LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp16 Lakk. 6 ful. 4-7
  • Mulʼatawwan Qaamota Iddoo Ijaan Hin Argamne Jiranii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mulʼatawwan Qaamota Iddoo Ijaan Hin Argamne Jiranii
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YIHOWAAN HUNDUMAA GARARRAA DHA
  • YESUUS WAAQAYYOO BIRA JIRA
  • MALEEKOTA WAAQAYYOON TAJAAJILAN
  • SEEXANNI NAMOOTA HEDDUU GOWWOOMSA
  • WARRA LAFA IRRAA FILATAMAN
  • WARRI GARA SAMII DHAQAN MAAL HOJJETU?
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Fincila Samii Irratti Kaʼe
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Samiirra Kan Jiraatan Eenyufa’i?
    Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
wp16 Lakk. 6 ful. 4-7
Yesuus mirga teessoo Yihowaa isa surraa qabeessa dhaabatee jira; maleekonnis teessichatti marsanii jiru

MATA DUREE FUULA JALQABAA | MULʼATAWWAN ADDUNYAA HAFUURAA

Mulʼatawwan Qaamota Samii Isa Ijaan Hin Argamne Keessa Jiranii

Kitaabni Qulqulluun mulʼatawwan dinqisiisoo addunyaa hafuuraa isa ijaan hin argamne hubachuuf nu gargaaran qabateera. Mulʼatawwan kana of eeggannoodhaan akka qortu si afeerra. Wanta mulʼatawwan kana keessatti ibsame keessaa kallattiidhaan kan hubatamu hunda taʼuu baatus, mulʼatawwan kun qaamota addunyaa hafuuraa keessa jiran yaadaan ilaaluuf qofa utuu hin taʼin, qaamonni kun si gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes hubachuuf si gargaara.

YIHOWAAN HUNDUMAA GARARRAA DHA

“Teessoon tokko samii keessa taaʼee jira ture, teessoo sana irra kan taaʼe tokkos jira ture. Inni taaʼe Sun bifti isaa dhagaa yaasphisii fi dhagaa saardiyon fakkaata ture, naannoo teessichaa hundas sabbatni Waaqayyoo imeraaldii fakkaatu jira ture.”—Mulʼata 4:2, 3.

“Ifni calaqqisaan isatti naannaʼee akka jiru nan arge; inni naannoo isaatii calaqqisus akka sabbanni Waaqayyoo yeroo bokkaan roobu duumessa keessatti mulʼatuutti in mulʼata ture. Kun egaa mulʼachuu fakkeenya ulfina Waaqayyoo ti.”—Hisqiʼel 1:27, 28.

Mulʼatawwan Yohaannis ergamaa fi Hisqiʼel raajichi argan Surraa Yihowaa isa Hundumaa Gararraa taʼee wantoota nuti hubachuu dandeenyutti, fakkeenyaaf dhagaawwan babbareedoo, sabbata waaqaa fi teessoo dinqisiisaa taʼetti fayyadamuudhaan ibsu. Bakki Yihowaan jiru bareedina dinqisiisaa kan qabu, kan nama hawwatuu fi nagaa kan qabu taʼuu isaa nu hubachiisu.

Akkaataan Waaqayyo mulʼataan itti ibsame yaada faarfatichi akka armaan gadii jechuudhaan barreessee wajjin wal sima: “Waaqayyo guddaa dha, guddisee jajamuun in taʼaaf, waaqayyolii hundumaa gararraattis sodaatamuun isaaf in ta’a. Waaqayyoliin saba warra kaanii hundinuu kan dhimma hin baafnee dha, Waaqayyo garuu bantiiwwan waaqaa in hojjete. Surraan, simboonis fuula isaa dura, aangoon, miidhagummaanis mana qulqullummaa isaa keessa jiru.”—Faarfannaa 96:4-6.

Yihowaan Hundumaa Gararraa taʼus kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu afeereera; akka nu dhagaʼus nuu mirkaneesseera. (Faarfannaa 65:2) Waaqayyo baayʼee nu jaallatta, akkasumas nuu yaada; kanaaf Yohaannis ergamaan, “Waaqayyo jaalala dha” jechuun isaa sirrii dha.—1 Yohaannis 4:8.

YESUUS WAAQAYYOO BIRA JIRA

“Isxifaanos hafuura qulqulluudhaan guutamee gara samii yommuu ilaalu, ulfina Waaqayyoo fi Yesuus mirga Waaqayyoo dhaabatee arge; achiis, ‘Kunoo, ani samiiwwan banamanii, Ilmi namaas mirga Waaqayyoo dhaabatee nan arga’ jedhe.”—Hojii Ergamootaa 7:55, 56.

Isxifaanos mulʼata kana arguu isaa yeroo gabaabaa dura, Yesuus dhiibbaa namoota Isxifaanos itti dubbachaa tureen, jechuunis geggeessitoota Yihudootaatiin ajjeefameera. Kanaaf, mulʼanni kun Yesuus duʼaa akka kaafamee fi ulfinni akka isaaf kenname mirkaneesseera. Kana ilaalchisee Phaawulos ergamaan akkana jedheera: [Yihowaan] Kiristoosiin warra duʼan keessaa kaasee iddoowwan samii keessatti karaa mirga isaa akka taaʼu godhe; sirna ammaa keessatti qofa utuu hin taʼin sirna dhufu keessattis, mootummaa, aangoo, humna, gooftummaa fi maqaa moggaafamuu dandaʼu hunda kam irra iyyuu caalu isaaf kenneera.”—Efesoon 1:20, 21.

Kitaabni Qulqulluun Yesuus iddoo ol aanaa akka qabu qofa utuu hin taʼin, akkuma Yihowaa namootaaf baayʼee akka yaadus ni ibsa. Yesuus yeroo lafa irratti tajaajilaa turetti warra dhukkubsatanii fi hirʼina qaamaa qaban fayyiseera; warra duʼanis duʼaa kaaseera. Lubbuu isaa aarsaa godhee kennuudhaan jaalala guddaa Waaqayyoo fi namootaaf qabu argisiiseera. (Efesoon 2:4, 5) Yesuus inni mirga Waaqayyoo dhaabatee jiru dhiheenyatti aangoo isaatti fayyadamuudhaan namoota bakka hunda jiraatanii fi ajajamaniif eebba guddaa fida.

MALEEKOTA WAAQAYYOON TAJAAJILAN

“Mulʼata ani [Daaniʼel raajichi] arge keessatti teessonni kaa’amanii, [Yihowaan] inni bara baayʼee dheeraa jiraate tokko teessoo irra taaʼe. . . . Warri kuma kumaatamatti lakkaaʼaman isaaf in hojjetu, warri miliyoonii baay’eetti lakkaaʼamanis isa dura in dhaabatu.”—Daaniʼel 7:9, 10.

Daaniʼel mulʼata kana irratti maleekaa tokko utuu hin taʼin maleekota hedduu arge. Kun mulʼata dinqisiisaa dha! Maleekonni qaamota ulfina, dandeettii yaaduu fi humna guddaa qabani dha. Maleekonni sadarkaa kan qaban siʼa taʼu, suraafelii fi kiruubel jedhamu. Maleekonni Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa 250 ol caqasamaniiru.

Maleekotatti kan jijjiiraman namoota duʼan miti. Waaqayyo namoonni uumamuu isaanii yeroo dheeraa dura maleekota uume. Waaqayyo lafa yeroo hundeesse maleekonni ilaalaa, akkasumas sagalee gammachuu dhageessisaa turan.—Iyoob 38:4-7.

Karaa maleekonni amanamoon Waaqayyoon itti tajaajilan keessaa inni tokko hojii iddoo guddaa qabuu fi yeroo harʼaatti lafa irratti hojjetamaa jiru irratti hirmaachuu dha; hojiin kunis misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu dha. (Maatewos 24:14) Hirmaannaan isaan hojii kana irratti qaban mulʼata Yohaannis arge irratti ibsameera. Yohaannis akkana jedheera: “Maleekaan kan biraanis utuu samii walakkaa keessa balaliʼuu nan arge, inni misiraachoo bara baraa warra lafa irra jiraataniif, jechuunis saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf labsu qabatee ture.” (Mulʼata 14:6) Maleekonni akka bara duriitti darbee darbee godhan yeroo harʼaatti kan namootatti hin dubbanne taʼus, namoonni misiraachicha lallaban namoota garaa qajeelaa qaban akka argatan qajeelchuudhaan isaan gargaaru.

SEEXANNI NAMOOTA HEDDUU GOWWOOMSA

“Samii keessattis waraanni ni kaʼe: Mikaaʼelii [Yesuus Kiristoosii] fi maleekonni isaa jawwee sana irratti waraana banan; jawween sunii fi maleekonni isaas isaan irratti waraana banan; haa taʼu malee isaan moʼuu hin dandeenye, sana booda samii keessatti iddoon isaaniif hin argamne. Kanaaf jawwee guddaan sun, jechuunis bofti inni jalqabaa, inni Diyaabilosii fi Seexana jedhamu, inni guutummaa lafaa dogoggorsu sun gad darbatame; inni gara lafaatti gad darbatame; maleekonni isaas isaa wajjin gad darbataman.”—Mulʼata 12:7-9.

Samii keessa yeroo itti nagaan hin turre jira ture. Jalqaba seenaa ilmaan namootaa irratti, maleekota keessaa tokko fedhiin waaqeffatamuu waan isa toʼateef, Yihowaa irratti fincila kaasuudhaan Seexana taʼe; hiikni maqaa isaas“Mormituu” jechuu dha. Yeroo booda maleekonni kan biraanis Seexanaa deggeranii Waaqayyo irratti fincila kaasuudhaan jinniiwwan taʼan. Baayʼee hamoota waan taʼaniif Yihowaa cimsanii kan morman siʼa taʼu, namoonni hedduun qajeelfama Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼe irraa akka goran godhaniiru.

Seexannii fi jinniiwwan hamootaa fi gara jabeeyyii dha. Diinota ilmaan namootaa siʼa taʼan, rakkina lafa irratti uumame harka caalaa isaatiif isaantu itti gaafatama. Fakkeenyaaf, Seexanni horii fi tajaajiltoota Iyoob isa nama amanamaa turee ajjeeseera. Achiis, “qilleensi jabaan” mana isaan keessa turan akka rukutu gochuudhaan ijoollee isaa kurnan jalaa ajjeese. Dhuma irrattis Seexanni, Iyoobiin “faana miilla isaatii hamma gubbee mataa isaatiitti iita madaaʼuun in rukute.”—Iyoob 1:7-19; 2:7.

Haa taʼu malee, dhiheenyatti Seexanni ni balleeffama. Yeroo itti gara lafaatti darbatamee eegalee “yeroo gabaabaa” qofa akka qabu beeka. (Mulʼata 12:12) Seexanni balleeffamuuf jedha; kun immoo oduu gammachiisaa dha!

WARRA LAFA IRRAA FILATAMAN

“Ati [Yesuus] . . .dhiiga [keetiin] gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa namoota Waaqayyoof bitteetta; Waaqayyo keenyaaf moototaa fi luboota akka taʼan isaan goote; isaanis mootota taʼanii lafa irratti ni bulchu.”—Mulʼata 5:9, 10.

Akkuma Yesuus, namoonni kunis duʼaa kaafamanii gara samii deemu. Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼaniin akkana jedheera: ‘Iddoo isiniif qopheessuu nan deema; isinis iddoo ani jiru akka taataniif deebiʼee dhufeen iddoo ani jirutti isin fudhadha.’—Yohaannis 14:2, 3.

Warri gara samii deeman kaayyoo itti deeman qabu. Yesuusii wajjin bulchiinsa Mootummaa gara fuulduraatti namoota lafa irra jiraatan hunda bulchuu fi eebba isaaniif fidu irratti bulchitoota taʼu. Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise irratti waaʼee Mootummaa kanaa akka kadhatan duuka buutota isaa barsiiseera. Akkana jedhe: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu.”—Maatewos 6:9, 10.

Yesuus namoota duʼaa kaafamanii gara samii deemanii wajjin dhaabatee

WARRI GARA SAMII DHAQAN MAAL HOJJETU?

“[Ani Yohaannis ergamaan] sagalee guddaan tokko teessoo sana keessaa akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: ‘Kunoo, dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; . . . inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.’”—Mulʼata 21:3, 4.

Mulʼanni raajii of keessatti qabate kun, yeroo itti Mootummaan Waaqayyoo inni Yesuusii fi warra duʼaa kaafamanii gara samii deeman of keessatti qabate bulchiinsa Seexanaa balleessuu fi lafa jannata godhu ibsa. Yeroo sanatti rakkoowwan namootatti gadadoo fi gadda guddaa fidan ni hafu. Duʼi illee hin jiraatu.

Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼaa kaafamanii gara samii hin dhaqne hoo maal taʼu? Gara fuulduraatti duʼaa kan kaafaman siʼa taʼu, abdii lafa Jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu qabaatu.—Luqaas 23:43.

JINNIIWWAN SODAACHUU HIN QABDU

Akkuma yakkamaa fuuncaadhaan hidhamee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman duudhaan tokko tokkoo fi sodaan hafuurota hamoo hidhaa isaanitti taʼeera. Balaa irraa of eeguuf kudhaamaa fi wantoota garaa garaatti fayyadamu. Ati garuu akkas gochuun si hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jechuudhaan nu jajjabeessa. (2 Seenaa 16:9) Yihowaa inni Waaqa isa dhugaa taʼe Seexana caalaa humna qaba; kanaaf, Isa irratti amantii yoo qabaatte si eega.

Eegumsa Yihowaa argachuuf wanta isa gammachiisu beekuu fi hojii irra oolchuu qabda. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti magaalaa Efesoon keessa turan kitaabota gocha hafuura hamaa ittiin raawwatan walitti qabanii gubaniiru. (Hojii Ergamootaa 19:19, 20) Haaluma wal fakkaatuun, eegumsa Waaqayyoo argachuuf calleewwan, kudhaama, kitaabota gocha hafuura hamaa, wantoota nama eegu jedhamanii fi wantoota gocha jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qaban hunda balleessuu qabda.

Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyoof bitamaa; Diyaabilosiin garuu mormaa, innis isin irraa ni baqata” jedha. (Yaaqoob 4:7) Yihowaadhaaf ajajamuu fi isa tajaajiluudhaan isaaf yoo bitamte, Seexannii fi jinniiwwan akka si irraa fagaatan mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

Mulʼatawwan kun Waaqni keenya Yihowaan, Yesuus Kiristoos, maleekonni amanamoonii fi warri lafa irraa fudhataman garaadhaa waaʼee keenya akka yaadan, akkasumas wanta gaarii akka nuuf hawwan mirkaneessu. Wanta isaan gara fuulduraatti raawwatan caalaatti beekuuf Dhugaa Baatota Yihowaa akka qunnamtu ykn weebsaayitii keenya www.jw.org/om keessa galuudhaan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu akka garagalfattu si jajjabeessina.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi