LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 1/1 ful. 4-8
  • Dhuma Biyya Lafaa​—Sodaa, Hawwiifi Abdii Kutachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhuma Biyya Lafaa​—Sodaa, Hawwiifi Abdii Kutachuu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Lafti ni Balleeffamtii Laata?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Addunyaan kun ni Badaa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Dhumni Addunyaa Yoomi?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 1/1 ful. 4-8

MATADUREE FUULA JALQABAA: DHUMA BIYYA LAFAA SODAACHUU QABDAA?

Dhuma Biyya Lafaa​—Sodaa, Hawwiifi Abdii Kutachuu

Akka kaalaandarii warra Maayaatti Muddee 21, 2012 jijjiiramni guddaan addunyaa maratti akka dhufu wanta namoonni dubbatan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Haala wanta sana itti eegdurratti hundaaʼuudhaan, tasgabbaaʼuu ykn abdii kutachuu ykn burjaajaʼuu dandeessa taʼa. Waaʼee dhuma biyya lafaa ilaalchisee wanti namoonni dubbatan kun dogoggora taʼuu dandaʼaa?

‘Dhuma biyya lafaa’ ilaalchisee raajiin Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamehoo? (Maatewos 24:3, Kiingi Jamsi Varshin) Namoonni tokko tokko lafti ni gubatti jedhanii sodaatu. Kaanimmoo dhumni maal akka fakkaatu arguuf hawwu. Namoonni baayʼeen guyyicha yeroo dheeraadhaaf eegaa waan turaniif abdii kutataniiru. Haataʼu malee wanti dubbatame kun utuu hin raawwatamin hafuu dandaʼaa laata?

Dhuma biyya lafaa ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu si ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun ragaa quubsaa dhumni akka dhufu amanuuf gargaaru kan kennu yommuu taʼu, dhumni kan turu fakkaachuusaatiin kan kaʼe namoonni akka abdii kutatanis ni ibsa. Deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan yeroo baayʼee kaʼan tokko tokkoof kennu akka qortu si afeerra.

Lafti ni gubattii?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Ati [Waaqayyo] lafa hundee isaa irra dhaabde, innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoo isaatii hin butatu.”​—FAARFANNAA 104:5.

Lafti ibiddaanis taʼe wanta gara biraatiin hin balleeffamtu. Macaafni Qulqulluun, lafti bakka ilmaan namootaa barabaraaf irra jiraatan akka taate barsiisa. Faarfannaan 37:29 akka hiika bara 1899⁠tti, ‘Toloonni lafa in dhaalu isarras baruma baraan in jiraatu’ jedha.​—Faarfannaa 115:16; Isaayaas 45:18.

Waaqayyo lafa erga uumee booda, “Baayʼee gaarii ture” kan jedhe siʼa taʼu, ammas akkasuma itti dhagaʼama. (Uumama 1:31) Yihowaan lafa balleessuu mannaa, guutummaatti akka hin balleefamne ishee eeguuf ‘warra biyya lafaa balleessan akka balleessu,’ abdii kenneera.​—Mulʼata 11:18.

Haataʼu malee, 2 Phexros 3:7 gaaffii sitti kaasuu dandaʼa. Caqasichi, ‘Bantiiwwan waaqaafi lafti amma jiran, ibiddaan balleeffamuuf qopheeffamanii jiru’ jedha. Kun lafti akka gubattu kan argisiisu mitii? Macaafni Qulqulluun yeroo tokko tokko jecha, “bantiiwwan waaqaa,” ‘lafa’ akkasumas ‘ibidda’ jedhu akka fakkeenyaatti itti fayyadama. Fakkeenyaaf, Faarfannaan 97:1, lafa hawaasa ilmaan namoota argisiisuuf yommuu itti fayyadamu, “Lafti gammachuu haa qabaattu!” jedha.

Bantiin waaqaa, laftiifi ibiddi 2 Phexros 3:7⁠rratti caqasamanis fakkeenya akka taʼan yaada naannoo caqasichaarraa hubachuun ni dandaʼama. Lakkoofsi 5fi 6 dhumni barichaa Bishaan Badiisaa bara Nohitti turee wajjin akka wal fakkaatu ibsa. Namoonni yeroo sana turan kan balleeffaman taʼus, lafti hin balleeffamne. Bishaan Badiisaa sun hawaasa hamaa ykn “lafa” yeroo sana ture balleesseera. Kana malees, “bantiiwwan waaqaa,” jechuunis namoota yeroo sana hawaasicha bulchaa turan balleesseera. (Uumama 6:11) Haaluma walfakkaatuun, 2 Phexros 3:7 hawaasni hamaaniifi bulchitoonni mancaʼaa taʼan akka waan ibiddaan gubamaniitti barabaraaf akka balleeffaman dubbata.

Yeroo dhuma biyya lafaa maaltu ta.a?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”​—1 YOHANNIS 2:17.

