LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 1/1 ful. 6
  • Wanta Waaqayyo Si Irraa Barbaadu Ni Raawwattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Waaqayyo Si Irraa Barbaadu Ni Raawwattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Amantii waadaawwan yihowaan gale irratti qabdan hojiidhaan argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Waaqayyoon Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Waa‵ee Yihowaa Barachuukee Itti Fufuu Kan Qabdu Maaliifi?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 1/1 ful. 6
Nama dubartii baʼaa baatte gargaaraa jiru

MATA DUREE FUULA JALQABAA | WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU NI DANDEESSA

Wanta Waaqayyo Si Irraa Barbaadu Ni Raawwattaa?

“Wanta barbaadde na gaafadhu, gammachuudhaanan sii godha.” Nama gonkumaa hin beekne ykn xinnoo xinnoo beektuuf waadaa akkasii galuuf akka hin ariifanne beekamaa dha. Michuu keetiin akkas jechuun garuu ulfaataa miti. Namni tokko wanta michuun isaa isa gaafatu raawwachuuf fedhii qaba.

Yihowaan yeroo hunda wanta waaqeffattoota isaa gammachiisu gochuu akka barbaadu Macaafni Qulqulluun nu hubachiisa. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi inni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu akkas jedheera: “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baayʼifteetta; . . . isaan wanta lakkaaʼamuu dandaʼu gararraa in taʼu.” (Faarfannaa 40:5) Kana malees, Yihowaan ‘soora isaaniif kennee garaa isaanii gammachuudhaan guutuudhaan’ warra isa hin beekneef iyyuu wanta isaan gammachiisu ni godha.—Hojii Ergamootaa 14:17.

Namoota jaallannuu fi kabajnuuf wanta isaan barbaadan gammachuudhaan raawwannaaf

Yihowaan wanta warra kaan gammachiisu gochuudhaan ni gammada erga taʼee, warri michuu Waaqayyoo taʼuu barbaadan wanta ‘garaa isaa ciibsu’ gochuu qabu jedhanii eeguun sirrii dha. (Fakkeenya 27:11) Haa taʼu malee, isa gammachiisuuf maal gochuu dandeessa? Macaafni Qulqulluun, “Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin gaʼuus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada” jechuudhaan deebii kenna. (Ibroota 13:16) Kana jechuun garuu Yihowaa gammachiisuuf wanti barbaachisu, wanta gaarii gochuu fi waan qaban warra kaaniin gaʼuu qofa dha jechuu dhaa?

Macaafni Qulqulluun, “Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu” jedha. (Ibroota 11:6) ‘Abraham fira [“michuu,” hiika bara 1899] Waaqayyoo jedhamee kan waamame,’ erga ‘Waaqayyoon amanatee’ booda dha. (Yaaqoob 2:23) Yesus Kiristosis eebba Waaqayyoo argachuu yoo barbaadne ‘Waaqayyotti amanuu’ akka qabnu ibseera. (Yohannis 14:1) Kanaafuu, amantii Waaqayyo namoota ofitti harkisu irraa barbaadu qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe yeroo hunda qorachuudhaan kana gochuu jalqabuu dandeessa. Kana yoo goote, ‘fedha isaa hubachuudhaan waan isatti tolu gochuu’ ni dandeessa. Achiis, beekumsa sirrii waaʼee Yihowaa qabdu dabalaa fi ulaagaalee qajeelinaa isaa ilaalchisee wanta baratte hojii irra oolchaa yeroo deemtu, amantiin isa irratti qabdu ni guddata; innis yeroo kam iyyuu caalaa sitti dhihaata.—Qolosaayis 1:9, 10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi