“Waaqayyoof Gammachuudhaan Hojjedhaa”
1 Phaawulos ergamaan “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi’ee nan jedha, gammadaa!” jedhee barreesseera. (Filp. 4:4) Mirgi misiraachoo hiruufi namoota akka hoolaa jiran Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruun madda gammachuu guddaadha. (Luq. 10:17; HoE. 15:3; 1 Tas. 2:19) Haata’u malee, tajaajilarratti wanti gammachuu nudhoowwu yoo numudate maal gochuu dandeenya?
2 Hojii Waaqayyo Irraa Nuu Kenname: Ergaan nuyi lallabnu Yihowaa biraa akka dhufe yaadadhu. Hojii ergaa Mootummaa labsuufi bartoota taasisuurratti ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuun’ mirga akkamiiti! (1 Qor. 3:9 1899 kan maxxanfame) Hojii irra hin deebi’amne kana irratti Yesus Kristosis nuwajjin jira. (Mat. 28:18-20) Yeroo ammaa makarri karaa hafuuraa itti sassaabamu kanatti ergamoonni nuduukaa hojjechaa jiru. (HoE. 8:26; Mul. 14:6) Caqasawwaniifi muuxannoowwan saba Waaqayyoo, Yihowaan hojii kana akka eebbisaa jiru ni mirkaneessu. “Akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos” ni lallabna. (2 Qor. 2:17) Dhugumaaniyyuu gammaduuf sababii jabaa qabna.
3 Tajaajila Waaqayyootin gammachuu keenya eguuf kadhannaan barbaachisaadha. (Gal. 5:22) Hojii Waaqayyoo hojjechuu kan dandeenyu jajjabinasaatiin qofa waan ta’eef hafuurasaa isa inni warra gaafataniif kennu argachuuf kadhachuu qabna. (Luq. 11:13; 2 Qor. 4:1, 7; Efe. 6:18-20) Waa’ee tajaajilaa kadhachuun keenya namoonni ergaa keenya yoo didanillee ilaalcha sirrii ta’e akka qabaannuuf nu gargaara. Kunimmoo ija jabinaafi gammachuudhaan tajaajila keenyatti akka cimnu nugodha.—HoE. 4:29-31; 5:40-42; 13:50-52.
4 Akka Gaariitti Qophaa’a: Tajaajilarratti yeroo hirmaannu gammachuun keenya akka dabalu kan nugargaaru inni tokko akka gaariitti qopha’uudha. (1 Phe. 3:15) Qophiin akkasii kun yeroo baay’ee hin fudhatu. Yaada seensaa barruuleedhaaf ba’u, ykn barreeffama raabsuuf yaaddeef mijaa’aa ta’e irra deebi’uun daqiiqaa muraasa qofa sigaafata. Yaada seensaa mijaa’aa ta’e argachuuf kitaaba Xiinxalsiisu fi Tajaajila Mootummaa ilaalu dandeessa. Babal’istoonni Mootummattii tokko tokko yaada seensaa dubbachuuf barbaadan yaadannoo xiqqoorratti barreessuun gaarii ta’ee argataniiru. Gabaabumatti irra deddeebi’uunsaanii akka yaadatan isaan gargaara. Kunimmoo akka hin sodaanneefi ija jabinaan akka lallaban isaan gargaara.
5 Gammachuu qabaachuun keenya faayidaa guddaa qaba. Gammachuudhaan namootatti dhihaachuun keenya ergaan keenyas kan nama gammachiisu akka ta’u godha. Gammachuun akka jabaannee dhaabannu nugodha. (Nah. 8:10; Ibr. 12:2) Kana caalaayyuu gammachuudhaan tajaajiluun keenya Yihowaadhaaf ulfina argamsiisa. Kanaafuu, ‘Waaqayyoof gammachuudhaan haa hojjennu.’—Far. 100:2.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Tajaajiltoota Yihowaatiif maddi gammachuu guddaa maalidha?
2. Burqaan ergaa nuyi himnuu eenyu akka ta’e beekuun keenya gammachuu kan nuu argamsiisu akkamitti?
3. Kadhannaan akka gammachuu tajaajila keenyaa eguuf kan nugargaaru akkamitti?
4. Qophii gaarii gochuun gammachuu tajaajilarraa argannu kan nuu guddisu akkamitti? Karaa itti hojjetamuu danda’u isa kamfa’iin qophaa’uu dandeenya?
5. Gammachuun nuyis ta’e warra kaan akkamitti fayyada?