Namoonni waraana balleessuu hin dandaʼan
Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan Dhaabbatu Akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun ‘guutummaa lafaa irraa waraana kan balleessu’ ilmaan namootaa utuu hin taʼin Waaqayyo akka taʼe dubbata.—Faarfannaa 46:9.
WAAQAYYO MOOTUMMAA NAMOOTAA NI BALLEESSA
Waaqayyo waraana Kitaaba Qulqulluu keessatti Armaagedoon jedhamee ibsametti fayyadamuudhaan mootummoota ilmaan namootaa ni balleessa.a (Mulʼata 16:16) Yeroo sanatti ‘mootonni guutummaa lafaa’ gara “waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti” walitti qabamu. (Mulʼata 16:14) Armaagedoon waraana Waaqayyo waraanota hundumaa balleessuuf itti fayyadamudha.
Waaqayyo mootummoota ilmaan namootaa Mootummaa ykn bulchiinsasaatiin bakka buusa. Mootummaan kunis samiirra taaʼee lafa bulcha; matumaas hin balleeffamu. (Daaniʼel 2:44) Waaqayyo Mootii Mootummaa kanaa akka taʼuuf Ilmasaa Yesuus Kiristoosiin filateera. (Isaayyaas 9:6, 7; Maatewos 28:18) Bulchiinsi kun Mootummaab Yesuus duuka buutonnisaa haa dhufu jedhanii akka kadhatan barsiisedha. (Maatewos 6:9, 10) Ilmaan namootaa hundi bulchiinsa addunyaa Yesuusiin geggeeffamu kana jalatti tokkummaa qabaatu.
Yesuus bulchitoota ilmaan namootaarraa haala adda taʼeen aangoosaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf itti hin fayyadamu. Haqa qabeessaa fi kan hin loogne waan taʼeef namni kamiyyuu sanyii, lammummaa ykn aadaasaatiin kan kaʼe nan dagatama jedhee hin yaaddaʼu. (Isaayyaas 11:3, 4) Namoonni mirgasaanii kabachiifachuuf qabsaaʼuun isaan hin barbaachisu. Maaliif? Sababiin isaas, Yesuus wanta tokkoon tokkoon namootaatiif barbaachisuuf xiyyeeffannaa kenna. “Inni hiyyeessa gargaarsa argachuuf iyyatu, akkasumas isa rakkataa taʼee fi isa gargaaraa hin qabne kam iyyuu ni oolcha. . . . Cunqursaa fi hammina irraa isaan oolcha.”—Faarfannaa 72:12-14.
Mootummaan Waaqayyoo meeshaalee waraanaa lafarraa ni balleessa. (Miikiyaas 4:3) Namoota hamoo lola dhaabuu hin barbaanne ykn nagaa warra kaanii booressanis ni balleessa. (Faarfannaa 37:9, 10) Dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleenillee eessayyuu yoo deeman miidhaan narra gaʼa jedhanii hin sodaatan.—Hisqiʼel 34:28.
Namoonni bulchiinsa Waaqayyoo jalatti jireenya baayʼee mijataa taʼe jiraatu. Rakkoowwan namoonni waraana akka jalqaban kakaasan, kanneen akka hiyyummaa, beelaa fi rakkina manaa ni fura. Namni hundi nyaata madaalamaa irraa hafaa taʼee fi bakka jireenyaa mijataa taʼe ni qabaata.—Faarfannaa 72:16; Isaayyaas 65:21-23.
Mootummaa Waaqayyoo jalatti miidhaan waraanni geessise ni balleeffama. Kunis miidhaa qaamaa qofa utuu hin taʼin miidhaa sammuu fi miidhaa miiraa waraanaan kan kaʼe namootarra gaʼu dabalata. Namoonni duʼanillee duʼaa kaʼanii lafarra jiraatu. (Isaayyaas 25:8; 26:19; 35:5, 6) Maatiiwwan deebiʼanii wal argu; akkasumas namoonni wantoota gadhee kanaan dura isaan mudatan hin yaadatan; sababiin isaas, “wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4.
WAAQAYYO CUBBUU NI BALLEESSA
Mootummaa Waaqayyoo jalatti namoonni hundi Yihowaac isa ‘Waaqa jaalalaa fi nagaa’ taʼe qofa waaqeffatu. (2 Qorontos 13:11) Namoonni akkamitti nagaadhaan waliin jiraachuu akka dandaʼan ni baratu. (Isaayyaas 2:3, 4; 11:9) Namoonni wanta baratan hojiirra oolchan hundi miidhaa cubbuun geessisurraa bilisa taʼu.—Roomaa 8:20, 21.
WAAQAYYO SEEXANAA FI JINNIIWWANSAA NI BALLEESSA
Mootummaan Waaqayyoo Seexanaa fi jinniiwwansaa warra waraana kakaasan ni balleessa. (Mulʼata 20:1-3, 10) Dhiibbaa gadheen isaan geessisan waan hin jirreef “nagaan ni baayʼata.”—Faarfannaa 72:7.
Waadaan Waaqayyo waraanaa fi walitti buʼiinsa hambisuuf gale akka raawwatamu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Inni waraana balleessuuf dandeettiis taʼe fedhii qaba.
Waaqayyo ogummaa fi humna waraanaa fi hammina balleessuuf isa dandeessisu qaba. (Iyyoob 9:4) Wanti inni raawwachuu hin dandeenye tokkollee hin jiru.—Iyyoob 42:2.
Waaqayyo yeroo namoonni rakkatan arguu hin barbaadu. (Isaayyaas 63:9) Kana malees, “inni isa hammina jaallatu kam iyyuu ni jibba.”—Faarfannaa 11:5.
Waaqayyo yeroo hunda waadaa gale ni eega; inni sobuu hin dandaʼu.—Isaayyaas 55:10, 11; Tiitoo 1:2.
Waaqayyo gara fuulduraatti nagaa dhugaa fi barabaraaf itti fufu ni fida.
Waaqayyo waraana ni balleessa
a Mata duree, “Waraanni Armaagedoon Maali Dha?” jedhu jw.org irraa dubbisi.
b Viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhu jw.org irraa ilaali.
c Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha.—Faarfannaa 83:18.