Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan hin Dhaabbanne Maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun maddi waraanaa fi walitti buʼiinsaa maal akka taʼee fi kan itti fufan maaliif akka taʼe ni ibsa.
CUBBUU
Waaqayyo warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaaniin kan uume akka bifasaatti ture. (Uumama 1:27) Kana jechuun uumamasaaniitiin nagaa fi jaalala dabalatee amalawwan Waaqayyoo calaqqisiisuu dandaʼu turan jechuudha. (1 Qorontos 14:33; 1 Yohaannis 4:8) Haa taʼu malee, Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan cubbuu hojjetan. Kanaan kan kaʼes, hundi keenyayyuu cubbuu fi duʼa isaanirraa dhaalle. (Roomaa 5:12) Cubbuun dhaalle wanta hamaa akka yaadnuu fi gocha hamaa akka raawwannu nu taasisa.—Uumama 6:5; Maarqos 7:21, 22.
BULCHIINSA NAMOOTAA
Waaqayyo ofuma keenyaan akka of bulchinu godhee nu hin uumne. Kitaabni Qulqulluun, “[Namni] ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu” jedha. (Ermiyaas 10:23) Kanaafuu, mootummaan namootaa waraanaa fi jeequmsa guutummaatti hambisuu hin dandaʼu.
SEEXANAA FI JINNIIWWANSAA
Kitaabni Qulqulluun, “Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira” jedha. (1 Yohaannis 5:19) “Isa hamaa” kan jedhame Seexana isa nama ajjeesuu jaallatudha. (Yohaannis 8:44) Waraanaa fi jeequmsa kan kakaasan isaa fi uumamawwan hafuuraa hamoo ijaan hin mulʼannedha.—Mulʼata 12:9, 12.
Nuti wantoota waraanaa fi jeequmsaaf sababa taʼan balleessuu hin dandeenyu, Waaqayyo garuu ni dandaʼa.