Warri ‘Keessumaa Taʼanii Jiraatan’ Waaqeffannaa Dhugaatiin Tokko Taʼaniiru
“Ilmaan ormaas qotiisa isiniif in qotu, wayniis isiniif in dhaabu. Isin garuu luboota Waaqayyoo in taatu.”—ISA. 61:5, 6.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Namoonni tokko tokko warra orma taʼan akkamitti ilaalu? Ilaalchi Macaafa Qulqulluu kanarraa adda kan taʼehoo akkamitti?
Afeerriin saba hundaaf dhihaate isa kami?
Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu ormummaan hin jiru jechuun kan dandaʼamu maaliifi?
1. Namoonni tokko tokko warra ormaa akkamitti ilaalu? Kun sirrii kan hin taanehoo maaliifi?
AKKUMA mataduree darberratti ibsame, namoonni jecha “orma” jedhu arrabsoo ykn tuffii cimaa argisiisuuf itti fayyadamu. Ilaalchisaanii kun, namoonni saba garabiraa taʼan namoota biyyasaaniitii gad akka taʼanitti akka ilaalan argisiisa. Kana malees, ilaalchi akkasii dhugaa jiru akka haalan kan mulʼisudha. Barreeffamni Za Reesis oov Maankaayindi jedhamu, “Sanyiin ilmaan namootaa akka Macaafni Qulqulluun jedhutti obboloota waliiti” jedheera. Namoonni obbolaa taʼan yeroo baayʼee garaagarummaa guddaa qabaatanis obbolaa waliiti.
2, 3. Yihowaan namoota akka ormaatti ilaalamaniif ilaalcha akkamii qaba?
2 Dhugaadha, bakka kamiyyuu yoo jiraanne, namoonni ormaa nu gidduudhaa hin dhabaman. Israaʼeloota durii karaa kakuu Seerichaa Yihowaa wajjin hariiroo addaa qaban gidduus namoonni ormaa jiru turan. Namoonni ormaa kun mirgisaanii hamma tokko kan daangeffame taʼus, Israaʼeloonni isaan kabajuufi haala loogiirraa walaba taʼeen isaanii wajjin jiraachuu qabu turan. Kun fakkeenya gaarii hordofuu qabnudha. Loogiin ykn halaalatti nama jibbuun Kiristiyaanota dhugaa biratti iddoo hin qabu. Maaliif? Phexros, “Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne amma hubadheera. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha” jedheera.—HoE. 10:34, 35.
3 Namoonni Israaʼel durii keessatti orma turan warra dhalootaan Israaʼeloota taʼanitti michoomuudhaan faayidaa argataniiru. Phaawulos yeroo booda, “Waaqayyo keenya Waaqayyo warra Yihudootaa duwwaa dha moo? Saba warra Yihudoota hin taʼiniifis Waaqayyo mitii ree? Eyyee, inni saba warra Yihudoota hin taʼiniif immoo Waaqayyoo dha” jechuudhaan ilaalcha Yihowaan nama hundaaf qabu ibseera.—Rom. 3:29; Yoe. 2:32.
4. “Israaʼel Waaqayyoo” gidduu ormi hin jiru jechuun kan dandaʼamu maaliifi?
4 Namoonni dhalootaan Israaʼeloota taʼaniifi Waaqayyoo wajjin hariiroo addaa qaban, karaa kakuu haaraa gumii Kiristiyaanota dibamootiin bakka buufamaniiru. Kanaaf, “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamaniiru. (Gal. 6:16) Phaawulos saba haaraa kana ilaalchisee akkas jechuudhaan ibseera: “Griikii fi Yihudii, nama dhagna qabatee fi nama dhagna hin qabatin, wallaalaa [“orma,” NW], isa jireenya isaa hin qajeelfatin, garba, birmaduu jechuun hin jiru; Kristos garuu hundumaaf jira, inni nama hundumaaf waan hundumaa ti.” (Qol. 3:11) Kanaaf, gumii Kiristiyaanaa keessa ormi hin jiru jechuun ni dandaʼama.
