‘Keessummaa Taʼuudhaan Jiraadhaa’
“Isin warra ormummaatti jiraattan, warra biyyaa baafamtanis [“warra keessummummaadhaan jiraattan,” NW] nan gorsa; fedha foonii . . . irraa fagaadhaa!”—1 PHE. 2:11.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Kiristiyaanonni dibamoon keessummummaadhaan jiraatu jedhamuu kan dandaʼan maaliifi?
‘Hoolonni kan biraan’ keessummummaadhaan kan jiraatan karaa kamiini?
Gara fuulduraatti maal argachuuf hawwita?
1, 2. Phexros “warra foʼaman” yommuu jedhu eenyuunfaa caqasuusaa ture? Namoota kanaan ‘warra keessummummaadhaan jiraatan’ kan jedhe maaliifi?
YESUS samiitti erga ol baʼee gara waggaa 30 booda, Phexros ergamaan, “Warra foʼamanii, isaanis warra biyyaa baafamanii kutaa biyya Phonxositti, Galaatiyaatti, Qaphadooqiyaatti, Asiyaatti akkasumas Bitiiniyaatti tamsaʼanii jiranii[f]” ergaa barreessee ture. (1 Phe. 1:1) Phexros, “warra foʼaman” yommuu jedhu, namoota akkumasaa samiirratti Kiristosii wajjin akka bulchaniif hafuura qulqulluutiin dibamuudhaan, ‘abdii isa jiraataadhaaf haaraa taʼanii dhalatan’ caqasuusaa akka ture ifadha. (1 Phexros 1:3, 4 dubbisi.) Haataʼu malee, sana booda namoota foʼaman kana ‘warra ormummaatti jiraataniifi warra keessummoota taʼan’ jedhee kan waame maaliifi? (1 Phe. 2:11) Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman keessaa dibamtoota kan taʼan muraasa taʼuunsaaniis xiyyeeffannaa hunda keenyaa kan harkisu maaliifi?
2 Dibamtoonni jaarraa tokkoffaatti turan ‘warra keessummummaadhaan jiraatan’ jedhamanii waamuunsaanii sirrii ture. Miseensota garee kanaa keessaa yeroo harʼaa lafarratti lubbuudhaan kan jiran muraasa siʼa taʼan, lafarra kan jiraatanis barabaraaf miti. Phaawulos inni miseensa Kiristiyaanota dibamoo “karra xinnayyoo” ture, “Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; ‘Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achii nuuf dhufa’ jennee eegganna” jechuudhaan ibseera. (Luq. 12:32; Filp. 3:20) Dibamtoonni “nama biyya waaqa irraa” waan taʼaniif, yommuu duʼan jireenya hin badneefi caalmaa qabu argachuuf gara samii dhaqu. (Filiphisiiyus 1:21-23 dubbisi.) Kanaaf, biyya lafaa toʼannaa Seexanaa jala jiru kana keessa, ‘warra keessummummaadhaan jiraatan’ jedhamanii kallattiidhaan waamamuu dandaʼu.
3. “Hoolota kan biraa” ilaalchisee yeroo ammaa gaaffii akkamiitu kaʼa?
3 Haataʼu malee, ‘hoolonni kan biraanhoo’? (Yoh. 10:16) Isaan barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe qabuu? Eeyyee qabu! Taʼus, yeroo ammaa warra keessummummaadhaan jiraatan jedhamuu dandaʼu. Akkamitti?
‘UUMAMNI HUNDINUU AADAA JIRA’
4. Wanti bulchitoonni biyya lafaa hambisuu hin dandeenye maalidha?
4 Sirni Seexanaa inni hamaan akka jiraatu hamma heyyamameefitti, rakkoowwan Seexanni Yihowaarratti fincila kaasuusaatiin dhufan Kiristiyaanota dabalatee nama hundarra gaʼuusaanii itti fufu. Roomaa 8:22rratti, “Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna” jedhameera. Bulchitoonni biyya lafaa, saayintiistonniifi namoonni gargaarsa kennan yaada gaarii yoo qabaataniyyuu rakkina kana hambisuu hin dandaʼan.
5. Bara 1914 jalqabee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman tarkaanfii akkamii fudhataniiru? Maaliif?
5 Kanaaf, bara 1914 jalqabee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Mootii Waaqayyo muude, jechuunis Kiristos Yesusiif fedhiidhaan bitamuu filataniiru. Namoonni kun kutaa biyya lafaa isa kan Seexanaa taʼuuf fedhii hin qaban. Biyya lafaa isa Seexanni bulchu hin deggeran. Kanaa mannaa, jireenyaafi qabeenyasaanii Mootummaa Waaqayyoo tajaajiluuf itti fayyadamu.—Rom. 14:7, 8.
6. Dhugaa Baatonni Yihowaa orma jedhamuu kan dandaʼan akkamitti?
6 Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 200 ol keessa jiran lammiiwwan seera kabajan taʼuudhaan kan beekaman taʼus, iddoo hundaatti akka keessummaatti jiraatu. Dhimma siyaasaafi hawaasummaa yeroo harʼaa jiru keessa matumaa hin galan. Yeroo ammaallee lammii addunyaa haaraa isa Waaqayyo abdii kennee akka taʼanitti of ilaalu. Yeroon isaan sirna mancaʼaa taʼe kana keessa keessummummaadhaan jiraatan saffisaan gabaabbachaa deemuusaa arguusaaniitti ni gammadu.
7. Tajaajiltoonni Waaqayyoo barabaraaf lafarra kan jiraatan akkamitti? Faayidaa akkamii argatu?
7 Kiristos dhiheenyatti aboosaatti fayyadamee sirna Seexanaa isa hamaa taʼe ni balleessa. Mootummaan Kiristos inni mudaa hin qabne cubbuufi gaddi lafarraa akka badan godha. Qaamota olaantummaa Yihowaa mormaniifi ijaan mulʼatanis taʼe ijaan hin mulʼanne hunda ni balleessa. Namoonni amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan lafa ishee Jannata taaturra barabaraaf jiraachuuf mirga argatu. (Mulʼata 21:1-5 dubbisi.) Yeroo sanatti uumamni guutummaatti, “garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in baʼa; luba baʼuun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa.”—Rom. 8:21.
KIRISTIYAANOTA DHUGAARRAA MAALTU EEGAMA?
8, 9. Phexros ‘fedha fooniirraa fagaadhaa’ yommuu jedhu maal jechuusaa akka taʼe ibsi.
8 Phexros, “Michoota ko! Isin warra ormummaatti jiraattan, warra biyyaa baafamtanis [“warra keessummummaadhaan jiraattan,” NW] nan gorsa; fedha foonii isa lubbuu keessan lolu irraa fagaadhaa!” jechuudhaan wanta Kiristiyaanotarraa eegamu ibseera. (1 Phe. 2:11) Gorsi kun adda durummaadhaan Kiristiyaanota dibamoof kan kenname taʼus, hoolota Yesus warra kan biraatiifis kan hojjetudha.
9 Abboommii Uumaa keenyaa wajjin haala walsimuun fedhiiwwan tokko tokko guuttachuun dogoggora miti. Fedhiiwwan kun jireenyatti akka gammannu gumaacha godhu. Fakkeenyaaf, nyaachuu, dhuguu, sochiiwwan gammachuu namaaf argamsiisanirratti hirmaachuufi michoota gaarii wajjin taʼuun fedhiiwwan sirrii taʼanidha. Hiriyaa gaaʼelaa wajjin saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qabaachuunillee sirriifi waan uumamaan jirudha. (1 Qor. 7:3-5) Haataʼu malee, Phexros asirratti “fedha foonii” jedhee kan waame, warra ‘lubbuu namaa lolan’ qofa argisiisuuf ture. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko yaada kana caalaatti ifa gochuudhaan, ‘gadhiisii’ (Kiingi Jamsi Varshin) ykn “hawwa cubbuu” (Niiwu Intarnaashinaal Varshin) jedhanii hiikaniiru. Fedhiin kaayyoo Yihowaa wajjin wal faallessuufi hariiroo gaarii namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu balleessu kamiyyuu toʼatamuu akka qabu ifadha. Kun taʼuu baannaan, abdiin Kiristiyaanaa nama tokko lubbuusaa jiraataa godhee eegu balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa.
10. Seexanni Kiristiyaanonni dhugaan kutaa biyya lafaa akka taʼan gochuuf malawwan kamfaatti fayyadama?
10 Kaayyoon Seexanaa murtoo Kiristiyaanonni dhugaan sirna kana keessatti ‘keessummummaadhaan jiraachuuf’ godhan laaffisuudha. Gowwoomsaan qabeenyaa, ejja raawwachuuf qoramuun, iddoo guddaa qabaachuuf hawwuun, dursa argachuu barbaaduuniifi sabboonummaan kiyyoo Seexanaa akka taʼanitti ilaalamuu qabu. Dhiibbaa gadhee fedhiin foonii geessisu kanarraa fagaachuuf murteessuudhaan, kutaa biyya lafaa isa Seexanni bulchuufi hamaa taʼe kanaa taʼuu akka hin barbaanne ifatti argisiisna. Haala kanaan biyya lafaa keessa keessummummaadhaan jiraachaa akka jirru ifatti argisiisna. Wanti dhugumaan barbaannuufi argachuuf jabaannee hojjennu, addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessa barabaraaf jiraachuudha.
AMALA GAARII
11, 12. Namoonni biyya ormaa keessa jiraatan yeroo baayʼee akkamitti ilaalamu? Dhugaa Baatonni Yihowaahoo?
11 Phexros, wanta Kiristiyaana ‘keessummummaadhaan jiraatu’ tokkorraa eegamu ilaalchisee ibsa kennuusaa itti fufuudhaan lakkoofsa 12rratti akkas jedheera: “Akki isin warra saba Waaqayyoo hin taʼin keessa itti jiraattan gaarii haa taʼu! Akka waan isin hamaa hojjettaniitti warri maqaa keessan balleessan kun, hojii keessan isa gaarii arganii, guyyaa itti Waaqayyo namoota isaa ilaaluu dhufutti, isaaf ulfina haa kennan!” Namoonni biyya ormaa keessa yeroo muraasaaf jiraatan al tokko tokko ni ceephaʼamu. Ollootasaaniirraa waan adda taʼaniif qofa hamoo akka taʼanitti ilaalamuu dandaʼu. Qooqnisaanii, gochisaanii, uffannaansaanii, tariimmoo bifnisaaniillee hamma tokko jiraattota biyyichaarraa adda taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, waan gaarii yommuu hojjetan, jechuunis amala gaarii yommuu argisiisan, oduun gadheen waaʼeesaanii dubbatamu soba taʼuunsaa ni mirkanaaʼa.
12 Haaluma walfakkaatuun, Kiristiyaanonni dhugaan karaawwan tokko tokkoon, jechuunis akkaataa itti dubbataniin ykn bohaartii filataniin ollootasaaniirraa addadha. Yeroo baayʼee uffannaafi akkaataan miidhaginaasaanii namoota naannoosaanii jiran hedduurraa adda baasee isaan beeksisa. Garaagarummaan kun yeroo tokko tokko namoonni oduu sobaa dhagaʼan Kiristiyaanonni hamoota akka taʼanitti akka yaadan isaan godheera. Haataʼu malee, namoonni kaanimmoo akkaataa jireenyaasaaniitiin isaan dinqisiifachuu dandaʼu.
13, 14. ‘Ogummaan Waaqayyoo ija hojiisaatiin dhugaa kan argate’ akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.
13 Eeyyee, amalli gaariin oduu dogoggoraa fashaleessuu dandaʼa. Yesus inni guutummaatti Waaqayyoof amanamaa taʼee jiraatellee sobaan himatameera. Namoonni tokko tokko, “Ilaa nama albaadhessaa fi machaaʼaa kana, hidhata warra qaraxxuutii fi warra akka seeraatti hin jiraannee” isaan jedhaniiru. Taʼus, Waaqayyoon tajaajiluudhaan ogummaa akka qabu argisiisuunsaa oduu sobaa hammina akka hojjetu dubbatamu fashaleesseera. Yesus, “ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate” jedheera. (Mat. 11:19) Yeroo harʼaas haallisaa akkasumadha. Fakkeenyaaf namoonni tokko tokko obboloota Betʼel Seeltars, Jarman keessatti fedhiidhaan tajaajilan akka namoota adda taʼanitti ilaalu. Dura taaʼaan hawaasa naannichaa garuu obboloota kana deggeruudhaan, “Dhugaa Baatonni iddoo kanatti tajaajilan akkaataa jireenyaa mataasaanii qabu; kun garuu karaa kamiiniyyuu jireenya namoota naannichaa hin jeequ” jedheera.
14 Dhugaa Baatota Yihowaa Mooskoo Raashiyaa keessa jiraatan ilaalchisees dhiheenya kana yaanni kanaa wajjin walfakkaatu kennameera. Dhugaa Baatonni kun gocha gadhee hedduu akka raawwatan sobaan himatamaa turaniiru. Boodas Waxabajjii 20, 2010, Manni Murtii Dhimmoota Namummaa Awurooppaa Istiraatisbargi, Faransaayitti argamu akkas jedhee murteesse: ‘Manni Murtii kun, Mooskoon gaaffii Dhugaa Baatonni bilisa taʼanii waaqeffachuufi walgaʼii gochuuf dhiheessan fudhachuu diduunsaa sirrii akka hin taane hubateera. Manni murtii biyyichaa gaaffii hawaasni Dhugaa Baatotaa dhiheesse fudhachuu diduun sirrii taʼuusaa ‘ragaa sirriifi quubsaa’ taʼe hin dhiheessine.’ Fakkeenyaaf, maatii kan diigan, of ajjeesuu kan jajjabeessan ykn yaalii fayyaa fudhachuu kan didan taʼuusaanii hin mirkaneessine. Kanaafuu, “dhorkaan manni murtii biyyichaa dabarse, seerri biyyichaa akka haalasaatti kan hin jijjiiramneefi himata sirrii dhihaatu hunda qixxee kan hin ilaalle taʼuusaa xiyyeeffannaa keessa waan hin galchineef, murtoon kenname kun sirrii miti.”
KARAA SIRRII TAʼEEN BITAMUU
15. Kiristiyaanonni dhugaan addunyaa maratti argaman seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kam hordofu?
15 Dhugaa Baatonni Yihowaa Mooskoottis taʼe addunyaa maratti argaman, yaada Phexros barreessee wajjin haala walsimuun ulaagaa Kiristiyaana tokkorraa eegamu ni guutu. Phexros, ‘Gooftaadhaaf jedhaatii harka warra aboon kennameefii jala of galchaa; mootii isa hundumaa irratti aboo qabuufi warra abboota biyyaa taʼaniifis abboomamaa!’ jedhee barreesseera. (1 Phe. 2:13, 14) Kiristiyaanonni dhugaan kutaa biyya lafaa isa hamaa kanaa taʼuu baataniyyuu, abbootii taayitaa kan “achi isaan dhaabe” Waaqayyo taʼuusaa waan hubataniif, ajaja Phaawulos wajjin walsimuudhaan fedhiidhaan isaaniif ni abboomamu.—Roomaa 13:1, 5-7 dubbisi.
16, 17. (a) Ragaan akka nuti mootummaa hin mormine argisiisu kamidha? (b) Geggeessitoonni siyaasaa tokko tokko maal hubataniiru?
16 Dhugaa Baatonni Yihowaa sirna ammaa kana keessa ‘keessummummaadhaan kan jiraatan’ mootummaa mormuuf ykn namoota ceephaʼuuf jedhanii miti. Dhimma siyaasaa ykn hawaasaa wajjin haala wal qabateen murtoo namoonni godhan keessa galanii hin deggeran ykn hin morman. Garee amantiiwwan tokko tokkorraa haala adda taʼeen, Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa hin galan. Abbootiin taayitaa karoora akkamii baafachuu akka qaban isaanitti himuuf yaalii hin godhan. Seera biyyaa akka cabsan ykn mootummaa akka tuffatan ilaalchisee oduun dubbatamu matumaa dhugaa miti!
17 Kiristiyaanonni, gorsa Phexros “mootiidhaaf ulfina kennaa!” jechuudhaan dubbatee wajjin haala walsimuun abbootii taayitaatiif ni abboomamu; akkasumas namoota akkasiitiif kabajaafi ulfina isaaniif malu ni kennu. (1 Phe. 2:17) Yeroo tokko tokko abbootiin taayitaa, Dhugaa Baatota Yihowaa shakkuuf sababii gaʼaa akka hin qabne hubataniiru. Fakkeenyaaf, nama siyaasaa lammii Jarman, akkasumas Biraandanbargitti ministeera kan turaniifi boodas miseensa paarlaamaa Jarman kan taʼan, Isteefan Raayisheen akkas jedhaniiru: ‘Dhugaa Baatonni Yihowaa mana hidhaa Naazii keessa turan amala gaarii kan argisiisan siʼa taʼu, amalli akkasiimmoo mootummaan dimookraatawaa seerarratti hundaaʼe tokko jiraachuusaa akka itti fufu gochuuf barbaachisaadha. Namoota biyya alaatii dhufan, namoota dhaabbata siyaasaa kan biraa deggeran ykn ilaalcha adda taʼe qabanirratti gocha gara jabinaa raawwachuun baramaa taʼaa waan dhufeef, amala akkasii qabaachuun lammii keenya hundarraa kan eegamudha.’
JAALALA ARGISIISUU
18. (a) Obboloota addunyaa maraa jaallachuun keenya sirrii kan taʼe maaliifi? (b) Namoonni Dhugaa Baatota hin taane tokko tokko maal hubataniiru?
18 Phexros, “Obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqayyoon sodaadhaa” jedheera. (1 Phe. 2:17) Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyoof sodaa sirrii qabaachuunsaanii fedhasaa raawwachuuf caalaatti isaan kakaasa. Obbolummaa amantootaa addunyaa maratti argamaniifi fedhii wal fakkaatu qabanii wajjin taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluusaaniitti ni gammadu. Kanaaf ‘obbolummaa amantootaa jaallachuunsaanii’ sirriidha. Jaalalli obbolummaa akkasii hawwaasa ofittoo yeroo harʼaa jiru keessatti waan hin argamneef, yeroo tokko tokko namoota Dhugaa Baatota hin taane ni ajaaʼibsiisa. Fakkeenyaaf, jaalalli Dhugaa Baatonni namoota walgaʼii biyyoolessaa 2009 Jarmanitti godhamerratti hirmaachuuf biyya alaatii dhaqanitti argisiisaniifi deggersi isaan godhan, dubartii dhaabbata tuuristii Ameerikaa keessaatti tuuristoota daawwachiistu tokko ajaaʼibsiisee ture. Waggoota tuuristoota daawwachisaa turte hundatti waan akkasii argitee akka hin beekne dubbatetti. Booda Dhugaa Baatuun tokko, “Waaʼee keenya waan hundumaa dinqisiifannaafi gammachuu guddaadhaan akka dubbattu sagaleesheerraa ni beekama ture” jedheera. Yommuu walgaʼii koonyaarratti argamtu namoonni waaʼee keenya yaada kanaa wajjin walfakkaatu siʼa dubbatan dhageessee beektaa?
19. Maal gochuuf murteessuu qabna? Maaliifi?
19 Dhugaa Baatonni Yihowaa karaawwan olitti ibsamaniifi gara biraa hedduutiin addunyaa Seexanaa yeroo ammaa jiru keessa dhugumaan ‘keessummummaadhaan akka jiraatan’ argisiisu. Karaa kanaan gammachuudhaan itti fufuufis murteessaniiru. Abdiin isaan dhiheenyatti addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate keessa barabaraaf jiraachuuf qaban cimaafi buʼuura jabaa taʼerratti kan hundaaʼedha. Atoo kana hawwiidhaan eeggachaa jirtaa?
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Biyya lafaa isa Seexanni bulchu oolchuuf carraaqqii hin goonu
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Addunyaa haaraa isa Waaqayyo fidu deggerra
[Fakkii fuula 22rra jiru]
Dhugaan Macaafa Qulqulluu maatii lammii Raashiyaa kana tokko godheera