Uumamaan gara laafeyyii waan taaneef gara jabina ni jibbina
MATADUREE FUULA JALQABAA
Namoonni Waaqayyo Gara Jabeessa Akka Taʼe Kan Dubbatan Maaliifi?
GAAFFIIN fuula jalqabaa barruu kanaarra jiru si rifachiiseeraa? Namoota tokko tokko ni rifachiisa. Haataʼu malee, namoonni hedduun Waaqayyo gara jabeessa taʼuufi dhiisuusaa ni shakku ykn gara jabeessa akka taʼe yaadu. Maaliif?
Namoonni balaa uumamaarraa oolan tokko tokko, “Waaqayyo wantoonni kun akka gaʼan maaliif heyyama? Dhimma kan hin qabne waan taʼeefii? Yookiinimmoo gara jabeessadhaa?” jedhanii gaafatu.
Kaanimmoo, Macaafa Qulqulluu yommuu dubbisan gaaffiidhuma akkasii kaasu. Seenaawwan kanneen akka waaʼee Nohiifi Bishaan Badiisaa ibsan ennaa dubbisan, ‘Waaqni jaalala qabeessa taʼe namoota sana hunda kan ajjeese maaliifi? Gara jabeessa waan taʼeefii?’ jedhanii gaafatu.
Atoo yeroo tokko tokko gaaffii akkasii of gaafattaa? Yookiin namoota Waaqayyo gara jabeessa taʼuufi dhiisuusaa mirkanaaʼoo hin taaneef deebii kennuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamaa? Kanas taʼe sana, gaaffii gama kanaan si gargaaruu dandaʼu garabiraa haa ilaallu.
GARA JABINA KAN JIBBINU MAALIIFI?
Wanta sirrii taʼeefi dogoggora taʼe addaan baasnee waan beeknuuf gara jabina ni jibbina. Gama kanaan nuyi bineensotarraa baayʼee addadha. Waaqayyo “akka bifa isaatti” nu uume. (Uumama 1:27) Kana jechuun maal jechuudha? Waaqayyo amalawwaniifi ulaagaawwansaa akka calaqqisnu, akkasumas akkumasaa wanta sirrii taʼeefi dogoggora taʼe addaan baasnee akka beeknu dandeettii nuu kenneera. Maarree, dandeettii wanta sirrii taʼeefi dogoggora taʼe addaan baasnee beekuuf nu gargaaru Waaqayyo biraa kan arganneefi gara jabina kan jibbinu taʼuun keenya, Waaqayyos akka jibbu kan mirkaneessu mitii?
Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo “Karaan koo karaa keesaan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata” jechuusaa waan dubbatuuf, Waaqayyo nu caalaa gara jabina akka jibbu ifadha. (Isaayaas 55:9) Waaqayyo gara jabeessa akka taʼe murteessina taanaan garuu, karaan keenya karaasaarra akka caalu goonee yaaduu nutti hin taʼuu? Ejjennoo akkasii qabaachuu keenya dura, dhugaawwan jiran beekuun baayʼee barbaachisaadha. Tarii gaaffii nutti taʼuu kan qabu, Waaqayyo gara jabeessa taʼuufi dhiisuusaa utuu hin taʼin, ‘tarkaanfiiwwan inni fudhate tokko tokko gara jabina kan fakkaatan maaliifi?’ isa jedhudha. Mee “gara jabeessa” jechuun maal jechuu akka taʼe haa ilaallu.
Namni tokko gara jabeessadha yommuu jennu, miirrisaa hamaa akka taʼe dubbachuu keenyadha. Namni gara jabeessa taʼe tokko rakkina warra kaaniitti ni gammada ykn warri kaan yommuu dhiphatan dantaa hin qabu. Kanaaf, abbaan miira ilmasaa miidhuudhaan waan gammaduuf isa adabu gara jabeessadha. Abbaan barsiisuuf ykn miidhaarraa isa eeguuf ilmasaa adabu garuu nama gaariidha. Nuyi namni tokko wanta tokko akka godhu kan isa kakaase maal akka taʼe waan hin beekneef, yaadasaa dogoggoraan hubachuu dandeenya.
Mee sababii namoonni tokko tokko Waaqayyo gara jabeessa akka taʼetti akka yaadan isaan godhu lama haa ilaallu. Isaanis, balaawwan uumamaa yeroo harʼaa gaʼaniifi tarkaanfiiwwan Waaqayyo fudhateefi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanidha. Dhugaawwan jiran Waaqayyo gara jabeessa akka taʼe argisiisuu?