LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 10/15 ful. 4-8
  • Jireenya Kee Keessatti Harka Waaqayyoo Ni Argitaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenya Kee Keessatti Harka Waaqayyoo Ni Argitaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HARKA WAAQAYYOO ARGUU DADHABAN
  • HARKA YIHOWAA ARGANIIRU
  • RAGAA YEROO HARʼAATTI HARKA WAAQAYYOO ARGISIISU
  • HARKA YIHOWAA JIREENYA KEE KEESSATTI NI ARGITAA?
  • Dammaqinaafi Obsaan Eegeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Dammaqinaafi Obsaan Eeggateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Waaqnisaa Isa Jajjabeesseera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Hamma Dhumaatti Jabaatee Dhaabbateera
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 10/15 ful. 4-8
Dubartiin tokko mana ishee keessatti utuu kadhattuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa lama balbala ishee rurrukutaa jiru

Jireenya Kee Keessatti Harka Waaqayyoo Ni Argitaa?

“Irreen ana Waaqayyoo, garboota koo biratti in beekama.” —ISA. 66:14.

FAARFANNAA: 32, 26

IBSUU DANDEESSAA?

  • Namoonni tokko tokko jireenya isaanii keessatti harka Waaqayyoo kan argan taʼus, warri kaan kan hin argine maaliifi?

  • Yihowaan xiyyeeffannaa kan nuuf kennu taʼuu isaatiif ragaa maalii qabna?

  • Jireenya keenya keessatti caalaatti harka Waaqayyoo arguudhaaf maal gochuu dandeenya?

1, 2. Namoonni tokko tokko waaʼee Waaqayyoo maaltu itti dhagaʼama?

NAMOONNI hedduun Waaqayyo wanta isaan hojjetaniif xiyyeeffannaa akka hin kennine itti dhagaʼama. Tokko tokko immoo, wanti ilmaan namootaa irratti raawwatamaa jiru akka isa hin yaaddessine amanu. Obomboleettiin guddaan Haayaan jedhamu Sadaasa 2013⁠tti Filippiinsi keessatti balaa guddaa yeroo geessisetti, bulchaan magaalaa guddoo tokkoo, “Waaqayyo iddoo kan biraa deemee taʼuu qaba” jedheera.

2 Namoonni kaan immoo Waaqayyo wanta isaan hojjetan waan hin argine itti fakkaata. (Isa. 26:10, 11; 3 Yoh. 11) Jarri kun namoota Phaawulos, ‘Waaqayyoon beekuu dubbii qajeelaatti hin lakkaaʼan’ jechuudhaan waaʼee isaanii dubbatee wajjin wal fakkaatu. Namoonni kun “jalʼina, hammina, sassata, gadhummaa hundumaan guutamanii turan.”—Rom. 1:28, 29.

3. (a) Waaqayyoon ilaalchisee gaaffilee akkamii of gaafachuu dandeenya? (b) Yeroo baayʼee Macaafa Qulqulluu keessatti ‘harki’ Yihowaa maal argisiisa?

3 Nuti garuu, namoota olitti caqasaman irraa haala adda taʼeen, Yihowaan waan goonu hunda akka argu beekna. Haa taʼu malee, xiyyeeffannaa akka nuuf kennuu fi akka nu gargaaru nutti dhagaʼamaa? Kana malees, namoota Yesus, “Waaqayyoon in argu” jechuudhaan ibse keessaa tokko dhaa? (Mat. 5:8) Kun maal jechuu akka taʼe hubachuuf, fakkeenya namoota harka Waaqayyoo arganii fi namoota harka isaa arguu didanii Macaafa Qulqulluu keessaa haa ilaalu. Achiis jireenya keenya keessatti harka Yihowaa ija amantiitiin ifatti ilaaluu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna. Qabxiilee kana yeroo ilaallutti, Macaafni Qulqulluun humna Waaqayyoo, isa inni tajaajiltoota isaa gargaaruu fi mormitoota isaa balleessuuf itti fayyadamu ibsuuf yeroo baayʼee jecha “harka” jedhutti akka fayyadamu yaadadhu.—Keessa Deebii 26:8 dubbisi.

HARKA WAAQAYYOO ARGUU DADHABAN

4. Diinonni Israaʼelootaa harka Waaqayyoo arguu kan dadhaban maaliifi?

4 Bara duriitti namoonni wanta Waaqayyo Israaʼelootaaf godhe arguu fi dhagaʼuuf carraa qabu turan. Yihowaan saba isaa dinqiidhaan Gibxii keessaa kan baase siʼa taʼu, mootota hedduu akka moʼanis isaan gargaareera. (Iya. 9:3, 9, 10) Mootonni Yordaanos irraa gara lixaatti argaman hundi jechuun ni dandaʼamaa, wanta kana hunda kan dhagaʼanii fi kan argan taʼus, “Iyaasuudhaa fi Israaʼeliin loluudhaaf yaada tokkoon walitti in qabaman.” (Iya. 9:1, 2) Mootonni kun Israaʼeloota loluu erga jalqabanii booda illee harka Waaqayyoo arguuf carraa argatanii turan. Qajeelfama Yihowaatiin, “sabni hamma diinota isaa ijaa baʼutti, biiftuun achii hin sochoone, jiʼis in dhaabate.” (Iya. 10:13) Haa taʼu malee, “akka [diinonni] Israaʼelootaa wajjin wal lolanii raawwatanii badaniif Waaqayyo mata-jabeeyyii isaan in godhe.” (Iya. 11:20) Diinonni Israaʼelootaa Waaqayyo Israaʼelootaaf lolaa akka turee fi isaan immoo akka moʼaman gochaa akka ture amananii fudhachuu hin barbaanne.

5. Ahaab Mootichi inni hamaan maal hubachuu hin barbaadne?

5 Ahaab Mootichi inni hamaanis wantoota tokko tokko irratti harka Waaqayyoo arguuf carraa argatee ture. Eliyaas, “Hamma ani guyyaa isaa himutti . . . fixeensi lafa irratti hin argamu yookiis bokkaan hin roobu!” jedheenii ture. (1 Mot. 17:1) Kana gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofa ture; Ahaab garuu kana hin amanne. Yeroo booda Ahaab, Eliyaas aarsaan isaa akka gubatu yeroo kadhatetti ibiddi samii irraa yommuu buʼu argeera. Achiis Eliyaas Ahaabiin, “Utuu bokkaan si hin ittisin gad buʼi” jechuudhaan Yihowaan ongee yeroo sana ture akka hambisu ibseera. (1 Mot. 18:22-45) Ahaab kun hundi yommuu raawwatamu kan arge taʼus, humna Waaqayyoo isa guddaa kan argisiisu akka taʼe garuu hin hubanne. Fakkeenyi kunis taʼe fakkeenyonni olitti ibsaman harki Yihowaa hojii irra akka jiru hubachuu akka qabnu nu barsiisu.

HARKA YIHOWAA ARGANIIRU

6, 7. Namoonni bara Iyaasuutti turan tokko tokko maal hubachuu dandaʼaniiru?

6 Namoonni kaan mootota hamoo kana irraa haala adda taʼeen, haaluma wal fakkaatu keessatti harka Waaqayyoo arguu dandaʼaniiru. Fakkeenyaaf, warri Giibeʼon saboota bara Iyaasuutti saba Israaʼelii wajjin wal lolan hedduu irraa haala adda taʼeen Israaʼelootaa wajjin nagaa uumaniiru. Maaliif? ‘Nuyi garboonni kee sababii maqaa Waaqayyo gooftaa keetii, wanta inni hojjete hundumaas dhageenyeef dhufne’ jedhaniiru. (Iya. 9:3, 9, 10) Israaʼeloota deggeraa kan jiru Waaqa dhugaa akka taʼe hubataniiru.

7 Rahaabis, wantoota bara isheetti raawwataman irratti harka Waaqayyoo arguu dandeesseetti. Yihowaan saba isaa kan oolche akkamitti akka taʼe waan hubatteef gaaddota (basaastota) Israaʼel lamaaniin, “Waaqayyo biyya kana akka isiniif kenne ani beeka” jetteetti. Ejjennoo akkasii qabaachuun ishee rakkina kan itti fidu taʼus, Yihowaan ishees taʼe maatii ishee oolchuu akka dandaʼu amantii qabaachuu ishee argisiisteetti.—Iya. 2:9-13; 4:23, 24.

8. Israaʼeloonni tokko tokko harka Waaqayyoo hubachuu kan dandaʼan akkamitti?

8 Ahaab Mooticha isa hamaa sana irraa haala adda taʼeen, Israaʼeloonni yeroo Eliyaas aarsaa dhiheessetti Yihowaan ibidda buusuu isaa argan tokko tokko harka Waaqayyoo hubachuu dandaʼaniiru. Ibiddi samii irraa gadi buʼe aarsicha yeroo gubu yommuu argan, “Yihowaan Waaqa dhugaa dha!” jedhanii iyyan. (1 Mot. 18:39, NW) Jarri kun, humna Waaqayyoo akka argan mirkanaaʼoo turan.

9. Yeroo harʼaatti Yihowaa fi harka isaa arguu kan dandeenyu akkamitti?

9 Fakkeenyonni gaariinii fi gadheen olitti ilaalle, Waaqayyoon arguu ykn harka isaa arguu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaaru. Yihowaa yeroo beeknu, amaloota isaa fi wantoota inni raawwatu “ija qalbii” keenyaan waan arginuuf harka isaa arguu ni dandeenya. (Efe. 1:18) Fakkeenya namoota bara duriittis taʼe yeroo harʼaatti Yihowaan saba isaa yommuu deggeru arganii hordofuu akka barbaannu beekamaa dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo yeroo harʼaatti namootaaf xiyyeeffannaa kennuu isaatiif ragaa qabnaa?

RAGAA YEROO HARʼAATTI HARKA WAAQAYYOO ARGISIISU

10. Yihowaan yeroo harʼaatti namoota gargaaraa kan jiru taʼuu isaatiif ragaa maalii qabna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Yihowaan namoota gargaaruu isaa itti fufuu isaatiif ragaa quubsaa qabna. Muuxannoo namoota gargaarsa hafuuraa argachuuf kadhatanii fi argatanii yeroo baayʼee ni dhageenya. (Far. 53:2) Aalan odoola xinnoo Filippiinsi keessatti argamtu tokko keessatti manaa gara manaatti utuu lallabuu, dubartii tokkoo wajjin kan wal arge siʼa taʼu, isheenis booʼuu jalqabde. Akkana jedheera: “Dhugaa Baatota isaa wajjin wal arguuf guyyuma sana ganama Yihowaa kadhattee turte. Yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turte Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan turte taʼus, heerumtee gara odoola kan biraa waan deemteef sana booda Dhugaa Baatotaa wajjin wal arguu hin dandeenye. Waaqayyo kadhannaa isheetiif hatattamaan deebii kennuun isaa garaan ishee akka tuqamu godheera.” Dubartiin kun waggaa tokko keessatti Yihowaadhaaf of murteessite.

1. Nama tamboo xuuxuu didaa jiru; 2. Obboleettii biyya alaatti tajaajila irra jirtu; 3. Obboleessa mana murtii keessa jiru

Ragaawwan Yihowaan yeroo harʼaatti saba isaa gargaaraa akka jiru argisiisan ni argitaa?(Keeyyata 11-13 ilaali)

11, 12. (a) Yihowaan tajaajiltoota isaa karaawwan kamiin gargaaraa jira? (b) Muuxannoo obboleettii gargaarsa Waaqayyoo argatte tokkoo dubbadhu.

11 Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun gargaarsa isaatiin wantoota araada itti taʼan, kan akka tamboo xuuxuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu fi pornoograafii ilaaluu dhiisuu dandaʼaniiru. Namoonni tokko tokko amaloota kana ofuma isaaniitiin dhiisuuf irra deddeebiʼanii carraaqqii godhanis, akka hin milkoofne dubbataniiru. Gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti yommuu garagalan garuu, ‘humna humna gararraa’ waan isaaniif kenneef dadhabina isaanii kana moʼuu dandaʼaniiru.—2 Qor. 4:7; Far. 37:23, 24.

12 Yihowaan tajaajiltoonni isaa hedduun rakkina dhuunfaatti isaan mudatu moʼuu akka dandaʼan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, Eemiin odoola xinnoo Paasifiik keessatti argamtu tokko keessatti Galma Mootummaa fi mana misiyoonotaa ijaaruu irratti akka hirmaattu yeroo ramadamtetti haalli rakkisaan ishee mudatee ture. “Hoteela xinnoo tokko keessa kan jiraannu taʼuu isaa irra iyyuu, guyyaa hundumaa iddoo ijaarsaa dhaquuf karaa lolaadhaan guutame irra deemna” jetteetti. Kana malees, aadaa naannoo sanaa baruu qabdi turte; akkasumas yeroo baayʼee ibsaa fi bishaan ni bada ture. Eemiin itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Kan nama gaddisiisu immoo yeroo tokko obboleettii nuu wajjin hojjettu tokkottan dheekkame. Baayʼee gaddeen manatti deebiʼe. Achiis kutaa koo isa dukkanaaʼaa taʼe keessatti miira natti dhagaʼamu hunda isatti himuudhaanan Yihowaa gargaarsa gaafadhe.” Eemiin yommuu ibsaan deebiʼee dhufu Masaraa Eegumsaa mata duree sagantaa eebbaa Mana Barumsaa Giilʼaad waaʼee wantoota isheen wajjin walʼaansoo gochaa jirtuu dubbatu tokko kaastee dubbisuu jalqabde; mata dureen kun waaʼee aadaa haaraa, maatii yaaduu fi namoota haaraa wajjin jiraachuu kan ibsu ture. Akkana jetteetti: “Halkan sana Yihowaan akka natti dubbachaa jiru natti dhagaʼame. Kunis hojii koo akkan itti fufu na kakaaseera.”—Far. 44:25, 26; Isa. 41:10, 13.

13. Misiraachichaaf ‘falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuu’ wajjin haala wal qabateen Yihowaan saba isaa akka gargaaru wanti mirkaneessu maali dha?

13 Dhugaa Baatonni Yihowaa, misiraachichaaf ‘falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuu’ irratti milkaaʼina argachuun isaaniis, gargaarsa Yihowaa argachaa akka jiran kan mirkaneessu dha. (Filp. 1:7, NW) Mootummoonni tokko tokko hojii sabni Waaqayyoo hojjetan guutummaatti dhaabsisuuf yaalanii turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa injifannoowwan Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaatti argatan 24 dabalatee, mana murtii ol aanaatti dhimmoota 268 irratti injifannoo argachuun isaanii, eenyu iyyuu harka Waaqayyoo deebisuu akka hin dandeenye argisiisa.—Isa. 54:17; Isaayaas 59:1 dubbisi.

14. Hojii lallabaa fi tokkummaa qabnuu wajjin haala wal qabateen harka Waaqayyoo kan arginu akkamitti?

14 Misiraachicha addunyaa maratti lallabuun kan dandaʼame gargaarsa Waaqayyootiin qofa dha. (Mat. 24:14; HoE. 1:8) Kana malees, namoonni kaan tokkummaa fi obbolummaa sabni Yihowaa saba adda addaa irraa dhufan qabanii fi biyyi lafaa hordofuu hin dandeenye yommuu argan, ‘Waaqayyo dhuguma isin gidduu jira’ kan nuun jedhan kanaafi. (1 Qor. 14:25) Kanaafuu, ragaa Waaqayyo saba isaa gargaaraa akka jiru mirkaneessu hedduu qabna. (Isaayaas 66:14 dubbisi.) Ati hoo dhuunfaatti jireenya kee keessatti harka Yihowaa ifatti ni argitaa?

HARKA YIHOWAA JIREENYA KEE KEESSATTI NI ARGITAA?

15. Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti harka Yihowaa ifatti arguu kan dadhabnu maaliif akka taʼe ibsi.

15 Harka Waaqayyoo jireenya keenya keessatti ifatti arguu akka hin dandeenye wantoonni nu godhan maal faʼi? Rakkinni nutti baayʼatee taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti, Yihowaan akkamitti akka nu gargaare hubachuu dhiisuu dandeenya. Eliyaas, Iizaabel Mootittiin isa ajjeesuuf yeroo isa doorsistetti, kanaan dura Waaqayyo akkamitti akka isa gargaare dagatee ture. “Amma na gaʼaatii yaa Waaqayyo na ajjeesi” jedhee ture. (1 Mot. 19:1-4) Rakkina Eliyaasiif furmaanni isaa maal ture? Jajjabina argachuuf gara Yihowaatti garagaluu qaba ture.—1 Mot. 19:14-18.

16. Akkuma Iyoob Waaqayyoon arguuf maal gochuu dandeenya?

16 Iyoob rakkina isaa irratti waan xiyyeeffateef ilaalcha akka Waaqayyoo qabaachuu dadhabee ture. (Iyo. 42:3-6) Nutis akkuma Iyoob Waaqayyoon arguuf carraaquun nu barbaachisuu dandaʼa. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta Macaafni Qulqulluun rakkina keenya ilaalchisee dubbatu irratti xiinxaluu qabna. Yihowaan akkamitti akka nu gargaaru yoo beekne inni caalaatti nuuf dhugooma. Yeroo kanatti akkuma Iyoob, “Ani waaʼee kee dur gurraan dhagaʼeera, amma garuu ati anatti mulʼatteetta” jechuu dandeenya.

Obboleettota karaa irratti dubartii tokkoof lallabaa jiran lama

Yihowaan namoonni kaan akka isa argan gargaaruuf sitti fayyadamaa jiraa?(Keeyyata 17, 18 ilaali)

17, 18. (a) Yihowaan nu gargaaraa akka jiru karaawwan kamiin hubachuu dandeenya? (b) Muuxannoo Waaqayyo yeroo harʼaatti akkamitti nu gargaaraa akka jiru argisiisu dubbadhu.

17 Harka Yihowaa arguu kan dandeenyu akkamitti taʼuu dandaʼa? Fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu: Tarii dhugaa akka dhageessuuf haala kan mijeesse Waaqayyo akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamtee kutaa tokko erga dhageessee booda, “Kun wanta na barbaachisu dha” jettee beektaa? Yookiin immoo kadhannaa dhiheessite tokkoof deebii argattee taʼuu dandaʼa. Tarii immoo tajaajila kee balʼifachuuf murteessitee, akkaataan Yihowaan haala isaa itti siif mijeesse si dinqisiisee taʼuu dandaʼa. Akkasumas, dhimmaa hafuuraatiif dursa kennuuf jecha hojii dhiistee waadaan Waaqayyo, ‘Ani matumaa si hin gatu’ jechuudhaan gale dhugaa taʼuu isaa argiteetta taʼa. (Ibr. 13:5, NW) Karaa hafuura dammaqoo yoo taane, karaawwan hedduu Yihowaan ittiin nu gargaare hubachuu dandeenya.

18 Saaraan isheen Keeniyaatti argamtu muuxannoo armaan gadii dubbatteetti: “Barattuun Macaafa Qulqulluu koo qayyabannaa isheetiif iddoo akka hin kennine waan natti dhagaʼameef, dhimma kana ilaalchisee kadhannaa dhiheesseen ture. Ishee qayyabsiisuu dhaabuun kan na barbaachisu taʼuu isaan Yihowaa gaafadhe. Akkuman ‘Ameen’ jedheen bilbilli koo ni iyye. Barattuun kun bilbiltee naa wajjin gumii deemuu kan dandeessu taʼuu isaa na gaafatte! Baayʼee na ajaaʼibe!” Atis dammaqaa taʼuudhaan, Waaqayyo jireenya kee keessatti gargaarsa siif gochaa akka jiru arguu dandeessa. Obboleettiin Roonaa jedhamtuu fi Eeshiyaa keessa jiraattu tokko, “Yihowaan nu gargaaraa akka jiru hubachuun muuxannoo gaafata. Takkaa erga hubattanii booda garuu, hammam akka xiyyeeffannaa nuuf kennu argitu!” jetteetti.

19. Wanti namoota Waaqayyoon argan keessaa tokko taʼuuf barbaachisu gara biraan maali dha?

19 Yesus, “Warri yaadni garaa isaanii qullaaʼoo haa gammadan, isaan Waaqayyoon in argu” jedheera. (Mat. 5:8) ‘Yaadni garaa keenyaa qulqulluu’ taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Keessi keenya qulqulluu taʼuu qaba; akkasumas amala gadhee kam iyyuu dhiisuu qabna. (2 Qorontos 4:2 dubbisi.) Karaa hafuuraa cimoo yoo taanee fi amala gaarii yoo argisiisne, warra Waaqayyoon arguu dandaʼan keessaa tokko taʼuu dandeenya. Mata duree itti aanu irratti, waaʼee wanta Yihowaan nu gargaaraa akka jiru caalaatti hubachuuf nu dandeessisuu, jechuunis waaʼee amantii ilaalla.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi