LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 7/1 ful. 7
  • Waaqayyotti Ni Amanamtaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyotti Ni Amanamtaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni Waaqayyo Gara Jabeessa Akka Taʼe Kan Dubbatan Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Waaqayyo Michuu Isaa Akka Taatu Si Afeereera
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Waaqayyo Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Maal Sitti Fakkaata?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 7/1 ful. 7
[Fakkii fuula 7⁠rra jiru]

Waaqayyotti Ni Amanamtaa?

MEE michuunkee baayʼee dinqisiifattu tokko wanta ati hubachuu hin dandeenye tokko akka raawwate godhii yaadi. Namoonni kaan gochasaa kan balaaleffatan siʼa taʼu, kakaʼumsisaa sirrii akka hin taane yaaduudhaan michuunkee kun gara jabeessa akka taʼe dubbatan. Daftee yaadasaanii fudhattamoo dhimmicha ilaalchisee hamma michuunkee yaadasaa sitti himutti eegda? Bakka sanatti argamee waaʼeesaa ibsuu hin dandeenye taanaan ilaalcha gaarii isaaf qabaachuudhaan obsaan isa eeggattaa?

Deebii kennuukee dura odeeffannoo dabalataa argachuu barbaadda taʼa. Akkas jettee of gaaffachuu dandeessa: ‘Michuukoo kana hammaman beeka? Wanti akkan isa dinqisiifadhu na godhe maalidha?’ Gaaffiiwwan kanarratti yaaduunkee sirriidha. Maarree, Waaqayyo gara jabeessa taʼuuf dhiisuusaa baruuf gaaffii akkasii of gaafachuu hin dandeenyuu?

Wantoota Waaqayyo raawwate tokko tokko hubachuun rakkisaa sitti taʼuu ykn haalawwan tokko tokko akka gaʼan maaliif akka heyyame gaaffii sitti taʼuu dandaʼa. Namoonni hedduun, Waaqayyo gara jabeessa akka taʼe sitti himuufi sababa inni waa itti raawwatu ilaalchisee yaadasaanii akka deggertu dhiibbaa sirratti godhu taʼa. Hamma waaʼeesaa caalaatti beektutti obsaan ni eeggattaa? Deebiinsaa kan hundaaʼe Waaqayyoon sirritti beekuu keerratti taʼuu dandaʼa. ‘Waaqayyo anaaf michuu akkamiiti?’ jedhii of gaaffadhu.

Rakkinni sirra gaʼaa jira yoo taʼe Waaqayyo sirumaa michuukoo miti jechuudhaaf qoramta taʼa. Garuu mee yaadi! Rakkoowwan jireenyakee keessatti si mudataniif Waaqayyo itti gaafatamaa? Wantoota gaggaarii jireenyakee keessatti argatteefoo? Akkuma olitti ilaalle, ‘biyya lafaa kana kan seerratu’ Yihowaa utuu hin taʼin Seexanadha. (Yohannis 12:31) Kanaafuu, rakkinaafi jalʼina addunyaarratti raawwatamaa jiruuf sababa kan taʼu Seexanadha. Cubbamoo taʼuun keenyaafi haalawwan akka tasaa uumaman, rakkina hedduudhaaf sababa akka taʼan walii hin galtuu?

Rakkoowwan jireenyakee keessatti si mudataniif Waaqayyo itti gaafatamaa? Wantoota gaggaarii jireenyakee keessatti argatteefoo?

Karaa gara biraammoo, Waaqayyo wantoota akkamiitiif itti gaafatamummaa qaba? Macaafni Qulqulluun, Yihowaan ‘waaqaafi lafa akka uume,’ qaama keenya ‘dinqisiisaa godhee akka uume,’ akkasumas ‘Waaqa isa lubbuun keenya harkasaa’ jiru akka taʼe ibsa. (Faarfannaa 124:8; 139:14; Daaniʼel 5:23) Yaadawwan kun hiika maalii qabu?

Yaadawwan kun, jiraachuufi sochoʼuu kan dandeenye gargaarsa Uumaa keenyaatiin akka taʼe ibsu. (Hojii Ergamootaa 17:28) Akkasumas, jireenyi keenya, naannoo bareedaan keessa jiraannu, gammachuun jaalalaafi hiriyummaa gaariirraa argannu, dandeettiin dhamdhamuu, waa qaqqabuu, dhaggeeffachuufi fuunfachuu, kennaa Waaqayyoo akka taʼan ibsu. (Yaaqoob 1:17) Kennaawwan kun hundi, inni Michuu kabajuufi itti amanamuu qabnu taʼuusaa kan mirkaneessan akka taʼan walii hin galtuu?

Taʼus, Waaqayyotti amanamuun si rakkisuu dandaʼa. Tarii beekumsa gaʼaa isatti amanamuuf si dandeessisu akka hin qabne sitti dhagaʼama taʼa. Kunimmoo waanuma jirudha. Mataduree gabaabaa kana keessatti, sababii namoonni Waaqayyo gara jabeessa akka taʼe itti yaadan hunda ibsuun rakkisaadha. Haataʼu malee, Waaqayyoon akka gaariitti beekuuf carraaqqii gochuun kan nama kiisu mitii?a Akkas yoo goote, waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa beekuu akka dandeessu sii mirkaneessuu barbaanna. Inni gara jabeessadhaa? Lakki! Kanaa mannaa, ‘Waaqayyo jaalaladha.’—1 Yohannis 4:8.

a Fakkeenyaaf, sababa Waaqayyo hammeenya itti heyyame ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 11 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi