LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 3 ful. 12-13
  • Jireenya Hunda Irra Caalu Jiraachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenya Hunda Irra Caalu Jiraachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WAAQAYYO JIREENYA AKKUMA KAAYYOO ISA JALQABAATTI DEEBISUUF ABDII KENNEERA
  • YESUUS NAMOOTA AJAJAMOO TAʼANIIF WANTOOTA GAGGAARII AKKAMII AKKA RAAWWATU ARGISIISEERA
  • DAANDII JIREENYA HUNDA IRRA CAALUTTI GEESSU ARGACHUU
  • DAANDII KEE IRRATTI TARKAANFII ISA JALQABAA FUDHACHUU
  • Karaa Sirrii Waaqayyo itti Waaqeffatamu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Waaqayyo Gara Fuulduraatti Maal Raawwata?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • ‘Isa Dhagaʼuu’ Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Waaqeffannaa Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 3 ful. 12-13
Saayintistoota jalqaba irratti caqasaman keessaa tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jira

Jireenya Hunda Irra Caalu Jiraachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

JIREENYI yeroo ammaatti namoonni jiraachaa jiran isa Waaqayyo isaaniif yaadee ture irraa baayʼee adda dha. Kaayyoon isaa lafti namoota ol aantummaa Uumaa isaanii kabajan, qajeelfama isaa irraa faayidaa argatan, akkasuams jaalala isaa fi amalawwan isaa warra kaan calaqqisiisaniin akka guutamtu turte. Ijoollee yeroo guddisan, wantoota haaraa yeroo kalaqanii fi guutummaa lafaa yeroo jannata taasisanitti gammachuudhaan wal gargaaranii hojjechuu qabu turan.

WAAQAYYO JIREENYA AKKUMA KAAYYOO ISA JALQABAATTI DEEBISUUF ABDII KENNEERA

  • “Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.”—Faarfannaa 46:9.

  • “Yeroon warra lafa balleessan balleessuuf murteeffame sun ni dhufe.”—Mulʼata 11:18.

  • “Isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

  • “Warri ani foʼadhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu.”—Isaayaas 65:22.

Raajiiwwan kun kan raawwataman akkamitti? Waaqayyo Ilma isaa Yesuusiin bulchiinsa mudaa hin qabnee fi samii irraa lafa bulchu irratti Mootii akka taʼu isa muudeera. Kitaabni Qulqulluun bulchiinsa kana Mootummaa Waaqayyoo jedhee waama. (Daaniʼel 2:44) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuus, ‘Yihowaan teessoo isaaf ni kenna; innis Mootii taʼee ni bulcha’ jedha.—Luqaas 1:32, 33.

Yesuus yeroo lafa irra turetti inni Bulchaa jireenya ilmaan namootaa amma jiraachaa jiran caalaatti fooyyessu akka taʼe mirkaneessuuf dinqiiwwan hedduu raawwateera.

YESUUS NAMOOTA AJAJAMOO TAʼANIIF WANTOOTA GAGGAARII AKKAMII AKKA RAAWWATU ARGISIISEERA

  • Dhibee ilmaan namootaa akka balleessu argisiisuuf, dhukkuba gosa hundumaa fayyiseera.—Maatewos 9:35.

  • Humnoota uumamaa toʼachuudhaan namootaaf eegumsa akka godhu argisiisuuf, galaana tasgabbeesseera.—Maarqos 4:36-39.

  • Wanta jireenyaaf barbaachisu akka guutu argisiisuuf, namoota kumaan lakkaaʼaman sooreera.—Maarqos 6:41-44.

  • Namoonni jireenya gammachiisaa akka qabaatan akka gargaaru mirkaneessuuf, cidha gaaʼelaa tokko irratti bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiireera.—Yohaannis 2:7-11.

Jireenya Waaqayyo namoota isa jaallataniif qopheesse sana argachuu kan dandeessu akkamitti? Kana gochuuf “daandiin” irra deemuu qabdu tokko jira. Kitaabni Qulqulluun daandii kana, ‘daandii gara jireenyaatti geessuu fi namoonni muraasni argatan’ akka taʼe ibsa.—Maatewos 7:14.

DAANDII JIREENYA HUNDA IRRA CAALUTTI GEESSU ARGACHUU

Daandiin gara jireenyaatti geessu maali dha? Waaqayyo akkana jedha: “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.” (Isaayaas 48:17) Daandii kana irra deemuun jireenya hunda irra caalu argamsiisa.

Yesuus, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana” jedheera. (Yohaannis 14:6) Dhugaa Yesuus barsiisetti amanuu fi fakkeenya isaa hordofuudhaan, gara Waaqayyootti dhihaachuu fi jireenyi keenya akka fooyyaʼu gochuu dandeenya.

Daandii gara jireenyaatti geessu argachuu kan dandeessu akkamitti? Dhaabbilee amanti hedduun kan jiran taʼus, Yesuus akeekkachiisa akkana jedhu kenneera: “Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu qofa malee, namni ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi Mootummaa samiitti hin galu.” (Maatewos 7:21) Kana malees, “Firii isaaniitiin adda baastanii isaan beektu” jedheera. (Maatewos 7:16) Kitaabni Qulqulluun waaqeffannaa dhugaa akka beektuu fi waaqeffannaa isa sobaa irraa adda baastee akka hubattu si gargaara.—Yohaannis 17:17.

Daandii gara jireenyaatti geessu irra deemuu kan dandeessu akkamitti? Kun qaama Madda jireenyaa taʼe ilaalchisee wantoota armaan gadii beekuu dabalata: Inni eenyu dha? Maqaan isaa eenyu? Amalawwan akkamii qaba? Amma maal gochaa jira? Nuti hoo maal akka goonu nu irraa barbaada?a

Waaqayyoo namoonni hojjechuu, nyaachuu fi taphachuu caalaa wanta isaan irraa barbaadu qabu. Uumaa keenya beekuu fi michuu isaa taʼuu ni dandeenya. Fedha isaa raawwachuudhaan akka isa jaallannu argisiisuu dandeenya. Yesuus, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taate . . . beekuu qabu” jedheera.—Yohaannis 17:3.

WAAQAYYO KITAABA QULQULLUUTTI FAYYADAMEE “WANTA WAA’EE SIIF BAASU” SI BARSIISA.​—ISAAYAAS 48:17

DAANDII KEE IRRATTI TARKAANFII ISA JALQABAA FUDHACHUU

Waaqa dhugaa isa tokkicha gammachiisuu barachuun jijjiiramawwan tokko tokko gochuu gaafata. Kun ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu, daandii isa gara jireenyatti geessu irra deemuu yeroo jalqabnu jireenyi keenya fooyyaʼaa deema. Waaqayyoon ilaalchisee gaaffiiwwan buʼuuraa kaʼaniif deebii akka argattu si gargaaruuf, Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo fi bakka siif mijaa’aa ta’etti kaffaltii malee Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiisuuf qophaaʼoo dha. Weebsaayitii keenya www.jw.org jedhamutti fayyadamuudhaan nu qunnamuu dandeessa.

a Masaraa Eegumsaa, Lakk. 1 2019 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi