Kutaa 5—Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Barumsi Hammamii Akka Qayyabatamu Murteessuu
1 Yesus yommuu barsiisu, dandeettii bartootasaa tilmaama keessa galchuudhaan “hamma isaan dhaggeeffachuu danda’anitti” isaanitti hima ture. (Mar. 4:33; Yoh. 16:12) Haaluma walfakkaatuun, barsiistonni Sagalee Waaqayyoo yeroo har’aatti argaman, qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti barumsa hammamii barsiisuu akka qaban murteessuu qabu. Hammi barumsichaa dandeettiifi haala barsiisichaafi baratichaarratti kan hundaa’e ta’a.
2 Amantii Jabaa Akka Qabaatan Godhaa: Barattoonni tokko tokko wanta barattoonni kaan salphaatti sagantaa qayyabannaa tokkootti hubatan, sagantaa qayyabannaa lama sadii qayyabachuun isaan barbaachisa ta’a. Yeroo gabaabaa gidduutti wanta baay’ee isa barsiisuuf jennee, baratichi sirriitti utuu hin hubatin akka darbu gochuu hin barbaannu. Barataan hundi, amantii haaraa Sagalee Waaqayyoorraa argate mirkaneessuun isa barbaachisa.—Fak. 4:7; Rom. 12:2.
3 Torban torbaniin qayyabannaa kee yeroo geggeessitu, barataan kee waan Sagalee Waaqayyoorraa barate akka hubatuufi akka fudhatu gargaaruuf sa’aatii barbaachisaa ta’e hundaa dabarsi. Baratichi faayidaa barumsicharraa argatu akka hin dhabneef barumsicharra hin fiigiin. Yaadawwan ijoorratti xiyyeeffachuufi caqasawwan barumsichaaf bu’uura ta’anirratti mari’achuuf yeroo ga’aa ramadi.—2 Xim. 3:16, 17.
4 Yaadawwan Xiyyeeffannaa Keessan Harkisan Dhabamsisaa: Barumsicharra fiiguu akkuma hin qabne, yaada bal’isuudhaan barumsicharraa akka hin fagaannees of eeguu qabna. Baratichi dhimmawwan dhuunfaasaa bal’inaan haasa’uu yoo barbaade, qayyabannaa booda irratti haasa’uuf haala mijeessuun ni danda’ama.—Lal. 3:1.
5 Karaa biraammoo, yommuu qayyabannaa geggeessinutti hinaaffaan dhugaatiif qabnu baay’ee akka dadhabnu nu gochuu danda’a. (Far. 145:6, 7) Yaadni dabalataa ykn muuxannoon barumsicha mi’eessuu danda’aniyyuu, yaadasaa baay’isuudhaan ykn dheeressuudhaan baratichi beekumsa sirrii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akka nuffu gochuu hin barbaadnu.
6 Yeroo qayyabannaatti barumsa murtaa’e qofaarratti mari’achuudhaan, qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu ‘ifa Waaqayyoo keessa akka deddeebi’an’ gargaaruu dandeenya.—Isa. 2:5.