Amala Qajeelchaa Argisiisaa
1 Babal’istoonni Mootummattii hundinuu, yeroo ammaatti qajeelchaa ta’anii tajaajiluu danda’anis danda’uu baatanis amala qajeelchaa argisiisuu danda’u. Ajaja lallabuufi bartoota taasisuuf kennameef ajajamuu barbaadu. (Mat. 28:19, 20; HoE. 18:5) Namootaaf ni yaadu; tajaajilasaanii raawwachuufis aarsaa godhanii of dhiheessu. (Mat. 9:36; HoE. 20:24) Tajaajiltoonni Yihowaa namoonni kaan dhugaa akka baran gargaaruuf hamma danda’aan gochuuf fedhasaaniiti. (1 Qor. 9:19-23) Fakkeenya Filiphos labsaa Wangeelaa, isa amala qajeelchaa argisiisee haa ilaallu.
2 Lallabuufi Barsiisuu: Filiphos gumii jaarraa jalqabaa keessatti itti gaafatamummaa guddaa qaba ture. (HoE. 6:1-6) Haata’u malee, misiraachoo lallabuurratti hinaaffaadhaan hirmaachaa ture. (HoE. 8:40) Har’as, jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii hojii isaaniif kenname qabaataniyyuu, tajaajilarratti dammaqinaan hirmaachuudhaan amala qajeelchaa argisiisuu danda’u. Kun gumicha akkam kan jajjabeessudhaa!—Rom. 12:11.
3 Du’a Isxifaanositti aanee, ari’atamni dabalaa deemuunsaa jireenya bartootaarratti gufuu guddaa ta’eera. Filiphos garuu lallabuusaa ittuma fufe; hojiin lallabaa kun Samaariyaa keessatti akka jalqabamu gochuuttis shoora guddaa taphateera. (HoE. 8:1, 4-6, 12, 14-17) Nuyis rakkinni nurra ga’uyyuu, namoota argannu hundaa utuu wal hin caalchisin misiraachicha lallabuu keenya itti fufuudhaan fakkeenyasaa hordofuu dandeenya.—Yoh. 4:9.
4 Filiphos dandeetti Sagalee Waaqayyoo barsiisuu akka qabu, haasawaa namicha Itoophiyaa wajjin godheen arguun ni danda’ama. (HoE. 8:26-38) Macaafa Qulqulluutti gargaaramnee Caaffata Qulqullaa’aarraa ragaa dhiheessuudhaanis amala qajeelchaa argisiisuu dandeenya. (HoE. 17:2, 3) Nuyis akkuma Filiphos, bakka namoota argannuufi yeroo mijaa’aa ta’e hundaatti misiraachoo hiruu barbaadna.
5 Maatiifi Gumii: Ilaalchiifi fakkeenyi Filiphos ijoolleesaa warra durbaarratti dhiibbaa gaarii geessiseera. (HoE. 21:9) Haaluma walfakkaatuun, haatiifi abbaan Kiristiyaana ta’an, jireenyisaanii fedhii Mootummattiirratti akka xiyyeeffatu godhanis ijoolleensaanii akkumasaanii akka godhan isaan jajjabeessu. Sanbataafi Dilbata dadhabbiin kan isaanitti dhaga’amu ta’uyyuu, warri hojii lallabaarratti garaa guutuudhaan hirmaatan lapheen ijoolleesaanii akka xuqamu gochuu danda’u.—Fak. 22:6.
6 Filiphos, Kiristiyaanota hinaafoofi tajaajila Yihowaatiif of kennan Phaawulosiifi Luqaasiin keessumeesseera. (HoE. 21:8, 10) Yeroo har’aa namoota hinaafoo ta’an dinqisiifachuufi gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Tarii ganama ykn waaree booda, yeroo namoonni baay’een tajaajilaaf hin baanetti qajeelchitootaa wajjin hojjechuu dandeenya ta’a. (Filp. 2:4) Yeroo gaarii nama jajjabeessu isaan duukaa dabarsuuf mana keenyatti isaan afeeruus ni dandeenya. Halli keenya kan akkamii iyyuu yoo ta’e, hundi keenya amala qajeelchaa kan calaqqisiisnu haa taanu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Amala qajeelchaa jechuun maal akka ta’e akkamitti ibsita?
2. Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii, Filiphos isa tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachaa ture fakkaachuu kan danda’an akkamitti?
3. Yeroo rakkinni nurra ga’u amala qajeelchaa kan argisiisuu dandeenyu akkamitti?
4. Filiphos barsiisaa ta’uudhaan fakkeenya maalii nuuf kaa’eera?
5. Warri mana dhugaa keessa jiran ijoolleensaanii amala qajelchummaa akka qabaatan gochuuf maaltu isaan gargaaruu danda’a?
6. Dinqisiifannaa qajeelchitoota gumii keenya keessa jiraniif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?