FAARFANNAA 99
Obboloota Kumaatama
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Obboloonni kumaatamni,
Baayʼinaan argamu;
Hundi amanamoo dha,
Ejjennoo ni qabu.
Baayʼee dabalaa jirra,
Heddummina qabna;
Sanyiif gosa hundarraa dhufnee,
Yihowaa jajanna.
2. Obboloonni kumaatamni,
Deemnee bakka hunda
“Misiraachoo” lallabna,
Hedduutu barbaada.
Yeroo lallabanitti
Arganis rakkina,
Kiristoos isaaniif ni kenna,
Nagaa fi boqonnaa.
3. Obboloonni kumaatamni,
Eegumsa argatu.
Halkanis taʼe guyyaa
Waaqaaf ni hojjetu.
Baayʼachaatuma deemna,
Misiraachoo himna;
Lafarrattʼ Waaqa tajaajilla,
Wal faana hojjenna.
(Dabalataan, Isa. 52:7; Mat. 11:29; Mul. 7:15 ilaali.)