“Biyyi lafaa” inni darbu, lafa kana utuu hin taʼin, ilmaan namootaa warra fedha Waaqayyoo wajjin haala wal hin simneen jiraatanidha. Akkuma ogeessi fayyaa tokko nama dhukkuba kaansariitiin qabame fayyisuuf iddoo dhibee qabu sana irraa muree gatu, Waaqayyos namoonni gaariin gammachuudhaan lafarra akka jiraataniif hamoota muree gata ykn ni ‘balleessa.’ (Faarfannaa 37:9) Haala kanaan ‘dhumni biyya lafaa’ wanta gaarii fida.

Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko jecha ‘dhuma biyya lafaa’ jedhu “dhuma barichaa” ykn “dhuma sirna biyya lafaa” jechuudhaan hiikuunsaanii yeroon kun wanta gaarii akka fidu kan argisiisudha. (Maatewos 24:3) Ilmaan namootaas taʼe lafti badiisa dhufu jalaa waan oolaniif, sana booda sirni haaraan ni dhufa jedhanii yaaduun sirrii mitii? Macaafni Qulqulluun jecha ‘bara dhufu’ jedhu waan dubbatuuf gaaffii kanaaf deebii ‘eyyee’ jedhu kennuu dandeenya.​—Luqaas 18:30.

Yesus yeroo gara fuulduraa ilaalchisee, “biyya lafaa ishee haaraa” jedheera. Yesus yeroo sanatti ilmaan namootaa akka Waaqayyo jalqaba yaadetti akka jiraatan godha. (Maatewos 19:28) Yeroo sanatti namoonni

  • Jannata keessa nagaadhaan jiraatu; akkasumas badhaadhina argatu.​—Isaayaas 35:1; Miikiyaas 4:4.

  • Hojii gaariifi gammachiisaa taʼe hojjetu.​—Isaayaas 65:21-23.

  • Dhibee hundarraa walaba taʼu.​—Isaayaas 33:24.

  • Gara dargaggummaatti deebiʼu.​—Iyoob 33:25.

  • Duʼaa kaafamu.​—Yohannis 5:28, 29.

“Fedha Waaqayyoo,” jechuunis wanta inni nurraa barbaadu kan raawwannu taanaan, dhuma biyya lafaa sodaachuun nu hin barbaachisu. Kanaa mannaa hawwiidhaan eeggachuu dandeenya.

Dhumni biyya lafaa dhugumaan dhihaateeraa?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Kun hundinuu akka taʼu yommuu argitan, mootummaan Waaqayyoo akka dhiʼaate beekaa.”​—LUQAAS 21:31.

Piroofeesar Riichaard Kiil, kitaaba Za Laasti Deeyis Aar Hiiri Ageen jedhamurratti, ‘Namoonni sababii jijjiiramniifi jeequmsi biyya lafaarratti itti taʼu yommuu hubachuu dadhaban, waaʼee dhuma biyya lafaa tilmaamuuf kakaʼu’ jechuudhaan barreessaniiru.

Haataʼu malee barreessitoonni Macaafa Qulqulluu raajii kan dubbatan wantoota gadhee yeroo sana naannoosaanitti raawwatamaa turanirratti hundaaʼanii miti. Kanaa mannaa, hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii haalawwan dhumni biyya lafaa dhihaachuusaa argisiisan ibsaniiru. Raajiiwwan kana keessaa tokko tokko qoruudhaan yeroo keenyatti raawwatamaa jiraachuufi dhiisuusaanii hubachuuf yaali.

  • Waraana, beela, sochoʼa lafaafi dhukkuboota lubbu namoota hedduu galaafatan.​—Maatewos 24:7; Luqaas 21:11.

  • Hammeenyi babalʼachuusaa.​—Maatewos 24:12.

  • Namoonni lafa mancaasuusaanii.​—Mulʼata 11:18.

  • Namoonni Waaqayyoon utuu hin taʼin, ofiisaanii, qarshiifi gammachuu kan jaallatan taʼuusaanii.​—2 Ximotewos 3:2, 4.

  • Maatiin diigamuusaa.​—2 Ximotewos 3:2, 3.

  • Dhumni dhihaachuusaa ilaalchisee akeekkachiisa kennamuuf dantaa dhabuu.​—Maatewos 24:37-39.

  • Misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti lallabamuusaa.​—Maatewos 24:14.

Akkuma Yesus dubbate, “kana hundumaa” yommuu arginu dhumni biyya lafaa dhihaachuusaa haa hubannu. (Maatewos 24:33) Dhugaa Baatonni Yihowaa ragaan dhumni dhihaachuusaa argisiisu amansiisaa akka taʼe waan beekaniif, biyyoota 236 keessatti lallabuudhaan waaʼee amantiisaanii namootatti himaa jiru.

Dogoggorri kanaan duraa, guyyaan dhumaa akka hin dhufne argisiisaa?

DEEBII MACAAFA QULQULLUU: “Namoonni, ‘Nagaa dha, gabii dhas’ utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin akka ciniinsuun dubartii ulfaatti dhufutti isaan irra in gaʼa; kana jalaa baʼuunis hin jiru.”​—1 TASALONIIQEE 5:3.

Macaafni Qulqulluun badiisa biyya lafaa, ciniinsuu akka tasaa dubartii ulfaatti dhufuu wajjin wal fakkeessa. Dubartiin ulfi tokko mallattoowwan yeroo isheen itti deessu dhihaachuusaa argisiisan hunda kan beektu yommuu taʼu, mallattoowwan gara guyyaa dhumaatti geessanis kanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. Dubartiin sun guyyaa doktoorichi tilmaametti yoo daʼuu baatellee, mucaanshee yeroo dhihoo keessatti akka dhalatu beekti. Haaluma walfakkaatuun, guyyaan dhumaa yeroo namoonni eeganitti dhufuu baatus, mallattoowwan ‘guyyoota gara dhumaa’ ilaalchisee dubbataman raawwatamaa jiraachuusaanii haaluun hin dandaʼamu.​—2 Ximotewos 3:1.

‘Mallattoon dhumni dhihaachuusaa argisiisu mulʼachaa jira erga taʼee, namoonni hedduun hubachuu kan dadhaban maaliifi?’ jettee gaafatta taʼa. Macaafni Qulqulluun dhumni dhihaachaa yommuu adeemu namoonni hedduun ragaa dhumni dhihaachuusaa argisiisuuf xiyyeefannaa akka hin kennine dubbata. Namoonni kun, jijjiirama gurguddaa guyyoota gara dhumaatti taʼan amananii fudhachuu mannaa, “Erga abboonni keenya iyyuu duʼanii, wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata” jedhanii qoosu. (2 Phexros 3:3, 4) Mallattoon guyyoota gara dhumaa ifatti kan mulʼatu taʼus, namoonni hedduun amananii hin fudhatan.​—Maatewos 24:38, 39.

Mataduree kanarratti kan ibsaman ragaawwan Macaafa Qulqulluu dhumni dhihaachuusaa ibsan keessaa muraasa qofadha.a Caalaatti barachuu barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu akka si qayyabsiisan maaliif hin gaafattu? Manakeetti ykn bakka sii mijaaʼutti ykn bilbilaan qayyabachuu ni dandeessa. Wanti gochuun si barbaachisu yeroo ramaduu qofa siʼa taʼu, faayidaan argattu garuu gatiidhaan kan shallagamu miti.

a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 9 mataduree, “Kan Jiraannu ‘Guyyoota Gara Dhumaa’ Keessadhaa?” jedhu ilaali.

DHUGAA BAATONNI YIHOWAA GUYYAA DHUMAA DOGOGGORAAN EEGANII TURANII?

Dhugaa Baatonni Yihowaa dhumni ni dhufa jedhanii eeganii kan turan taʼus, yeroon itti hin raawwatamin hafe jira. Akkuma bartoota Yesus jaarraa tokkoffaa, nutis yeroon Waaqayyo murteesse utuu hin gaʼin raajiin Macaafa Qulqulluu akka raawwatamu eegnee turre. (Luqaas 19:11; Hojii Ergamootaa 1:6; 2 Tasaloniiqee 2: 1, 2) Aleeksaandar Hiyuu Maakmiilaan inni yeroo dheeraadhaaf Dhugaa Baatuu Yihowaa ture, “Dogoggora keenya fudhannee, hubannaa dabalataa argachuuf Dubbii Waaqayyoo qoruu keenya itti fufuu akka qabnu baradheera” jedhee kan ture siʼa taʼu, nutis akkumasaa nutti dhagaʼama.

Dhumni dhihaachuusaa lallabuu keenya kan itti fufnu maaliifiree? Gorsa Yesus, “Akeekkadhaa, dammaqaas” jechuudhaan kenneef xiyyeeffannaa waan kenninuufidha. Faallaa kanaatiin, Yesus “rafaa” utuu jirruu yoo nutti dhufe isa duratti fudhatama hin argannu. (Maarqos 13:33, 36) Maaliif?

Fakkeenya kana ilaali: Namni saqalaarra (qooxiirra) taaʼee bosona eegu tokko, aara xinnoo fagootti argee ibiddi bosonicha qabachuuf akka jedhu akeekkachiisa kan kennu taʼus, ibiddi waan hin jirre fakkaachuu dandaʼa. Booda garuu akeekkachiisnisaa kun lubbuu baraarsuu dandaʼa.

Haaluma walfakkaatuun, yeroo tokko tokko guyyaa dhumaa haala dogoggora taʼeen eegnee turre. Taʼus, wanti caalaatti nu yaaddessu wanta namoonni nuun jedhan utuu hin taʼin, lubbuun namootaa akka oolu gargaaruudha. Abboommiin Yesus “wangeelicha namootatti akka lallabnuuf ” nuu kenne waaʼee guyyaa dhumaa namoota akka akeekkachiisnu nu dirqisiisa.​—Hojii Ergamootaa 10:42.

Yeroo dhumni itti dhufuuf xiyyeeffannaa kennuu caalaa, dhufuunsaa akka hin oollee mirkanaaʼoo taʼuufi amantii keenya kanaa wajjin walsimnee jiraachuu qabna. Yaada Anbaaqom 2:3⁠rra jiruufi “Garuu soba miti; yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus” jedhuuf xiyyeeffannaa kennuu qabna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi