Faarfannaa
Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit.
124 “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,”+
Israaʼel akkana haa jedhu:
2 “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,+
Yeroo namoonni nu haleeluuf nu irratti kaʼanitti,+
3 Yommuu aariin isaanii nu irratti bobaʼetti,+
Silaa jiraatti nu liqimsu turan.+
5 Dhaʼaan bishaanotaas nu* liqimsa ture.
6 Inni akka wanta adamsamuutti ilkaan isaaniitti dabarsee waan nu hin kennineef
Yihowaan haa jajamu.
8 Nuti isa maqaan isaa Yihowaa jedhamu
Isa samii fi lafa tolche irraa gargaarsa arganna.”+