LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 3 ful. 14-15
  • Yeroo Ammaatti Illee Gammachuu Argachuun ni Dandaʼama

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Ammaatti Illee Gammachuu Argachuun ni Dandaʼama
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA QABNUTTI GAMMADUU
  • DHUKKUBA DANDAMACHUU
  • GAAʼELA JABEEFFACHUU
  • Wantoota Gaa’elli Akka Itti Fufu Godhan Lamaan
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Maallaqni Hundee Wantoota Miidhaa Geessisan Hundumaa Tii?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Gammachuu Argachuuf Maaltu Nu Gargaara?
    Dammaqaa!—2021
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 3 ful. 14-15
Saayintistoota jalqaba irratti ilaalle keessaa tokko haadha manaa isaa wajjin utuu nyaata bilcheessaa jiranii

Yeroo Ammaatti Illee Gammachuu Argachuun Ni Dandaʼama

YEROON namoonni hin dhukkubsanne, hin dulloomne ykn itti hin duune ni dhufa. Atis yeroo sanatti jiraachuu ni dandeessa. Taʼus, yeroo ammaatti jireenyi rakkina adda addaatiin kan guutame dha. Haa taʼu malee, yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu jiraachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti jireenya caalaatti gammachiisaa taʼe jiraachuuf qajeelfama si gargaaru ni kenna. Rakkoowwan jireenya keessatti nama mudatan tokko tokkoo fi gama kanaan Kitaabni Qulqulluun akkamitti si gargaaruu akka dandaʼu haa ilaallu.

WANTA QABNUTTI GAMMADUU

Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Akkaataan jireenyaa keessan jaalala qarshii irraa walaba haa taʼu, wantoota amma qabdanitti gammadaa jiraadhaa.”—Ibroota 13:5.

Addunyaan yeroo harʼaa jiru dirqama wantoota hedduu qabaachuu akka qabnu jajjabeessa. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun ‘wantoota qabnutti gammannee jiraachuu akka dandeenyu’ dubbata. Akkamitti?

“Jaalala maallaqaa” irraa fagaadhaa. Namoonni ‘jaalala maallaqaatiif’ jedhanii fayyaa isaanii, maatii isaanii, ulaagaa naamusaa isaanii, darbees ulfina isaanii hunda aarsaa godhu. (1 Ximotewos 6:10) Taʼus kun wanta hamma kana aarsaan kaffalamuufii qabu miti! Namni qabeenya jaallatu xumura irratti qarshii ykn “horii hin quufu.”—Lallaba 5:10.

Qabeenyaaf utuu hin taʼin, namootaaf bakka guddaa kennaa. Qabeenyi faayidaa akka qabu hin shakkisiisu. Taʼus, wantoonni kun jaalala nutti hin argisiisan ykn nu hin dinqisiifatan; kana gochuu kan dandaʼan namoota qofa dha. “Michuu dhugaa” qabaachuun jireenyi keenya gammachuu akka qabaatu gumaacha godha.—Fakkeenya 17:17, NW.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU HORDOFUUDHAAN JIREENYA GAMMACHUU QABU JIRAACHUU NI DANDEENYA

DHUKKUBA DANDAMACHUU

Gorsa Kitaaba Qulqulluu: “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna.”—Fakkeenya 17:22.

Akkuma qorichi ‘fayyina namaaf kennu’ gammachuun dhukkuba dandamachuuf nu gargaara. Haa taʼu malee utuu dhukkubsachaa jirruu gammachuu argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Kan galateeffattan taʼaa. Rakkina nu irra gaʼe irratti qofa kan yaadnu yoo taʼe “guyyaan hundinuu” gaarii kan hin taane nutti fakkaata. (Fakkeenya 15:15) Kanaa mannaa Kitaabni Qulqulluun, “kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa” jedha. (Qolosaayis 3:15) Wanta xinnoo yoo taʼe illee wantoota gaggaarii jireenya keessatti argattan dinqisiifachuu baradhaa. Lixni aduu bareedaa taʼe, qilleensi suuta qilleensaʼuu fi seeqni nama jaallannuu jireenyi keenya gammachuu guddaa akka qabaatu gochuu dandaʼu.

