LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/08 ful. 1
  • “Waanjoo Koo Fuudhaatii Baadhaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Waanjoo Koo Fuudhaatii Baadhaa”
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesuus Akka Boqonnu Nu Afeereera
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • “Gara Koo Kottaa, Anis Boqonnaa Isiniif nan Kenna”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Sochiiwwan Hafuuraatiin Boqonnaa Argadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Hojii Nama Haaromsu
    Tajaajila Mootummaa—2003
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 5/08 ful. 1

“Waanjoo Koo Fuudhaatii Baadhaa”

1 Biyyi lafaa rakkinaafi dhiphinaan kan guutamedha. Haata’u malee, nuti waamicha Yesus waanjoosaa baannee boqonnaa akka argannu nuu dhiheesse fudhachuudhaan tasgabbii dhugaa arganneerra. (Mat. 11:29, 30) Waanjoo bartoota gochuu baachuun, hojii carraaqqii cimaa gaafatu qofa utuu hin ta’iin, boqonnaas kan namaa argamsiisudha. Hojiin kun misiraachoo Mootummichaa labsuufi warri kaanis nuu wajjin waanjoo Yesus isa laafaa jalatti boqonnaa akka argatan gargaaruu kan dabalatudha.—Mat. 24:14; 28:19, 20.

2 Tajaajilaan Boqonnaa Argachuu: Yesus duuka buutonnisaa ba’aa ofiisaanii baachaa jiranirratti ba’aasaa dabalanii akka baatan isaan hin ajajne. Kanaa mannaa ba’aasaanii isa ulfaataa, ba’aasaa isa salphaatti akka geddaratan afeeruusaa ture. Rakkoowwan biyya lafaatiin dhiphannee abdii hin kutannu; badhaadhummaa hin amansiisne argachuufis hin dhamaanu. (Luq. 21:34; 1 Xim. 6:17) Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan argachuuf hojjechuu kan qabnu yoo ta’eyyuu, jireenya keenya keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif iddoo guddaa kennina. (Mat. 6:33) Wanta caalaatti barbaachisaa ta’eef ilaalcha sirrii yoo qabaanne, tajaajilli ba’aa utuu hin ta’in yeroo hundaa boqonnaa kan nuu argamsiisu ta’a.—Filp. 1:10.

3 Waa’ee wanta jaallannu tokkoo dubbachuu akka barbaannu beekamaadha. (Luq. 6:45) Kiristiyaanonni hundi waa’ee Yihowaafi eebbawwan Mootummichaa ilaalchisee abdii inni kenne dubbachuun guddaa isaan gammachiisa. Kanaafuu, yommuu tajaajilarratti hirmaannu, waa’ee rakkoo keenyaa dhiisnee, waa’ee “oduu gaarii” dubbachuun keenya boqonnaa kan namaa argamsiisu mitii? (Rom. 10:15) Dhugaadha, wanta tokko caalaatti yommuu hojjennu caalaatti baranna; kunimmoo gammachuu guddaa nuu argamsiisa. Kanaafuu, kan dandeenyu yoo ta’e, tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsuun keenya boqonnaa dabalataa nuuf argamsiisa. Namoonni lallaba keenya fudhachuunsaanii gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu mitii? (HoE. 15:3) Namoonni yommuu dantaa dhabaniifi nu mormanittillee, carraaqqiin keenya Yihowaa akka gammachiisuufi eebbasaatiin bu’aa gaarii akka arganne beekuudhaan, tajaajila keenyarraa boqonnaa argachuu dandeenya.—HoE. 5:41; 1 Qor. 3:9.

4 Afeerrii Yesus fudhachuudhaan, Dhugaa Baatota Yihowaa taanee isaa wajjin tajaajiluuf mirga arganneerra. (Isa. 43:10; Mul. 1:5) Kana caalaa wanti boqonnaa namaa argamsiisu hin jiru!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi