LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Ebla ful. 14-19
  • Dhugaa Waaʼee Duʼaa Ibsu Deggeraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Waaʼee Duʼaa Ibsu Deggeraa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HAALA WARRI DUʼAN KEESSA JIRAN ILAALCHISEE DHUGAA JIRU
  • SOBAWWAN SEEXANAA MIIDHAA HEDDUU GEESSISANIIRU
  • DHUGAA KITAABA QULQULLUU DEGGERUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • WARRA GADDAN JAJJABEESSAA, AKKASUMAS GARGAARAA
  • Warri Duʼan Eessa Jiru?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yeroo Duunu Maal Taana?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Aadaawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisnerraa Fagaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Dhugaa Dubbachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Ebla ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 16

Dhugaa Waaʼee Duʼaa Ibsu Deggeraa

“Dubbii dhugaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame, dubbii sobaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame irraa kanaan gargar baasnee beekna.”—1 YOH. 4:6.

FAARFANNAA 73 Sodaa Keenya Nuu Balleessi

QABIYYEEa

Hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan, fira isaanii nama jaallatu duʼaan dhabe jajjabeessaa jiru

Aadaa Waaqayyoon hin gammachiisne irratti hirmaachuu mannaa, firoota keessan nama jaallatan duʼaan dhaban jajjabeessaa (Keeyyata 1-2 ilaali)b

1-2. (a) Seexanni karaawwan kamiin namoota gowwoomsa? (b) Mata duree kana keessatti maal qorra?

SEEXANNI inni “abbaa sobaa” taʼe, jalqaba seenaa namootaa irraa kaasee namoota gowwoomsaa tureera. (Yoh. 8:44) Sobawwan kana keessaa tokko tokko barumsa sobaa waaʼee duʼaa fi namoonni erga duʼanii booda jiraachuu isaanii itti fufu jedhu dabalatu. Barumsawwan kun aadaawwanii fi gochawwan beekamoo taʼan hedduudhaaf buʼuura taʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun, yeroo miseensi maatii ykn hawaasa isaanii keessaa namni tokko duʼutti, ‘amantiidhaaf jabaatanii loluun’ isaan barbaachiseera.—Yih. 3.

2 Qorumsi akkasii yoo isin mudate, duʼa ilaalchisee barumsa Kitaabni Qulqulluun barsiisuuf amanamoo akka taatan maaltu isin gargaaruu dandaʼa? (Efe. 6:11) Kiristiyaana hidhata amantii keessanii aadaa Waaqayyoon hin gammachiisne irratti akka hirmaatu dhiibbaan isa irra gaʼaa jiru tokko jajjabeessuu kan dandeessan akkamitti? Mata dureen kun qajeelfama Yihowaan nuuf kenne ibsa. Mee jalqaba, Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼaa maal akka jedhu haa qorru.

HAALA WARRI DUʼAN KEESSA JIRAN ILAALCHISEE DHUGAA JIRU

3. Sobni jalqabaa maal geessise?

3 Kaayyoon Waaqayyoo namoonni akka duʼan hin turre. Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan bara baraaf jiraachuuf, ajaja salphaa Yihowaan isaaniif kenne kana eeguu qabu turan: “Ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa . . . hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uma. 2:16, 17) Seexanni rakkina kan uume yeroo kanatti ture. Bofa tokkotti fayyadamee Hewaaniin, “Hin duutan” jedhe. Kan nama gaddisiisu ishiin soba kana amanuudhaan firii sana nyaatte. Booda abbaan manaa ishiis firii sana ni nyaate. (Uma. 3:4, 6) Cubbuu fi duuti karaa kanaan maatii ilmaan namootaatti dhufe.—Rom. 5:12.

4-5. Seexanni namoota gowwoomsuu isaa kan itti fufe akkamitti?

4 Addaamii fi Hewaan akkuma Waaqayyo dubbate ni duʼan. Taʼus, Seexanni waaʼee duʼaa soba dubbachuu isaa hin dhiisne. Booda yeroo taʼe tokkotti sobawwan kan biroo beeksisuu jalqabe. Sobawwan kana keessaa inni tokko, qaamni namaa yommuu duʼu hafuurri namichaa tarii addunyaa hafuuraa keessa jiraachuu isa itti fufa barumsa jedhu dha. Sobni kun bifa gara garaatiin hanga harʼaatti namoota hedduu gowwoomsaa jira.—1 Xim. 4:1.

5 Namoonni hedduun kan gowwoomfaman maaliifi? Seexanni duʼa ilaalchisee wanta namootatti dhagaʼamu waan beekuuf, isaan gowwoomsuuf miira isaanii kanatti fayyadama. Kan uumamne bara baraaf akka jiraannuuf waan taʼeef duʼuu hin barbaannu. (Lal. 3:11) Kanaa mannaa, duuti diina keenya akka taʼetti ilaalla.—1 Qor. 15:26.

6-7. (a) Seexanni waaʼee namoota duʼanii dhugaa jiru dhoksuuf yaaliin inni godhe isaaf milkaaʼeeraa? Ibsi. (b) Dhugaan Kitaaba Qulqulluu sodaa hin barbaachisne irraa kan nu eegu akkamitti?

6 Seexanni carraaqqii hedduu kan godhe taʼus, duʼa ilaalchisee dhugaan jiru dhokatee hin hafne. Dhugaa dubbachuuf, amma yeroo kam iyyuu caalaa, namoonni hedduun haala warri duʼan keessa jiranii fi abdii isaan qaban ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekaniiru, akkasumas labsaa jiru. (Lal. 9:5, 10; HoE. 24:15) Dhugaawwan kun nu jajjabeessuudhaan sodaa fi shakkii hin barbaachisne irraa nu eegu. Fakkeenyaaf, warra duʼan hin sodaannu, akkasumas wanti taʼe tokko isaan irra gaʼa jennee hin yaaddofnu. Isaan lubbuudhaan akka hin jirree fi eenyuun iyyuu miidhuu akka hin dandeenye ni beekna. Akkuma waan hirriba cimaa keessa jiraniitti ilaalama. (Yoh. 11:11-14) Erga duʼanii kaasee yeroon hangamii akka darbe akka isaan hin beeknes ni beekna. Kanaafuu namoonni jaarraa hedduudhaaf duʼanii turan illee, yeroo duʼaa kaʼanitti, duʼanii kan turan hamma liphsuu ijaatiif qofa akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

7 Maarree haala warri duʼan keessatti argaman ilaalchisee dhugaan jiru ifaa, salphaa fi kan nama amansiisu akka taʼe irratti walii hin galtuu? Kun soba Seexanaa isa nama burjaajessu irraa baayʼee adda dha! Sobawwan kun namoota dogoggorsuu malees, maqaa Uumaa keenyaa kan balleessani dha. Miidhaa Seexanni geessise guutummaatti hubachuuf akka nu gargaaruuf, gaaffiiwwan kana qorra: Sobawwan Seexanaa maqaa Yihowaa kan balleessan akkamitti? Aarsaa furii Kiristoositti amanuun barbaachisaa akka hin taane akkamitti ibsu? Gaddii fi dhiphinni ilmaan namootaa akka itti caalu kan godhan akkamitti?

SOBAWWAN SEEXANAA MIIDHAA HEDDUU GEESSISANIIRU

8. Akkuma Ermiyaas 19:5 irratti ibsame, namoota duʼan ilaalchisee sobawwan Seexanni dubbatu maqaa Yihowaa kan balleessan akkamitti?

8 Sobawwan Seexanni waaʼee warra duʼanii dubbatu maqaa Yihowaa kan balleessani dha. Sobawwan kun barumsa warri duʼan ibidda qilillee keessatti dhiphachaa akka jiran ibsan dabalatu. Barumsawwan akkasii maqaa Waaqayyoo kan balleessani dha! Akkamitti? Barumsawwan kun namoonni, Waaqayyo inni Waaqa jaalalaa taʼe akkuma Diyaabilos gara jabeessa akka taʼe godhanii akka yaadan taasisu. (1 Yoh. 4:8) Kun maaltu akka sitti dhagaʼamu godha? Hunda caalaa immoo Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu godha? Faallaa kanaatiin, inni gocha gara jabinaa hunda ni jibba.—Ermiyaas 19:5 dubbisi.

9. Sobawwan Seexanaa aarsaa furii Kiristoos isa Yohaannis 3:16; 15:13 irratti ibsametti amanuu irratti dhiibbaa kan godhan akkamitti?.

9 Sobawwan Seexanni waaʼee duʼaa dubbatu aarsaa furii Kiristoositti amanuun barbaachisaa akka hin taane ibsu. (Mat. 20:28) Sobni Seexanaa inni kan biraan immoo namoonni lubbuu hin duune qabu isa jedhu dha. Kun sirrii utuu taʼee, namni hundi bara baraaf jiraata ture. Kanaafuu, jireenya bara baraa argachuu akka dandeenyuuf Kiristoos lubbuu isaa furii godhee nuuf kennuun isa hin barbaachisu ture. Aarsaan Kiristoos jaalala guddaa Waaqayyo hamma ammaatti ilmaan namootaatti argisiise hunda irra akka caalu yaadadhaa. (Yohaannis 3:16; 15:13 dubbisi.) Barumsawwan kennaa gatii guddaa qabu kana xiqqeessan ilaalchisee wanta Yihowaa fi Ilma isaatti dhagaʼamu yaadaa!

10. Sobawwan Seexanni waaʼee duʼaa babalʼisu gaddii fi dhiphinni ilmaan namootaa akka itti caalu kan godhan akkamitti?

10 Sobawwan Seexanaa gaddii fi dhiphinni ilmaan namootaa akka itti caalu godhaniiru. Warri mucaa isaanii duʼaan dhabaniif gaddaa jiran, Waaqayyo mucaa isaanii tarii samii irratti maleekaa godhachuuf akka fudhate isaanitti himama taʼa. Sobni Seexanaa kun gaddi isaanii akka hirʼatu moo akka itti caalu godha? Barumsi sobaa ibidda qilillee, namoota barumsa mana sagadaa morman muka irratti fannisanii gubuu dabalatee namoota dhiphisuun sirrii akka taʼe argisiisuuf itti hojjetamaa tureera. Kitaabni waaʼee dhaddacha Ispaanish Inkwizishin jedhamuu ibsu akka jedhetti, namoonni gocha gara jabinaa kana raawwatan kana kan godhan, mormitoonni, “ibidda qilillee keessatti bara baraaf gubachuun maal akka fakkaatu ilaaluudhaan” duʼuu isaanii dura yaada akka geddaratanii fi ibidda qilillee irraa akka oolan yaaduudhaan akka taʼe amanu. Biyyoota hedduu keessatti namoonni abbootii isaanii duʼan waaqeffachuu, kabajuu ykn eebba isaanii argachuuf dirqamni akka isaan irra jiru isaanitti dhagaʼama. Warri kaan immoo adaba tokko tokko irraa ooluuf abbootii isaanii duʼan gammachiisuu barbaadu. Kan nama gaddisiisu garuu, amantiiwwan soba Seexanaa irratti hundaaʼan jajjabina dhugaa hin argamsiisan. Kanaa mannaa, dhiphinaa fi sodaa hin barbaachisne uumu.

DHUGAA KITAABA QULQULLUU DEGGERUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

11. Firoonni ykn michoonni keenya nuuf yaadan gochawwan Dubbiin Waaqayyoo dhorku akka raawwannu dhiibbaa nu irratti gochuuf kan yaalan akkamitti?

11 Jaalalli Waaqayyoo fi Dubbii isaatiif qabnu yeroo firoonni ykn michoonni keenya nuuf yaadan warra duʼan ilaalchisee gochawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne akka raawwannu dhiibbaa nu irratti gochuuf yaalanitti, Yihowaadhaaf ajajamuuf humna nuuf kenna. Tarii nama duʼe sana akka nuti hin jaallanne ykn hin kabajne dubbachuudhaan nu qaanessuuf yaaluu dandaʼu. Yookiin immoo gochi keenya karaa taʼe tokkoon warra lubbuudhaan jiran irra miidhaa geessisuu akka dandaʼu dubbatu taʼa. Yeroo akkasiitti dhugaa Kitaaba Qulqulluu deggeruu kan dandeenyu akkamitti? Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

12. Duʼa ilaalchisee aadaawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne kamfaʼi?

12 Amantiiwwanii fi aadaawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irraa ‘adda of baasuuf’ murteessaa. (2 Qor. 6:17) Uummata Kaariibiyaan keessatti, namoonni hedduun, namni tokko erga duʼee booda, hafuurri isaa naannoo sana turee warra isa miidhaa turan adaba jedhamee amanama. Kitaabni tokko, hafuurichi ‘hawaasa naannoo sanaa irratti illee rakkina uumuu akka dandaʼu’ ibseera. Afriikaa keessa bakkawwan tokko tokkotti, daawwitii mana nama duʼe sanaa keessa jiru hundatti haguuguu fi suuraa gara keenyaniitti garagalchuun aadaa dha. Kun kan godhamu maaliifi? Namoonni tokko tokko warri duʼan akka of hin ilaalleef akka taʼe dubbatu! Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, barsiifata ykn gocha soba Seexanaa babalʼisu kamitti iyyuu akka hin amanne beekamaa dha!—1 Qor. 10:21, 22.

Obboleessi tokko aadaa awwaalchaa irratti qorannaa gochaa jira; obboleessi tokko firoota isaa Dhugaa Baatuu hin taaneef, waaʼee amantii isaa ibsaa jira

Kitaaba Qulqulluu irratti qorannaa gad fageenya qabu gochuu fi firoota Dhugaa Baatota hin taanee wajjin akka gaariitti waliin dubbachuun rakkina uumamu hambisuuf si gargaaruu dandaʼa (Keeyyata 13-14 ilaali)c

13. Akkuma Yaaqoob 1:5 irratti ibsame waaʼee aadaa tokkoo yoo mirkanaaʼaa taʼuu baatte maal gochuu qabda?

13 Aadaa ykn gocha tokko tokko ilaalchisee yoo mirkanaaʼaa taʼuu baatte Yihowaan ogummaa akka siif kennu amantiidhaan kadhadhu. (Yaaqoob 1:5 dubbisi.) Achiis barreeffamoota keenya irratti qorannaa gochuudhaan deebii argattu hordofi. Barbaachisaa yoo taʼe immoo jaarsolii gumii kee keessa jiran mariisisi. Isaan maal gochuu akka qabdu sitti hin himan, garuu qajeelfama Kitaaba Qulqulluu dhimmichaa wajjin wal qabatan, kan akka as irratti ibsaman jiranii sitti argisiisuu dandaʼu. Tarkaanfiiwwan kana yommuu fudhattu, “dandeettii hubannaa” kee leenjista, dandeettiin kun immoo “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf” si gargaara.—Ibr. 5:14.

14. Namoota gufachiisuu irraa fagaachuu kan dandeenyu karaawwan kamiini dha?

14 “Wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa. . . . Gufuu taʼuu irraa of qusadhaa.” (1 Qor. 10:31, 32) Aadaa ykn barsiifata tokko irratti hirmaachuuf yommuu murteessinu, murtoon keenya qalbii warra kaanii, keessumaa Kiristiyaanota hidhata keenya taʼan irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaaduu qabna. Matumaa nama tokko iyyuu gufachiisuu hin barbaannu! (Mar. 9:42) Akkasumas taʼe jennee namoota Dhugaa Baatota hin taane aarsuu hin barbaannu. Jaalalli karaa kabaja qabuun akka isaanitti dubbannu nu kakaasa, kun immoo Yihowaadhaaf ulfina fida. Matumaa namootaa wajjin wal falmuu ykn barsiifata isaanii ceephaʼuu hin qabnu. Jaalalli humna guddaa akka qabu yaadadhaa! Akka namaaf yaadnuu fi akka nama kabajnu karaa argisiisuun yommuu ibsinu, garaan mormitootaa illee akka nuuf laafu gochuu ni dandeenya.

15-16. (a) Amantii keessan warra kaanitti beeksisuun ogummaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenya tokko dubbadhu. (b) Yaadni Phaawulos Roomaa 1:16 irratti galmeeffamee jiru nuuf kan hojjetu akkamitti?

15 Hawaasni naannoo kee jiru Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee akka beeku godhi. (Isa. 43:10) Firoonnii fi ollaawwan kee Yihowaa akka waaqeffattu kan beekan yoo taʼe, haalawwan nama aarsuu dandaʼaniif karaa salphaa taʼeen furmaata kennuun siif salphachuu dandaʼa. Firaansiiskoo inni Moozaambiik keessa jiraatu akkas jedhee barreesseera: “Anii fi haati manaa koo Kaaroolinaan yommuu dhugaa dhageenyu, kana booda namoota duʼan akka hin waaqeffanne maatii keenyatti himne. Yeroo obboleettiin Kaarooliinaa duutetti murtoon keenya ni qorame. Akka aadaa naannoo sanaatti reeffi sun sirna taʼe tokko hordofuudhaan dhiqamuu qaba. Sana booda, firoonni dhihoo taʼan bakka bishaan ittiin dhiqan sun dhangalaafame irra halkan sadii ciisuu qabu. Aadaawwan kun kan raawwataman hafuura nama duʼe sanaa qabbaneessuuf akka taʼe yaadama. Maatiin Kaaroolinaa bakka bishaanichi itti dhangalaafame sana irra ciisuu akka qabdu ishii irraa eeganii turan.”

16 Firaansiiskoo fi haati manaa isaa maal godhan ree? Firaansiiskoon akkas jedheera: “Yihowaa waan jaallannuu fi isa gammachiisuu waan barbaannuuf aadaa sana irratti hirmaachuu ni didne. Kanaafuu, maatiin Kaaroolinaa baayʼee aaran. Nama duʼe sanaaf kabaja akka nuti hin qabne nu himatan, akkasumas maatichi sana booda akka nu hin gaafanne ykn akka nu hin gargaarre dubbatan. Sana dura waaʼee amantii keenyaa isaaniif ibsinee waan turreef, yeroo isaan aaranii turan kanatti waaʼee dhimma kanaa isaanii wajjin hin mariʼanne. Firoonni keenya tokko tokko dursinee ejjennoo keenya ibsinee akka turre dubbachuudhaan nu deggeran. Yeroo booda, firoonni Kaaroolinaa waan tasgabbaaʼaniif, nagaa uumuu dandeenyeerra. Dhugaa dubbachuuf, tokko tokko barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu fudhachuuf gara mana keenyaa dhufaniiru.” Nutis duʼa ilaalchisee dhugaa jiru deggeruuf ejjennoo fudhannetti matumaa qaanaʼuu hin qabnu.—Roomaa 1:16 dubbisi.

WARRA GADDAN JAJJABEESSAA, AKKASUMAS GARGAARAA

Jaarsoliin obboleessa nama jaalatu duʼaan dhabe tokko jajjabeessaa jiru

Michoonni dhugaan warra nama jaallatan duʼaan dhaban jajjabeessuu fi gargaaruu ni dandaʼu (Keeyyata 17-19 ilaali)d

17. Kiristiyaana gadda irra jiru tokkoof michuu dhugaa taʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

17 Yommuu Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe tokko nama jaallatu duʼaan dhabu, “michuu dhugaa . . . , obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate” taʼuudhaaf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu qabna. (Fak. 17:17, NW) Keessumaa obboleessi ykn obboleettiin gadda irra jiran gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irratti akka hirmaatan dhiibbaan isaan irra gaʼaa jira yoo taʼe “michuu dhugaa” taʼuufii kan dandeenyu akkamitti? Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu warra gaddan jajjabeessuuf nu gargaaruu dandaʼan lama haa ilaallu.

18. Yesuus imimmaan isaa akka dhangalaasu maaltu isa kakaase? Nuti hoo fakkeenya isaa irra maal barachuu dandeenya?

18 “Warra booʼanii wajjin booʼaa.” (Rom. 12:15) Nama gadda irra jiru tokkotti maal akka dubbannu wallaaluu dandeenya taʼa. Yeroo tokko tokko imimmaan keenya wanta nuti dubbannu caalaa akka isaaniif yaadnu ibsuu dandaʼa. Michuu Yesuus kan taʼe Alaazaar yeroo duʼetti, Maariyaam, Maartaa fi warri kaan obboleessaa fi michuu isaanii jaallatamaa kanaaf booʼaniiru. Yesuus guyyaa afur booda yeroo achi gaʼu, Alaazaariin duʼaa akka kaasu kan beeku taʼus, innis ‘imimmaan isaa dhangalaaseera.’ (Yoh. 11:17, 33-35) Yesuus imimmaan isaa dhangalaasuun isaa Yihowaan Alaazaar isa duʼeef maaltu akka isatti dhagaʼamu kan ibsu ture. Imimmaan Yesuus jaalala inni maatichaaf qabu kan isaaniif mirkaneesse siʼa taʼu, kunis Maariyaamii fi Maartaa jajjabeessee akka ture hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni keenya akka isaan jaallannuu fi akka isaaniif yaadnu yommuu hubatan, kophaa isaanii akka hin taanee fi michoota isaaniif yaadan, akkasumas isaan gargaaraniin akka marfaman ni hubatu.

19. Kiristiyaana gadda irra jiru tokko yommuu jajjabeessinu, Lallaba 3:7 hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

19 “Calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba.” (Lal. 3:7) Karaan Kiristiyaanota gaddan itti jajjabeessinu inni kan biraan immoo akka gaariitti dhaggeeffachuu dha. Obboleessi keenya wanta isatti dhagaʼamu akka dubbatu godhaa, akkasumas ‘ariitiidhaan yoo dubbate’ hin mufatinaa. (Iyo. 6:2, 3) Firoonni isaa Dhugaa Baatota hin taane, dhiibbaa isa irratti gochuu isaaniitiin kan kaʼe, dhiphinni dabalataa isa irra gaʼaa jira taʼa. Kanaafuu isaa wajjin kadhadhaa. Inni ‘kadhata namaa dhagaʼu’ jabinaa fi ilaalcha sirrii qabaachuuf akka isa gargaaru cimsaa kadhadhaa. (Far. 65:2) Haalli isaa kan heyyamu yoo taʼe Kitaaba Qulqulluu waliin dubbisaa. Yookiin immoo barreeffamoota keenya irraa mata duree mijataa taʼe kan akka seenaa jireenyaa jiru dubbisaa.

20. Mata duree itti aanu keessatti waaʼee maalii qorra?

20 Haala warri duʼan keessa jiranii fi abdii dinqisiisaa namoonni awwaala yaadannoo keessa jiran qaban dhugaa isaa beekuun mirga guddaa dha! (Yoh. 5:28, 29) Kanaaf, dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan, dhugaa Kitaaba Qulqulluu ija jabinaan haa deggerru, akkasumas yeroo mijataa taʼe hundatti warra kaanitti haa himnu. Mata dureen itti aanu, karaa kan biraa Seexanni namoonni karaa hafuuraa dukkana keessa akka jiraatan itti godhu, jechuunis waaʼee gochawwan hafuurota hamoo ibsa. Gochawwanii fi bohaartiiwwan jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qaban irraa fagaachuun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe qorra.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun kan nu jajjabeessu akkamitti?

  • Duʼa ilaalchisee sobni Seexanni babalʼisu miidhaa akkamii geessiseera?

  • Duʼa ilaalchisee dhugaa jiru deggeruu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 24 Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

a Seexannii fi jinniiwwan isaa haala warra duʼanii ilaalchisee soba dubbachuudhaan namoota gowwoomsaniiru. Sobawwan kun aadaawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne hedduun akka jiraatan godhaniiru. Mata dureen kun yeroo namoonni kaan aadaawwan akkasii irratti akka hirmaattan dhiibbaa isin irratti gochuuf yaalan Yihowaadhaaf amanamoo taʼuuf isin gargaara.

b IBSA FAKKII: Miseensi maatii Dhugaa Baatota taʼan, fira isaanii nama jaallattu duʼaan dhabde tokko jajjabeessaa jiru.

c IBSA FAKKII: Miseensi maatii Dhugaa Baatuu taʼe tokko aadaa awwalchaa wajjin wal qabate irratti erga qorannaa godhee booda, waaʼee amantii isaa gaarummaadhaan firoota isaatiif yommuu ibsu.

d IBSA FAKKII: Jaarsoliin gumii keessa jiran Dhugaa Baatuu nama jaallatu duʼaan dhabe tokko yommuu jajjabeessanii fi gargaaran.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi