LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/03 ful. 1
  • Hojii Nama Haaromsu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii Nama Haaromsu
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Waanjoo Koo Fuudhaatii Baadhaa”
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • “Gara Koo Kottaa, Anis Boqonnaa Isiniif nan Kenna”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Yesuus Akka Boqonnu Nu Afeereera
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Maatewos 11:28-30—“Gara Koo Kottaa, Ani Boqonnaa Isiniif Nan Kenna”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 8/03 ful. 1

Hojii Nama Haaromsu

1 Ergaan Macaafa qulqulluu namoota fudhataniifi jireenyasaanii keessatti hojiirra oolchan hundaa ni haaromsa. (Far. 19:​7, 8) Barumsa sobaafi gochawwan nama miidhanirraa akka fagaatan akkasumas waa’ee gara fuulduraa ilaalchisee abdii amanamaa akka argatan taasisa. Haata’u malee, kan faayidaa argatan namoota misraachoo kana fudhatan qofaa miti; warrii ergaa Macaafa qulqulluu nama haaromsu kana warra kaaniif hiranis ni jajjabaatu.​​—⁠Fak. 11:⁠25.

2 Tajaajilaan Jabaachuu: Hojii lallabuufi bartoota taasisuu dabalatee warri waanjoo bartoota Kristiyaanaa fudhatan ‘lubbuusaaniitiif boqonnaa akka argatan’ Yesus dubbateera. (Mat. 11:29) Innumtiyyuu warra kaaniif dhugaa ba’uun kan nama jajjabeessu ta’ee argateera. hojii kana raawwachuu akka nyaataatti lakkaa’a ture. (Yoh. 4:​34) Bartootasaa 70mman lallabaaf yeroo erge, Yihowaan carraaqqiisaaniitiif gargaarsa akka godhe arguunsaanii isaan gammachiisee ture.​​—⁠Luq. 10:⁠17.

3 Haaluma walfakkaatuun har’as Kristiyaanonni hedduun hojii lallabaarratti hirmaannaa godhaniin jabina argataniiru. Obboleettiin tokko, “Tajaajilli jireenyakoo waan wal naaqixxeesseefi kaayyoo akkan qabaadhu waan nataasiseef boqonnaa naaf argamsiiseera. Tajaajilarratti yeroon hirmaadhu rakkoofi dhiphina guyyaa guyyaan namudatu nan irraanfadha” jetteetti. Tajaajiltuun hinaaffaa qabdu gara biraanimmoo “Tajaajilli . . . guyyaa hundaa Yihowaan akka naadhugoomu nataasiseera; akkasumas nagaafi keessa kootti gammachuu hanga hin qabne kan karaa kamiiniyyuu argamuu hin dandeenye naaf argamsiiseera” jetteetti. ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuuf’ mirga addaa akkamii argannee!​​—⁠1 Qor. 3:⁠9.[NW]

4 Waanjoon Kristos Nama Hin Dhibu: Yesus Kristiyaanonni akka ‘wal dorgoman’ gorsuunsaa hamma kennuu dandeenyu caalaa nugaafachuusaa miti. (Luq. 13:24) “waanjoo koo fuudhaatii baadhaa” jechuudhaan isaa wajjin waanjoosaa jala akka gallu jaalalaan nu afeereera. (Mat. 11:29) Obboloonni rakkina adda addaatiin wal’aansoo wal qabaa jiran tajaajilli garaa guutuudhaan dhiheessan xiqqoollee ta’u Yihowaa akka gammachiisu mirkanaa’oo ta’uu danda’u.​​—⁠Mar. 14:​6-8; Qol. 3:​23.

5 Maqaasaatiif wanta hojjennu hundumaa Waaqa dinqisiifatu tajaajiluun akkam nama haaromsaa! (Ibr. 6:​10) Yeroo hundumaa wanta qabnu keessaa isa filatamaa isaaf kennuuf haacarraaqnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi