LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Ebla ful. 14-19
  • Walitti Dhihaachuun Keenya Nuuf Gaariidha!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Walitti Dhihaachuun Keenya Nuuf Gaariidha!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI WALITTI DHIHAACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
  • WAL KABAJAA
  • “WAL QOQQOODUUN ISIN GIDDUU AKKA HIN JIRAANNE”
  • “HOJII FI DHUGAADHAAN” WAL JAALLADHAA
  • Yihowaan Baayʼee Si Jaallata
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • ‘Waaqayyotti Dhihaachuun Nuuf Gaariidha!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Kennuudhaan Gammachuu Guddaa Argadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Ebla ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 16

FAARFANNAA 87 Kottaa Haaromaa

Walitti Dhihaachuun Keenya Nuuf Gaariidha!

“Ilaa, obboloonni tokkummaadhaan waliin jiraachuun isaanii akkam gaarii dha, akkam nama gammachiisas!”—FAR. 133:1.

YAADA IJOO

Mata dureen kun yaadawwan caalaatti walitti dhihaachuuf nu gargaaranii fi eebbawwan obboloota keenya wajjin michummaa qabaachuun nuuf argamsiisu ibsa.

1-2. Wanti Yihowaan iddoo guddaa kennuuf tokko maalidha? Innoo maal akka goonu barbaada?

YIHOWAAN akkaataa itti warra kaan qabnuuf iddoo guddaa kenna. Yesuus namoota akka ofii keenyatti jaallachuu akka qabnu barsiiseera. (Mat. 22:37-39) Kunis namoota amantaa nurraa adda taʼe qabanitti gaarummaa argisiisuu dabalata. Akkas yeroo goonu fakkeenya Yihowaa isa ‘aduusaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti baasu, bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti roobsuu’ hordofaa akka jirru argisiisna.—Mat. 5:45.

2 Yihowaan ilmaan namootaa hundumaa kan jaallatu taʼus, caalaatti namoota wanta sirrii taʼe raawwatan jaallata. (Yoh. 14:21) Nutis fakkeenyasaa akka hordofnu barbaada. Obbolootaa fi obboleettota keenyatti “jaalala guddaa” akka argisiisnuu fi ‘hoʼisnee akka isaan jaallannu’ nu jajjabeesseera. (1 Phe. 4:8; Rom. 12:10) Jaalalli akkasii jaalala fira keenya baayʼee jaallannuu fi michuu keenya baayʼee itti dhihaannuuf qabnu wajjin wal fakkaata.

3. Jaalala ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

3 Jaalalli akkuma biqiltuu guddachuuf kunuunsa barbaada. Phaawulos ergamaan, “Jaalala obbolummaa argisiisuu keessan itti fufaa” jedhee Kiristiyaanota gorseera. (Ibr. 13:1) Yihowaan jaalala waliif qabnu guddifachuu keenya akka itti fufnu barbaada. Mata dureen kun obboloota keenyatti caalaatti dhihaachuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi itti fufiinsaan kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

CAALAATTI WALITTI DHIHAACHUU KAN QABNU MAALIIFI?

4. Faarfannaan 133:1 akka jedhutti tokkummaa obbolummaa keenya dinqisiifachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

4 Faarfannaa 133:1 dubbisi. Faarfatichi namoota Yihowaa jaallatan wajjin michummaa dhugaa qabaachuun “gaarii” fi ‘gammachiisaa’ akka taʼe barreesseera; nutis akkasuma nutti dhagaʼama. Haa taʼu malee, akkuma namni tokko muka bareedaa guyyaa guyyaadhaan arguuf xiyyeeffannaa utuu hin kennin hafuu dandaʼu, nutis bareedina tokkummaan keenya qabu salphisnee ilaaluu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin yeroo baayʼee, tariimmoo torban keessatti siʼa hedduu wal arguu dandeenya. Maarree, dinqisiifannaa isaaniif qabnu eegnee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokkoon tokkoon isaanii nuufis taʼe gumichaaf hammam akka barbaachisan yeroo fudhannee yoo yaanne jaalalli isaaniif qabnu ni guddata.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleettiin takka muka bareedu tokko dinqisiifachaa jirti. 2. Boodas walgaʼii naannoo tokkorratti obboleettii kan biraa hammachaa jirti. Warri walgaʼicharratti argaman kaanis gammachuudhaan waliin haasaʼaa jiru.

Bareedina tokkummaan keenya qabu salphistee hin ilaalin (Keeyyata 4 ilaali)


5. Jaalalli nu gidduu jiru warra kaanirratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼa?

5 Namoonni walgaʼii keenyarratti yeroo jalqabaatiif argaman tokko tokko jaalala waliif qabnuun baayʼee tuqamaniiru. Kun qofti dhugaa akka argatan amanuuf isaan kakaasuu dandaʼa. Yesuus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Mee muuxannoo barattuu yunivarsiitii Chaatiraa jedhamtuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa turtee haa ilaallu. Chaatiraan affeerraa ishiidhaaf dhihaate fudhattee walgaʼii naannoo tokkorratti argamte. Guyyaa jalqabaa qaamaan erga argamtee booda barsiistuu Kitaaba Qulqulluu ishiitiin akkana jette: “Warri koo na hammatanii hin beekan. Walgaʼii keessanirratti garuu guyyaa tokko qofatti siʼa 52n hammatame! Karaa maatii hafuuraa kanaa Yihowaan akka na jaallatu natti dhagaʼameera. Anis kutaa maatii kanaa taʼuun barbaada.” Chaatiraan guddina gochuu ishii itti fuftee bara 2024​tti cuuphamte. Eeyyee, namoonni haaraan jaalala waliif qabnu dabalatee hojii gaarii nuti hojjennu yeroo argan yeroo baayʼee Yihowaa waaqeffachuuf kakaʼu.—Mat. 5:16.

6. Obbolootaa fi obboleettota keenyatti caalaatti dhihaachuun eegumsa kan nuuf argamsiisu akkamitti?

6 Obbolootaa fi obboleettota keenyatti caalaatti dhihaachuun eegumsa nuuf argamsiisa. Phaawulos, “Isin keessaa namni kam iyyuu humna cubbuun gowwoomsuuf qabuun mata jabeessa akka hin taaneef . . . guyyaa hundumaa wal jajjabeessuu keessan itti fufaa” jedhee Kiristiyaanota gorseera. (Ibr. 3:13) Baayʼee abdii kutachuu keenyaan kan kaʼe miilli keenya daandii qajeelummaarraa goruu yoo jalqabe, Yihowaan obboleessi haala keenya hubate tokko gargaarsa nu barbaachisu akka nuuf godhu isa kakaasuu dandaʼa. (Far. 73:2, 17, 23) Dhugumayyuu jajjabinni akkasii nuuf gaariidha.

7. Jaalallii fi tokkummaan walitti dhufeenya akkamii qabu? (Qolosaayis 3:13, 14)

7 Namoota wal jaallachuuf carraaqqii guddaa godhan keessaa tokko waan taaneef eebba hedduu arganneerra. (1 Yoh. 4:11) Fakkeenyaaf, jaalalli ‘wal dandaʼuu keenya itti fufuuf’ nu kakaasa; kunimmoo tokkummaa keenyaaf gumaacha godha. (Qolosaayis 3:13, 14 dubbisi; Efe. 4:2-6) Kanaafuu, bakki walgaʼii keenya baayʼee gammachiisaadha; lafa kanarra iddoon kana wajjin wal gitu kan biraan hin jiru.

WAL KABAJAA

8. Yihowaan tokkummaa akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti?

8 Tokkummaan addunyaa maratti qabnu dinqiidha. Mudaa kan qabnu taanus Yihowaan tokkummaa akkasii akka qabaannu godheera. (1 Qor. 12:25) Kitaabni Qulqulluun ‘wal jaallachuu akka qabnu Waaqayyo irraa akka baranne’ dubbata. (1 Tas. 4:9) Jecha biraatiin Yihowaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee caalaatti walitti dhihaachuuf wanta gochuu qabnu nutti himeera. Barumsa Kitaaba Qulqulluu sirriitti qoruu fi hojiirra oolchuudhaan ‘Waaqayyo irraa barachuu’ dandeenya. (Ibr. 4:12; Yaq. 1:25) Wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa gochuuf carraaqanis kanuma.

9. Wal kabajuu ilaalchisee Roomaa 12:9-13 irraa maal baranna?

9 Dubbiin Waaqayyoo caalaatti akka walitti dhihaannu kan nu barsiisu akkamitti? Phaawulos dhimma kana ilaalchisee Roomaa 12:9-13 irratti maal akka jedhe haa ilaallu. (Dubbisi.) Phaawulos, “Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa” akka jedhe hubadhu. Kana jechuun maal jechuudha? Dhiifama gochuudhaan, keessummaa simachuu fi arjummaa argisiisuudhaan ‘hoʼisnee wal jaallachuuf’ dursa fudhachuu qabna. (Efe. 4:32) Obboleessi ykn obboleettiin kee hamma sitti dhihaatanitti eeguun si hin barbaachisu. Akkas gochuuf ‘dursa fudhachuu’ dandeessa. Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera.—HoE. 20:35.

10. “Kabaja walii kennuuf” jabaannee hojjechuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

10 Kan nama ajaaʼibu Phaawulos kabaja walii kennuuf dursa akka fudhannu erga ajajee booda, “Jabaadhaa hojjedhaa malee, dhibaaʼoo hin taʼinaa” jedhee nu gorseera. Namni jabaatee hojjetu tokko nama hinaaffaa qabuu fi dhimmee hojjetudha. Hojiin tokko yeroo isaaf kennamu jabaatee hojjeta. Fakkeenyi 3:27, 28, “Gargaaruuf humna yoo qabaatte, warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin” jedhee nu jajjabeessa. Kanaafuu, namni tokko gargaarsi akka isa barbaachisu yoo hubanne isa gargaaruuf wanta dandeenyu hunda goona. Harʼa boru hin jennu; ykn namni kan biraan isa gargaara jennee hin yaannu.—1 Yoh. 3:17, 18.

Obboleessi dargaggeessi tokko masalaaliirra dhaabbatee baaxii mana obboleessa maanguddoo tokkoo qulqulleessaa jira.

Obboloota keenya gargaarsi barbaachisu gargaaruuf dursa fudhachuu qabna (Keeyyata 10 ilaali)


11. Caalaatti walitti dhihaachuuf maaltu nu gargaara?

11 Karaan warra kaanitti kabaja argisiisuu itti dandeenyu kan biraanimmoo yeroo nu mufachiisanitti dafnee dhiifama isaaniif gochuudha. Efesoon 4:26, “Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin” jedha. Maaliif? Lakkoofsi 27 akkas gochuun ‘Diyaabilosiif carraa akka kennu’ dubbata. Yihowaan Dubbiisaa keessatti dhiifama akka waliif goonu irra deddeebiʼee nutti himeera. Qolosaayis 3:13 ‘tola akka waliif dhiisnu’ nu jajjabeessa. Dogoggora warra kaaniitiif dhiifama gochuun karaawwan gaggaarii caalaatti isaanitti dhihaachuuf nu dandeessisan keessaa tokkodha. Akkas yoo goone, “hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguu” irratti gumaacha goona. (Efe. 4:3) Gabaabumatti, dhiifama gochuun tokkummaa fi nagaa keenyaaf kallattiidhaan gumaacha godha.

12. Yihowaan dhiifama gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?

12 Dhugaadha, namoota nu miidhaniif dhiifama gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin garuu nuuf milkaaʼa. Kitaabni Qulqulluun ‘hoʼisnee akka wal jaallannuu’ fi ‘jabaannee akka hojjennu’ erga nu gorsee booda, “Hafuuraan kan gubattan taʼaa” jedhee nu jajjabeessa. Namni ‘hafuuraan gubatu’ nama dhiibbaa hafuura qulqulluutiin hinaaffaadhaan guutamee fi miira hoʼaa qabudha. (Rom. 12:11) Kanaafuu, hafuurri Waaqayyoo hoʼisnee akka wal jaallannuu fi tolaan dhiifama akka waliif goonu nu gargaaruu dandaʼa. Yihowaan akka nu gargaaru cimsinee kadhachuu kan qabnu kanaafi.—Luq. 11:13.

“WAL QOQQOODUUN ISIN GIDDUU AKKA HIN JIRAANNE”

13. Wanti nu gidduutti wal qoqqoodinsa uumuu dandaʼu maalidha?

13 Gumiin ‘akaakuu namootaa hunda’ akkaataa guddinaa garaagaraa qaban of keessatti qabateera. (1 Xim. 2:3, 4) Yoo of eeggachuu baanne garaagarummaan kun dhimmoota filannaa dhuunfaa taʼan, kanneen akka akkaataa uffannaa fi miidhaginaa, yaalii fayyaa ykn bashannanarratti qoqqoodinsa uumuu dandaʼu. (Rom. 14:4; 1 Qor. 1:10) Waaqayyo wal jaallachuu akka qabnu waan nu barsiiseef filannaan dhuunfaa keenya kan warra kaaniirra akka caalu goonee akka hin yaanne of eeggachuu qabna.—Filp. 2:3.

14. Yeroo hundumaa maal gochuuf carraaquu qabna? Maaliif?

14 Yeroo hundumaa warra kaan haaromsuu fi jajjabeessuuf carraaqqii gochuudhaan gumii keessa wal qoqqoodinsi akka hin jiraanne gochuu dandeenya. (1 Tas. 5:11) Yeroo dhihoodhaa asitti namoonni qabbanaaʼan ykn gumiidhaa baafaman hedduun gara gumiitti deebiʼaniiru. Miira hoʼaadhaan isaan simachuu qabna! (2 Qor. 2:8) Mee obboleettiin waggaa kudhaniif qabbanooftee turte tokko gara Galma Walgaʼii yeroo dhuftu wanta taʼe haa ilaallu. “Obboloonni seeqaa nagaa na gaafatan” jetteetti. (HoE. 3:19) Gochi salphaan gaarummaarratti hundaaʼe kun dhiibbaa akkamii ishiirratti godhe? “Yihowaan deebiʼee gammachuu akkan qabaadhu na gargaaraa akka jiru akka natti dhagaʼamu godheera” jetteetti. Namoota hundumaa kan jajjabeessinu yoo taʼe Kiristoos ‘warra dadhabanii fi baʼaan isaanitti ulfaateef’ boqonnaa kennuuf nutti fayyadamuu dandaʼa.—Mat. 11:28, 29.

15. Karaan itti tokkummaan akka jiraatu gochuu dandeenyu kan biraan maalidha? (Fakkichas ilaali.)

15 Dubbii keenyaanis tokkummaan akka jiraatu gumaacha gochuu dandeenya. Iyyoob 12:11, “Akkuma arrabni nyaata dhandhamu, gurri jechoota adda hin baafatuu?” jedha. Akkuma namni dandeettii nyaata qopheessuu qabu tokko nyaaticha warra kaaniif dhiheessuusaa dura miʼaasaa dhandhamu, nutis dubbachuu keenya dura wanta dubbannurratti of eeggannoodhaan yaaduun keenya gaaridha. (Far. 141:3) Kaayyoon keenya yeroo hunda wanti dubbachuuf jennu kan nama ijaaru, kan nama haaromsuu fi ‘warra dhagaʼan kan fayyadu’ akka taʼu gochuudha.—Efe. 4:29.

Obboleessi tokko nyaata qopheesse keessummoota isaatiif dhiheessuusaa dura dhandhamaa jira.

Dubbachuu kee dura wanta dubbatturratti yaadi (Keeyyata 15 ilaali)


16. Keessumaa dubbii nama jajjabeessu dubbachuu kan qaban eenyufaʼi?

16 Keessumaa abbootiin manaa fi warri dubbiinsaanii kan nama ijaaru akka taʼu gochuuf carraaquu qabu. (Qol. 3:19, 21; Tit. 2:4) Jaarsoliinis tiksitoota hoolota Yihowaa waan taʼaniif madda boqonnaa fi jajjabinaa taʼuu qabu. (Isa. 32:1, 2; Gal. 6:1) Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko, “Dubbiin yeroo sirrii taʼetti [dubbatame] akkam gaarii dha!” jedha.—Fak. 15:23.

“HOJII FI DHUGAADHAAN” WAL JAALLADHAA

17. Jaalalli obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu dhugaa taʼuusaa mirkaneeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yohaannis ergamaan ‘dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan akka wal jaallannu’ nu jajjabeesseera. (1 Yoh. 3:18) Jaalalli obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu garaadhaa kan madde akka taʼu barbaanna. Kun akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Obboloota keenya wajjin caalaatti yeroo kan dabarsinu yoo taʼe caalaatti walitti dhihaanna; jaalalli waliif qabnus ni cima. Kanaafuu, walgaʼii fi tajaajilarratti carraa itti warra kaan wajjin yeroo dabarsitu argachuuf yaali. Dhaqxee isaan gaafachuuf yeroo ramadi. Akkas yoo goone, ‘wal jaallachuu akka qabnu Waaqayyo irraa akka baranne’ argisiisna. (1 Tas. 4:9) Akkasumas obboloonni tokkummaadhaan waliin jiraachuunsaanii ‘gaarii fi kan nama gammachiisu’ taʼuusaa ofuma keenyaan mirkaneeffachuu dandeenya.—Far. 133:1.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Caalaatti walitti dhihaachuun keenya nuuf gaarii kan taʼe akkamitti?

  • Wal kabajuuf dursa fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Tokkummaan akka jiraatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi