Sagantaa Walga’ii Tajaajiilaa
Torban Amajjii 10 Jalqabu
Faarfannaa 57 (136)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Yaada seensaa ful. 6rra jirutti fayyadamuudhaan Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1fi Dammaqaa! Sadaasa 2004, akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisi akka dhihaatu godhi. Birooshuurri “Dammaqinaan Eegaa!” jedhamu akkamitti firoota keenya warra Dhugaa Baatoota hin taaneef akka raabsamu, kan argisiisu hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: “Dubbii Amanamaa Soorachuu.” Hanga yeroon isinii heyyametti caqasawwan kennaman dubbisaatii irratti mari’adhaa.
Daq. 20: “Akkaataa Dhiheenyaa Keessan Akka Naannoo Sanaaf Ta’utti Jijjiiruuf Yaalaa.” Miiltoo ful. 4rra jirurratti hundaa’e maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Barreeffamawwan ji’a kanaa yommuu raabsinu yaada seensaa kana akkamitti akka gargaaramnu kan argisiisu hojiin argisiisni lama akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa lamaanirrattiyyuu, caqasa rakkoo namichi caqaseef ta’u tokko yeroo caqasamu kan argisiisu haata’u.
Faarfannaa 60 (143) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 17 Jalqabu
Faarfannaa 14 (34)
Daq. 10: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Muxannoowwan duula addaarra argaman. Naannoo keessanitti yaada seensaa birooshuura haaraa raabsuuf bu’a qabeessa ta’e hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 20: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu—Kutaa 5.” Hojiin argisiisa babal’isaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessutti dandeetti gaarii qabu, babal’isaa haaraa wajjin gufuuwwan key. 4-5rratti ibsaman, akkamitti mo’uun akka danda’aamu yommuu mari’atan kan argisiisu itti dabalii dhiheessi.
Faarfannaa 81 (181) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 24 Jalqabu
Faarfannaa 71 (163)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herreegaa. Saanduqa “Sagantaawwan Viidiyoo Bifa DVDtiin Qophaa’an” jedhu gabaabsii irra deebi’i.
Daq. 10: Saanduqa gaaffii. Haasawaadhaan kan dhihaatu.
Daq. 25: Birooshuura Isa Haaraatti Gargaaramuudhaan Fedhii Namootaa Kakaasuuf Carraaqqii Godhaa. Haasawaa ilaaltuu olaanaa tajaajilaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Fedhii namoota birooshuura Dammaqinaan Eegaa! jedhu fudhatanii gabbisuuf deddeebii gaaffii gochuu qabna. Baafata mata duree ful. 2rra jiru gargaaramuudhaan, waa’ee birooshuurichaa ibsa gabaabaa kenni; birooshuuricha keessatti saanduqawwan gaggabaaboo achirra jiran irratti xiyyeeffadhu (Baafatichirratti mata dureewwan gurguddaa qalama fufurdaadhaan barreeffaman jalatti caqasamaniiru.) Fakkeenyaaf, guyyaa jalqabaa ful. 3-4rratti kan mari’atan yoo ta’e, deddeebii gaaffii yommuu gootaniifimmoo saanduqa ful. 5rraa mata duree “Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?” jedhu gargaaramuu dandeessa. Kun akkamitti akka godhamu mari’adhaa. Kutaawwan qalama fufurdaadhaan barreeffaman kan akka ful. 6-8 fi 17-18 ykn kutaawwan naannoo keessaniif mijaa’oo ta’anirratti mari’adhaa. Kutaawwan qalama fufurdaadhaan barreeffaman fayyadamuudhaan, akkamitti deddeebii gaaffii gochuun akka danda’aamu kan argisiisu hojiin argisiisi akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisicharratti caqasawwan boqonnaafi lakkoofsisaanii qofti caqasaman keessaa tokko ykn lama dubbisanii ibsuun barbaachisaadha. Babal’isichi yeroo deebi’ee dhaqutti ijoowwan dubbii irratti mari’atan namichatti himuudhaan hojiin argisiisicha xumura.
Faarfannaa 88 (200) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Amajjii 31 Jalqabu
Faarfannaa 68 (157)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Amajjii akka deebisan yaadachiisi. (Naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Yaada seensaa ful. 6rra jirutti fayyadamuudhaan Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisi akka dhihaatu godhi. Akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’e kan biraas gargaaramuun ni danda’ama.
Daq. 15: Dargaggootaa—Karaa Hafuuraa Guddina Argisiisaa Jirtuu? Haasawaa Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 2003, ful. 8-10rratti hundaa’eefi jaarsaan kan dhihaatu. Dargaggoonni galmawwan bira ga’uu danda’an ofiisaanitii akka baafatan jajjabeessi.
Daq. 20: Caqasawwan Guyyaa Guyyaadhan Ni Qorattaa? Seensa bukleetii Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaadhaan Qoru—2005 jedhurratti hundaa’ee, haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Guyyaa hundaa daqiiqaa muraasa fudhatanii caqasaafi yaada kenname dubbisuun hangam barbaachisaa akka ta’e mari’adhaa. Duraan dursaatii babal’istoota Caaffata Qulqullaa’oo Guyyaa Guyyaadhaan Qoru amaleeffataniifi kana gochuusaaniitiin bu’aa argatan akka dubbatan babal’isaa tokko ykn lama qopheessi. Caqasa waggaa 2005rratti yaada gabaabaa kenniitii xumuri.
Faarfannaa 66 (155) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 7 Jalqabu
Faarfannaa 49 (114)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 15: Warri haaraan Waaqayyoofi Ollaasaanii Akka Jaallatan barsiisaa. Haasawaa Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2004, ful. 16, key. 7-9rratti hundaa’ee dhihaatu. Tokkoon tokkoon miseensa gumii namoonni haaraan akka bartoota Yesus ta’aan barsiisuurratti shoora maalii akka qaban dubbadhu.
Daq. 25: “Akkaataawwan Dhiheenyaa Fakkeenyaaf Kaa’amaniin Akkamitti Gargaaramna?” Gaaffiiwwan kennamanitti gargaarami. Miiltoon Tajaajila Mootummaa ji’a kanaa ful. 3 yaadawwan seensaa barruulee raabsuuf nu gargaaran qabatee akka ba’u dubbadhu. Miiltoo kana guutummaa waggaa 2005 itti gargaaramuuf iddoo gaarii kaa’aadhaa. Mata dureewwan itti aanan ilaalaatii, kitaabni Waaqayyotti Dhi’aadhu jedhamu akkamitti akka raabsamu mari’adhaa. Hojiin argisiisa lama akka dhihaatu godhi. Yaada seensaa ful. 3rra jiruun ykn akkaataa dhiheenyaa naannoo keessanitti bu’a qabeeyyii ta’anitti gargaaramuu dandeessu.
Faarfannaa 75 (169) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.