Saanduqa Gaaffii
◼ Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dhuunfaa keenyaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
Qophiin kontraata barreeffamawwan Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! afaan hundumaan maxxanfamanis ta’e kaasseettiidhaan qophaa’aniif godhame, erga dhaabatee waan xinnoo tureef, babal’istoonni hundinuu barruuleefi kaasseettii karaa gumiisaaniitiin argachuu qabu. Barruuleen kaasseettiifi Bireeyilii (barreeffama namoota ijisaanii hin argineef qophaa’u) qofaan namoota isaan barbaachisuuf ni ergamu. Gumiiwwan, Foormii Ajaja Gumiitiin (M-202) barruuleefi kaasseettii gaafachuu akka danda’an yaadadhaa. Barreeffamoonni afaan biyya alaafi qubee gurguddaadhaan maxxanfamanis foormuma kanaan gargaaramuudhaan ajajamuu danda’u.
Namni naannoo keessanitti argamu tokko, yeroo hundumaa barruulee akka geessitaniif kan barbaadu yoo ta’e, maxxanfamni tokkollee akka jalaa hin hafne gochuuf yaalaa. Namoonni gumii keessaa baafaman, Galma Mootummaa keessatti, barruulee ykn barreeffama gara biraa obboleessa tajaajilaa barreeffamaa ta’erraa fudhachuu ni danda’a. Haata’u malee, babal’istoonni barruulee isaaf geessuu hin qaban.
Dameen biiroo qophii kontiraataa kan godhe, warra barruulee karaa gumiitiin babal’istootaaf dhufu argachuu hin dandeenyeefi. Namni karaa gumii barreeffama argachuu hin dandeenye tokko, kontiraata galuuf gaaffii yoo dhiheesse, barreessaan gumii sana, gaaffiin kontiraataa kun Koree Tajaajilaa Gumii biratti of eeggannoodhaan ilaalamuufi fudhatama argachuusaa yaadannoo ibsuu barreessee wajjin erguu qaba.
Kana jechuun, babal’istoonni kontraata dhuunfaatiif gara damee birootti barreessuu hin qaban jechuudha. Gaaffiiwwan kontiraataa akkasii, babal’istoonnis ta’e namoonni fedhii qaban dhiheessan gumichaaf deebisamu.
◼ Namni mana adabaa jiru tokko barruulee argachuu kan danda’u akkamitti?
Gumiichi mana hidhaa keessatti kan lallabu yoo ta’e, namoonni mana hidhaa jiran barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! karaa babal’istoota isaan daawwataniin argachuu danda’u. Yoo kun hin danda’aamu ta’e, namni mana hidhaa jiru tokko kontraata galuuf gara damee birootti barreessee gaafachuu danda’a. Namni gumiidhaa baafameefi mana hidhaa jiru tokko akkuma keeyyata kana keessatti ibsameen, barruulee argachuu danda’a.