LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp25 Lakk. 1 ful. 9
  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan hin Dhaabbanne Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan hin Dhaabbanne Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CUBBUU
  • BULCHIINSA NAMOOTAA
  • SEEXANAA FI JINNIIWWANSAA
  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan Dhaabbatu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
  • Kaayyoon Waaqayyo Namootaaf Qabu Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Cubbuun Jalqabaa Maal Ture?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Miidhaa Akkamii Nurraan Geessisa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
wp25 Lakk. 1 ful. 9

Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan hin Dhaabbanne Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun maddi waraanaa fi walitti buʼiinsaa maal akka taʼee fi kan itti fufan maaliif akka taʼe ni ibsa.

CUBBUU

Waaqayyo warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaaniin kan uume akka bifasaatti ture. (Uumama 1:27) Kana jechuun uumamasaaniitiin nagaa fi jaalala dabalatee amalawwan Waaqayyoo calaqqisiisuu dandaʼu turan jechuudha. (1 Qorontos 14:33; 1 Yohaannis 4:8) Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan cubbuu hojjetan. Kanaan kan kaʼes, hundi keenyayyuu cubbuu fi duʼa isaanirraa dhaalle. (Roomaa 5:12) Cubbuun dhaalle wanta hamaa akka yaadnuu fi gocha hamaa akka raawwannu nu taasisa.—Uumama 6:5; Maarqos 7:21, 22.

BULCHIINSA NAMOOTAA

Waaqayyo ofuma keenyaan akka of bulchinu godhee nu hin uumne. Kitaabni Qulqulluun, “[Namni] ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu” jedha. (Ermiyaas 10:23) Kanaafuu, mootummaan namootaa waraanaa fi jeequmsa guutummaatti hambisuu hin dandaʼu.

SEEXANAA FI JINNIIWWANSAA

Kitaabni Qulqulluun, “Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira” jedha. (1 Yohaannis 5:19) “Isa hamaa” kan jedhame Seexana isa nama ajjeesuu jaallatudha. (Yohaannis 8:44) Waraanaa fi jeequmsa kan kakaasan isaa fi uumamawwan hafuuraa hamoo ijaan hin mulʼannedha.—Mulʼata 12:9, 12.

Nuti wantoota waraanaa fi jeequmsaaf sababa taʼan balleessuu hin dandeenyu, Waaqayyo garuu ni dandaʼa.

Amantaa fi Waraana

Amantaawwan yeroo baayʼee waraana callisanii ilaalu, ni deggeru ykn ni babalʼisu. Amantaawwan kun amantaawwan sobaa Kitaabni Qulqulluun “Baabilon Guddittii” jedhee waamudha. (Mulʼata 18:2) Waaqayyo duʼa ‘warra lafa irratti gorraʼaman hundumaatiif’ Baabilon Guddittii ni gaafata. (Mulʼata 18:24) Caalaatti barachuuf mata duree jw.org irra jiruu fi “Baabilon Guddittiin Eenyu?” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi