Akkaataa Dhiheenyaa Keessan Akka Naannoo Sanaaf Ta’utti Jijjiiruuf Yaalaa
Jaalalli namootaaf qabnu, wanta isaan barbaachisu akka hubannuufi rakkoo isaanirra ga’uuf Mootummaan Waaqayyoo furmaata akkamii akka fiddu isaanii ibsuuf nu kakaasa. (Filp. 2:4) Babal’istoonni yaadni seensaa akka barbaachisummaasaatti jijjiiramuu ta’ee argatan, abbaan manichaa barruulee keenyarratti fakkiiwwan Jannataa mul’isan, kan akka tarree harka mirgaa fuula kanarra jirurratti yaada akka kennu gochuudhaani. Yaadawwan seensaa kanaa gadii keessaa tokkotti gargaaramuudhaan kana gochuu dandeessa ta’a:
◼ “Akka fakkii kanarratti argitutti, maatiin ilmaan namaa jireenya gammachiisaa akkasii keessa jiraatu ni argina jettee yaaddaa?”
◼ “Hundi keenyayyuu ijoolleen keenya addunyaa fakkii kanarratti argamu keessa utuu jiraatanii ni gammadna. Kana gochuuf maaltu barbaachisa jettee yaadda?”
◼ “Fakkiin kun, jaalalli Waaqayyoo samiirratti akkuma ta’e lafarrattis ennaa ta’u lafti maal akka fakkaattu kan argisiisudha. Fakkii kanarratti jireenya har’a jiraannurraa wanta adda ta’e maal hubatta?”
◼ “Haala fakkii kanarratti argamu keessa jiraachuu ni barbaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Wanti kun bara jireenya keenyaatti ni raawwatama jettee yaaddee beektaa?”
Deebii namichaa sirriitti dhaggeeffadhuutii, gaaffii dabalataa tokko ykn lama gaafachuudhaan yaadasaa bari. Namoonni tokko tokko haala fakkii sanarratti ibsame keessa jiraachuuf fedhii kan hin qabne, ykn wanti kun ta’uu hin danda’u jedhanii yoo yaadan, fedhii hin qaban jettee daftee hin murteessin. Akkas jedhanii kan deebisan maaliif akka ta’e malaan gaafadhu. Tarii deebii isaan kennan, rakkoowwan ilmaan namaarra ga’aniifi furmaata kan hin qabne fakkaatan kun akka isaan yaaddessan argisiisuu danda’a.—His. 9:4.
Waan namicha yaaddessu erga hubatee booda, akkaataa dhiheenyaa kee akkuma haalasaatti jijjiiri. Ergaa Mootummattii keessaa dhimma inni kaase kallattiidhaan ilaalu ibsi. Caqasa Macaafa Qulqulluu waan isa yaaddessu sana ibsu tokko ykn lama dubbisiif. (Yaadawwan karaa harka mirgaa jiran ilaali.) Waan Sagaleen Waaqayyoo jedhu ofumasaatiif akka ilaalu godhi. Fedhii akka qabu yoo argisiise, barreeffama tokko kenniifiitii deebitee akka isa gaafatuuf beellama qabadhu. Maree guyyaa jalqabaarratti hundaa’itii fedhasaa guddisuuf carraaqqii godhi.
[Saanduqa fuula 4rra jiru]
Fakkiiwwan Bifa Jannataa Argisiisan
Kitaaba Kiri’eeshini: ful. 237, 243, 251
Kitaaba Barsiisaa jedhamu: ful. 251-4
Kitaaba Beekumsaa: ful. 4-5, 188-9
Birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu: ful. 11, 13
Kitaaba Nagaa Dhugaa jedhamu: ful. 98
Kitaaba Waaqayyoon Waaqeffadhu jedhamu: ful. 92-3
[Saanduqa fuula 4rra jiru]
Wantoota Namoota Yaaddessan
Abdii kutachuu
Amalli addaggummaa ittuma caalaa adeemuu
Beela, nyaata madaalamaa dhabuu
Bulchiinsa gaarii dhabuu
Dhukkuba, hir’ina qaamaa
Du’a, gadda
Horiiwwan kunuunsa dhowwachuu
Hiyyummaa, hacuuccaa
Jibba, wal caalchisuu
Lafa mancaasuu
Malaanmaltummaa, firdii jal’aa
Mana jireenyaa dhabuu, rakkina dinagdee
Waraana, shororkeessummaa
Yakka, hammeenya