisaniiru, seera koos hin eegne.+ 12 Isin wanta abbootiin keessan raawwatan caalaa hamaa taʼe raawwattaniittu;+ tokkoon tokkoon keessan naaf ajajamuu mannaa, garaa keessan isa didaa fi hamaa taʼe duukaa ni buutu.+ 13 Kanaafuu, ani biyya kana keessaa isin baasee biyya isinis taatan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata;+ achitti isin waaqolii kan biroo halkanii guyyaa tajaajiluuf dirqamtu;+ sababiin isaas, ani gara laafina isinitti hin argisiisu.”’
14 “Yihowaan akkana jedha: ‘Haa taʼu malee, kana booda guyyaan isaan, “Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa saba Israaʼel biyya Gibxii keessaa baaseen nan kakadha!” itti hin jenne ni dhufa;+ 15 kanaa mannaa isaan, “Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa saba Israaʼeliin biyya kaabaa fi biyyoota itti isaan faffacaasee ture hundumaa keessaa baasee fideen nan kakadha!” jedhu; anis gara biyya isaanii isan abbootii isaaniitiif kennetti isaan nan deebisa.’+
16 Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, namoota qurxummii kiyyeessan hedduu nan waama,
Isaanis isaan ni kiyyeessu.
Sana booda adamsitoota hedduu nan waama,
Isaanis gaaraa fi tabba hundumaa irratti,
Baqaqaawwan kattaa keessattis adamsanii isaan qabatu.
17 Sababiin isaas, ijji koo wanta isaan raawwatan hundumaa ni arga.*
Isaan na duraa hin dhokanne,
Balleessaan isaaniis ija koo duraa hin dhokanne.
18 Jalqaba irratti, gatii guutuu balleessaa isaanii fi cubbuu isaaniitiif malu isaaniif nan deebisa;+
Sababiin isaas, isaan fakkiiwwan lubbuu hin qabne* kan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniitiin biyya koo xureessaniiru,
Dhaala koos wantoota jibbisiisoo isaaniitiin guutaniiru.’”+
19 Jabina koo fi dahoo koo,
Guyyaa dhiphinaatti bakkan itti baqadhu kan taate yaa Yihowaa,+
Saboonni andaara lafaa irraa gara kee dhufanii,
“Abbootiin keenya wanta guutummaatti soba taʼe,
Wanta gatii hin qabnee fi wanta faayidaa hin qabne dhaalaniiru”+ jedhu.
20 Namni tokko waaqolii tolfachuu ni dandaʼaa?
Wantoonni inni tolfatu dhugumaan waaqolii miti.+
21 “Kanaafuu, ani isaan nan barsiisa,
Yeroo kanatti humna koo fi jabina koo akka beekan nan godha,
Isaanis maqaan koo Yihowaa akka taʼe dhugumaan ni beeku.”