Wantoota warra kaan fayyadan raawwadhaa. Haalli fayyaa keenya gaarii taʼuu baatus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.” (Hojii Ergamootaa 20:35) Warri kaan carraaqqii keenya yommuu dinqisiifatan, gammachuu guddaa arganna, kunis rakkina keenya irratti akka hin xiinxalle nu taasisa. Warri kaan jireenya isaanii akka fooyyessan gargaaruudhaan, jireenyi keenya akka fooyyaʼu gochuu dandeenya.

GAAʼELA JABEEFFACHUU

Gorsa Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.

Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo muraasa qofa waliin dabarsan hariiroo isaanii balaadhaaf saaxilu. Haati manaa fi abbaan manaa wantoota jireenya isanii keessatti caalaatti barbaachisoo taʼan keessaa isa tokko, jechuunis gaaʼela isaaniitiif dursa kennuu qabu.

Wantoota tokko tokko waliin hojjedhaa. Fedha keenya guuttachuuf qophaa dhamaʼuu mannaa, wantoota tokko tokko waliin hojjechuuf maaliif karoora hin baafatan? Kitaabni Qulqulluun, “Lama taʼuun kophaa taʼuu irra in wayya” jedha. (Lallaba 4:9) Nyaata waliin bilcheessuu, ispoortii hojjechuu, ykn lallaafaa dhuguu dandeessu.

Jaalala hiriyaa gaaʼelaa keessaniif qabdan ibsaa. Kitaabni Qulqulluun haati manaa fi abbaan manaa akka wal jaallatanii fi akka wal kabajan jajjabeessa. (Efesoon 5:28, 33) Garaadhaa seequun, jaalalaan wal hammachuun ykn kennaa xinnoo walii kennuun hariiroo gaaʼelaa cimsuu irratti gaʼee guddaa qaba. Dhugaa dha, hiriyoonni gaaʼelaa jaalala saalaa faallaa gidduu jiru argisiisuu kan qaban walii isaanitti qofa taʼuu qaba.—Ibroota 13:4.

“DHUMA IRRATTI, JIREENYA KAAYYOO QABU ARGADHEERA!”

—Riiyookoo Miiyaamootoo akka dubbattetti, Jaappaan.

Jireenyi ulfaataa ture. Abbaan manaa koo araada dhugaatii alkoolii qaba. Namni kam iyyuu qacaree isa hin hojjechiisuu. Itti gaafatamummaa ijoollee keenya afur guddisuuf qabus hin baʼu ture. Jabaadhee hojjechuuf carraaqus, haalli keenya waan fooyyaʼu hin fakkaatu ture. ‘Kun akkuma carraa dha moo, cubbuun kanaan dura hojjedheef adaba na irra gaʼaa jiru dha?ʼ jedheen yaadan ture.

Achiis Dhugaa Baatuun tokko mana koo dhufte. Garaadhaa seeqxee waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi jireenya bara baraa natti himte. Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu na afeerte. Achiis Waaqayyo akka jiru, ogeessa, haqa qabeessaa fi jaalala qabeessa akka taʼe nan hubadhe. Kana malees, haala namoonni duʼan keessa jiranii fi rakkinni kan na irra gaʼe carraa kootiin akka hin taanen baradhe.

Hunda caalaa garuu, jireenya gammachuu dhugaa qabu jiraachuun kan dandaʼamu Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii uumuudhaan akka taʼe nan hubadhe. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuun koo jajjabina, bilisummaa fi boqonnaa guddaa naaf argamsiiseera. Dhuma irratti, jireenya kaayyoo qabu argadheera!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi