LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 1/1 ful. 7
  • Jireenyi Kana Irra Wayyu Hin Jiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenyi Kana Irra Wayyu Hin Jiru
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyootti Akka Dhihaatte Sitti Dhagaʼamaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Waa‵ee Yihowaa Barachuukee Itti Fufuu Kan Qabdu Maaliifi?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Waaqayyotti Dhihaachuu ni Dandeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Walitti Dhufeenyi Yihowaa Wajjin Qabdu Hammam Cimaa Dha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 1/1 ful. 7
A man reading the Bible

MATA DUREE FUULA JALQABAA | WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU NI DANDEESSA

Jireenyi Kana Irra Wayyu Hin Jiru

Waaqayyotti dhihaachuuf maal gochuu dandeessa? Waaqayyo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu qabdu garaa garaa ilaalleerra. Isaanis

  1. Maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu beekuu fi itti fayyadamuu

  2. Kadhannaadhaanii fi Dubbii isaa kan taʼe Macaafa Qulqulluu qoruudhaan yeroo hunda isaa wajjin haasaʼuu

  3. Yeroo hunda wanta Yihowaa gammachiisu raawwachuu

A man praying

Maqaa isaa beekuu fi itti fayyadamuudhaan, kadhannaa dhiheessuudhaan, Dubbii isaa qoruudhaan, akkasumas wanta isa gammachiisu gochuudhaan Waaqayyotti dhihaadhu

Akka ulaagaalee kanaatti, wanta Waaqayyotti dhihaachuudhaaf barbaachisu raawwachaa waan jirtu sitti fakkaataa? Wanti fooyyessuu qabdu hoo jiraa? Wantoota kana raawwachuun carraaqqii akka gaafatu beekamaa dha; taʼus buʼaa argattu irratti xiyyeeffadhu.

Jeniifar isheen Yunaayitid Isteetis keessa jiraattu akkas jetteetti: “Carraaqqiin Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf godhamu kan nama gaabbisiisu miti. Walitti dhufeenyi kun eebba hedduu argamsiisa: caalaatti Waaqayyotti akka amanamnu, eenyummaa isaa caalaatti akka hubannu, hunda irra immoo caalaatti akka isa jaallannu nu gargaara. Jireenyi kana irra wayyu hin jiru!”

Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuu ni barbaadda taanaan, Dhugaa Baatonni Yihowaa si gargaaruuf fedhii qabu. Kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuuf haala mijeessuu ni dandaʼu. Akkasumas, walgaʼii Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼee fi bakka waaqeffannaa isaanii Galma Mootummaa jedhamutti godhatan irratti akka argamtu si afeerra. Bakka kanatti namoota walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabaniif iddoo guddaa kennanii wajjin yeroo gaarii dabarsuu ni dandeessa.a Akkas yeroo gootu, akkuma faarfaticha isa, “Waaʼee koof yoo taʼe garuu Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha” jedhee sitti dhagaʼama.—Faarfannaa 73:28.

a Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gaaffii dhiheessuu ykn Galma Mootummaa naannoo kee jiru argachuu yoo barbaadde, nama barruu kana sii fide gaafadhu ykn Weeb saayitii keenya www.jw.org/om jedhamu baniitii, kutaa KAʼUMSA jedhu jalaa mata duree NU QUNNAMI jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi