MATA DUREE QOʼANNAA 15
FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo
‘Waaqayyotti Dhihaachuun Nuuf Gaariidha!’
“Gama kootiin . . . Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha.”—FAR. 73:28.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti Yihowaatti caalaatti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi faayidaa kana gochuun nuuf argamsiisu ilaalla.
1-2. (a) Nama tokkoo wajjin michummaa cimaa uumuun carraaqqii akkamii gochuu gaafata? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
MICHUU baayʼee itti dhihaattu qabdaa? Nama kanaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu kan dandeesse akkamitti? Tarii muuxannoosaa dhageessee, akkasumas wanta inni jibbuu fi wanta inni jaallatu beektee taʼuu dandaʼa. Amaloota gaggaarii ati horachuu barbaaddu akka inni qabu hubatteetta. Kanaafuu michuu kee kana ni jaallatte.
2 Nama tokkoo wajjin michummaa cimaa uumuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Waaqa keenya Yihowaa wajjin michummaa cimaa uumuufis akkas gochuun keenya barbaachisaadha. Mata dureen kun Waaqa keenyatti caalaatti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼee fi faayidaa kana gochuun keenya nuuf argamsiisu ibsa. Jalqaba garuu Michuu keenya isa hundarra caalu kan taʼe Yihowaatti dhihaachuun keenya gaarii kan taʼe maaliif akka taʼe ilaalla.
3. Faayidaa Yihowaatti dhihaachuun keenya nuuf argamsiisurratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi? Fakkeenya kenni.
3 Yihowaatti dhihaachuun gaarii akka taʼe akka irratti walii galtu beekamaadha. Taʼus, Yihowaatti dhihaachuun baayʼee gaarii akka taʼe xiinxaluun keenya caalaatti isatti dhihaachuuf nu kakaasa. (Far. 63:6-8) Fakkeenyaaf, nyaata madaalamaa nyaachuun, sochii qaamaa gochuun, boqonnaa gaʼaa fudhachuunii fi bishaan sirriitti dhuguun nuuf gaarii akka taʼe beekna. Namoonni hedduun garuu wantoota kanaaf xiyyeeffannaa waan hin kennineef fayyaasaaniif kunuunsa hin godhan. Haa taʼu malee, faayidaa barsiifatawwan gaggaariin akkasii qabanirratti caalaatti yoo yaanne, barsiifatawwan kana horachuuf kakaʼuun keenya hin oolu. Haaluma walfakkaatuun, Yihowaatti dhihaachuun nuuf gaarii akka taʼe beekna; faayidaa akkas gochuun keenya nuuf argamsiisurratti xiinxaluun keenyammoo caalaatti isatti dhihaachuu keenya itti fufuuf nu gargaara.—Far. 119:27-30.
4. Akkuma Faarfannaa 73:28 irratti ibsame faarfatichi miirasaa maal jedhee ibseera?
4 Faarfannaa 73:28 dubbisi. Barreessaan Faarfannaa 73 nama gosa Leewwii mana qulqullummaa keessatti muuziqaa akka taphatuuf muudamedha. Waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa kan ture taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, “Waaqayyotti dhihaachuun” isaaf gaarii akka taʼe of yaadachiisuun barbaachisaa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture; warri kaanis Waaqayyootti dhihaachuun isaaniif gaarii akka taʼe akka beekan barbaadee ture. Faayidaawwan kana gochuun argamsiisu tokko tokko maalfaʼi?
“WAAQAYYOTTI DHIHAACHUUN” GAMMACHUU ARGAMSIISA
5. (a) Yihowaatti caalaatti dhihaachuun gammachuu kan nuuf argamsiisu maaliifi? (b) Fakkeenya 2:6-16 irratti hundaaʼuudhaan, ogummaan Yihowaa kan si fayyaduu fi kan si eegu akkamitti akka taʼe fakkeenyota argisiisan dubbadhu.
5 Yihowaatti caalaatti dhihaachaa yommuu deemnu gammachuun keenya ni dabala. (Far. 65:4) Gammadoo taʼuudhaaf sababiiwwan hedduu qabna. Fakkeenyaaf, ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hojiirra oolchuun keenya faayidaa nuuf argamsiisa. Ogummaan akkasii dhiibbaa gadhee fi dogoggora cimaa raawwachuurraa nu eega. (Fakkeenya 2:6-16 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogummaa argatu, namni hubannaa qabus gammadaa dha” kan jedhu kanaafi.—Fak. 3:13.
6. Wanti faarfatichi gammachuusaa akka dhabu isa taasise maalidha?
6 Dhugaadha, michoonni Yihowaallee darbee darbee yeroo itti gaddan qabu. Barreessaan Faarfannaa 73 gammachuusaa kan dhabe wantoota sirrii hin taanerratti yeroo yaadetti ture. Namoonni hamoon Waaqayyoof ykn ulaagaasaatiif dantaa hin qabne jireenya gaarii akka jiraatan waan isatti dhagaʼameef, aaree fi hinaafee ture. Namoonni hamoon of tuultota taʼan yeroo hundumaa sooreyyii fi fayya buleeyyii akka taʼan, akkasumas rakkinnillee akka isaanirra hin geenye isatti dhagaʼamee ture. (Far. 73:3-7, 12) Faarfataan kun yeroo taʼe tokkotti carraaqqiin inni Yihowaa tajaajiluuf godhu gatii qabaachuusaa waan shakkeef jeeqamee ture. Baayʼee waan gaddeef, “Dhuguma iyyuu, garaa koo qulqulluu kanan godhe, harka koos qulqullummaadhaan kanan dhiqadhe akkanumaan ture” jedheera.—Far. 73:13.
7. Gadda cimaa gammachuu keenya balleessuu dandaʼu keessaa baʼuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii ilaali.)
7 Faarfatichi gaddi akka isa laamshessu hin heyyamne. Tarkaanfii fudhateera. ‘Iddoo qulqulluu Waaqayyoo isa guddaatti kan seene’ yeroo taʼu, Yihowaanis yaadasaa isaaf sirreesseera. (Far. 73:17-19) Yihowaan inni hunda caalaa Michuu keenya taʼe yeroo gaddinu ni hubata. Qajeelfama argachuuf yoo kadhannee fi gargaarsa inni karaa Dubbiisaa fi karaa gumii nuuf godhu yoo fudhanne jabina gadda dandamachuuf nu dandeessisu arganna. Yaaddoon akka nu liqimse yeroo nutti dhagaʼamuttillee Yihowaan nu jajjabeessa, akkasumas nu tasgabbeessa.—Far. 94:19.a
Leewwichi inni Faarfannaa 73 barreesse, ‘iddoo qulqulluu Waaqayyoo isa guddaa’ keessa dhaabbatee jira (Keeyyata 7 ilaali)
“WAAQAYYOTTI DHIHAACHUUN” JIREENYI KEENYA KAAYYOO FI ABDII AKKA QABAATU GODHA
8. Waaqayyotti dhihaachuun keenya gaarii kan nuuf taʼe karaawwan kan biroo kamiini?
8 Karaawwan barbaachisoo taʼan kan biroo lamaan Waaqayyotti dhihaachuun keenya nuuf gaariidha. Tokkoffaa, jireenya gaarii jiraachuuf nu gargaara. Lammaffaa, abdii amansiisaa qabaachuuf nu gargaara. (Er. 29:11) Mee faayidaawwan kana gadi fageenyaan haa qorru.
9. Yihowaatti dhihaachuun keenya jireenyi keenya caalaatti gammachiisaa akka taʼu kan godhu akkamitti?
9 Yihowaatti dhihaachuun jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godha. Yeroo harʼaatti namoonni Waaqayyo jiraachuusaa hin amanne hedduun, jireenyi kaayyoo akka hin qabnee fi ilmaan namootaa yeroo booda akka badan yaadu. Haa taʼu malee, Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan Waaqayyo, “akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu” mirkanaaʼaa taaneerra. (Ibr. 11:6) Yeroo harʼaattillee kaayyoo itti uumamne raawwachaa, jechuunis Abbaa keenya isa samii tajaajilaa waan jirruuf jireenya gammachuu qabu jiraachaa jirra.—Kes. 10:12, 13.
10. Faarfannaan 37:29 egeree namoota Yihowaa abdatanii ilaalchisee maal nu hubachiisa?
10 Namoonni baayʼeen jireenyisaanii isuma ammaa qofadha. Hojii hojjechuu, gaaʼela dhaabbachuu, ijoollee guddisuu fi wanta yeroo soorama baʼanitti isaan barbaachisu kuufachuurratti xiyyeeffatu. Abdii Waaqayyo kenne hin beekan. Faallaa kanaatiin tajaajiltoonni Yihowaa isa abdatu. (Far. 25:3-5; 1 Xim. 6:17) Waaqa keenya isa michuu keenya taʼee fi waadaa inni nuuf galerratti amanannaa qabna. Abdiiwwan hawwiidhaan eeggannu hedduu qabna, isaan keessaa inni tokko Jannata keessatti barabaraaf isa waaqeffachuudha.—Faarfannaa 37:29 dubbisi.
11. Waaqayyotti dhihaachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Yihowaattoo maaltu akka dhagaʼamu godha?
11 Waaqayyotti dhihaachuun keenya karaawwan kan biroo hedduudhaan nu fayyada. Fakkeenyaaf, Yihowaan yommuu yaada geddarannutti cubbuu keenya nuuf dhiisuuf waadaa galeera. (Isa. 1:18) Kanaafuu, cubbuu kanaan dura raawwanneen kan kaʼe miira balleessaa wajjin jiraachuun nu hin barbaachisu. (Far. 32:1-5) Akkasumas Yihowaa gammachiisuu dandaʼuun keenya baayʼee nu gammachiisa. (Fak. 23:15) Yihowaatti dhihaachuun keenya eebbawwan kan biroo hedduus nuuf argamsiisa. Maarree Yihowaatti dhihaachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?
“WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU” KEENYA ITTI FUFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
12. Waaqayyotti dhihaachuuf hamma ammaatti maal gooteetta?
12 Cuuphamteetta taanaan Yihowaatti dhihaachuuf wanta hedduu gooteetta jechuudha. Dhugaawwan waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus Kiristoos ibsan hedduu baratteetta, cubbuu keerraa yaada geddaratteetta, Waaqayyorratti amantii cimaa akka qabdu argisiisteetta, akkasumas fedhasaa wajjin walsimtee jiraachuuf carraaqxeetta. Haa taʼu malee, Waaqayyotti caalaatti dhihaachuuf wantoota kana gochuu keenya itti fufuu qabna.—Qol. 2:6.
13. Yihowaatti dhihaachuu keenya itti fufuuf wantoonni nu gargaaran sadii maalfaʼi?
13 Yihowaatti dhihaachuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaara? (1) Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuu keenya itti fufuu qabna. Kaayyoon itti akkas goonu dhugaawwan buʼuuraa waaʼee Waaqayyoo ibsan barachuuf qofa taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, fedhii Waaqayyo nuuf qabu hubachuu qabna, akkasumas ulaagaa inni Dubbiisaa keessatti baaseen jiraachuuf carraaquu qabna. (Efe. 5:15-17) (2) Ragaawwan hedduu akka inni jaalala nuuf qabu argisiisanirratti xiinxaluudhaan amantii keenya cimsachuu qabna. (3) Wantoota Yihowaa gaddisiisan jibbuu keenya itti fufuu fi namoota wantoota akkasii raawwatanitti michoomuurraa fagaachuu qabna.—Far. 1:1; 101:3.
14. Yaada 1 Qorontos 10:31 irratti ibsamee wajjin haala walsimuun, wantoonni Yihowaa gammachiisuuf guyyaa guyyaadhaan gochuu dandeenyu tokko tokko maalfaʼi? (Fakkiiwwanis ilaali.)
14 Qorontos Tokkoffaa 10:31 dubbisi. Wantoota Yihowaa gammachiisan raawwachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Kunimmoo tajaajila baʼuu fi gumiirratti argamuu caalaa wanta dabalatu qaba. Wanti guyyaa guyyaadhaan jireenya keenya keessatti goonu Yihowaa kan gammachiisu taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, waan hundumaarratti haqa qabeeyyii taʼuu fi wanta qabnu warra kaaniif hiruun keenya Yihowaa ni gammachiisa. (2 Qor. 8:21; 9:7) Kana malees, Yihowaan jireenya isa kennaa taʼeef dinqisiifannaa qabnu akka argisiisnu barbaada. Wanta nyaannuu fi wanta dhugnurratti barsiifata madaalamaa qabaachuun, akkasumas karaawwan kan birootiin fayyaa keenya kunuunsuun keenya Yihowaa isa jireenya nuu kennetti caalaatti dhihaachuuf nu gargaara. Wantoota xixinnoo fakkaatan irrattillee Yihowaa gammachiisuuf carraaqqiin goonu caalaatti akka inni nu jaallatu isa taasisa.—Luq. 16:10.
Of eeggannoodhaan konkolaachisuu, sochii qaamaa gochuu, nyaata madaalamaa nyaachuu fi keessummaa simachuun karaawwan Yihowaa gammachiisuu itti dandeenyu keessaa tokko tokkodha (Keeyyata 14 ilaali)
15. Yihowaan namoota kaan akkamitti akka qabnu barbaada?
15 Yihowaan qajeelotattis taʼe jalʼootatti gaarummaasaa ni argisiisa. (Mat. 5:45) Nutis akkumasaa warra kaanitti gaarummaa akka argisiisnu barbaada. Fakkeenyaaf, ‘maqaa namootaa kan hin balleessine, lola kan hin jaallannee fi namoota hundatti garraamummaa hundumaa kan argisiisnu’ taʼuu qabna. (Tit. 3:2) Kanaafuu, namoonni Yihowaatti kan hin amanne yoo taʼanillee isaan tuffachuu hin qabnu. (2 Xim. 2:23-25) Hariiroo namoota kaanii wajjin qabnurratti yeroo hundumaa gaarummaa kan argisiisnuu fi warra kaaniif kan yaannu taʼuun keenya caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaara.
YEROO DOGOGGORA RAAWWANNUTTILLEE “WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU” NI DANDEENYA
16. Barreessaan Faarfannaa 73 waggoota hedduudhaaf erga tajaajilee booda maaltu isatti dhagaʼame?
16 Haa taʼu malee, yeroo muraasaaf Yihowaa erga tajaajiltee booda jaalalli Yihowaa akka siif hin malle yoo sitti dhagaʼame hoo? Akkuma olitti ibsame barreessaan Faarfannaa 73 miirri akkasii isatti dhagaʼamee ture. “Miilli koo karaa irraa jalʼachuuf jedhee, tarkaanfiin koos mucucaachuu jala gaʼee ture” jedheera. (Far. 73:2) Faarfataan kun Yihowaa duratti, “garaan [isaa] hadhaaʼaa” akka taʼe, “nama sirriitti hin yaannee” fi “akka bineensa yaaduu hin dandeenyee” akka taʼe dubbatee ture. (Far. 73:21, 22) Maarree, dogoggorasaatiin kan kaʼe gatii akka hin qabnee fi Yihowaan isa jaallachuu akka hin dandeenye isatti dhagaʼameeraa?
17. (a) Faarfataan kun yeroo baayʼee abdii kutatettillee maal godheera? (b) Muuxannoosaarraa maal barachuu dandeenya? (Fakkiiwwanis ilaali.)
17 Faarfatichi Yihowaa biratti fudhatama akka hin qabne isatti dhagaʼameera yoo taʼe, akkas kan isatti dhagaʼame yeroo muraasaaf qofadha. Yeroo baayʼee abdii kutatee turettillee Waaqayyotti dhihaachuun barbaachisaa akka taʼe waan hubateef, akkas jedheera: “Amma garuu yeroo hunda sii wajjinan jira; atis harka mirgaa koo qabatteetta. Gorsa keetiin na geggeessita, sana booda gara ulfinaatti na geessita.” (Far. 73:23, 24) Nutis amantiin keenya akka laafe ykn dogoggora raawwanneen kan kaʼe, abdii akka kutanne yoo nutti dhagaʼame Yihowaan akka nu jabeessu isa gaafachuu qabna. (Far. 73:26; 94:18) Yeroo muraasaaf miilli keenya yoo mucucaatellee, Yihowaan ‘dhiifama nuuf gochuuf qophaaʼaa’ akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuudhaan garasaatti deebiʼuu ni dandeenya. (Far. 86:5) Keessumaa yeroo baayʼee abdii kutannutti caalaatti Waaqa keenyatti dhihaachuu qabna.—Far. 103:13, 14.
Karaa hafuuraa akka laafne yeroo nutti dhagaʼamu, caalaatti kadhannaa dhiheessuu fi walgaʼiiwwan gumiirratti dhaabbataadhaan hirmaachuudhaan Yihowaatti caalaatti dhihaachuu qabna (Keeyyata 17 ilaali)
BARABARAAF “WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU” KEESSAN ITTI FUFAA
18. Barabaraaf Yihowaatti dhihaachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu maaliifi?
18 Barabaraaf Yihowaatti dhihaachuu keenya itti fufuu ni dandeenya. Matumaa waaʼeesaa barachuu hin dhaabnu. Kitaabni Qulqulluun, karaan, ogummaanii fi beekumsi Yihowaa ‘bira gaʼamuu akka hin dandeenye’ dubbata.—Rom. 11:33.
19. Kitaabni Faarfannaa maal nuuf mirkaneessa?
19 Faarfannaan 79:13, “Nuti, sabni kee warri hoolota iddoo dheedichaa keetii taane, bara baraaf galata siif galchina; dhalootaa hamma dhalootaattis jajamuu kee ni labsina” jedha. Atis Waaqayyotti dhihaachuu kee yoo itti fufte eebba barabaraa akka argattu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa; akkasumas “Waaqayyo . . . qarsaa garaa kootii ti, bara baraafis qooda koo ti” jechuu ni dandeessa.—Far. 73:26.
FAARFANNAA 32 Yihowaa Deggeri!
a Namoonni yeroo dheeraadhaaf dhiphatan, yaaddaʼan ykn gaddan tokko tokko gargaarsa ogeessa fayyaa argachuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Lakk. 1 2023 ilaali.