LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 5 ful. 4-5
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaa Jiru
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Isaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Ergamoota—“hafuurota Nama Tajaajilan”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Maleekota
    Dammaqaa!—2017
  • Maleekonni Si Gargaaruu kan Dandaʼan Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 5 ful. 4-5
Hogganaa maleekotaa fi maleekota kuma kudhaniin lakkaaʼaman kaan

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KITAABNI QULQULLUUN WAAʼEE MALEEKOTAA MAAL JEDHA?

Maleekota Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Waaʼee maleekotaa dhugaa isaa, jechuunis eenyummaa isaanii, akkamitti akka uumamanii fi maal akka hojjetan beekuu ni barbaaddaa? Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe caalaa bakki deebii kanaa argachuu itti dandeenyu kan biraan hin jiru. (2 Ximotewos 3:16) Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa maal jedha ree?

  • Akkuma Waaqayyoo hafuura taʼe, maleekonnis qaama hafuuraa ijaan hin argamne, akkasumas ‘foonii fi lafee hin qabne dha.’ Maleekonni amanamoon samii keessa kan jiraatan siʼa taʼu, kallattiidhaan Waaqayyootti dhihaachuu dandaʼu.—Luqaas 24:39; Maatewos 18:10; Yohaannis 4:24.

  • Maleekonni al tokko tokko hojii Waaqayyo lafa irratti isaaniif kenne raawwachuuf namoota fakkaatanii kan mulʼatan siʼa taʼu, erga hojii isaanii xumuranii booda immoo deebiʼanii qaama hafuuraa taʼu.—Abboota Firdii 6:11-23; 13:15-20.

  • Kitaaba Qulqulluu keessatti maleekonni saala dhiiraatiin ibsamaniiru, yeroo foon uffatan hundattis dhiira taʼanii mulʼataniiru; taʼus, saala dhiiraa fi dubartummaa garuu hin qaban. Hin fuudhan, ijoollees hin godhatan. Kana malees, maleekonni jalqabuma iyyu gara jireenyaatti kan dhufan akka namoota lafa irraa, daaʼima, ijoollee ykn nama guddaa taʼuudhaan hin turre. Maleekota kan uume Yihowaa waan taʼeef, Kitaabni Qulqulluun “Ilmaan Waaqayyoo” jedhee isaan waama.—Iyoob 1:6; Faarfannaa 148:2, 5.

  • Kitaabni Qulqulluun, waaʼee “qooqa namootaa fi qooqa maleekotaa” dubbachuun isaa, qaamonni hafuuraa kun qooqa mataa isaanii akka qabanii fi dubbachuu akka dandaʼan argisiisa. Waaqayyo namootatti dubbachuuf maleekotatti fayyadamee kan ture taʼus, maleekota akka waaqeffannu ykn gara isaaniitti kadhannaa akka dhiheessinu nuuf hin heyyamne.—1 Qorontos 13:1; Mulʼata 22:8, 9.

  • Maleekonni kumaatama kudhaniin lakkaʼaman kan jiran siʼa taʼu, tarii lakkoofsi isaanii biliyoona hedduu taʼuu dandaʼa.a—Daaniʼel 7:10; Mulʼata 5:11.

  • Maleekonni ‘jajjaboo’ siʼa taʼan, namoota caalaa humnaa fi dandeettii guddaa qabu. Maleekonni addunyaa ijaan argamuu hin dandeenye darbanii saffisa guddaadhaan deemuu akka dandaʼan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.—Faarfannaa 103:20; Daaniʼel 9:20-23.

  • Maleekonni karaa sammuu fi karaa hafuuraa dandeettii guddaa kan qaban taʼus, dandeettiin isaanii daangaa qaba; wantoonni isaan hin beeknes jira.—Maatewos 24:36; 1 Pheexiros 1:12.

  • Maleekonni amala mataa isaanii, amala Waaqayyoo fi mirga filannaa akka qabaatan godhamanii uumaman. Kanaafuu akkuma namootaa wanta sirriis taʼe wanta dogoggoraa gochuuf filachuu ni dandaʼu. Kan nama gaddisiisu garuu, maleekonni tokko tokko Waaqayyoon mormuu filataniiru.—Yihudaa 6.

a Kumni kudhan siʼa 10,000 miliyoona 100 dha. Taʼus, Kitaabni Mulʼataa, maleekonni ‘kumaatama siʼa kumaatama’ akka jiran dubbata. Kana jechuun uumamawwan hafuuraa miliyoona dhibbaan, tarii immoo biliyoona hedduutti lakkaaʼaman jiru jechuu dha!

Maleekonni Waaqayyoo Kan Gurmaaʼan Akkamitti?

Hogganaa maleekotaa kan taʼe Mikaaʼel, maleekaa humnaa fi aangoodhaan hunda caalu dha. Kitaabni Qulqulluun, Mikaaʼel maqaa kan biraa Yesuus ittiin beekamu akka taʼe ifatti dubbata.—1 Tasalonqee 4:16; Yihudaa 9.

Suraafeloota mirgaa fi ulfina qabaachuu irratti maleekota gidduudhaa sadarkaa guddaa kan qaban siʼa taʼu, naannoo teessoo Waaqayyootti argamu.—Isaayaas 6:1-3.

Kiruubeloonnis sadarkaa guddaa kan qaban siʼa taʼu, itti gaafatamummaa addaa hojii ulfina Waaqayyo isa Hundumaa Dandaʼuu wajjin walitti dhufeenya guddaa qabu raawwatu. Yeroo baayʼee utuu isa tajaajilanii mulʼataniiru.—Uumama 3:24; Hisqiʼel 9:3; 11:22.

Maleekonni kuma kudhaniin lakkaaʼaman kaan immoo fedhii Waaqayyoo raawwachuu irratti bakka buʼootaa fi gargaartota isa Hundaa Olii taʼuudhaan tajaajilu.b—Ibroota 1:7, 14.

b Maleekota ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 10⁠ffaa, akkasumas kutaa dabalataa mata duree “Angafa Ergamootaa Kan Taʼe Mikaaʼel Eenyudha?” jedhu ilaali. Weeb saayitii www.jw.org/om irrattis ni argama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi