Dubbii Amanamaa Warra Kaan Barsiisuu
1 Dhugaa baatonni Yihowaa saba, gosaa fi afaan adda addaa keessaa kan dhufan yoo ta’e iyyuu, guutummaa biyya lafaa irratti dhaabbata obbolummaa tokkummaa qabu. (Mul. 7:9) Biyyi lafaa yeroo garaa gara wal hire kanatti, kun nama ajaa’ibsiisa. Kun akkamitti ta’uu danda’ee? “Dubbii amanamaa” kana dubbachuu danda’uu keenyaani.—Sef. 3:9.
2 Bu’aa Gaarii Inni Argamsiisu: Dubbiin amanamaan (qulqulluun) kun maal innii? Dhugaa Macaafa qulqulluu keessatti argamu, waa’ee Yihowaatifii waa’ee kaayyoo isaa, keessumaa ammoo waa’ee Mootumma Waaqayyoo karaa sirri ta’een hubachuu dha. Duraan dursee raajiin akkuma Yesusiin dubbatametti dhugaan kun karaa bo’oo dhaabbata Yihowaa isa lafarratti argamu, ‘hojjataa isaa isa amanamaa fi ogeessaan’ babal’ateera. Sababa kanaan kan ka’e ‘sabni afaan garaa garaa dubbatan’ waaqeffannaa dhugaatiin deddeebi’aa jiru.—Mat. 24:45; Zak. 8:23.
3 Namoonni yeroo dubbii amanamaa kana baratanitti, haala jireenyaa isaanii jijjiiruudhaan sadarkaa jireenyaa Yihowaan baaseen walii galuudhaan jiraachaa jiru. Kana malees ‘dubbiidhaa fi yaadaan tokko akka ta’an’ barataniiru. (1 Qor. 1:10) Akkasumas barumsi isaan Waaqayyo iraa argatan kun gidduu isaaniitti amala gaarii akka agarsiisanii fi dhugaa akka dubbatan, caalaadhumatti ammoo warra kaanitti dubbii wangeelaa akka himan isaan taasiseera. (Tit. 2:7, 8 ; Ibr. 13:15) Jijjiiramni nama dinqisiisu kun Yihowaaf ulfina fida.
4 Fakkeenyaaf, namichi tokko jalqaba yeroo misiraachoon Mootummichaa itti himametti gaaffii danuu isaan gaafatee, gaaffiwwan isaatifis deebiwwan Macaafa qulqulluu iraatti hundaa’an kennamaniif. Deebii aragate kanatti miirri isaa waan xuqameef torbanitti guyyaa lama Macaafa qulqulluu qayyabachuu akkasumas walga’ii irratti argamuu jalqabe. Simannaa gaarii obboloonni godhaniif akkasumas namoonni walga’ii sana iraatti argaman qomoo adda addaa ta’uu isaanii yeroo hubatetti baay’ee ajaa’ibsiifate. Inniif haati manaa isaa yeroo gabaabaa gidduutti jijjiiramuudhaan cuuphamaniiru. Yeroo sanaa eegalee firoota isaa dabalatee namoota 40 ta’an Yihowaa akka tajaajilan gargaareera. Yeroo ammaatti obboleessi kun dhukkubsataa ta’us tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachaa jira.
5 Warra Kaan Barsiisuu: Namoonni amanamoo ta’an baay’een, haala biyyi lafaa kun irra jiru ilaaluun isaanii akkaataa jireenya isaanii fi ilaalcha isaanii keessa deebi’anii akka ilaalan isaan taasiseera. Akkuma Yesus, nuyis namoota akkasii kana gargaaruuf fedhii argisiisuu qabna. Itti deddeebi’anii gaafachuu fi qayyabannaa Macaafa qulqulluu bu’a qabeessa gochuudhaan warri kaan dubbii amanamaa kana akka baran gochuu dandeenya.
6 Namoota yeroo hin qabnu jedhan Kitaaba qulqulluu qayyabsiisuuf, karaan bu’a qabeessa ta’ee argame, achuma balbala isaanii irra akka dhaabatanitti yeroo (daqiiqaa) muraasa fudhachuudhaan jalqabsiisuu dha. (Tajaajila Mootummaa 5/02 fuula 1) Akkas gootee beektaa? Deebitee gaafachuu yeroo yaaddu, miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002 keessatti yaadawwan dhihaatan gidduudhaa nama haasofsiistu sana gargaaruu danda’a jettee yaaddu filadhuu qophaa’i. Yaadawwan Tajaajila Mootummaa kana keessatti dhihaatan brooshura Waaqni nurraa maal barbaadaa? jedhu yookiin kitaaba Beekumsaatiin gargaaramuudhaan namoota kallattiidhaan haasofsiisuun akka danda’amu ta’anii kan qophaa’ani dha. Tajaajila Mootummaa sana keessatti yaadawwan dhihaatan keessaa keeyyata tokko irratti hundaa’uudhaan yaada seensaa gara mariitti si geessu irratti shaakali. Keeyyaticha keessaa tuqaa (yaada) tokko yookiin lama filadhuu dubbisiitii irratti mari’adhaa, akkasumas gaaffiwwan xumuraaf sigargaaran qopheessi. Kunis yeroo lammaffaa deebitee dhaqxutti irratti haasa’uuf sigargaara.
7 Sabni Yihowaa dubbii amanamaa kana barachuun isaanii baay’ee kan isaan eebbisiise ta’uu muuxannoowwan jiran ni mirkaneessu. Nuyis jabaannee warri kaan ‘maqaa [Yihowaa NW] akka waamanii fi nu wajjin harka walqabatanii akka isa tajaajilanitti’ isaan haa gargaarru. —Sef. 3:9.