Duula Fardeenii Siinis Dabalatu
1 “Ergamaan inni ja’affaan malakata isaa afuufe.” Itti aansee ‘loltoota abboota fardeenii’ “miliyoonii dhibba lama” ta’an sagaleesaanii ol kaasanii ni iyyan. Humni waraanaa kun akkasumaan kan bakki guddaan hin kennamneef miti. “Mataan fardeen sanaas mataa leencaa in fakkaata ture.” Ibiddi, aarriifi dhagaan boba’u afaansaanii keessaa ba’a ture; ‘eegeen isaanii bofa fakkaata.’ Dhumarrattis, duultonni abbaa fardeeniitiin fakkeeffaman kun badiisa gessisu. (Mul. 9:13-19) Raajii mul’ataa badii geessisuufi raawwiisaa argachaa jiru kana keessatti iddoo kan qabdu akkamitti akka ta’e beektaa?
2 Kristiyaanonni dibamooniifi hiriyootasaanii kan ta’an hoolonni gara biraan, tokkummaadhaan firdii Waaqayyoo beeksisaa jiru. Kunis Sabni Kristiyaanaa karaa hafuuraa kan duute ta’uushee saaxila baasuu dabalata. Hojiin tajaajiltoota Waaqayyoo bu’aa qabeessa kan ta’e maaliifi akka ta’e beekuuf raawwii mul’ataa keessaa lamaan isaanii haa ilaallu.
3 Ergaa Waaqayyoo Dabarsuuf Qophaa’uufi Hidhachuu: Karaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiifi walga’iiwwan gumii gara biraatiin, tajaajiltoonni Waaqayyoo ergaa Waaqayyoo ija jabinaan dubbachuu leenji’aniiru. Akkuma Yesusiifi bartootasaa iddoo namoonni itti argaman hundaatti lallabuudhaan, namoota dhugaan ta’uuf barbaaduu ni deemu. (Mat. 10:11; Mar. 1:16; Luq. 4:15; HoE. 20:18-20) Mala Macaafa Qulqulluurratti hundaa’een lallabuun bu’aa qabeessa ta’uun isaa akkam kan mirkanaa’edhaa!
4 Macaafni Qulqulluun, kitaaboliin, brooshuroonniifi barruuleen biiliyoonaan lakkaa’aman, hojii lallabaa Waaqayyo ajaje sirriitti raawwachuu akka dandeessisaniif Kristiyaanotaan raabsamaniiru. Barreeffamoonni kun barumsawwan adda addaa hedduu qabatanii, haala namoota adda addaa kakaasuu danda’uun, afaan 400iin qophaa’aniiru. Meeshaalee kanaan karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamaa jirtaa?
5 Qajeelfamaafi Gargaarsa Samiirraa Dhufu: Raajiin mul’atichaa, sochiin abbootiin fardeen duulaatiin fakkeeffame kun gargaarsa Waaqayyoo kan qabu ta’uusaas ni ibsa. (Mul. 9:13-15) Hojiin lallabaa addunyaa mararratti raawwatamaa jiru, ogummaa ykn humna namootaatiin utuu hin ta’in hafuura Waaqayyootiini. (Zak. 4:6) Yihowaan hojii kana hojjechiisuuf ergamootasaatti gargaaramaa jira. (Mul. 14:6) Kanaafuu, carraaqqii Dhugaa Baatonni godhan wajjin, Yihowaan namoota garraamii ta’an ofitti harkisuuf gargaarsa samiirra jirutti fayyadama.—Yoh. 6:45, 65.
6 Sabni Yihowaa, ergaa sagalee Waaqayyoo dabarsuuf kan leenji’an, akka gaariitti kan hidhataniifi qajeelfama ergamootaa jalatti kan hojjechaa jiran waan ta’aniif, hojiisaanii kana ittisuun hin danda’amu. Raawwii raajii mul’ataa gammachiisaa kanarratti hanga gahee keenyaa hirmaachuu keenya itti haafufnu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1, 2. Yeroo har’aa tajaajiltoonni Waaqayyoo raawwii Raajii mul’ataa, Mul’ata 9:13-19rratti ibsame keessatti kan hirmaatan akkamitti?
3. Ergaa sagalee Waaqayyoo karaa bu’a qabeessa ta’een lallabuuf leenjii akkamii fudhatteetta?
4. Babal’istoonni hedduun hojiisaanii raawwachuu akka danda’an meeshaaleen isaan gargaaran kamfa’i?
5, 6. Sabni Yihowaa gargaarsa samiirraa dhufu akka qaban kan argisiisu maali?