LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp25 Lakk. 1 ful. 4-5
  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Miidhaa Akkamii Nurraan Geessisa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Miidhaa Akkamii Nurraan Geessisa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waraanni Yoom Dhaabbata?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Maallaqni Tiriiliyoonaan Lakkaaʼamu Waraanaaf Ooleera—Dhugumaan Baasii Hangamiitu Baʼa?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan Dhaabbatu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
  • Waraana
    Dammaqaa!—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
wp25 Lakk. 1 ful. 4-5
Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Loltuun tokko dirree keessa deemaa jira, taankiinis duubasaatiin deemaa jira. 2. Dhiirota, dubartootaa fi ijoollee lammummaa garaagaraa qabanii fi waraanaan kan kaʼe miidhaan isaanirra gaʼe.

Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Miidhaa Akkamii Nurraan Geessisa?

“Waraanni Addunyaa Lammaffaa erga geggeeffamee booda, walitti buʼiinsi akka yeroo ammaa addunyaa maratti baayʼatee hin beeku. Namoonni biliyoona lama taʼan, jechuunis uummata addunyaa keessaa harka 25 kan taʼan naannoo walitti buʼiinsi jiru keessa jiraatu.”

Itti Aantuu Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Amiinaa Mohaammad, Amajjii 26, 2023.

Waraannii fi walitti buʼiinsi bakka yeroo ammaatti nagaa taʼettillee akka tasaa jalqabuu dandaʼa. Namoonni bakka waraanichi itti hin geggeeffamne jiraatanillee sababa waraanichaatiin miidhamuu dandaʼu. Kana malees, waraanichi erga dhaabbatee booda miidhaan inni geessisu itti fufa. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu:

  • Harka saanii golboo duwwaa qabatee jiru.

    Hanqina nyaataa. Akka Sagantaan Nyaataa Addunyaa gabaasetti walitti buʼiinsi ammas beelaaf sababa guddaa taʼee itti fufeera. Namoota beelaan miidhaman keessaa dhibbeentaa 70 kan taʼan kan jiraatan bakka waraannii fi jeequmsi jiru keessadha.”

  • Dubartii gadditee jirtuu fi fuula ishii qabattee jirtu.

    Miidhaa qaamaa fi miidhaa sammuu. Namoonni waraanni ni kaʼa jedhanii sodaachuunsaanii garmalee akka yaaddaʼanii fi akka dhiphatan godha. Namoonni naannoo walitti buʼiinsi jiru keessa jiraatan miidhaa qaamaaf qofa utuu hin taʼin dhibee sammuutiif saaxilamuu dandaʼu. Taʼus, namoonni kun yeroo baayʼee gargaarsa yaalii fayyaa hin argatan.

  • Maatii boorsaa guguddaadhaan miʼasaanii qabatanii deemaa jiran.

    Qeʼee ofiirraa buqqaʼuu. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaan Baqattootaa akka jedhanitti hanga Fulbaana 2023​tti addunyaa maratti namoonni miliyoona 114 ol taʼan qeʼee isaanii dhiisanii baqachuuf dirqamaniiru. Rakkina kanaaf sababni guddaan waraanaa fi walitti buʼiinsadha.

  • Maatii manasaanii fuuldura dhaabbatanii jiran.

    Rakkina diinagdee. Namoonni yeroo baayʼee rakkina diinagdee sababa waraanaatiin uumamu kan akka qaalaʼiinsa jireenyaa wajjin walʼaansoo godhu. Mootummaan maallaqa tajaajila fayyaa fi barumsaaf oolchuu qabu yommuu waraanaaf baasu namoonni ni rakkatu. Kana malees waraanni erga geggeeffamee booda waan hundumaa iddootti deebisuuf baasiin barbaachisu baayʼee guddaadha.

  • Bobaʼaa ujummoo keessaa dhangalaʼaa jiru.

    Miidhaa naannoorra gaʼu. Namoonni yommuu naannoon isaan keessa jiraatan mancaafamu ni rakkatu. Bishaan, qilleensii fi biyyoon faalame yeroo booda rakkina dhibee fayyaa fiduu dandaʼa. Waraanichi erga dhaabbatee boodallee namoonni fanjii awwaalameen miidhamuu dandaʼu.

Waraanni miidhaa cimaa akka geessisuu fi baasii hedduu akka baasisu ifadha.

Waraanaa fi Raajii Kitaaba Qulqulluu

Raajiin Kitaaba Qulqulluu waraannii fi walitti buʼiinsi mallattoo “dhuma sirna kanaa” akka taʼe argisiisa. (Maatewos 24:3) Yesuus akkas jedheera:

  • “Waraanaa fi oduu waraanaa ni dhageessu. . . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa.”—Maatewos 24:6, 7.

  • “Waaʼee waraanaa fi waaʼee jeequmsaa yommuu dhageessan hin sodaatinaa.”—Luqaas 21:9.

    Afaan jalqaba ittiin barreeffameen jechi “jeequmsa” jedhamee hiikame seeraa alummaa, fincila, aangoo mormuu, hookkara, jeequmsa siyaasaa fi jeequmsa uummataa argisiisuu dandaʼa.

Caalaatti barachuuf mata duree “Mallattoon ‘Guyyoota’ ykn ‘Bara Dhumaa’ Maalidha?” jedhuu fi jw.org irratti argamu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi