Yihowaan Warra Isatti Amanaman Ni Gargaara
1 Namoonni baay’een, qarshiin, humni fi dandeettiin dhala namaa bu’a qabeeyyii ta’uudhaaf furtuudha jedhanii yaadu. (Far. 12:4; 33:16, 17; 49:6) Haata’u malee, warra Yihowaa sodaataniifi isatti amanamaniif Macaafni Qulqulluun, “inni gargaarsa keessan, gaachana keessanis” jechudhaan mirkaneessaaf. (Far. 115:11) Mee karaawwan Yihowaatti amanamuu nu barbaachisu lama haa ilaallu.
2 Tajaajila Keenyarratti: Gumii keessattis ta’e tajaajilarratti ennaa barsiisnu, Yihowaatti amanamuu qabna. Mee fakkeenya Yesus haa ilaallu. Ilma Waaqayyoo ta’uyyuu, ogummaafi dandeettiisaatti amanamuu mannaa, guutummaatti abbaasaa isa samiirratti amanameera. (Yoh. 12:49; 14:10) Egaa, nummoo hangam abbaa keenya isa samiirraatti amanamuu nu barbaachisa ree! (Fak. 3:5-7) Carraaqqiin xinnoon nu goonu Yihowaadhaaf ulfina fiduufi warra kaan fayyaduu kan danda’u, yoo inni eebbise qofadha.—Far. 127:1, 2.
3 Qajeelfamasaafi gargaarsa hafuurasaa gaafachuudhaan Yihowaatti amanamuu keenya argisiisna. (Far. 105:4; Luq. 11:13) Akkasumas, barumsi keenya Sagaleesaa kan ta’e Macaafa Qulqulluurratti akka hundaa’u gochuudhaan Waaqayyootti amanamuu keenya argisiisna. Ergaansaa garaa namootaa xuqee jireenyasaanii jijjiiruuf humna qaba. (Ibr. 4:12) Ennaa ‘waa hojjennu, humna Waaqayyo nuu kenneen’ yoo hojjenne Yihowaan ulfina argata.—1 Phe. 4:11.
4 Yeroo Rakkoon Nu Mudatu: Yeroo dhiibbaaniifi rakkinni nu mudatus gargaarsa Yihowaa gaafachuu nu barbaachisa. (Far. 46:1) Fakkeenyaaf, namni nu qacare walga’iirratti akka argamnuuf nuu heyyamuu dida ta’a; ykn jireenya maatii keessatti rakkoon nu qunnama ta’a. Yeroo kanatti, garaa keenyaa kadhachuudhaan, karaa Sagaleesaafi jaarmiyaasaa qajeelfama nuu kennu hojiirra olchuudhaan isatti amanamuu keenya argisiisna. (Far. 62:8; 119:143, 173) Akkas gochuudhaan, tajaajiltonni Yihowaa jireenyasaanii keessatti gargaarsasaa ni argatu.—Far. 37:5; 118:13, 16.
5 Yihowaanis akkas jechudhaan nuu mirkanessa: “Namni ana Waaqayyoon amanatu, ana duwwaattis kan of kennu, haa gammadu!” (Er. 17:7) Waan goonu hundumaatiin isatti amanamuu keenya haa argisiisnu!—Far. 146:5.