5, 6. (a) Yaada Isaayaas 61:5, 6rra jiru ilaalchisee gaaffii akkamiitu kaʼuu dandaʼa? (b) Namoonni Isaayaas “luboota Waaqayyoo” jedhe eenyufaʼi? “Orma” kan jedhamanoo eenyufaʼi? (c) Gareen lamaan kun tokkummaa akkamii qabu?
5 Karaa garabiraammoo, namni tokko raajii Isaayaas boqonnaa 61rratti argamuufi gumii Kiristiyaanaarratti raawwatamaa jiru caqasuu dandaʼa. Lakkoofsa 6ffaa boqonnaa kanaarratti namoonni “luboota Waaqayyoo” taʼanii tajaajilan caqasamaniiru. Lakkoofsi 5mmoo waaʼee namoota “orma” taʼaniifi “luboota” kana deggeruudhaan isaanii wajjin hojjetanii dubbata. Yaadni kun hubatamuu kan qabu akkamitti?
6 “Luboota Waaqayyoo” kan jedhaman, warra “duʼaa kaʼuu isa duraa” irratti hirmaataniifi “luboota Waaqayyoo, luboota Kristosis taʼanii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof moʼuuf jiru” jedhaman akka taʼan hubachuu qabna. (Mul. 20:6) Kiristiyaanonni amanamoon lafarra jiraachuuf abdii qaban hedduunis jiru. Namoonni warra samii keessatti tajaajilan kanaa wajjin hojjetaniifi isaanitti michooman kun ormatti fakkeeffamaniiru. Namoonni kun akka fakkeenyaatti ‘qotiisa isaaniif qotuufi waynii isaaniif dhaabuudhaan’ gammachuudhaan “luboota waaqayyoo” deggeru; akkasumas isaanii wajjin hojjetu jechuun ni dandaʼama. Namoota sooruufi walitti qabuudhaan, iji hojii hafuuraa Waaqayyoof ulfina fidu akka baayʼatu gumaacha godhu. Dibamtoonnis taʼan ‘hoolonni kan biraan’ namoota garaa qajeelaa qabaniifi barabaraaf Waaqayyoon tajaajiluu barbaadan walitti qabu; akkasumas jaalalaan isaan kunuunsu.—Yoh. 10:16.
AKKUMA ABRAHAAM ‘KEESSUMMUMMAADHAAN JIRAATU’
7. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa Abrahaamiifi namoota bara durii amanamoo taʼanii wajjin kan walfakkaatan akkamitti?
7 Akkuma mataduree darberratti ibsame, Kiristiyaanonni dhugaan biyya lafaa Seexanni bulchuufi hamaa taʼe keessatti ormummaadhaan ykn keessummummaadhaan jiraatu. Gama kanaan, Abrahaamiin dabalatee namoota bara durii amanamoo taʼanii jiraatanii wajjin walfakkaatu. Abrahaam, “Biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu [‘keessummaa,’ NW]” jedhameera. (Ibr. 11:13) Abdiin keenya maaliyyuu yoo taʼe, akkuma Abrahaam Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu ni dandeenya. Yaaqoob, “‘Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaaʼameef’ jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in waamame” jechuudhaan ibseera.—Yaq. 2:23.
8. Abrahaamiif abdii akkamiitu kenname? Raawwii abdii kanaa ilaalchiseehoo maaltu isatti dhagaʼama ture?
8 Waaqayyo saba tokko qofa utuu hin taʼin, sabni lafarraa hundi Abrahaamiifi sanyiisaatiin akka eebbifamu abdii kennee ture. (Uumama 22:15-18 dubbisi.) Abdiin Waaqayyo kenne kun yeroo dheeraa booda kan raawwatamu taʼus, Abrahaam amantii abdii kanarratti qabu eegee jiraateera. Inniifi maatiinsaa jireenyasaanii gara walakkaadhaa oliif iddoo tokkoo gara iddoo garabiraatti godaanaa jiraataniiru. Abrahaam yeroo kana hundatti michooma Yihowaa wajjin qabu eegeera.
9, 10. (a) Fakkeenya Abrahaam hordofuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? (b) Afeerrii akkamii dhiheessuurratti hirmaachaa jirra?
9 Abrahaam abdiinsaa yoom akka raawwatamu beekuu baatus, jaalalliifi amanamummaan inni Yihowaadhaaf qabu matumaa hin laafne. Yeroo hunda keessummaa taʼuusaa waan yaadatuuf, saba taʼe tokko gidduu tasgabbiidhaan jiraachuurratti hin xiyyeeffanne. (Ibr. 11:14, 15) Qabeenyaaf iddoo guddaa kennuu, hawaasa keessatti iddoo guddaa qabaachuu ykn hojiirratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa, jireenya salphaa jiraachuudhaan fakkeenya Abrahaam hordofuun keenya ogummaa guddaadha. Sirna dhiheenyatti badu kana keessatti jireenya namoonni gaarii akka taʼetti yaadan jiraachuuf carraaquu hin qabnu. Wanta yeroo gabaabaa qofaaf tururratti xiyyeeffachuu hin qabnu. Akkuma Abrahaam wanta iddoo guddaa qabu argachuurratti kan xiyyeeffannu siʼa taʼu, abdiin keenya hamma raawwatamutti obsa argisiisuufis fedhii qabna.—Roomaa 8:25 dubbisi.
10 Yihowaan sabni hundi sanyii Abrahaamiin akka eebbifaman ammayyuu afeeraa jira. Dibamtoonni “luboota Waaqayyoo” taʼaniifi hoolonni kan biraan “orma” taʼan addunyaa maratti afaan 600 oliin afeerrii kana dhiheessaa jiru.
NAMOOTA HUNDUMAA JAALLADHAA
11. Solomoon saboonni hundi maal akka godhan afeerrii dhiheessee ture?
11 Solomoon abdii Yihowaan Abrahaamiif kennee wajjin haala walsimuun, Dh.K.D. bara 1026tti yommuu manni qulqullummaa eebbifametti saboonni hundi isaa wajjin Yihowaa yommuu galateeffatan argee ture. Akkas jedhee kadhannaa garaadhaa madde dhiheesseera: “Akkasuma immoo sanyii saba kee Israaʼel keessaa kan hin taʼin, namni ormi waaʼee maqaa keetii dhagaʼee biyya fagootii in dhufa; namni waaʼee maqaa kee isa guddaa, irree kee isa cimaa fi harka kee isa balʼifamaa dhagaʼee dhufee, gara mana kanaatti garagalee yommuu kadhatutti, waaqa irraa, iddoo jireenya keetiitii isaaf dhagaʼi! Sabni lafa irraa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanitti, akka si sodaatanitti, . . . waan inni ormi sun si kadhatu dhagaʼiif!”—1 Mot. 8:41-43.
12. Namoonni tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa akka ‘ormaatti’ kan ilaalan maaliifi?
12 Orma kan jedhamu nama lammii biyya garabiraa taʼe ykn nama hawaasaafi garee saba kan biraa keessa jiraatudha. Kun Dhugaa Baatota Yihowaa akka gaariitti kan ibsudha. Adda durummaadhaan mootummaa samii, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristosiin geggeeffamuuf abboomamu. Kanaaf, namoonni kaan dhimma siyaasaa keessa galuu akka qaban kan yaadan taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu kana hin godhan.
13. (a) Jechi “orma” jedhu yeroo baayʼee akkamitti ilaalama? (b) Kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa yaada orma jedhu kan of keessaa qabu turee? Ibsi.
13 Yeroo baayʼee namoonni orma taʼan amala naannoo itti dhalatanitti baramaa taʼeen adda baafamanii beekamu. Kunis afaan dubbatan, aadaasaanii, bifasaanii ykn akkaataa uffannaasaanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, biyyisaanii eessayyuu yoo taʼe, wantoonni namoota kaanii wajjin wal isaan fakkeessan, wantoota adda isaan godhan caalaa iddoo guddaa qabu. Namni biyya garabiraatii dhufe tokko akka ormaatti kan ilaalamu karaawwan tokko tokkoon adda waan taʼeef qofadha. Kanaaf, karaawwan namni tokko nurraa adda itti taʼerratti xiyyeeffachuu keenya dhiisuu barachaa yommuu adeemnu, akka ormaatti isa ilaaluu dhiisaa deemna. Jechi orma jedhu siyaasaa wajjin haala walqabateen yommuu itti hojjetamu, yaada namoonni lafarra jiran hundi lammii biyya tokkoo ykn miseensa mootummaa tokkoo yoo taʼan ormi hin jiraatu jedhu dabarsa. Kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa, ilmaan namootaa hundi bulchiinsa tokko, jechuunis bulchiinsasaa jalatti akka maatii tokkootti akka jiraatan ture. Saboonni yeroo ammaa lafarra jiraatan hundi wanta kanaa wajjin walitti dhihaatu raawwachuu ni dandaʼuu?
14, 15. Dhugaa Baatonni Yihowaa akka garee tokkootti maal hubataniiru?
14 Biyya lafaa ofittummaafi sabboonummaan itti babalʼate keessatti namoota saba hundumaaf jaalala dhugaa qaban argachuun kan nama gammachiisudha. Amala halaalatti nama jibbuu moʼuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaadha. Teed Tarnar inni dhaabbata televijiinii Sii.En.En. jedhamu hundeesse, namoota dandeettii guddaa qabaniifi biyyoota garaagaraatii dhufanii wajjin akkamitti akka hojjetu ilaalchisee akkas jedheera: “Namoota kanaa wajjin wal arguun muuxannoo guddaadha. Namoota biyya garabiraatii dhufan akka ‘ormaatti’ utuu hin taʼin, akka lammii pilaaneetii kanaatti akkan isaan ilaalu na godheera. Jechi ‘orma’ jedhu kan nama mufachiisu akka taʼetti ilaaluu waanan jalqabeef, jechi kun oduu Sii.En.En. irratti darburrattis taʼe biiroo keessatti waliin haasaʼuuf akka itti hin fayyadamnen qajeelfama baase. Kanaa mannaa jecha ‘biyyoolessa’ jedhutti fayyadamna.”
15 Addunyaa maratti akka garee tokkootti ilaalcha Yihowaan namoota biyya garaagaraa keessa jiraataniif qabu kan qaban Dhugaa Baatota Yihowaa qofadha. Ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu barachuudhaan, yaadaanis taʼe miiraan biyyasaaniitiin namoota qoqqooduurraa walaba taʼaniiru. Namoota lammii biyya garabiraa taʼan shakkuu ykn jibbuu mannaa, amalliifi dandeettiin garaagaraa isaan qaban barbaachisaa akka taʼetti ilaaluu barataniiru. Kana gochuun faayidaa akkamii akka qabuufi hariiroo warra kaanii wajjin qabdurratti akkamitti akka si gargaaru irratti xiinxalteettaa?
ADDUNYAA ORMUMMAARRAA WALBA TAʼE
16, 17. Raawwiin raajii Mulʼata 16:16fi Daaniʼel 2:44rra jiru, siif dhuunfaatti hiika akkamii qaba?
16 Saboonni ykn mootummoonni yeroo harʼaa jiran hundi waraana isa dhumaa bulchiinsa Waaqayyoo mormuudhaan godhamuufi “afaan Ibrootaatti ‘Armaagedoon’” jedhamuurratti Yesus Kiristosiifi humnoota samiitiin balleeffamu. (Mul. 16:14, 16; 19:11-16) Waggaa 2,500 dura Daaniʼel raajichi, mootummoota kaayyoo Waaqayyoo morman ilaalchisee akkas jedhee barreesseera: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebiʼee matumaa hin badne, isa moʼichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”—Dan. 2:44.
17 Raawwiin raajii kanaa siif dhuunfaatti hiika akkamii akka qabu tilmaamuu dandeessaa? Yeroo sanatti daangaan biyyaa namoonni hundeessaniifi namoonni hundi akka ormaatti akka wal ilaalan godhu hin jiraatu. Garaagarummaan bifaanis taʼe qaamaan namoota gidduu jiru kamiyyuu, uumama isa dinqisiisaa taʼeefi miidhagina addaddaa qabu kan argisiisu taʼa. Haalli gammachiisaan akkasii akka dhufu beekuun keenya, hamma nuu dandaʼame Uumaa keenya Yihowaa jajachuufi ulfina isaaf kennuu keenya akka itti fufnu nu kakaasuu qaba.
18. Jechi “orma” jedhu xiyyeeffannaa dhabaa akka jiru wanti argisiisu maalidha?
18 Jijjiiramni akkasii addunyaa maratti ni taʼa jedhanii yaaduun waan hin fakkaannedhaa? Matumaa! Kanaa mannaa jijjiiramni kun ni raawwatama jedhanii amanuun sirriidha. Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti lammiidhaan namoota qoqqooduun waan hin jirreef, jechi orma jedhu ammayyuu isaan biratti xiyyeeffannaan hin kennamuuf. Fakkeenyaaf, dhiheenya kana hojicha akka gaariitti toʼachuuf, akkasumas misiraachoo Mootummichaa akka gaariitti labsuuf waajjiroonni damee xixiqqoo taʼan hedduun akka walitti makaman godhameera. (Mat. 24:14) Yeroo murtoon kun godhametti seerri hamma heyyametti, lammii namootaatiif xiyyeeffannaan hin kennamne. Kun ragaa garabiraa Yesus Kiristos inni Yihowaan Bulchaa godhee muude daangaa biyyaa namoonni uuman hambisaa akka jiru, akkasumas dhiheenyatti ‘moʼiinsasaa’ akka raawwatu argisiisa.—Mul. 6:2.
19. Qooqni dhugaa inni qulqulluu taʼe wanti akkamii raawwatamuu akka dandaʼu mirkaneesseera?
19 Dhugaa Baatonni Yihowaa saboota hedduu keessaa kan dhufaniifi afaan garaagaraa kan dubbatan taʼus, qooqa dhugaa qulqulluu taʼetti fayyadamuuf carraaqqii godhu. Kunis tokkummaa cimaa baduu hin dandeenye uumeera. (Sefaaniyaa 3:9 dubbisi.)a Haalli kun maatii addunyaa maratti argamuufi biyya lafaa isa hamaa taʼerraa adda taʼe kan argisiisudha. Maatiin tokkummaa qabu kun addunyaa dhiheenyatti dhufu, jechuunis addunyaan ormummaan keessa hin jirre maal akka fakkaatu hamma tokko kan argisiisudha. Yeroo sanatti namoonni hundi, mamii tokko malee, yaanni barreeffama olitti caqasameefi “Sanyiin ilmaan namootaa akka Macaafni Qulqulluun jedhutti obboloota waliiti” jedhu dhugaa taʼuusaa ni amanu.—Za Reesis oov Maankaayindi.
[Miiljaleewwan]
a Sefaaniyaa 3:9 (NW): “Yeroo sanatti namoonni hundi maqaa Yihowaa akka waammataniif, harka wal qabataniis akka isa tajaajilaniif qooqasaanii jijjiiree qooqa qulqulluu nan kennaaf.”
[Fakkii fuula 28rra jiru]
Yeroo daangaan biyyaa namoonni hundeessan itti hin jirreefi jechi “orma” jedhu akka waan darbeetti itti yaadamu hawwiidhaan ni eeggattaa?
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Akkuma Abrahaam abdii Waaqayyo kennerratti xiyyeeffachuukee itti fuftaa?
[Fakkii fuula 27rra jiru]
Yihowaa duratti hundisaanii orma miti