LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 15 gaaffilee 1-4
  • Waa‵ee Yihowaa Barachuukee Itti Fufuu Kan Qabdu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waa‵ee Yihowaa Barachuukee Itti Fufuu Kan Qabdu Maaliifi?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Jireenyi Kana Irra Wayyu Hin Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Waaqayyotti Dhihaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • ‘Waaqayyotti Dhihaachuun Nuuf Gaariidha!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 15 gaaffilee 1-4

BARUMSA 15

Waaʼee Yihowaa Barachuukee Itti Fufuu Kan Qabdu Maaliifi?

1. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu itti fufuunkee kan si fayyadu akkamitti?

Dubartoonni lama bakka hojiitti saʼaatii boqonnaatti Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼatan

Barumsi buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hanga ammaatti ilaalle, jaalala Yihowaadhaaf qabdu akka sii guddise hin shakkisiisu. Jaalalli kun caalaatti guddachaa akka adeemu gochuuf, carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. (1 Phexros 2:2) Abdiin jireenya barabaraa argachuuf qabdu, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuudhaan Waaqayyotti dhihaachuu itti fufuu keerratti kan hundaaʼedha.​—Yohannis 17:3; Yihudaa 21 dubbisi.

Waaqayyoon ilaalchisee beekumsi qabdu guddachaa yommuu adeemu amantiinkees ni jabaata. Amantiinimmoo Waaqayyoon gammachiisuuf si gargaara. (Ibroota 11:1, 6) Qalbii geddarachuufi akkaataa jireenyaa keerratti jijjiirama barbaachisaa gochuuf si kakaasa.​—Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.

2. Beekumsi Waaqayyoon ilaalchisee argatte namoota kaan fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

Dubartiin tokko gara Waaqayyootti yommuu kadhannaa dhiheessitu

Yihowaadhaaf of murteessuudhaan isaa wajjin michooma addaa qabaachuu dandeessa

Wantoota baratte namootatti himuun waanuma jirudha; hundi keenyayyuu misiraachoo namootatti himuun nu gammachiisa. Qayyabannaakee yommuu itti fuftu, Macaafa Qulqulluutti fayyadamtee amantii Yihowaafi misiraachicharratti qabdu ibsuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baratta.​—Roomaa 10:13-15 dubbisi.

Namoonni hedduun misiraachicha michoota ykn firoottansaaniitti himuudhaan jalqabu. Misiraachicha yeroo lallabdu malaan gargaarami. Amantiinsaanii dogoggora akka taʼe dubbachuu mannaa abdiiwwan Waaqayyo kenne itti himi. Namoonni yeroo baayʼee wanta ati dubbattu caalaa gaarummaa ati argisiistuuf xiyyeeffannaa akka kennanis yaadadhu.​—2 Ximotewos 2:24, 25 dubbisi.

3. Waaqayyoo wajjin hariiroo akkamii qabaachuu dandeessa?

Dubbii Waaqayyoo qayyabachuunkee karaa hafuuraa guddachuuf si gargaara. Suutuma suutas, Yihowaa wajjin michooma adda taʼe qabaatta. Akkasumas, miseensa maatiisaa keessaa tokko taʼuudhaan kansaa taʼuu dandeessa.​—2 Qorontos 6:18 dubbisi.

4. Guddina argisiisuukee itti fufuu kan dandeessu akkamitti?

Dubbii Waaqayyoo qayyabachuukee itti fufuudhaan gama hafuuraatiin guddina argisiisaa deemuu dandeessa. (Ibroota 5:13, 14) Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa namni tokko, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamutti fayyadamee akka si qayyabsiisu gaafadhu. Dubbii Waaqayyoorraa barachaa yommuu adeemtu, jireenyikees caalaatti fooyyaʼaa dhufa.​—Faarfannaa 1:1-3; 73:27, 28 dubbisi.

Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan yommuu afeeran

Misiraachoon kun Yihowaa isa Waaqa gammadaa biraa dhufe. Namoota sabasaa taʼanitti michoomuudhaan isatti dhihaachuu dandeessa. (Ibroota 10:24, 25) Carraaqqii Yihowaa gammachiisuuf gootu itti fufuudhaan, jireenya dhugaa, jechuunis jireenya barabaraa argatta. Waaqayyotti dhihaachuun wanta gochuu dandeessu hundarra kan caaludha.​—1 Ximotewos 1:11; 6:19 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 18 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi