LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/04 ful. 1
  • Ogummaan Waaqayyoo Bu’aa Guddaa Qaba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ogummaan Waaqayyoo Bu’aa Guddaa Qaba
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Caalmaa Barumsi Waaqayyoo Qabu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • “Ogummaan . . . Waaqayyoo Akkam Gad Fagoo Dha!”
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Ogummaa Dhugaan Sagalee Ishii Ol Kaastee Iyyiti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • ‘Ogummaa Ol Gubbaadhaa Dhufuun’ Jiraachaa Jirtaa?
    Yihowaatti Dhihaadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 1/04 ful. 1

Ogummaan Waaqayyoo Bu’aa Guddaa Qaba

1 Namoonni tokko tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa hunda caalaa carraaqqii gochuu kan qaban, rakkoowwan yeroo har’aa ilmaan namaa mudachaa jiran salphisuufi gargaarsa gochuuf ta’uu qaba jedhu. Namoonni akkanaa kun Macaafa Qulqulluu barsiisuun hunda caalaa hojii barbaachisaa ta’uunsaa isaanitti hin mul’atu. Akkuma Phaawulos ergamaan jedhe: “Waa’ee fannifamuu Kristos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha; nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyoo ti.” (1 Qor. 1:​18) Eeyyee, nuyi tajaajilli Kristiyaanummaa hojii lafa kanarratti hojjetamu hunda caalaa barbaachisaa akka ta’e ni beekna.

2 Yeroo Ammaa Jirenya Fooyya’aa Jiraachuu: Ilmaan namaa rakkoo namootaa hiikuuf carraaqqii godhanirraa bu’aan argame baay’ee murtaa’aadha. Seerriwwan yakka ittisuuf ba’an yakki akka hin babal’anne gochuu hin dandeenye. Walii galteen nageenyaafi humni nageenyaa, waraanni akka dhaabatu gochuu hin dandeenye. Sagantaawwan hawaasaa nagaa ilmaan namaa fooyyessuuf qabaman, guutummaatti hiyyummaa hambisuu hin dandeenye. (Far. 146:​3, 4; Er. 8:9) Faallaa kanaatiin, ergaan Mootummattii namoonni miiliyoonatti lakkaa’aman namummaa haaraa Waaqayyo duratti fudhatama qabu akka uffatan gargaaruudhaan jireenyisaanii akka geeddaramu godheera. (Rom. 12:2; Qol. 3:​9, 10) Kana gochuusaaniitiin, yeroo ammaallee amala fooyya’aa argataniin gammachuudhaan jiraatu.​—1 Xim. 4:8.

3 Abdii Gammachiisaa Fulduraa: Rakkoowwan yeroo ammaa jiran mo’uu caalaas, ogummaan Waaqayyoo fulduraaf karoora bu’aa qabeessa ta’e akka baafannu nu gargaara. (Far. 119:105) Seera wantootaa yeroo ammaa kana fooyyessuuf carraaqqii bu’aa hin qabne gochuurraa nu eega. (Lal. 1:​15; Rom. 8:​20) Hawwii bu’aa hin qabneen kakaanee galma hin taane hordofuudhaan jireenya keenya waan hin balleessineef hammam galateeffannaa! Kanaa mannaa, “samii haaraafi lafa haaraa” qajeelummaan keessa jiraatu ilaalchisee abdii mirkanaa’aa Yihowaan kenneef carraaquurratti xiyyeeffanna. Guyyaan firdii Yihowaa yeroo ga’u, warri ogummaa Waaqayyootti amanaman filannoo sirrii gochuunsaanii ni mirkanaa’a.​—2 Phe. 3:​10-​13; Far. 37:34.

4 Ogummaan Waaqayyoo, namoota “ogummaa biyya lafaa” jaalataniif kan waa’ee hin baasne itti fakkaatuyyuu, wanti dhugumaan hordofamuu qabu isa qofadha. (1 Qor. 1:​21; 2:​6-8) Kanaafuu, ergaa Waaqayyo ‘isa ogeessa tokkichaa’ biyya lafaa hundumaatti lallabuu keenya itti fufna.​—Rom. 16:27.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi